ABO fi qabsoo fi mirga hiree murteefannaa Qabsoon mirga hiree murteeffannaa, seenaa addunyaa keessatti bakka guddaa qaba. Addunyaan, bifa har’a qabdu kan argatte, kabajamuu ykn ammoo dhiitamuu mirga hiree murteeffannaa ummatootaan akka ta’e ragaan seenaa hedduutu jira. Dhiitama mirga hiree murteeffannaa ummatootaan, mootummooti gabroomfatoo,hedduun dhalataniiru. Dhiitamuu mirga hiree murteeffannaa isaan irra gaheen, ummatooti hedduun gabrummaa:Impaayera Ixoophiyaa Faransaa, Ingilizii, Xaaliyaa, Jaappaan, Turkii, Iraaq, Raashiyaa kkf jalatti kufaniiru. Qabsoo baroota dheeraa booda garuu;mirgi hiree murteeffannaa ummatoota kanaa kabajamee mootummooti walaba ta’an kan ummatoota kanaa dhalataniiru. Qabsoo hadhooytuu, kudhanoota sadiif(30) ummati Eeritiriyaa godheen, mirgi hiree murteeffannaa isaa kabajameefii, Eeritiriyaa ykn Ixoophiyaa keessa akka filatan gaafatamanii, Eeritiriyaa filachuudhaan biyyi Eeritiriyaa dhalatte. Kabajamuun mirga hiree murteeffanna ummata Eeritiriyaa kun, daangaan Impaayera Ixoophiyaa, kan duraanii irra akka xiqaatu godheera. Dhiitama mirga hiree murteeffannaatiin, ummatoota gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa jalatti kufan keessaa, qabsoo hidhannoo dhaawwataan geggeessee mirga hiree murteeffannaa isaa kan kabachiifate, Eeritiriyaa qofa ogga ta’u, ummatooti kanneen akka Oromoo garuu;dhuma jaarraa 19ffaa irraa eegalee hanga har’aatti, mirgi hiree murteeffannaa isaanii dhiitamaa jira. Haa ta’u malee garuu;dhiitama kana jalaa bahee mirga hiree murteeffannaa isaa kabachiifatuuf, ummati kun qabsoo itti fufee jira. Mirga hiree murteeffannaa jechuun maal jechuu dha? Mirgi hiree murteeffannaa, hiika armaan gadii sadan of-keessaa qabaachuu ni danda’a. 1. Bifa mootummaa(tokkummaa) fedhu( unitary, federation, confederation)keessaa filatuuf mirga sabi tokko yookaan biyyi tokko qabu; 2. Walaba ta’anii jiraachuu yookaan bifa tokkummaa fedhan keessaa filachuuf mirga sabi tokko yookaan biyyi tokko qabu; 3. Carraa isaa murteeffachuuf mirga nam-tokkeen qabu kanneen akka: mirga yaada ofii ibsachuu(freedom of expressin), mirga ijaaramuu(freedom of association), mirga sosso’uu(freedom of movement), mirga wal-gahii(freedom of assembly), mirga filuu fi filamu(freedom to elect and be elected) kkf jechuu dha. Mirga hiree murteeffannaa fi seera addunyaa. Mirgoota seerri addunyaa kabaju fi akka kabajamu dirqu keessaa tokko, mirga hiree murteeffannaa ummatootaa ti. Akka mirga diinagdee, hawaasummaa fi aadaa seera addunyaa( International covenant on economic, social and culturan rights, article 1) aangoo 1ffaatti: “Sabooti hundi mirga hiree murteeffaannaa qabu. Mirga kana dhima bahuudhaanis, dhiibba tokko malee, sadarkaa siyaasaa(political status)isaanii murteeffachuu fi dhiibbaa tokko malee, guddina diinagdee, hawaasummaa fi aadaa kan mataa isaanii hordofuu ni danda’u. Itti fufuunis, mirgi siyaasaa seera addunyaan(International covenant on civil and political right, article 1) hayyamame, aangoo 1ffaa irratti kanuma mirkaneesse. Dhaabota siyaasaa Oromoo fi mirga hiree murteeffannaa. Ummati Oromoo bilisummaa akka fedhu shakkiin hin jiru. “Bilisummaa,ummati kun fedhu argamsiisuuf;dhaaba Oromoo isa kamtu akeeka qaba?” gaaffiin jedhu garuu;ifa ta’uu qaba. Dhaaboti siyaasaa Oromoo kanneen akka:ABO, Shanee(Daawwit Ibsaan hoogganamu), OPDO(wayyaaneen ijaaramee abbaa Duulaan hoogganamu), KSO(Mararaa Guddinaatiin hoogganamu), fi Federaalawaa(Bulchaa Dammaqsaatiin hoogganamu) hundi, “Mirga hiree murteeffannaa ummata” " Oromoof dhaabbanne” haa jedhan iyyuu malee, hiiki isaan mirga hiree murteeffannaaf kennan, garaagarummaa ayinaa(quality) fi kan qabiyyee(content) hedduu qaba. Dhaaboti akka: OPDO, KSO, Shanee fi Federaalawaa, hiiki isaan mirga hiree murteeffannaaf kennan, hiika ABO’n mirga kanaaf kennu irraa adda. Qooqaan afaan faranjii(English dictionary) illee, mirga hiree murteeffannaaf, hiika sadii kenna. Dhaabota Ixoophiyummaa Fudhatan Dhaaboti akka: Shanee, OPDO, KSO, fi Federaalawaa, Ixoophiyummaa waan fudhataniif, mootummaa walaba Oromiyaa yookaan Ixoophiyaa jala turuu keessaa filachuuf mirga ummati Oromoo qabaachuu qabu hin fedhan;dura dhaabbatus. Dhaaboti kun, Ixoophiyummaa waan fudhataniif, bilisummaa isaa gonfachuuf fedhii ummati keenna qabu, bakkaan gahuuf akeeka hin qaban. Ofii Ixoophiyummaa waan fudhataniif, ummati Oromoos gabrummaa Ixoophiyaa jala akka turu fedhu. Ixoophiyaa fudhachuu jechuun, lafti daangaa Eeritiriyaa irraa hanga daangaa Keeniyaa jiru;daangaa Sudaan irraa eegalee hanga daangaa Sumaaliyaa jiru(magaalaa Finifinnee waliin), lafa Ixoophiyaa ta’uu fudhachuu jechuu dha. Oromiyaan qaama Ixoophiyaa waan taateef, bilisoomuu akka hin dandeenne fudhatuu jechuu dha. Ixoophiyummaa fudhachuu jechuun, ummatooti Impaayericha keessa jiraatan, qabeennaa Oromiyaa irratti ajajuuf, Oromoo waliin mirga wal-qixa akka qabaatan fudhachuu jechuu dha. Mirga ummati biraan Oromoo bulchuuf qabu fudhachuu jechuu dha. Ixoophiyummaa fudhachuu jechuun, ummatoota Impaayericha keessa jiran hundaaf Oromiyaa hayyamuu jechuu dha. Ixoophiyummaa fudhachuu jechuun, mirga guutuu Oromiyaa irratti qabaachuu malle dabarsinee kennuu jechuu dha. Akka dhaabota kanaatti, ummati Oromoo, biyya isaa keesatti, ummatoota biroo waliin mirga wal-qixa qabaachuu qaba. Kana jechuun, Oromoon kumkumi(miliyoonni) 40 Tigree kumkuma 3 waliin mirga wal-qixa haa qabaatu jechuu dha. Kana jechuun, Oromoo kumkumi 40, Amaara kumkuma 8 waliin mirga wal-qixa haa qabaatu jechuu dha. Walumaagalatti, Oromoon 13, Tigree 1 waliin wal-qixa haa ta’u; yookaan ammoo Oromoon 5 Amaara 1 waliin wal-qixa haa ta’u jechuu dha. Seera herregaa, addatti dhaaboti kun ummata Oromoof baasan yoo ta’e malee, 13 fi 1(13 ≠1); yookaan 5 fi 1(5≠1) wal-qixa ta’uu hin danda’u. Oromoon 13 fi Tigreen 1 ;yookaan Oromoon 5 fi Amaarri 1 wal-qixa haa ta’u jechuun seera herregaa fi dimookiraasii(Gadaa) faallessuu qofa osoo hin taane, ummata Oromoo fi Oromiyaa tuffachu fi rakashiisuu dha. Akka dhaaboti kun yaadanitti;Oromoo fi Oromiyaan garuu;tuffatamaa fi rakasha araaja gurguramu miti. Ummata Oromoo fi Oromiyaa tuffachuu fi rakashiisuun, diinummaa dhaaboti kun Oromoo fi Oromiyaa irraa qaban kan mirkaneessu qofa osoo hin taane,osoo hin dafqin, ummata Oromoo fi Oromiyaa gabaa araajaatti gurguruun bu’aa shaffisaa(quick profit) argachuuf akeeka dhuunfaa isaan qaban ifa kan godhuu dha. Walumaa galatti, dhaaboti kun, mootummaa walaba Oromiyaa yookaan Ixoophiyaa jala jiraachuu keessa tokko filachuuf ummati keenya mirga akka qabaatuuf kan qabsaawan osoo hin taane, ummati Oromoo, Ixoophiyaa jalatti, mirgoota nam-tokkee kanneen akka mirga: ijaaramuu, mormuu fi deggeruu, sosso’uu, yaada ofii ibsachuu, dalaguu, filuu fi filamuu, waaqeffachuu, fi kkf akka qabaatu qofaafi. Akka dhaabota kanaatti, ummati oromoo, Loon(saawwa) dhiisee aannan gaafachuu qaba. Akka dhaabota kanaatti, ummati Oromoo, lukkuu(hindaaqqoo) dhiisee buphaa(hanqaaquu) gaafachuu qaba. Akka dhaabota kanaatti, ummati Oromoo, mirga uumamaan qabu fi seerri addunyaa kennuuf fudhachuu dhiisee alagaa kadhachuu qaba. ABO fi Mirga Hiree Murteeffannaa Akeeki hundee ABO: “Mootummaa walaba Oromiyaa dhaabee iggitii eerga itti godhee booda, ummati Oromoo, dhiibbaa tokko malee, mootummaa walaba Oromiyaa ykn ammoo tokkummaa fedha isaa irratti hundaahe keessaa akka filatu haala aanjessuufii dha” Ummati kun, bilisummaa akka filatuuf, kan dammaqsuu ijaaru fi hoogganu yoo ta’e illee, fuul-duree Oromiyaa irratti, murtii isa dhumaa kennuuf mirga kan qabaatu ummata Oromoo ti. Mirga kana dhimma bahuudhaan, sagalee kannatuun(referendum),Mootu-mmaa walaba Oromiyaa ykn Ixoophiyaa keessaa akka filatuufi ummati Oromoo gaafatama. Guyyaa ummati Oromoo sagalee kennatu(referendum), ABO’n bilisummaa Oromiyaa qabatee ummata Oromootti dhiyaata. Oromiyaa ykn Ixoophiyaa keessa filachuun garuu,mirga ummata Oromoo ti. Kaayyoon ABO’s bakka gahe kan jedhamu,ummati Oromoo akka kanatti hiree isaa yoo murteeffatee qofa. Kun oggaa bakka gahe, “mirgi hiree murteeffannaa ummata Oromoo guutummaatti kabajameera” kan jedhamuu danda’u. Mirgi hiree murteeffannaa kan: Shanee, KSO, OPDO fi Federaalawaas akka kanatti kan ABO irraa adda ta’a. Mirga hiree murteeffannaa ummatootaa of-dura qabee aangootti kan ol-bahe mootummaan Wayyaanee, eerga aangoo qabatee garuu;gaaffii mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo dhabamsiisuuf gochaan farrummaa inni ummata kana irratti hin raawwatin hin jiru. Gaaffii kana cafaquuf tattaaffii inni godhe garuu; ummata kana of-duuba kan deebisee osoo hin taane, daranuu kan onnachiise ta’ee argama. Akka Wayyaaneetti, mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo of-dura qabuudhaan, akeeka dhoksaa kan dhuunfaa bakkan gahachuuf tattaafachuu dhiisanii, dhaaboti Oromoo kun, akka ABOtti, mirga hiree murteeffannaa dhaabbataniif ummata Oromoof ifa godhuu qaban. Akka Wayyaanee, dhaaboti Oromoo akka:Shanee, KSO, OPDO fi Federaalawaa akka nu kijibneef,, mirga hiree murteeffannaa isa kamiif akka dhaabbatan ummati Oromoo dhaabota kana gaafachuu fi adda baafachuu qaba. Hiiki dhaaboti kun mirga hiree murteeffannaaf kennan, fedhii siyaasaa ummati Oromoo qabuun kan wal-simatu yoo ta’e malee “Ummata Oromoo bakka buuna” jechuu hin danda’an. Ummati Oromoos, yoo kana ta’e malee, dhaabota akka:Shanee, KSO, OPDO fi Federaalawaa bakka bu’aa isaa godhee fudhachuu hin qabu. Mirga hiree murteeffannaa, kan fedhii ummata Oromoo bakkaan gahuu danda’u qabatee qabsaawaa kan jiru Adda Bilisummaa Oromoo qofa. Kunis kan mirkanaahu, Mootummaa Walaba Oromiyaa ykn Ixoophiyaa keessaa filatuuf sagalee ummati Oromoo kennatuun( Referendum) ta’a. Guyyaa ( Referendum)sun, gaaffiin ummata Oromoof dhiyaatu, “Mootummaa walaba Oromiyaa ni barbaadda?”kan jedhu ta’a. Kan barbaadu, “Eeyye” jechuuf mirga ni qabaata;kan hin barbaannes,”Lakkii”jechuuf mirga ni qabaata. Dirqammi ABO’s, guyyaa kun mirkanaahu xumurama. Qabsoon itti aanu, mootummaa ummati Oromoo filate keessatti mirgi:ijaaramuu, yaada ofii ibsachuu, filuu fi filamuu, mormuu fi deggeruu, sosso’uu, waaqeffachuu fi kkf akka kabajamu, ummati Oromoo diinagdee isaa Akkasii? Warra QC tu mana haaraa banatee? Safuu! Mee Oromiaonline haaromsaatii itti fayyadamaa. You need a serious website where you publish your "press releases". Rakkoon kee QC dha moo maaloodha? ana kan na dhibu kan dandeesuu dhaqi dhaani jennaan gowwaan dhaqee niiti dhaane jedhani, warra ixopiyaa fi warra ishee barbaadaniif kayyoon ABO dhukkuba cinaachaati, Utuu waa'ee QC iyyitu barri si irraan darbe, wee waa siif him obboleesso, mee dura of bilisoomsi, isa booda isa booda wa'e Oromoo haasa'u ni dandeessa, isiin warri SQ (Shanee Qinjjiti) kun sammuun keessan habashoome jira, akka OPDO sammuun isaani Wayyanome jiru, "Titiisa irraa wantti eegamu hin jiru" SQ irraas ummati OROMOO waan eegu hin qabu. kanaaf utaalte arraba dheeratuus lafa dhaqxxu hin qabdu,kan isiin fiddaniis hin jiru, Oromiyaan ni bilisoomti, Sammuun keesan diina irratti hin yaadu. Amma saba keetti galgaltee nyaatu alagaaf hin goone. Bilisummaan siif koptara irra teessee saba kee gadi xiqeessu dhaa? Qabasa'aa ta'uun dalgaan agarsiisu qofa.kopitaaraan qabsoon hafee jira. ABO jettus ,maqaa feete ofiitti moogaftus sabni oromoo olola bira darbee hojii qabatama qofaatti amana. Oromoon tokko.tokummaa oromoof hojachuun karaa.ilamaan oromoo bifa isaniif dandameen tokkummaan hojachuuf carraaqaa jiru. Warra Qaacaa(Oromoo keesaa) fi Abashaan (Abashaa keesaa Iyaappaa)Warra EPRP tokko .bareesuun hin dadhabdan hojachuuf honnee itti hin qabdan. Nagaan Sabii Oromoo kan itti boonu duwwaa otuu hin taanee kan aduunyaaf maraaf hiruu malee kan jirreenya dhala nama hundaa gabbisan aadaa fi ogummaa kan abbootaa, darbiif dabarsaan kan dhufuun waa hedduu qaba. Adaan isaa kun akka seenaatti kan raajeffamuu duwwaa otuu hin taanee dhaloota bara ammaa kana kan humneessanii fi sabboonsan , akkasumas safuu fi ogummaa kan ittiin horan ta’uu male. Sabbonumma oromoo gabbisuu fi aangessuun aadaa isaa tikussi fi fooyyessuu, kallattiin Afaan bareefamaa isaa guddisuu, akkasumas aartii Oromoo bifaa hundaan utubuu fi ol kaasuun hedduu barbaachisaa dha jennee amanna. Isaan kanaan kan hin utubaamne qabsoon siyaasaa fi dinagdee naafa. Isa kana kessatti hafuuraa walii kakaasuuf, waltajiin kun fuulaa adaa, afaanii fi aartii Oromoo fuulleffatee, Oromoummaa jajjabeessuu fi dhaloota ammaa, keessaa iyyuu kan biyya anabaa jiraan aangessuuf uumame. Fuula durattii as ulaa kanattii, barreefama, video akkasumas sagalee garaa garaa bifaa qindoomeen kaa’uuf jira. Afaan Oromoo Afaan Hojii Mootummaa Federaalaa Maaliif Akka Ta’uu Qabu: Sababoota Gurguddoo 25 Dimookiraatawaa Fedaraalawaa Itiyoophiyaatti Ministeera Barnootaa Rippaabiliika Dimookiraatawaa Fedaraalawaa Itiyoophiyaatti Ministeera Barnootaa Barnoota Afaan Oromoo Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Qopheessitoonni Salamoon Gadaa (MA) Tashoomaa Taaffasaa (MA) Tasfaayee Jimaa (MA) Gulaaltonni Addunyaa Barkeessaa (MA) Alaamirroo Kaasaahun (MA) Taarraqany Mokonnin (MA) Tashoomaa Egeree (MA) Madaaltonni Guutaa Fayyisaa (MA) Hasan Waaqayyoo (BA) Nagaasaa Hundee (MA) Nuuriyaa Ibraahim (MA) Rippaabiliika Dimookiraatawaa Fedaraalawaa Itiyoophiyaatti Ministeera Barnootaa Bara 2005 Setting a New Trend in Book Publishing Galata Qopheessi, maxxansiifi raabsiin kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa kanaa fandii dhaabbiilee qulqullina barnootaa 1-12, manneen barnoota mootummaa keessatti kennamanirratti hojjetan, kanneen akka Fooyyessa Qulqullina Barnoota Waliigalaa (FQBW) irraa argameeni. Federaalli Riippaabiliika Diimokiraatawaa Itoophiyaa Fooyyessa Qulqullina Barnoota Waliigalaatiif qarshii liqaan Waldaa Guddina Internaashinaalaa (WGI), Fandii Faasti Inisheetiivii Kaataalikii (FFIK)fi kanneen guddinarratti hojjetan biroo-Koorporeeshiinii Guddina Fiinlaandii, Xaaliyaanii, Deggersa NiizarlaandiifiUK kan Muummee Guddina Internaashinaalaatiif dhaabbatan irraa argateen kitaabni barataafi qajeelchi barsiisaa kun akka qophaa’u taasise. Kanaafuu, Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa namoota, gareewwaniifi qaamolee qophii kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa kanarratti kallattiinis ta’ee alkallattiin hirmaachuun deggersa taasisan nigalateeffata. © Federaala Riippaabiliika Diimokiraatawaa Itoophiyaatti Ministeera Barnootaa Maxxansa jalqabaa- 2005/2012 Mirgi abbeentaa gama suurawwaniifi fakkiiwwanii, dokimentootaafi meeshaalee kanneen biroo odeeffannoofi ragaalee isaan of keessaa qaban waliin Ministeera Barnootaa Itoophiyaatiif kan dhiyaate yoo ta’u, mirgichis waggoota shaniif hojiirra oola. Qopheessaa, Maxxansaafi Raabsaa Dhaabbata Maxxansaa MK L.S.P. 12385 Kaampaalaa L.bil. +256 414-269150 Toora intarneetii www.mkpublisher.com Kaampaalaa-Yugaandaa ISBN 978-99944-2-280-7 Mirgi hunduu seeraan eeggamaadha. Hayyama barreeffamaan abbaa mirgaarraa kennamuun ala, gamisa ta’ee guutummaa kitaaba kanaa irraa hir’isuun, itti dabaluun, gamisaan ykn guutummaatti maxxansiisuun, waraabanii raabsuun dhimma dhuunfaafis ta’ee hawaasaaf oolchuun dhorkaadha. Kanaafuu, hayyamni seeraan osoo hinkennamin gochaawwan kanarratti bobba’uun seeraan nama gaafachiisa. Labsii Gaazexaa Nagaariita Federaalaa lak.410/2004, Labsii Ittisa Mirga Abbentaafi Kanneen Isaan Hidhata qaban, Waggaa 10ffaa, Lak.55, Finfinnee, Adoolessa 12, 19996( July 19, 2004). Daangaa Mirga Abbeentaa Hanga danda’ametti, mirgi abbeentaa meeshaalee kitaaba kana keessatti dhimma itti ba’amanii heeruu yaallee jirra. Kanneen osoo itti hinyaadamin bira darbamaniif ammoo dhiifama jechaa, maxxansa itti aanu kamiinuu keessatti galateeffachuuf qophaa’oodha. Barreeffama Odeeffannoo (Wabiitti fayyadamuu) . ........... 113 II Seensa Waliigalaa Boqonnaa Tokko: Uffata seensa waliigalaa Kaayyoon barnoota afaanii (Language Education) inni guddaan akka Xiyyeeffannoon barnoota afaanii Itoophiyaas, meeshaalee ogummaawwan kanarratti ga’umsa gonfachiisuun wal-qunnamtii, barnootaafi jireenya hawaasummaa garaagaraa keessatti akka itti fayyadamaniif haala mijeessuudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf carraaqqiiwwan taasifaman keessaa inni tokko qophii kitaaba barnootaati. Kanaafuu, tokkoon tokkoon kitaaba barataa qabiyyeewwan garagaraarratti boqonnaalee garagaraatti qoodamuun barattoonni afaanii irraa caalaa ogummaawwan afaanii afran dhaggeeffachuu, dubbachuu, dubbisuufi barreessuu boqonnaalee hunda keessatti xiyyeeffannoon akka gabbifataa deemaniif haala mijessa. Itti dabalees, boqonnaalee hunda keessatti qabiyyeewwan sadarkaa barnootaafi umrii barataatiin wal-gituun aadaa hawaasichaa bu’uureffachuun dhiyeessuuf carraaqqii guddaatu taasifame. Kitaabni barnoota Afaan Oromoo kunis kaayyoofi adeemsa kana bu’uureffachuun qophaa’e. Boqonnaaleen kitaabaa barataa keessaas kan qophaa’an sirna barnootaa biyya keenyaa kan yeroo ammaarratti hunda’aniiti. Isaanis kaayyoo gooroofi gooree barnootaa afaanichaa galmaan ga’uurratti xiyyeeffatu. Qajeelchi barsiisaas kaayyoo, qabiyyee, mala baruufi barsiisuuirratti odeeffannoo ga’aafi barbaachisaa ta’an dhiyeessuun kitaaba barattootaatti fayyadamuufi Afaan Oromoo akka afaan tokkooffaatti barsiisuuf haala mijeessa. Barsiisaanis hanga isaa/ishii danda’ametti haala sissi’eessaa garagaraatti dhimma ba’uun (fayyadamuun) barnoonni gammachiisaa barbaachisaafi bu’a qabeessa ta’uu isaa barattoonni akka hubatan taasiisuu qaba. Qajeelchi barsiisaas, gilgaalaafi shaakala garagaraa dhiyeessuufi meeshaalee deeggarsaa eeruun kaayyoo barumsichaa galmaan ga’uurratti hojii barsiisaaf tumsa. Gilgaalonni kitaaba barataa keessatti dhiyaatanis kaayyoofi gosa garagaraa qabu. Kaayyoon isaanii,barsiisaa deeggaruun fedhii barattoonni barumsicharratti qaban kakaasuufi onnachiisuudha. Qophiin kitaabaa kanaa sirna barnootaa bu’uura taasifachuun, odeeffannoofi hubannoo garagaraa dhiyeessuun, akka barsiisaan malleen baruu barsiisuu garagaraa walsimsiisuun ogummaawwan afaanii hunda boqonnaalee dhiyaatan keessatti haalaan shaakalsiisuu gochuufi. Tokkoon tokkoon boqonnaalee keessatti kaayyoowwaniifi meeshaaleen deeggarsa barnootaa eeraman garagaraa nijiru. Gilgaalonniifi odeeffannoon dabalataas mata dureewwan boqonnaalee hundaa keessaatti i Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 2 barsiisaadhaaf dhiyaatanii jiru. Barattoonnis sonaan barachuu kan danda’an yoo waan baratanirratti hirmaatan waan ta’eef, gilgaalonni haala hirmaachisaa ta’een yoo dhiyaateedha. Kanarratti hundaa’uun, malli baruu-barsiisuu barataa giddugaleessa taasifateefi malli wal-qunnamtii kitaaba barataas ta’ee qajeelcha barsiisaa keessatti haalaan xiyyeeffataman boqonnaaleen kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa keessaatti qabiyyee barsiifamu irratti hundaa’ee gulantaalee murtaa’oo keessatti dhiyaateera. Fakkeenyaaf, boqonnaalee hunda keessatti, seensi, gulantaa wanta barattoonni beekanirraa ka’uun mata durichaan wal-barsiisanidha. Kunis, kan ta’u, fakkiiwwan garagaraa ilaaluun waan duraan beekan yaadachuun qabiyyee haaraa booda itti aansee dhufu hubachuuf bu’uura ta’a. Barsiisaan afaanichaas, qabiyyeewwan boqonnaalee duraan barsiifaman keessaa isa barsiifamaa jiruun wal-qabsiisuuf yaadachiisuun akka barattoonni muuxannoo isaaniitiin wal-qabsiisuun tajaajila afaanichaan dinqisiifatan jajjabeessuu qabu. Kunis, seensa boqonnaalee keessatti kan raawwatamaniidha. Haalli dhiyeessa akkanaa kun akka barattoonni jechootaafi caasaa afaanichaa duraan itti fayyadaman yaadachiisuun dhimma amma irra jiraniin itti fufiinsaafi wal-simsiisaa gilgaalotaafi barnoota afaanichaa keessatti mirkaneeffachaa akka deeman taasisa. Karoora qabiyyee barnootaafi haala qindoomina gochaawwanirratti fakkaattiin qophaa’e karoora guyyaa qopheeffachuufi dalagaalee barnootaa qindeeffachuun, kaayyoon baruu-barsiisuu yeroo hundaa galmaan ga’uuf karaa saaqa. Barsiisaan Afaan Oromoos, tokkoon tokkoon daree barnootaa keessatti qabxiileen ka’an mala baruu- barsiisuu adda addaa ykn cunqaa’aa (eclectic) ta’een barsiifamuu barbaachisuu isaanii hubachuun yeroo yerootti haalichattii of madaqsuu qaba. Kana malees, fedhii barataa tokkoo tokkoon addaan baafachuun kanneen fedhii adda qabaniif deeggarsa addaa gumaachuutu irraa eegama. Qabxii kana booda bal’inaafi xiyyeeffannoo addaa itti laachuun barattoota fedhii addaa qabaniif yaada jedhuun nikaafna. Kaayyoon guddaan barnoota afaanichaa kan sadarkaa gara garaatti dhiyaatee, ogummaawwan dhaggeeffachuufi dubbachuu barattoonni maatiirraa barachuu jalqabanii gara mana barumsaa dhufanitti dabalee ogummaa dubbisuufi barreessuu akka horatan taasisuudha. Kana jechuun ammoo, si’uma tokkicha martuu akka ogummaa goorootti barsiifamu jechuu miti. Tokko ykn lama yoo gooroo ta’e kaan ammoo isuma dahoo taasifachuun shaakalamu. Qabxiileen kanaan gaditti dhiyaatan kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa keessatti itti fayyadamuun akka barattoonni afaanicha guddifachaa deemaniif haalli mijaa’ee jira. ii Seensa Waliigalaa Boqonnaa Tokko: Uffata 1. Qo’annaa fakkii 3. Ijaarsa barreeffamaa to’atamaa 2. Shaakala dhaggeeffannaa 4. Shaakala qubeessuu Qabixiileen olitti ka’an, yoo gilgaalotaafi deeggarsa baruu barsiisuu garagaraatiin wal-simsiisuun dhimma itti ba’ame akka barattoonni ogummaawwan afaanii hunda gabbifachuun daree keessaafi dareen alatti itti fayyadaman gochuurra darbee ogummaawwan biroo kanneen akka ogummaa gadi fageenyaan yaaduu, ogummaa qaaccessuu, ogummaa dhuunfaafi garee hojjechuu danda’uufi, geggeessuu akka gonfatan taasisa. Kaayyoo afaan dhalootaatiin barachuu hojiirra oolaa jiru inni guddaanis kana bu’uureffata. Itoophiyaa keessatti afaan dhalootaatiin barachuun kan xiyyeeffatu barattoonni ogummaawwan afaanii afran kana gabbifachuun afaan isaanii kan saayinsiifi teekinoolojii taasisuu akka danda’aniif karaa saaqa. Kitaabni kunis kaayyoo kana galmaan ga’uurratti yoo xiyyeeffatu xumura barnoota dhiyaatan irratti barattoonni. Ogummaawwan afaaniitti fayyadamuun ofiifi naannoo isaanii ibsu. Yaada mata duree tokko deeggaruun ykn mormuun falmii dhiyeessu. Odeeffannoo fudhachuufi kennuuf sirriitti dubbisu . Barreeffama qulqullinaafi qindoomina qabuun yaada isaanii dabarfatu. Ogummaawwan Afaanii Afran Dhaggeeffachuufi Dubbachuu Barnoota Afaan Oromoo keessatti ogummaan dubbachuufi dhaggeeffachuu akkuma ogummaa dubbisuufi barreessuu xiyyeeffannoo argachuu qabu. Bu’uuruma kanaan kitaaba kana keessatti shaakala adda addaa jalatti dhiyaatanii jiru. Kaayyoon isaa barattoonni ogummaawwan kana maatiirraa baranii kan dhufan yoo ta’ellee tooftaafi haxa (methods & techniques) garagaraati fayyadamuun karaa saayinsawaa ta’een odeeffannoo argachuufi kennuuf akka itti fayyadamaniif haala mijeessa. Jireenya qabatamaa(in real life situation) keessattis ogummaawan kunneen irra deddeebi’amuun waan tajaajilaaniif xiyyeeffannoon akka laatamuuf ta’ee jira. Barattoonni yeruma mara waan haaraafi gammachiisaa, kan jireenya qabatamaa keessatti bu’aa isaaniif qabu dhaga’uu barbaadu. Kanaafuu, barsiisaan fedhii barattoota isaa kana guutuuf hanga danda’ametti yeroo hunda waan gammachiisaafi bu’a qabeessa ta’e qabatee dhiyaachuu qaba. Wanti hubatamuufi xiyyeeffatamuu qabu inni guddaan iii Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 2 daangaan xiyyeeffannoo daa’immaniifi dargaggeeyyii afaanicha baratanii, murtaawaa ta’uu isaati. Haala kanaan, hanga danda’ametti, barsiisaan yeruma hunda shaakalaafi gilgaalota fedhiifi qalbii barattootaa hawwataniifi akkasumas, haala qabatamaa keessaa bu’aa qaban dhiyeessuun akka isaan dhaggeefataafi dubbataa gaarii ta’an qopheessuudha. Kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa keessatti gilgaalonni garagaraa ogummaa waan kana shaakalsiisuuf dhiyaatanillee, barsiisaan kana qofarratti of dagatuu hin qabu. Haala barbaachisummaa isaaniiraatti hundaa’ee shaakala garagaraa kanneen akka waliin dubbii, tapha jechootaa (word game), qubeessuufi wkf dhiyeessuun ogummaawwan akka gabbifatan taasisuu qaba. Gilgaalonni akka yaadachuu, gahee taphachuu, durdurii himuus barsiisaadhaaf eeramanii jiru. Kanneen kanaan gadiittif xiyyeeffannoon kennamuu qabu. 1. Sagaleessuu 2. Jabinaafi laafina 3. Ol ka’iinsaafi gadi bu’iinsa sagalee 4. Ilaalcha garagara akka dubbii keessatti dhiyaatanitti Hub: Barsiisaan akka barattoonni ogummaawwan afaanii gabbifatan taasisuuf carraaqqii godhu keessatti dhiibbaan loogaafi afaanota naannootti dubbatamanii jiraachuu isaanii hubachuu qaba. Haala kanaan, barattoota gara sagaleessa isa waalta’eetti dhufuu dadhaban obsaan akka isaan sirreeffatan taasisa. Barattoota dhaggeeffachuufi dubbachuurratti rakkoo qaban malaan qabuun akka isaan dhawaataan ogummicha gonfatan jajjabeessuu qaba. Barsiisaan Afaan Oromoo kanneen armaan gadii keessatti akka barattoonni dammaqinaan qooda fudhatan jajjabeessuu qaba. 1. Afaanichaan namoota fuul dura ba’anii bilisaan dubbachuu 2. Marii garee 3. Sagantaa gaaffiifi deebii keessatti 4. Falmii keessatti 5. Seenaa himuufi gosa seenessaa garagaraa keessatti . Dubbisuufi Barreessuu Ogummaawwan dubbisuufi barreessuu walitti hidhatanii gabbifatamuu waan ta’eef, waliin dhiyaatanii jiru. Barattoonni ogummaawwan kana lamaan sagantaa idilee keessatti mana barumsaatti shaakaluu eegalu. Kanaafuu, waa’ee ogummaawaan kanaa muuxannoon isaan qaban hanga warra lamaan kanaan dura ilaallee hinga’u. Namni afaanichaan dubbisaa gaarii ta’e tokkoo barreessaa gaarii ta’uu danda’a. Wal- iv Seensa Waliigalaa Boqonnaa Tokko: Uffata simannaan ogummaawwan kanneenii cimaa ta’uufi Afaan Oromoo barachuurratti qofa osoo hintaanee, Afaan Oromootiin barachuurrattiillee gumaacha guddaa qaba. Xiyyeeffannoon filannoofi itti fayyadama jechootaa, irraa-jalummaafi duraaduubummaa caaseffamee afaanichaa, ogummaa barreeffamaatiin wal–qunnamuufi haala barreeffamaa garagaraatiif kennamuu qaba. Itti dabalees, ijaarsa himotaa, itti fayyadama sirna tuqaaleefi haalan itti fayyadama afaanichaa isa hawaasa keessaarratti ga’umsa horachiisa. Barattoonni ittiin of gammachiisuufis ta’ee shaakala dareetti taasifamu keessatti carraa barreessuufi dubbisuu wal-qabate argachuu qabu. Haalli barattoonni daree keessatti sagalee ol fuudhaniifi callisaan dubbisan jiraachuun barbaachisaadha. Barattoonni tokko tokko qubaan akeekaa dubbisuun ariitii isaanii waan xiqqeessuuf barsiisaan haala akkasiirraa akka of qusatan taasisuun barbaachisaadha. Jabeessuu, sagalee isaanii ol fuudhuufi gadi buusuun akka dubbisan barsiisaatu haala mijeessa. Akkasumas, akka barattoonni barruu kalaqaa garagaraa kanneen akka walaloo, seenessaa, walaloo sirbaa, faaruu, xalayaafi asoosama gabaabaa barreessan jalqabarraa kaasee jajjabeessuun ga’ee barsiisaati. Kun ammoo akka barattoonni ijoollummaa isaaniitti ga’umsa jechootaafi caasaa afaanichaa barachuurratti fedhii dubbisuufi barreessuu horachuu kakaasa. Barattoota bitaadhaan barreessaniifis xiyyeeffannoon adda kennamuu qaba. Haalli teessuma daree keessaa barattoota akkasii kan akka isaan harka hiiqfatanii barreessan taasisu ta’uu qaba. Kun ammoo, teessoo nama lama sadii qabatu yoo ta’e gara moggaa osoo taa’aniis wayya. Mala Waliigalaa (Dimshaashaa) Malli waliigalaa asitti dhimma itti ba’ame (fayyadame) kan barattoota giddu-galeessa taasifateefi hirmaachisaadha. Barsiisaan akka barattoonni hirmaatan kan haala mijeessu malee kan ofii waa mara dhiyeessu miti. Kun ammoo, akka barattoonni ogummaawwan barbaachisoo ta’an wal-simsiisanii akka gabbifatan kan taasisuudha. Kanaafuu, adeemsa baruu-barsiisuu keessatti malleen dhimma baasan (fayyadan) adda addaa filachuufi itti fayyadamuu keessatti barattoonni hirmaachuu qabu. Qabxiileen kanaan gadii Afaan Oromoo barachuufI Afaan Oromootiin barachuuf malleen eeramaniidha. i. Mala argannoo Qajeelfamaa (guided discovery method) ii. Mala marii/hirmaachisaa) iii. Mala agarsiisaa iv. Mala gaaffiifi deebii v. Mala sammuu kakaasuu / sissi’eessuu/ vi. Mala jechaafi gochaa vii. Mala do’ii v Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 2 Mala Argannoo Qajeelfamaa Malli argannoo kun mala baruu barsiisuu keessaa isa tokkoo ta’ee kan barsiisaan tattaaffii barattoonni ogummaawwan afaanii guddifachuuf taasisan keessatti akka qajeechaatti tajaajiludha. Malli kun barattoonni wanta naannoo isaaniitti argamaniirraa ka’anii daawwannaafi yaalii geggeessuun odeeffannoo barnoota isaaniirraa argatan haala qabatamaadhaan wal-simsiisuun akka waan haaraa tokko argatan carraa laataaf. Barsiisaanis akka barattoonni isaa waan isaanii hin gallee gaafatan godha. Yoo isaan dogoggora uumanis akka ofii sirreeffatan walii sirreessaniifi ofii isaafii sirreessuu barnootaaf haala mijeessa. Asittis xiyyeeffannoo argachuu kan qabu, barattoonni dhaggeeffachuu ykn daawwachuu qofa osoo hin taane, hojjechaa barachuufi barachaa hojjechuu akka danda’an taasisuudha. Kana jechuun ammoo dubbisuudhaan dubbisuu barsiisuu, barreessuudhaan barreessuu barsiisuu, fedhuudha. Mala Marii Malli kun marii barattootaafi barsiisaa akkasumas, barattootaafi barattoota gidduutti yaada wal-jijjiiruun akka geggeeffamu taasisa. Barsiisaan mata duree dhiyeessuun akka barattoonni irratti mariiyatanii yaada itti laatan, falman, deebii laatan, mormaniifi deeggaran taasisa. Marii isaanii kanas niqindeessa. Kun ammoo, barattoonni ogummaawwan gurguddoo afaanii cinatti ogummaa gadfageenyaan yaaduu, ogummaa seccessuu, ogummaa gareefi namootaan waliin hojjechuufi ogummaa dhiyeessan akka gabbifatan gargaara. Mala Agarsiisaa Barattoonni umrii daa’imummaa isaaniitti, irra caalaa akkeessuudhaan baratu. Barsiisaan haala afaanichi hawaasa keessatti, ittiin tajaajilu barattootaattii agarsiisuu qaba. Barsiisota isaanii fakkaatu waan ta’eef, haalli dhiyeessaafi dhiyeenya barsiisaa, kan ogummaa jireenyaa jara gonfachiisan ta’uu qaba. Walirraas waan hedduu baru danda’uu waan ta’eef, haalli itti fayyadama ogummaa afaanichaa jarri qaban keessaa inni bu’a qabeessa ta’ee jajjabeeffamuu qaba. Mala Gaaffiifi Deebii Mala kana keessatti barsiisaan gaaffiiwwan garagaraa fayyadamuun shaakala dhiyaateef akka barattoonni isaa ogummaawwan barbaachisaan gabbifatan taasisa. Gaaffiiwwan barattoonni kaasaniis ni deebisa. Barsiisaan akka barattoonni isaa karaa garagaraatin yaaduun qabiyyees ta’ee uunka barnoota argaaniirratti gaaffii kaasan jajjabeessuun haala mijeessa. Ofii isaatii gaaffiiwwan akka barattoonni yaada kaasan taasisuu ykn gaaffiiwwan deebii tokkoofi tokkoo ol qabachuu danda’an haala barbaachisaa keessatti dhimma itti baha. vi Seensa Waliigalaa Boqonnaa Tokko: Uffata Mala Sissi’eessuu/Fedhii itti Uumuu/ Barsiisaan mala kanatti gargaaramee akka barattoonni muuxannoo isaanii gara dhimma barbaadutti akka fidataniif gaaffiiwwan dimshaasha ta’an kaasa. Gaafficha keessattis mormuun ykn deeggaruun akka barattoonni hirmaatan taasisa. Mata dureen barattoonni yaada irratti kaasanii kan kallattii adda addaattin ilaalamuufi kan sadarkaa barattootaatiin wal gitu ta’uu qaba. Mala Do’ii/Daawwii/ Haala dhiyeessa kana keessatti barattoonni akka abbaa dhimmaatti qooda fudhatu. Ijaara gocha ykn seenaa barsiisaan dhiyeesse tokko faana bu’uun akka suuraan dhimmichaa sammuu isaanii keessatti ka’utti waliin dubbii, ofiin dubbii, gahee taphachuu fa’iin daree keessatti dhiyeessu. Mala Jechaafi Gochaan Dhiyeessuu Asitti barattoonni sochiilee qaamaa isaanii dhimmichaan walitti qindeessuun dhiyeessuuf qindaa’u. Gilgaalonni haala kanarratti qophaa’an walaloo hibboofi jechoota dubbachuurratti arraba namaa takaalan dhiyeessuun barsiisaas ta’ee barataan dhimma itti bahu. Barsiisaan akka barattoonni gareen cimdiin akkasumas dhuunfaan dhiyeessan affeeruun filannoonni akkasii akka barattoonni i. Jechoota sirritti akka dubbisaniifi barreessan gargaara. ii. Saffisaan dubbisuu isaanii akka fooyyeeffatan taasisa. iii. Barruulee garagaraa hubachuurratti dandeettiin barttootaa akka dabalu gargaara. iv. Hiika jechaa ykn gaaleewwaanii galumsarraa akka tilmaaman v. Hima sirriitti akka dubbisan vi. Jabinaafi laafina, dheerinafi gabaabina, olka’iinsaafi gad bu’iinsa sagalee akka dinqisiifatan haala mijeessa. Hojii Garee (Marii) Hojjin garee mala baratoonni gareedhan ta’uun dhimma kennameef tokkorratti yaada mataa isaanii mormuun ykn deeggarun itti ibsaniidha. Dhimmoonni yaada keessa galuu qaban i. Umrii barattootaa ii. Dandeettiifi ogummaa iii. Dhimmoota korniyaan hidhata qaban iv. Muuxannoofi yaada barattootaa dinqisiifachuu vii Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 2 v. Qajeelfamoota ifa ta’an kennu vi. Fedhii qabaachuu barattootaa vii. Jijjiirama jiruufi jireenya hawaasa keessaa. Qindoomina garee Daree barattoota 40 qabu keessatti barattoota 10 garee tokko taasisuun nidanda’ama. Ta’uu baannaan, garuu garee nama 4 ykn 6 qabu ijaaruu wayyaa. Kunis, barattoonni teessoo tokkorra 2 ykn 3 ta’anii kanneen isaan duuba taa’aniitti gara galuun akka mariyatan taasisuudha. Marii isaanii kan hoogganu barataa cimaaf laachuun dhimmi tokkoon tokkoon barattootaatiin akka galmaan ga’an barbaadame fiixa ba’uu danda’a. Bu’aa hojii garee Barattoonni sodaatan ykn leeyya’an(saalfataniifi), suuta waa hubatan akka si’aa’inaan hirmaatan jajjabeessa. Ofitti amantaa dabala Gilgaalota bal’aa yeroo murtaawaa keessatti shaakalsiisa Bilisaan of ibsuu barattootaa saffissisa Aadaa wal-gargaarsaa barattootaa gabbisa. Odeeffannoo akka walii hiran taasisa Miseensonni garee hunduu hubatamuu waan barbaadaniif wal-dorgomsisuuf haala mijeessa. • Barattota giddu galeessa taasifata Barsiisaanis akka barattoota isaarraa baratu taasisa Hirmaannaa tokkoo tokkoo barattootaa cimsa Odeeffannoo dabalataa kennuufi keessa deebiidhaaf mijataadha. Rakkoo hojii garee keessatti uumamu akkamiin furuun danda’ama? viii Dursanii garicha qindeessuu. Barattoota dandeettii fi fedhii isaaniitiin gareetti qooduu Nama garicha to’atu isaanuma keessaa akka filatan gochuu Barsiisaan dalagaa gareewwanii haalaan hordofuu Dhiyeessi baay’ee ta’uu Dogoggora uumamu sirreessuun akka marii isaanii mata duricharra taasifatan taasisuu Qajeelfama ifa ta’e kennuufi ammaa ammaa barattoota to’achuurraa of qusachuu. Dalagaan fedhii barattootaa kakaasuufi barbaachisaa ta’e kennamuufi qaba. Seensa Waliigalaa Boqonnaa Tokko: Uffata Qo’annaa Fakkii Fakkii qo’achuun akka barattoonni haalicha ilaalanii hubatan godha. Barattoonnis akka fakkiicha ilaalanii ibsan jajjabeeffamu. Gilgaalotaafi meeshaalee deeggarsa barnotaa afaanii kan haala qabatamaa keessaa dhimma baasu waan ta’eef, gilgaalonniifi meeshaaleen deeggarsa barnoota Afaan Oromoo baay’ee barbaachisaadha. Barattoonni barumsa haala kanaan baratan muuxannoo isaanii gabbifachuun jijjiirama agarsiisuu qabu. Meeshaan deeggarsaa kunis kan addunyaa dhugaa keessatti bakka bu’aa qabuufi kan yaadaan jiru ta’uu mala. Hanga danda’ametti garuu dalagaalee daree keessaa isa jireenya qabatamaatiin wal-qabsiisuun barbaachisaadha. Caasluga afaaniifi seera isaa walxaxaa ta’e barsiisuu keessatti illee haala hawaasa keessatti hojiirra oolurraa addaan baanaan bu’a qabeessa hin ta’u. Tajaajilli deeggarsa barnootaafi gilgaalotaas dhimma kana galmaan ga’uuf tajaajilu. Muraasni isaanii warra kanaan gadii yoo ta’an kitaaba barataa keessattis dhiyaachuun qajeelchi barsiisaa ammoo hojjii kalaqaa kanneen birootiin wal-qabsiisuun hojiirra oolchuu yaala. Deeggarsa baruu barsiisuuf kanaan dhiyaatan kun salphaafi yeruma hunda daree barnoota afaanii keessatti itti fayyadamuun kan danda’amu ta’uullee qarshii xiqqoo baasuufi kaan ammoo barattoonniifi barsiisonni ofumaa qopheessuu kan gaafataniidha. Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa Wantoota Qaamaan Jiran Meeshaaleen deeggarsaa kunneen kan barattoonni jireenya dhugaa keessatti argatan, kan akka kubbaa, dhagaa, ulee, nama, gaazexaafi wkf ta’uu malas. Gilgaalota Baruu-Barsiisuu Shaakala Dhaggeeffachuu Ajajni maatiifi barsiisonni barattootaaf kennan baay’een isaanii kan dhaggeefatamanidha. Qajeelfamoonni kunneen ammoo barattoota hubama dhageettii qabaniif mallattoodhaan kan dhiyaataniidha. Qajeelfamni kun gabaabaatti shaakala dhaggeeffachuu kan milkeessanidha. Sadarkaalee Dhaggeeffachuu Dhaggeeffachuun Dura Qabiyyee barnootichaatiin kan qunnamtii qaburratti barattoota qopheessuu Fedhii barattootaa kakaasuu - Qabiyyee barnoota darbee yaadachiisuu ix Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 2 Yeroo Dhaggeeffachuu Shaakala sasalphaa kan barattoonni dhaggeeffachaa dalagan (fkn kan dhaggeeffatan keessaa waan sadii akka barreessan taasisuu. Kaayyoon isaas, xiyyeeffannaa isaanii cimsuufi. Barruu qophaa’e si’a lama ykn si’a sadii dubbisiif. Sagalee giddugaleessa ta’ee barattoota hundatti dhaga’amuun dubbisiif. Dhaggeeffachuun Booda Gilgaalota dhiyaatan shaakalsiisi. Hordoffii walitti fufinsa qabu taasisi. Barruu dhaggeeffatan irratti hundaa’uun gilgaalota ogummaawwan adda addaa gabbisan shaakalsiisi. Dalagaaleen kanaan gadii ammoo, barattoonni afaaniichaa ogummaa dhaggeeffachuu isaanii akka gabbifataniif tumsa godhi. Waliin dubbii Falmii Teeppii ykn televiijiinitti gargaaramuu Doo’ii (daawwii) Kennaa ykn ibsa ajajaa Ibsa kennuu Shaakala ibsa kennuu keessatti barsiisaan barattoonni dhaggeeffatanii akka barreessan taasisa. Kaayyoo isaa ogummaa dhaggeeffachuufi barreessuu barattootaa madaaluuf barattoonni wanta ibsamu dhaggeeffatanii ariitiidhaan yaadannoo barbaachisaa ta’e akka qabatan taasisa. Gulantaalee Barsiisuu Gulantaa x 1. Osoo barattoonni dhaggeeffachaa jiranii ati ammoo, si’a lama dubbisiif. 2. Barattoonni shaakala barreessuu hima himaan akka barreessan qajeelchi. 3. Barruu san gabatee gurraacharratti barreessuun akka barattoonni isa barreessanii wal-bira qabanii sirreeffatan taasisi. 4. Barattoonni dubbisicha hubachuu isaanii mirkaneeffachuuf afaaniin gaafadhu. Seensa Waliigalaa Boqonnaa Tokko: Uffata Qo’annaa Fakkii Kitaaba barataa keessatti jalqaba (mata dureewwan) boqonnaalee hundaarratti fakkiifi gaaffiiwwan karaa agarsiisaniin itti seenamee jira. Barsiisaanis akka barattoonni fakkiiwwan dhiyaatanirraa wantoota, bineeldotaafi namoota haala garagaraa keessaa addaan baafatan gaafachuutu irraa eegama. Kaayyoon isaas akka barattoonni waan beekanirraa ka’anii isa hinbeekne barachuu danda’aniifi haala mijeessuudha. Kana malees, barattoonni yoo fakkii ilaalanii ibsan dhugaa hawaasa keessatti kan duraan beekan jechootaafi caasaa afaanichaatti gargaaramanii ibsuun aadaafi duudhaa hawaasichaa ka’umsa taasifatu. Kanafuu, wanta arganii beekan tokko irratti yaada kennuun dhugaa hawaasa keessaa gara dareetti fiduurra darbe fedhiin isaanii akka daran dabalus godha. Gulantaalee Matadureen wal-barsiisuu Barattoonni gaaffii ati kaaftu mararratti mariyatu. Fakkii qo’atu. Barattoonni wantoota /bineeldota/namoota/haallan fakkicharraa argan ibsu. • Gaaffiiwwan karaa agarsiisuuf kitaaba barataa keessatti dhiyaates nideebisu. Tapha Jechaa(word game) Barnoonni jalqabaa muraasni jechoota haarawaa kanneen loogawwan keessa ba’aniin baratoota wal-barsiisan jechoonniifi caasaan haaraan ammoo hanga danda’ametti meeshaalee deeggarsa barnootaa fayyadamuun barsiifamuu qabu. Meeshaaleen deggersaa kunis, waan hunda dura akka qalbiin barattootaa gara dhimmichaatti luucca’u taasisuun salphaatti hubachiisa. Kun ammoo akka isaan waa’ee meeshaa deeggersaa sana waan addaan baafachiisurra taree, gara kamitti akka inni yaada isaanii harkise irratti akka yaada wal-jijjiiran taasisa. Fakkeenyaaf, kanaan dura barattoonni waa’ee halluu barachuu malee gosni halluu dhiyaateefi isa irratti hundaa’uun waa’ee isaa barachaa, halluun inni kaan ammoo akka jara garaa nyaate yaada isaanii dhiyeessuuf haalli mijataa hinturre. Meeshaaleen kun ammoo, haala kanarratti hubannoo cimsu. Kanaafuu, meeshaalee deggersa barnootaa garaagaraatiin deggeruun dhimma tokko dhiyeessuun wantootaafi waa’ee isaanii irratti hubannoo cimsa Itoophiyaan biyya barattoonni afheddee ( multilingual)fi aadheddee (multicultural) ta’an keessatti barataniidha. Kanaafuu, barattoota muuxannoo garagaraa qabantu gara mana barumsaa dhufu. Fakkenyaaf, baadiyaafi magaalaan haallan adda addaa barnoonni keessatti kennamu. Barattoonnis naannoowwan garagara. Bakka wantoota xi Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 2 addunyaa qabatamaa keessa akkuma jiranitti daree barnootaatti fiduun ittiin barachuun rakkisaa ta’utti, fakkiiwwanii gabatee gurraachaafi kitaaba barataarraa jechootaafi yaad rimeewaan ciccimoo ta’an salphaatti hubachiisuun nidanda’ama. Jechoonni haala kanaan barsiifaman ammoo caasaa afaanichaa kan sadarkaa garagaraa keessatti itti fayyadamuuf haala mijeessa. Adeemsa Meeshaalee deeggarsa barnootaa dursanii barattootatti agarsiisi. Jechoota haaraafi akkaataa isaan itti sagaleessan barattootaan wal-barsiisi. Haala jechoonni sun keessatti tajaajilan ibsi. Akka barattoonni sifaana bu’anii sagaleessan taasisi. Himoota garagaraa keessatti jechichatti gargaarami. Barattoonni hima ofii isaanii keessatti akka jechoota sana gargaaraman taasisi. Hima barattoonni ijaaran harkaa fuudhiitii gabatee gurraacharratti barreessi. Dhumarratti, akka barattoonni gilgaala kitaaba barataa keessaa ofii isaaniitii filatanii barreessan jajjabeessi. Hub. Dhumairratti gilgaala barreessuu shaakalsiisuun dirqama miti. Afaaniin daree keessatti mariyachuun gahaadha. Shaakala Qubeessuu Shaakala qubeessuu keessatti barsiisaan jechoota garagaraa dubbisuun barattoonni akka barreessan taasisa. Kunis, jalqaba barnootarratti kan shaakalamuudha. Tapha Jechootaa (word game) Taphni jechootaa akka barattoonni ogummaa xiinxaluufi gadi fageessanii yaaduu gabbifatan taasisa’. Tooftaan kun, akka barattoonni bashannanaa salphaatti hiika jechoota baratan taasisa Adeemsa Tapha Jechootaa Taphni jechootaa adeemsa garagaraa keessa darba. xii Qabxiilee taphaaf qophaa’an barattoonni barruulee isaaniirratti ni- barreeffatu Eertota gaaffiiwwan sana keessaa niqo’atu. Eertota sanarraa ka’anii deebii laachuun taphicha guutuu taasisu. Bakka barattoonni gargaarsa fedhanitti cinaa dhaabachuu qaba. Seensa Waliigalaa Boqonnaa Tokko: Uffata - Barattoonni akka yeroo biraas tapha jechoota garagaraatti fayyadaman qajeelchuun gaariidha. Waliin Dubbii Waliin dubbiin kan qophaa’u akka barattoonni ogummaa of ibsuu gabbifatan, ofitti amanamummaa horatan, jechootaafi caasaalee afaanichaa shaakalan gargaara. Xiyyeeffannoon isaa garuu ogummaa dubbachuufi dhaggeefachuu gabbisuurratti ta’a. Akkuma ija jabinaafi ofitti amanamummaa horachaa deemaniin ogummaa do’ii qopheessuufi isa qophaa’e keessatti qooda fudhachuun bashannansiisuu horachaa deemu. Faayidaa waliin dubbii ogummaa dubbachuu barsiisuu keessatti Barattoota waan giddugaleessa taasifatuuf barattoonni hojii isaaniirraa baratu. Ogummaa dhaggeefachuu barattotaa gabbisa. • Barattoonni waan dhugaafi hiika qabeessa ta’e akka dalagan taasisa. Afaanicharratti akka barattoonni ga’umsa dubbii horatan gargaara. Ogummaa dubbisuufi barreessuu horachuuf jara qopheessa. • Ofitti amanamummaa gonfachiisa. Barumsicharratti akka barattoonni fedhii horatan taasisa. Hiika gaaleewwaniifi cirowwan guutummatti akka argatan godha. Hiikni jechoota haaraafi wkf akka barataman karaa saaqa. Waliin Dubbiin Barsiisuu Barsiisaan Afaan Oromoo, hunda dursee waa’ee waliin dubbiirratti ibsa ifa ta’e kennuu qaba. Kun ammoo, seenduuba isaa, qooddattoota achi keessatti qooda fudhataniifi wkf ilaalchisee ta’uu danda’a. Barsiisaan dursee waa’ee waliin dubbii sana waan hubachiisuuf, barattoonni waa’ee kanaa beekan, kun ammoo, hojicha keessatti qixaan akka hirmaatan karaa saaqa. Adeemsa Waliin Dubbii Gulantaa 1 • • Waliin dubbicha haala filatamaa ta’een dhiyeessu. Fakkeenyaaf fakkii haala bittaafi gurgurtaarratti qophaa’e barattootatti agarsiisuu. Qabxiilee ijoo fakkicharratti barattoonni waliin mariyachuu. Akka barattoonni waliin dubbii beekamaa tokko shaakalan taasisuu. xiii Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 2 Gulantaa 2 Waliin dubbicha akka barattoonni dhaga’anitti dubbisuu. Yeroo dubbisaa sagalee haalarratti hundaa’uun jijijjiiruu. Gochaawwan qooddattootaa barattootatti himuu. Waliin dubbicha si’a lama irra deebi’uun dubbisuu. Gulaantaa 3 Caaccalee afaanii waliin dubbicha keessaa qixaan barsiisuu. Gulaantaa 4 Barsiisaa faana bu’uun akka barattoonni waliin dubbicha sarara sararaan irra deebi’an taasisuu. Kanaafuu, Barattoota kee bakka lamatti qooduun qooddattoota taasisi. Osoo addaan hinkutin akka gareewwan kan dhuunfaa isaanii dubbisan sochii qaamaatiin ajaji. Gulantaa 5 Waliin dubbicha cimdiin shaakaluu. Waliin dubbicha akka barattoonni lama lamaan ija keessa wal-ilaalaa shaakalan qindeessuu. Akka isaan sagalee ol fuudhanii dubbatan hayyamuu. Gulantaa 6 Barattoonni waliin dubbatu. Uffatanii akka qophaa’an taasisuu(yoo danda’ame) Warrii qophaa’an akka jalqaban taasisuu. Sirbuu Barattoonni akka mukuu, dadhabbii, nuffiifi wkf irraa baraaramaniif, jaruma keessaa kan sirba danda’u tokko ka’ee akka walaloo sirba dhageessisu taasisuun ga’ee barsiisaati. Barattoonni akka walaloo sirbaa barreessaniifi dubbisan taasisuunis ogummaa isaanii kana cimsa. xiv Seensa Waliigalaa Boqonnaa Tokko: Uffata Walaloo Walaloon mucaan cimaan tokko barreessuu dha’atas, dhikkisas qaba. Walaloonis amala muuziqaa waan qabuuf baay’ee barbaachisaadha. Walaloon kun daree barnootaa keessatti yeroo barbaachisaa ta’etti dubbifamuufi jechoonni haaraan achi keessaa ba’anis baratamuu qabu. Kana cinattis haalli walaloon waraqaarratti itti dhiyaate kan hololoorraa adda waan ta’eef, uunki isaa nibaratama. Barattoonni akka walaloo barreessan jajjabeeffamuu qabu. Sagantaa barattoonni walaloo barreessuun itti walii dubbisan barsiisaan qopheessuu qaba. Kun ammoo dubbisuufi barreessuu irratti akka isaan fedhiifi jaalala horatan taasisa. Walaloo qophaa’e tokko akka barattoonni dubbisan taasisuun dura, barsiisaan ofii isaatii dubbisuu qaba. Barattoota sadarkaa hundaaf walaloon sagalee muuziqaa fakkaatuun dhiyaate daran bashannansiisaa ta’a. Adeemsa Walaloon Ittiin Dhiyaatu Gulantaa 1 Akka barattoonni walaloo beekamaa tokko dubbisan taasisi. Walaloo sana haalaan sagaleessuufi gochaanis agarsiisuu akka danda’an gochuu. Barattoonni walalicha keessa isaaniitti beekuun jijjiirraa jechaa irraa of qusachuu qabu. Gulantaa 2 Si’a tokko gaalee walaloo tokko barsiisi Ofii keetii dubbisuun ykn jechuun akka barattoonni sijalaa qaban taasisi. Barattoonni hundi akka irra deebi’anii jedhan kakaasi. Gulantaa 3 Gareewwan keessaa gareen tokko si’a tokko akka walalicha irra deebi’an qajeelchi. Barattoota 2 ykn 3 kaasuudhaan akka walalicha irra deebi’anii dubbisan taasisi. Xiyyeeffannoo Jechootaafi caasaa afaanichaatiin alatti ogummaafi duudhaan hawaasichaa kan barataman ni jiru. Fakkeenyaaf, barattoonni ofitti amanamummaa, obsa, waldanda’uufi rakkoo ykn mudama jireenyaa jala dhaabachuu danda’u. Jaalala itti gaafatamummaa fudhachuu, kalaqaafi uumama dinqisiifachuu, wal-qunnamtii ga’aa gaggeessuufi wkf gonfachiisuu kan danda’an barachuu qabu. Ogummaawwaan kana akka barattoonni gonfataniif kitaaba barataa keessatti gilgaalonniifi fakkiiwwan gosa garagaraa, qajeelcha xv Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 2 kana keessattis haalli hojiirra oolmaa isaanii dhiyaatee jira. Kaayyoon kanaas, sonaafi duudhaa hawaasa keessatti ijoolummaa isaaniitiin akka guddatan taasisuudha. Gulantaalee Barsiisaan qabxiilee qajeelcha barsiisaa keessatti dhiyaatan dubbisuun haala hawaasa keessaatiin wal simsiisee barsiisa. Marii haala qabatamaa naannoorratti taasifamurratti barattoota hirmaachisa. Barattoonnis hirmannaa barbachisaa ta’e taasisu. Seenaa Himuu Seenaa himuun wantoota afaaniin dhalootaa dhalootatti daddarbaa har’a ga’an himuun ykn kan barreeffame dubbisuun akka barattoonni irratti hojjetan taasisuudha. Dalagaaleen dhimma kana jalatti ka’an akka barattoonni dabareedhaan seenaa himan, kaan ammoo, akka dhaggeeffatan taasisuufi ofiis keessatti hirmaachuun barsiisaarraa eegama. Bu’aa Seenaa Himuun Qabu 1. Akka barattoonni barnoota isaaniitti gammadaniifi fedhii horatan taasisa. 2. Ogummaa afaaniin ibsuu, marii keessatti hirmaachuu, sirbuu, do’ii dhiyeessuu gonfachiisa. 3. Ogummaa dubbachuufi dhaggeeffachuu barattotaa gabbisuun barnoota daree irratti akka xiyyeeffatan taasisa. 4. Kalaqaafi hirmaannaan barattootaa akka dabalu taasisa. 5. Ga’umsa barattoonni gama yaaduutiin qaban akka dabalus taasisa. 6. Akka barattoonni aadaa isaanii dinqisiifatan jajjabeessa. Haxawwan Seenaan Ittiin Himamu xvi Do’ii Dhiyeessa sirnaawaa Gaaffii afaanii dhiyeessuun barattoota seenaa himuu keessatti hirmaachisuu Haala irratti hundaa’uun barattoota gareetti qoodu Sirba seenaa dhiyaatuun qunnamtii qabu fayyadamu. Seensa Waliigalaa Boqonnaa Tokko: Uffata Dalagaalee Dhuma Seenichaarratti Dhiyaatan Do’ii qooddattootaa Irra deebi’anii seenicha himuu Bilisaan gaaffii afaanii deebisuu Marii • Seenicha akkeessuu Fakkiitti jijjiiruu Barreessuu Gahee Taphachuu Dalagaa akkanaa keessatti barattoonni seenaa, tapha, haalaafi wkf tokko fudhachuudhaan himuu eegalu. Jechoota achi keessaa bahanitti haalaan madaqu. Adeemsi akkasii ammoo akka isaan ogummmaa waa kalaquun afaanichatti dhimma ba’uun caala mudannoo ibsuu, dubbatanii amansiisuu, yaadolee walitti araarsuufi wkf gabbifatan taasisa. Barsiisaanis haala mijeessee akka barattoonni isaa keessatti gahee taphatan, fkn haala gabaa, mana yaalaa daawwachuufi wkf mijeessa. Falmii Malli kun akka barattoonni mata duree isaanitti toluufi sadarkaa sadarkaa isaaniitiin walgitu filatanii irratti wal-falman carraa laata. Kunis gama lama qabachuudhaan gamni tokko mormee, gamni biraa ammoo deeggaruun keessatti hirmaatu. Falmiin akka barattoonni dhimmoota adda addaa irratti yaada kaasuun ga’umsa afaanichaa fooyyeffataa deeman godha. Kanaafuu, barsiisaan mata duree salphaa ta’erraa akka eegalan taassuu qaba. Barattoonni darichaas garee lamatti qoodamuun akka dhimmicharratti falmii isaanii dhiyeessuu danda’an itti qophaa’u. Dhiyeessaafi falmii akkasii keessatti ogummaawwan afaanii hunda gabbifatu. Kana malees, waldanda’uu, wal-kabajuufi walitti dhufeenyi gaariin akka argamu taasisa. Yeroo Wacuun Mariyatan Asitti, barsiisaan akka barattoonni dhimma daricha keessaa tokkorratti hiriyoota ykn akkuma wal bira jiranitti mariyatan taasisa. Dareen marii sanaas wacaa falmuufi deeggaruutiin guuta. Gar malee akka hin taane barsiisaan ni to’ata. Yeroo Battallee Yeroo kana ammoo barsiisaan gaaffiiwwan gaggabaaboo qopheessuun deebii gabaabaa xvii xvii Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 2 akka kennan taasisa. Kun ammoo hibboo fa’iin qunnamtii mata dureewwan qaban hedduu of keessatti hammachuu kan danda’uudha. Yeroon battallee kanaaf kennamus gabaabduu ta’uu qaba. Fakkiifi Faayidaa Isaa Fakkiin odeeffannoo fudhachuufis ta’ee dabarsuuf ga’ee guddaa qaba. Akka barattoonni ogummaa fakkii kaasuus ta’ee dubbisuu horatan taasisuuf barsiisaan gilgaalota qopheessuun keessatti hirmaachisuu qaba. Gilgaalonni qophaa’an kun ammoo, fakkii dhiyeessuun akka barattoonni barreeffamatti jijjiiran ykn barreeffama gara fakkiitti jijjiiramu tokko dhiyeessuun akka isaan yaada barreeffamicha fakkiitti jijiiruu danda’an taasisuu qabu. Kun ammoo, ogummaa waan ilaalan tokko ibsuufi waan yaadaan jiru tokko gara waan mul’atuutti jijjiiruu akka guddifatan gargaara. Piroojeektiiwwan Dhuunfaafi Gareen Hojjetaman Akka barattoonni gareefi dhuunfaadhaan piroojeektii garagaraa hojjetan taasisuun ogummaafi ga’umsa yoomessa kalheddee keessatti tajaajilus akka gabbifatan godha. Hojii barattoonni gareen ykn waliin hojjetan kennuun, akka barattoonni suuteyyiifi ija laafeyyiin ofitti amanamuummaa horataniif isa kophaa kophaatti hojjetanii fooyya’anii akka argaman taasiisa. Kana malees, waliin hojjechuun walitti dhufeenya isaaniiratti, wantoota qaacceessuurratti, gadi fageessanii yaaduurratti, qindeessuurratti ga’umsa akka horatan taasisa. Kana galmaan ga’uufis akka barattoonni falmii, mariifi wkf keessatti qooda fudhachuun yaadaan morman, deeggaran, akkasumas, yaada waljijjiiran taasisuutu barsiisaarraa eegama. Adeemsi itti dhiyaachuu qabu ammoo barattoota qabxii olaanaa qabaniifi qabxiin isaanii gadaanaa ta’e, dhiiraafi dubara akkasumas magaalaa fi baadiyyaa jiraatan waliin makuun odeeffannoo barbaachisaa ta’e kanneen akka fakkii haasawaa taasifame, waan barreeffameefi wkf walitti qabachuun gareedhaan akka dhiyeessan taasifamuu qabu. Teeknoolojii Qunnamtii Odeeffannootti (TQO) Gargaaramuun Barachuu Barnoota mala ammayyaa bu’uura taasifateen barachuufi barsiisuun odeeffannoo saayinsiifi teekinoolojiirraa argametti gargaaramuun barbaachisaadha. Odeeffannoo kana argachuuf ammoo, raadiyoonii, televiijiiniifi interneetiitti gargaaramuun dirqama ta’a. Barsiisonni afaanii odeeffannoo ykn yaada namoonni dirree qo’annoo garagaraa qaama mala baruu-barsiisuufi qabiyyee barnootaatiin qaban argachuufi itti fayyadamuuf xviii xviii Seensa Waliigalaa Boqonnaa Tokko: Uffata meeshalee sub-qunnamtitti fayyadamuu qabu. Barnoota afaanii saffisiisuuf, meeshaalee sab-qunnamtiitti kanneen akka televijiinii teephiidhaan waraabuun dhaggeeffachiisuufi daawwachiisuun ogummaa dhaggeeffachuufi ilaalanii ibsuu akka danda’an taasisa. Kun barattoonni odeeffannoo meeshaalee wal-quunnamtii kanarraa argataniin waan barataniifi haala itti baratan fooyyeffachuun isa duraan kitaaba barnootaa qofaan gaggeeffamurraa adda ta’uu danda’u. Fedhii addaa daree baranoota afaanii keessatti miidhamni qaamaa, hubama sammuu miti. Barattoonni shaakala gilgaalota garagaraafi gargaarsa addaa barbaadan dagatamuu hinqaban. Barattootuma wajjiin ta’uun gargaarsa addaa yoo argatan haala gaarii dhaan barachuu kanneen danda’an xiyyeeffannoo bakka barbaachisutti gaaffiiwwan akka barattoonni karaa garagaraa deebii itti laatan kakaasu gaafadhu. Hanqina Xiyyeeffannoo Barattoonni tokko tokko waan tokkootti xiyyeeffannoo kennuu dadhabu. Kanneen akkasiitiif ammoo, Gilgaalootaafi dalagaalee ifaafi salphaatti xiyyeeffannoo isaanii hawwachuu danda’an qopheessuu . Gilgaalotaafi dalagaalee haala garagaraa keessatti barbaachisan waliin makuun dhiyeessuu. Haala isaanii hubachuun gosa gargaarsa kennamuu jijjiiruu Gargaarsa barattoota akkasiitiif taasifamu keessatti hiriyoota isaanii warra miidhama qaamaa hinqabne hirmaachisuu. Hanqina Yeroo Dheeraaf Yaadachuu Dhabuu Barattoota yeroo gabaabaa qofaaf yaadachuu danda’aniif qabxiileen itti aanan barbaachisoodha. Gilgaalota irra deddeebii qaban hojjechiisuu; osoo qabiyyee barachuuf deeman sanatti hinseenin waa’ee isa duraan baratanii gaafadhu. Barreeffama ifaa, salphaafi gabaabaa ta’e kennuufiin akka qajeelfamicha yaadatan taasisu. Akka isaan tasgabbaa’uun gaaffii dhiyaateef deebii kennan yeroo ga’aa kenniif. Akka isaan dafanii yaadatan hindoorsisin. xix Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 2 Miidhama Qaroo (visual impairment) Qabxiileen kanaan gadii barattoota miidhama qaroo qaban gargaaruuf eeraman. Fuuldura teessisuu Barreeffama gurguddisuu Yoo gonkumatti hinargan ta’e akka bireeliitti gargaarman taasisi. Kanaaf ammoo haala itti fayyadama bireelichaarratti leenjiin addaa kennamuufi qaba. Kanaafis nama ogummaa kanaan leenji’e qopheessuun haaldureedha. Miidhama Dhageettii Kallattiidhaan barattootuma sanatti dubbachuu Fuuldura teessisuu Itti agarsiisuun akka dubbatan jajjabeessuu (gabatee, fakkii wkf) Irradeeddeebi’uun jechoota ergicha baatan xiyyeeffachuu. Yoo barattoonni miidhama cimaa qaban jiraatan ammoo, daree baranoonni addaa ykn gargaarsi addaa itti taasifamaniif baruun barbachisaadha. Miidhama Qaamaa Barattoonni miidhama qaamaa ykn miilli citaa ta’an daree keessatti fuuldura akka taa’an gochuun gaariidha. Barsiisaan bulchiinsa mana barumsaatiin waliigaluun karaa isaan irra deeman ykn kursiin ittiin deeman akka tolfamu gochuufi barattoota hanqina akkanaa qaban, manni barumsaa akka baru taasisuu qaba. Barattoota Daran Cimoo Ta’an. Inni kun mudaa miti. Haata’u malee gargaarsa addaa barbaada. Barattoonni dafanii waan baratan hubatan haala warri suuta hubatan itti barataniin barachuun danqaa ykn nuffisiisaa itti ta’uu mala. Warra akkasiitiif barsiisaan gilgaala dabalataa kennuu qaba. Kana malees, barattoota warra kaan akka gorsan, karaa qabsiisan barsisaan jaratti fayyadamuu qaba. Dura bu’aa ykn qindeessaa garee taasisuunis barnoota isaanii saffisiisa. Kun ammoo, daran dammaqaa taasisuun dalagaa baruu barsiisuuf haala mijeessa. Korniyaafi Barnoota Afaanii xx Daree barnoota afaanii keessatti yeroo mara ta’uu baatullee, barsiisaa afaaniitiif ka’umsa tokko. Barattoonni dubaraa yeroo tokko tokko warra dhiiraa dursanii, yeroo kaan ammoo jara biraa baay’ee duubatti hafanii argamu. Kun dhiiraafi dubara gidduutti adda addummaa uuma. Seensa Waliigalaa Boqonnaa Tokko: Uffata Barattoonni dubaraa baay’inaan dubbachuu keessatti qooda fudhachuurratti yoo of-qusatan warri dhiiraa garuu baay’ee dubbachuufi gochaan agarsiisuu keessatti qooda fudhatu. Haata’u malee, lamaan isaaniiyyuu wal-qixa haala hunda keessatti hirmaachisuun ga’ee barsiisaati. Itti dabalees, dalagaalee ciccimoo kanneen akka wacanii dubbachuu tapha jechootaafi wkf keessatti qooda fudhachiisuun bu’aa qaba. Hojii garee keessattis dhiiraafi dubaraa waliin makuun lamaanuu akka wal-qixa qooda fudhatan taasisuun wal-qixxummaa isaanii mirkaneessaa deemuu ta’a. Sissi’eessa Barataafi Barsiisaa Sissi’eessi baranoota afaanii keessatti iddoo guddaa qaba. Barsiisaas ta’ee barataan sissi’aa’uu qabu. Bakka barachuufis ta’ee barsiisuuf sissi’aayinni hinjirretti galma ga’uu kaayyoo barnoota afaanii eeguun rakkisaadha. Kanaaf ammoo barsiisaas ta’ee barataan wal-dammaqsuus ta’ee of dammaqsuun dirqama isaaniiti. Kanaafis tooftaa garagaraatu jiru. Isaanis, kan kanaan gadiiti ta’u. Jajuu Barattoonni yeroo deebii deebisan ykn hojii bu’a qabeessa hojjetan jechaan jajjabeessuun bu’aa guddaa qaba. Barattoota jajuun akka fedhiin isaan barnootarratti qabaniif jajjabina argachiisa. Qabxiifi Yaada Jajjabeessu Kennuu Barsiisaan qabxii barattoonni argatan qixaan kaa’uufi yaada jara jajjabeessu biratti barreessuufii qaba. Barsiisonni tokko tokko qabxii barattootaa irratti hundaa’uun yaada abdii jara kutachiisu kennu. Yeroo yaaddeebiin laatamu ‘gaarii, baay’ee gaarii, ga’aa, akkasumaan itti fufi’ jechuun fayyadamuun milkaa’inaaf bu’uura. Karaa biraatiin, ‘dadhabaa, gadhee, gadaanaa, homaa gochuu hindada’amuufi wkf’ fayyadamuun gaarii miti. Qabanni isaa barattoota mogolee buusuun abdii waan kutachiisuufi. Waan hundaafuu akka garaa wanta gaarii ta’e tokkootti deemsisuun jajjabeeffamuu qabu. Sissi’eessa Barsiisaa Barsiisaanis kaayyoo barnootaa galmaan ga’uuf gammaduu qaba. Gammachuun kanaaf ammoo dhimmoonni kanaan gadii barbaachisoodha. Barsiisaan/barsiistuun ogummaa isaatiif/ishiitiif kaayyoo fi mul’ata ifa ta’e tokko qabaachuu qaba/qabdi. Walitti dhufeenyi inni ykn ishiin barsiisota biroo wajjin qaban gaarii ta’uu qaba/ qabdi. xxi Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 2 Bu’aa ba’ii jirenyaa jala dhaabbachuufi akkamitti akka keessumsiisan irratti ga’umsa qabachuu. Barsiisaan/barsiistuun yeruma mara milkaa’ina jiru jajjabeessuu, itti gammaduu qaba/qabdi. Madaallii barnoota afaanii keessatti adeemsa baruu-barsiisuu, barataafi barsiisaa madaaluun bu’aa guddaa qaba. Kunis, bakka fooyya’iinsiifi hiri’inni jiru addaan baasuun jajjabeessuufi fala barbaaduuf haala mijeessa. Kun ammoo, qulqullinni akka jiru addaan baafachuurratti fayyada. Madaallii Barataa Barsiisaan adeemsaafi dhuma barnoota wayitii tokkootti barattoota isaa madaaluuf gilgaalota garagaraa shaakalsiisuu qaba. Dhuma semisteraa irrattis ta’ee waggaatti barattoota madaaluun dirqama barsiisaati. Kanneen armaan gadii tooftaalee barsiisaan barattoota isaa ittiin madaalu. Haala Barattoonni Irra Jiran Sakatta’uu Barattoonni maalirra akka jiran addaan baafachuuf hojiiwwan isaanii daawwachuufi sakatta’uun barbaachisaadha. Kun ammoo, karaa alidilee ta’een hirmaannaa isaanii bu’uureffachuun ta’uu mala. Gilgaalonni gahumsa isaanii kana sakatta’uuf gargaaran kitaaba barataa keessatti haalaan dhiyaateera. Barsiisaanis gilgaalota kanatti dhimma ba’uun waan barattoonni isaa irra ga’an madaaluu qaba. Deebii tokkoon gilgaalota kanaa qajeelcha barataa keessatti dhiyaatee jira. Barsiisaan Madaaluu Barsiisaan gilgaalota qabiyyee barnootaa jalatti dhiyaatan hunda booda tooftaa mataa isaatti gargaaramee barattoota isaa madaaluu qaba. Kun ammoo, bakka hiri’inni jirutti fala barbaaduufi bakka fooyya’inni jirutti jajjabeessuuf gargaara. xxii Boqonnaa 1: Afaan akkamitti jalqabame? Boqonnaa 1: Afaan Akkamitti Jalqabame? (Wayitii 10) Dheerina wayitii tokkoo daqiqaa 40 Seensa Boqonnichaa Boqonnaa kana keessatti barattoonni yaadxiina namoonni waa’ee afaanirratti kaasan muuxannoo duraan qaban wajjin waliitti fidanii bakka hubannoo isaanii itti gabbifataniidha. Adeemsa kana keessa ogummaawwan afaanis nigabbifatu. Akkasumas, caasluga afaanichaa nihubatu. Fakkeenyaaf,faayidaa ammeennaafi amsiiqaa, akkaataa jechoonni itti birsagaahan, faayidaa sirni tuqaalee barreeffama keessatti qabuufi barreeffamoota jalqabamanii hafan xumuruun hubannoo isaanii nicimsatu. 1. Kaayyoo: Barnoota Boqonnaa Kanaatiin Booda: faayidaa afaanii muuxannoo hanga ammaa qaban wajjin walitti fiduun hubannoo cimsatu. afaan ulaagaalee sabni tokko saba biraarraa adda baasuuf dandeenyu keessaa isa guddaa ta’uu hubatu. faayidaa(tajaajila) afaan hawaasa keessatti qabu hubatu yaadota afaan akkamiatti jalqabame ibsuu yaalaan keessaa isaan gurguddaa ta’an lamaan adda baafatu. afaan guddina namaa kan hojiirratti hundaa’ee wajjin walqabatee akka dhufe hubatu. haala jechoonni ittii birsagahaan hubatu. Fkn. Jechi tokko kan uumamuu sagaleeleen walitti dhufanii yemmuu ta’u, sagaleeleen kun ammoo birsaga uumu. Jechi tokko birsaga heddu qabaachuu danda’a. Fkn. Waaqa _________ birsaga lama qaba Laga ___________ birsaga lama qaba Birsaga _________ birsaga sadi qaba. 1 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Faayidaa sirni tuqaalee yaada xumuraa qaban hubatu. Fkn. Sirna tuqaalee sadeen gurguddaa dhumatti yaada galan nihubatu. ( tuqaa (.), (mallattoo gaaffii (?), (mallattoo raajeffannoo (!) Sirni tuqaalee yaada xumuraaf oolan eenyufaa akka ta’e nihimu. Barreeffama keessatti mallattooleen sirna tuqaalee osoo jiraachuu baatee maaltu akka uumamu niqalbeeffatu. Jechoota kophaatti bahanii kennaman kan hiikan walfakkaatan dubbisicha keessaa barbaadanii niargatu. Yaada (seenaa) jalqabamee hafe tokko haala fudhatamuu qabuun nixumuru Gosoota hennaa keessaa lama hubatu. 2. Qabiyyee Dhaggeeffachuufi Dubbachuu Barreeffama“Maatii Afaanota Afroo-eeshiyaa” jedhu Hiika jechoota Barreessuufi dubbachuu Dubbisuufi Dubbachuu Dubbisa “Afaan Akkamiitti Jalqabe?” jedhu Shaakala yeroo dubbisuu • Hiika jechootaa akka galumsaatti Caasluga Jechoota birsageessuu. Sirna tuqaalee Hennaa ammeennaafi amsiiqaa hubattu. 2 • Qayyabannoo Barreessuu. Yaada jalqabamee tokko xumuruu. Boqonnaa 1: Afaan akkamitti jalqabame? 3. Mala Baruu-barsiisuu Barannoo 1: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu Gilgaala 1: Shaakala Dhaggeeffachuun Duraa Kaayyoon shaakala dhaggeeffachuun duraa (gilgaala 1A) kanaa wanta barattoonni barachuuf yaalan tokko wanta isaan hanga guyyaa sanaatti beekan wajjin walqabsiisuufi. Kanaafuu, kanatu sirriidha yookiin kanatu sirrii miti osoo hin jedhiin barattoonni wanta isaaniitti fakkaatu gaaffiiwwan shaakala dhaggeeffachuu duraa kana jalatti ka’an irraiitti yaada isaanii soda malee akka ibsan jajjabeessuufi gargaaruuf yaali. Akkasumas hiika jechoota osoo gara dhaggeeffachuu ce’in hubannoo gufachiisan jedhaman kana hiika isaanii tilmaamsisi. (1) qu’annoo adeemsisu (2) hawaasa (3) milkaa’ina dhabuu Kana booda qajeelfama ifa ta’e afaaniifi barreeffamaan barattoota kennuufin barbaachisaadha. Gilgaala 2: Shaakala Yeroo Dhaggeeffachuu Shaakala kana jalatti barattoonni gaaffiiwwan gilgaala 2A jala jiru akka dabtara isaanirratti garagalfatan itti himi. Mata duree akka dhaggeeffataniif qophaayee gabateerratti barreessi. Sana booda barreeffama ati dubbisituuf irratti hundaa’anii iddoo duwwaa isaaniif laatame akka guutan godhi. Barreeffamicha si’a 2 ykn 3 irra deebi’ii dubbisiif. Kana booda deebii isaanii hiriyoota isaanii wajjin walitti agarsiisuun akka isaan of madaalan erga gootee booda dareef yaa dhiyeessan. Kana booda deebii isaa gabateerratti barreessiif. 3 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Maatii Afaanota Afroo Eeshiyaa Afaanonni Afroo Eeshiyaa biyyoota Kaaba Afrikaatiifi jiddugaleessa Baha Afrikaatti afaanota baay’inaan dubbatamaniidha. Afaanonni kun 250 yemmuu ta’an dubattoota miliyoona torbaatamaa ol ta’an qaba. Afaanonni Afroo Eeshiyaa bakka shan gurguddaatti qoodamuu danda’u. Isaanis: Afaan warra Misraa/Gibtsii/, Afaan warra Kuush, Afaan Barbaar, Afaan Chaadiifi Afaan Seematikiti. Afaan warra Misraa durii dhaloota kiristoos dura waggoota kuma sadiif dubbatamaa ture;yeroo ammaa garuu, mana itti fayyadamaa jiru. Afaan warra Kuush amantaa keessatti ammoo,biyyoota akka Suudaan,Itoophiyaa,Suumaaleefi Keeniyaatti kan bal’inaan dubbatamuudha. Afaanonni kunis, Afaan Orommoofi Afaan Sumaaleeti. Afaan Barbar ammoo, bal’inaan Aljeeriyaa, Morokoofi Nijeeritti dubbatama. Afaanonni kunis Tureegi,Tamazaayit, Zeenagaafi Kabalaayi kanneen jedhamaniidha. Inni biroo ammoo, Afaan Chaadik yoo ta’u kunis, kan dubbatamu,Naayijeeriyaafi Chaad keessattiidha. Afaan kunis Afaan Hawusaati. Maatiin biroo ammoo, Afaanota Seematiiki. Isaanis, Afaan Hibruu, Afaan Baabiloonota afaan Moo’abitee, Afaan Amaaraafi Arabaati. Afaanonni kun kan beekaman hundeen jecha isaanii dubbifamaa ta’uudhaani. Afaanonni har’a addunyaa kanarra jiran kun kan dhalate dhalatee, kan du’e du’ee sadarkaa har’a gahe kana irraa gahee jira. Hawaasni afaan isaatiin dubbachuu, barreessuu, dubbisuu, qorachuu, walumaagalatti ittiin hojjechuu yoo hindandeenye guddinni hawaasichaa siyaasan, aadaan dinagdeen, barnootan hawaasummaan gufateera jechuudha. Gilgaala 2B 1. soba. Bakka gurguddaa shaniitti qoodama 2. soba. Maatii seem keessatti ramadama 3. soba. Aljeeriyaa, Morokoofi Nijeeritti dubbatama 4. soba. Misraatti dubbatama 5. dhugaa 4 Boqonnaa 1: Afaan akkamitti jalqabame? Gilgaala 3: Shaakala Dhaggeeffachuun Boodaa Gulantaan kun barattoonni shaakala dhaggeeffachuun duraafi yeroo dhaggeeffachuu wanta qayyabataniin muuxannoo isaanii akka gabbifachuu danda’an bakka itti taasistuudha. Kanaaf, gilgaala qayyabannaaf dhiyaate akkuma ajaja isaattii hojjechiisi. Barannoo 2: Dubbisuufi Dubbachuu Gilgaala 4: Shaakala Dubbisuun Duraa Kaayyoo shaakala dubbisa duraa kanaa(gilgaala 4) wanta barattoonni barachuuf yaalan tokko wanta isaan amma guyyaa sanaatti beekan wajjin walqabsiisuufi. Kanaafuu, kanatu sirriidha yookiin kanatu sirrii miti osoo hin jedhiin barattoonni wanta isaaniitti fakkaatu gaaffiiwwan shaakala dubbisa duraa jalatti ka’aniirratti yaada isaanii sodaa malee akka ibsan jajjabeessuufi gargaaruun sirraa eegama. Jechoonni yeroo dubbisaa hubannoo isaanii hir’isuu danda’an hiika isaanii akka tilmaaman gochuun hiika isaanii barreessuufi barbaachisaadha. Deebii Gilgaala 4B Fkn. Falaasama – tilmaama xiinsammuu wajjin walqabate. Saba- lammii /ummata / Gadda – naasuu Gilgaala 5: Shaakala Yeroo Dubbisuu A jalatti gaaffileen hojjetaman osoo gara dubbisuutti hinseenin dura qajeelfama kennuufin barbaachisaadha. Kunis, dubbisa dhiyaateef osoo dubbisuu hineegaliin gaaffiiwwan yeroo dubbisaa akka dubbisanii qalbiitti qabatan itti himi. Kana booda saffisaafi cal’isaan daqiiqaa 7-8 yeroo ta’u keessatti akka xumuraniif, yeroo qabuufin barbaachisaadha. 1. Afaan ilmaan namaa akkamitti akka eegale ibsuudha. 2. Keeyyata 3ffaa 3. Keeyyata 2ffaa 4. Yaanni ka’uu danda’u. Afaan kennaa Rabbiiti Yaanni lama jiraachuu isaa: 5. 5 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Rabbitu afaan uumee fedhii isaa tanaan carraaqqii dhalli nama Waaqaan qixxachuuf godheetti afaan isaanii gargar baase. Warri yaada saayinsii hordofumoo namoonni bakka adda addaatti faca’anii jiraatan looga adda addaa uumuudhaan yeroo dheeraa keessa afaan adda addaa dubbachuu jalqaban jedhu. B. Gaaffiiwwan dhiyaatan ergaa dhugaa ykn soba jedhanii deebisanii booda sababa dhugaa ykn soba jedhaniif akka ibsan taasisi. 1. Soba Yaanni ka’uu danda’u: Gaaffii afaan akkamaitti jalqabame jedhuuf kan warra yaada kana qofa qabantu sirriidha jechuun hindanda’amu. Sababni isaas, yaadonni ka’an hundi isaatu akka yaadatti deeggartoota mataa ofii qabu waan ta’eef kana qofatu sirriidha kan jedhamu hinjiru . Yaadonni hunduu ciminaafi dadhabni mata isaa qaba waan ta’eefi. 2. Soba. Yaanni ka’uu danda’u: Daa’imni saba kamiirraayyuu dhalatte haaluma tokkoon nyaachuu deemuus barti. Gochi godhamu walfakkaata. Afaan garuu akkas mitii. Afaan waalfakkaatu hindubbatan daa’imman iddoo adda addaati. 3. Dhugaa. Yaanni ka’uu danda’u: Aadaan baattuu afaaniiti. Afaaniin aadaa ofii ibsatan Yoo afaan guddate aadaan guddata 4. Soba Yaanni ka’uu danda’u: Yaada tokko qofatu sirriidha jechuun hin danda’amu Yaanni kamiyyuu deeggartoota isaa biratti sirriidha. 6 Saba adda addaarraa dhalatan afaan tokko hin dubbatan. Boqonnaa 1: Afaan akkamitti jalqabame? 5. Soba Yaanni ka’uu danda’u: Yaanni kun akka garee warra Rabbiitu addaan baase jedhuutti sirriidha. Garuu gareen biroo kan yaada kana hin deeggarre waan jiruuf sirriidha jechuun rakkisaadha. Deebii Shaakala C. 1. Kana ykn sanatu sirriidha jechuu osoo hinta’iin, barattoonni deebii isaanii sababa amansiisaa ta’een deeggaruun akka ibsan jajjabeessi. 2. Sabni tokko aadaa isaa kan ibsatu afaan isaatiini. Aadaan ammoo eenyummaa saba tokkoo ibsa. Akkasumas, sabni tokko afaan dubbatuun saba biraarraa adda bahee beekama. 3. Afaan meeshaa wal-qunnamtii uummataa waan ta’eef, seenaa keessatti sochii jireenyaaf taasisaa ture keessatti afaan dirqama barbaachisa waan ta’eef. 4. Namoonni kaan akka beektota afaaniitti itti dhimmamanii waa’ee barbaachisummaa afaanii hinyaadan. sababni isaas, afaan hagana maraa faayidaa qabeessa jedhanii wanta hinyaadneef. Deebii Gilgaala 6: Shaakala Hiika Jechootaa Jechoonni haala adda addaa keessatti hiika adda addaa qabaachuu danda’u. Kanaaf akkaatuma gaafatamaniin akka deebisan godhi. Deebii gilgaala 6: 1. A. Callaa 2. B. qaabachuu 4. A. Dallanuu 5. B. Walgituu 3. D. Faayidaa Gilgaala 7: Shaakala Dubbisuun Boodaa Deebii gilgaala 7 A. Dubbisa dhiyaateef erga dubbisan booda muuxannoo duran qaban bakka itti guddifatan qofa osoo hinta’in iddoo itti yaada ofii calaqqisiisan, yaada biroos kaasuun bakka namoota itti amansiisuuf carraaqaniidha. Kanaaf, akkaatuma 7 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 ajaja kennameef irratti hundaa’uun gaaffiiwwan dhiyaatan akka deebisan godhi. B. Gaaffiiwwan kanneen erga afaaniin daree keessatti irratti mari’atanii booda, yaada ofii barattoonni itti dabaluun keeyyata tokko tokko akka irratti barreessanii dareef dhiyeessan taasisi. Dubbisa “Afaan akkamitti jalqabame?” jedhu erga dubbisiistee booda. Yaada dubbisichaa gabaabsanii keeyyata lamaan barreessanii dareef akka dhiyeessan godhi. Barannoo 3: Caasluga Gilgaala 8: Shaakala Birsagaa As jalatti dhimmoota seera caaslugaa qabiyyee adda addaa jalatti kaafta. Isaanis, faayidaa birsagaafi haala itti uumamu, haala itti fayyadamiinsa sirna tuqaalee barreeffama keessattifi gosoota henna keessaa lamaan tokko (faayidaa ammeennaafi amsiqaa) adda baasuun akka qayyabatan gochuudha. Gilgaala 8 A. Gilgaala kana jalatti barattoonni yaada isaanii muuxannoo qaban irratti hundaa’uun akka ibsan godhi. Yaadannoo Birsaga Afaan Oromoo Afaanonni Caasaa birsagaa eeyyamaniin, xiimsagaatiin (Phonologically) gargar bahu. Afaan Ingilizii (Fkn. Screen), Jarmanii Fkn. Angst) qindoomina /irra buta (clusters) lamaa ol jalqabaafi dhumarratti birsaga eeyyamanii ala, afaanonni hundumtuu caasaa birsaga qabu. Birsagni gurmuu jechi kamiyyuu ittiin addaan qoodamu irra caalaa duraan yookiin boodaan kan dubbifamaafi dubbachiiftuu tokko qabatu jedhama. Birsagni Afaan Oromoo dubbifamaa ykn dubbachisaan kan jalqabuudha. Jechoonni hundeen Afaan Oromoo dubbachisaa dheeraa qaban 8 Boqonnaa 1: Afaan akkamitti jalqabame? kamiyyuu caasaa kanneenin ala hin ta’an. Fkn. (a) Sun (dmdsdm) birsaga tokko (b) Deemmaa(dmdsdm,dmds ) birsaga lama (c) Qullubbii (dmdsdm, dmdsdm,dmds) birsaga sadi (d) Obboleettii (dsdm, dmds, dmdsdm, dmds) birsaga afur. B. (a) Kam birsaga tokko (b) Tokko birsaga lama (c) Lama birsaga lama (d) Shan birsaga tokko (e) Aadaa birsaga lama (f) Qullubbii birsaga sadi (g) Obboleettii birsaga sadi (h) Maqaa birsaga lama (i) Odaa bisaga lama (j) Gadaa birsaga lama (k) Ejersa birsaga sadi (l) Finfinnee birsaga sadi Gilgaala 9: Shaakala Sirna Tuqaalee Sirni tuqaalee barreeffama tokko barreeffama guutuu taasisuu ykn himni tokko hima guutuu taasisuuf faayidaa hanga kana hinjedhamne qabu. Boqonnaa kana keessatti sirna tuqaalee yaada xumuraa qaban irratti xiyyeeffannaa kennuun faayidaa isaanii calaqqisiisi. Deebii Gilgaala 9 A: Gilgaalli kun muuxannoo barattootaa gara mata dureetti fiduuf waan ta’eef barattoonni sodaa tokko malee muuxannoo isaanii akka ibsan jajjabeessi yookiin gargaari. B: Himoota armaan gadii baratoonni yaada isaa guutuu taasisuuf sirna tuqaa 9 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 iddoo barbaacissuutti galchuu isaanii mirkaneeffadhu. 1. Qalbeessaan kaleessa Finfinnee gale. 2. Haati Eebbaa, Eebbaan barumsa isaatiin tokkooffaa baanaan, ishoo! yaa korma koo jetteen. 3. Qormaanni Heeregaa kan kaleessa qoramne sun niulfaata. 4. “Ee banne !” jedhe Guddataan leenca argee. 5. Gadaan Oromoo waggaa saddeetin marsa. 6. Har’a moo boru gara Arsii deemta? Yaadannoo Sirna Tuqaalee Yaada Xumuruuf Oolan. A. Tuqaa (.) Mallattoon tuqaa yaada tokko ykn hima tokko barreeffama keessatti guutuu taasisuuf mallattoo dhimma itti baanuudha. Akkasummas, mata duree guddaa mata duree xiqqaarraa adda baasuuf, lakkoofsa gargar qoonnee dhimma adda addaa itti bahuuf nufayyada. Fkn. Hima golabuuf: Tolaan dhufe. Biiftuun kaleessa gale. Mata duree guddaa isa xiqqaarraa adda baasuuf : Fkn. 1. Sirna tuqaalee yaada xumuraaf oolan 1.1. Mallattoo tuqaa /. / 1.2. Mallattoo gaaffii (?) 1.3. Mallattoo raajeffannoo (!) Lakkoofsa armaan olii kana haala kanaan adda qooduuf nufayyada. B. Mallattoo Gaaffii (?) Barreeffama keessatti dhimmoota gaaffii ta’aniif nufayyada. Akkasumas, himoota gaaffii ta’an dhumarratti galuun yaada ittiin goolabna. 10 Boqonnaa 1: Afaan akkamitti jalqabame? Fkn Har’a moo boru dhufta? Qormaanni kaleessaa sun niulfaata mitii ? C. Mallattoo Raajeffannoo (!) Dhimmoota raajii ta’an, yeroo gammanne, gaddinee, ajaa’ibsifanne ittiin mul’isuuf mallattoo dhimma itti baanuudha. Fkn. Yaa Waaq! Situ beeka. Ishoo! Yaa korma koo. Gilgaala 10: Shaakala Hennaa Deebii Gilgaala 10 A. Gaaffileen gilgaala kana jala jiran muuxannoo barattoonni mataduree kanarratti qaban kanneen gaafataniidha. Gaaffilee kana barattoonni sodaa tokko malee akka yaada isaanii ibsataniif dhimma itti bahi, malee deebii sirriin isa kana kun sirrii miti gara jedhutti hindeemin. Dhumarra itti deebi’anii akka mirkaneeffatan godhi. B. Gochoota Hennaa ammeennaa agarsiisan (a) Tulluun nisirba. (b) Ibiddi niguba. (c) Abbaan koo baadiyyaa jiraata. (d) Feeneet ganamaan gara mana barumsaa deemti. C. Gochoota Hennaa amsiiqa agarsiisan (e) Ani barachaan jira. (f) Tolaan qotaa jira. (g) Magartuun sirbaa jirti. (h) Laaqana kiyya nyaachaan jira. 11 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Yaadannoo Waa’ee Ammeennaafi Amsiiqaa Henna Gochi tokko yeroodhaan raawwatama. Gochi kan kanaan dura raawwatame yookiin gara fuulduraa kan raawwatamu ta’uu danda’a. Gochi kan dabre kanaan dura kan raawwatame hoggaa ta’u, dabrennaa, amma kan raawwatamaa jiru hoggaa ta’u ammeennaa gara fuulduraa kan raawwatamu hoggaa ta’ummoo duranaa jedhama. Ammeennaa Ammeennaan gocha amma raawwatamaa jiru yookiin yeroo maraa dhugaa ta’e (universal truth) yookiin yeroo maraa raawwatamu, yookiin gara fuulduraa raawwatamuuf jedhu mul’isa. Fkn. (a) Tulluun ni sirba (b) Ibdiddi niguba (c) Abbaan kiyyaa baadiyyaa jiraata (d) Biiftuun ganamaan gara mana barumsaa deemti. Himoota a, c fi d keessatti wixina gochimaarratti latii (-a) fufuudhaan gocha amma raawwatamaa jiru yookiin gara fuulduraaf raawwatamuu jedhu mul’isa. Himni b. waan yeroo maraa dhugaa ta’e agarsiisa. Amsiiqaa Amsiqaan gocha hinraawwatamne yookiin yeroo gabaabaaf ta’e yeroo dheeraadhaaf raawwatamaa jiru mul’isa. Fkn. (a) Dhiyana kiyya nyaachaan jira. (b) Ani barachaan jira. (c) Magartuun sirbaa jirti. Himoota a, b, c, fi d keessatti latiin / -aa/ wixine gochima muummeerratti fufamee akkasumattis himoota a, b, c, keessatti latiin / -a/ wixina tumsiirratti fufame amsiqaa mul’isa. 12 Boqonnaa 1: Afaan akkamitti jalqabame? Barannoo 4: Yaada Jalqabamee Hafe Xumuruu Deebii Gilgaala 11 A. 1. B 2. A B 1. Abbaan konkolaataa tokko osoo konkolaataa isaa oofuu namoota lama kan wallola jiran argee araarsuuf konkolaataa isaa dhaabe bu’e. Namoota wallolan keessaa tokko buruqee jira. Abbaan konkolaatichaa kun namicha buruqe sana mana yaalaa geessuuf konkolaataa isaa yaabbachisee fuudhee adeeme. Kanarratti garuu konkolaatichi garagalee namichi burqe sun du’e. Sanaan booda abbaan konkolaatichaa hidhamee mana murtiitti dhiyaate. A. Abbootiin seeraa dubbii kanarratti erga walmari’atanii booda namni du’e kun osoo buruquu baatee konkolaataa kana yaabbatee hindu’u jedhanii du’a namtichaatiif itti gaafatamaan isa bauruqse jedhanii murteessan. Abbaa konkolaatichiaa ammoo gocha gaarii hojjateef galateeffatanii toluma gadi dhiisan. Yookiin. B. Abbootiin seeraa dubbii kanarratti erga walmormanii booda namni buruqe hundi ni du’a jechuu waan hin dandeenyeef lubbuu namicha du’e kanaaf itti gaafatamaan abbaa konkolaatati jedhanii murteessan. HUB. Yaada murtii armaan olitti dhiyaatan malee kan barattoonni dhiyeessan harkaa fuudhuun dhumarratti akka waliigalan taasisuun sirraa eegama. 4. Gaaffiwwan Keessa Deebii A. Gaaffiwwan armaan gadii keessaa yaada sirrii ta’e dhugaa kan sirrii hintaane soba jechuun sababa kee wajjin ibsi. 1. Akkuma maddi dhala namaa Itoophiyaa ta’e, maddi afaanis Itoophiyaadha. 2. Maddi afaanii kennaa Waaqati warri jedhan karaa sirri jiru. 3. Akka warra saayinsiitti afaan adeemsa keessa meeshaa guddaa ilmi namaa uummateedha. 13 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 4. Waa’ee madda afaanii qu’achuuun hojii Waaqaa keeessa galuudha. 5. Afaan addunyaa kanarratti wanti adda adda ta’eef, waan namni walirraa fagaatanii jiraniifi. B. Jechoota armaan gadii birsageessuun agrsiisi. 1. aanaa 2. faallaa 3. hinkoo 4. adeemsagochaa 5. aammeennaa 6. fuullee 7. madda 8. magaalaa 9. Adaamaa 10. bareeda C. Himoota hennaa ammeennaafi amsiiqaa agarsiisan shan shan barreessi. Madaallii Seensa Madaalliin gosa barnoota kam keessattuu barbaachisaadha. Keessaayyuu barnoota afaaniif, daran murteessaadha. kunis,barnoonni afaanii madaallii guyyaa guyyaan goonu baay’ee barbaada. Kanaaf madaalli itti fufinsa qabu gochuun kaayyoo kee galmaan gahuuf baay’ee si fayyada. Boqonnaa kana keessatti ogummaawwan afaanii hedduutu madaalama. Fkn. Haala jechoonni bakka galusaatti qabaatan, akkaataa jechoonni itti birsageessaman, faayidaa sirni tuqaalee barreeffama keessatti qaban,yaada jalqabamee hafe xumuruufi 14 Boqonnaa 1: Afaan akkamitti jalqabame? faayidaa hennaa ammeennaafi amsiiqaa ogommaawwan gurguddaa afaanii yeroo galmaan gahuuf deemnu adeemsa keessa isan kanas madaaluun baay’ee bu’a qabeessa nutaasisa 5.1 Dhaggeeffachuufi Dubbachuu Ogummaan kun shaakala dhaggeeffachuu duraa keessatti kan madaalamuudha. Iddoo kanatti barattoonni gareen ta’uun muuxannoo isaanii karaa ittiin gara dhaggeeffanatti finnuudha. 5.2 Barreeffama “Maatii Afaanota Afroo Eeshiyaa” jedhu yeroo dubbistuuf barattoonni gilgaala kennameef hojjechuu isaanii mirkaneeffadhu. . Barreeffamicha si’a lamaa–sadi irra deebi’ii dubbisiif yeroo kana barattoonni hojii kennameef hojjechuu isaanii to’achuuf akka deebii isaanii dareef dhiyeessan taasisuun mirkaneeffadhu. 5.3 Jechoota akkaataa galumsa isaaniitti itti fayyadamu isaanii mirkaneeffadhu. 5.4 Ogummaa barreessuufi dubbachuu. Barreeffamicha erga dhaggeeffatan booda gilgaalota hubannoo wanta dhaggeeffataniifi muuxannoo qabaniin walitti fiduun akka barreessaniifi dubbatan gochuun ykn akka mari’atan godhuun barbaachisaadha. 5.5 Ogummaa Dubbisuufi Dubbachuu Akkuma yemmuu dhaggeeffachuu, shaakala dubbisuun duraa keessattis barattoonni soda tokko malee yaada isaanii akka afaaniin ibsatan jajjabeessi. 5.6 Dubbisa “Afaan akkamiitti jalqabame?” jedhu 5.6.1 Dubbisicha yeroo ati kennituuf keessatti cal’isaaniifi dhuunfaan dubbisuu isaanii too’adhu. 5.6.2 Dubbisicha dubbisaatii gaaffiiwwan kennameef hojjechaa deemuu isaanii mirkaneeffadhu. 5.6.3 Dubbisicha erga dubbisanii booda gaaffiiwwan ati dubbisichaafi muuxannoo isaanii walqabsiiste gaafattu akka barreeffamaafi dubbachuudhaan dareef dhiyeessan taasisi. 15 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 5.7 Jechoota Jechoonni dubbisa keessaa bahan akkaataa galumsa isaaniitin galchuu isaanii miarkaneeffadhu. 5.8. Caasluga 5.8.1 Jechoota birsageessuu Birsagni Afaan Oromoo keessatti maal akka fakkaatu hubachuuf gilgaala 8 Afi B qophaayee kennuufiin akka deebii isaan dareef dhiyeessan taasisuu mirkaneeffadhu. 5.8.2 Sirna tuqaalee yaada xumuraa qaban Mallattoolee yaada xumuuruuf oolan kana barreeffama keessatti dhimma itti bahu isaanii mirkaneeffadhu. 5.8.3 Gosootoa henna keessaa faayidaa ammeennaafi amsiiqaa gilgaala 10Afi B jalatti gaaffiiwwan qayyabannoo dhiyaatan kennuufin akka adda baafatan taasisi. 5.9 Ogummaa Barreessuu Seenaa (yaada) jalqabame hafe adda addaa gilgaala 11AfiB jalatti laaataman hojjechisuun barattoonni karaa sirrii ta’een xumuruu danda’uu isaanii hubadhu. Barattoonni wanta kana hinqayyabanne yoo ta’e gilgaala biroo qopheessuun irra deebi’anii deebii isaan kennan to’achuun gaariidha. Mata dureewwan adda addaa kennuufin akka keeyyata adda addaa ijaaruun dandeettii barreessuun ergaa isaanii dabarfachuu danda’uu isaanii hubadhu. 16 Boqonnaa 2: Dhukkuboota wal-qunnamtii saalaatin darban Boqonnaa 2: Dhukkuboota Wal-Qunnamtii Saalaatin Darban (wayitii 11) Seensa Boqonnichaa Boqonnaa kana keessatti barattoonni dhukkuboota walqunnamtii saalaatiin darban akkaataa isaan ittiin daddarbaniifi haala ittiin ofirraa ittisuun danda’amu bakka itti hubannoo isaanii cimsataniidha. Keessumaa dhukkubni bara kana dhala namaa fixaa jiru/HIV/AIDSiin/haala dhaggeeffachuufi dubbisa keessatti dhiyaachuun isaa xiyyeeffannaa kennamuufin dhimma qabu waan ta’eefi. Fakkii dhiyaate akka irratti mar’atanii gochuun baay’ee barbaachisadha. Adeemsa kana keessas, dandeettiiwwan afaanii nicimsatu. Fakkeenyaaf, maalummaafi gosoota fufuu, akkaataa uumamsa tishoo,hennaa raawwima ammeennaafi darbennaa, gosootaafi maalummaa latii irratti hubannoo cimsatu. 1. Kaayyoo: Barattoonni boqonnaa kana erga xumurran booda: Muuxannoofi beekumsa kanaan dura mata duree kana irratti qabun gumaachu. Jechootaaf hiika kallattii/moggoo/ kennu. Maalummaafi gosoota maxxantoota addaan baafatu. Jechoota tishoofi akkaataa jechoonni tishoo itti ijaaraman hubatu. Hennaa raawwiima ammeennaafi darbeennaa adda baafatu. Maalummaa latiifi gosoota isaa gabbifatu. 2. Qabiyyee Ogummaa dhaggeeffachuufi dubbachuu. Gilgaaloota hubbannoo kanneen ogummaa barreessuufi dubbachuuf oolan. Gilgaaloota hubbannoo kanneen dogummaa barreessuufi dubbachuuf oolan Fuftoota boodaa. Jechoota akka galumsaafi moggoo isaanii. Akkaataa uumamiinsa jechoota tishoo. Faayidaa hennaa raawwiima ammeennaafi darbeennaa. 17 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Waliin Dubbii Maalummaa barreessuu. 3. Mala Baruu-Barsiisuu Barannoo 1: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu Gilgaala 1: Shaakala dhaggeeffachuun Duraa Kaayyoon shaakala dhaggeeffachuun duraa kanaa wanta barattoonni barachuuf yaalan tokko wanta isaan hanga guyyaa sanaatti beekan wajjin walqabsiisuufi. Kanaafuu, kanatu sirriidha kun ammoo sirrii miti osoo hin jedhiin barattoonni wanta isaaniitti fakkaatu gaaffiiwwan shaakala dhaggeeffachuun duraa kana jalatti ka’an irratti yaada isaanii sodaa malee akka ibsan jajjabeessuufi gargaaruu yaali. Kana booda qajeelfama ifa ta’e afaaniifi barreeffamaan barattootaa kennuufiin barbaachisaadha. 18 Gilgaala 2: Shaakala Yeroo Dhaggeeffachuu Shaakala kana jalatti barattoonni gaaffiiwwan gilgaala 2A jala jiru akka dabtara isaanirratti garagalfatan itti himi. Mata duree akka dhaggeeffataniif qophaaye “HIV/AIDSii” jedhu gabateerratti barreessi. Sana booda /barreeffamma ati dubbistuuf irratti hundaa’anii iddoo duwwaa isaaniif laatame akka guutan godhi. Barreeffamicha ( HIV/ AIDSii” jedhu. Kana si’a 2 yookiin 3 irra deebi’ii dubbisiif. Kana booda deebii isaanii hiriyoota isaanii wajjin walitti agarsiisuun akka isaan of madaalan erga gootee booda dareef haa dhiyeessan. Kana booda deebii isaa gabateerratti barreessiif. HIV/AIDSii Addunyaa kana irra dhibeewwan hedduun turaniiru, ammas hedduun jiru. Dhibeewwan kanneen keessaa tattaaffii ilmaan namaatiin kana to’ataman, kan dhabamsiifamaniifi kan yeroo yerootti dawaa barbaachisuun ittifaman jiru. Haa ta’u malee, waggoota muraasaa as, dhibeen qoricha ittiin fayyan hinqabne badadaman, ilmaan nama badachu tokko balaa cimaa geessisaa jira. Dhibeen kunis HIV AIDSiidha. Boqonnaa 2: Dhukkuboota wal-qunnamtii saalaatin darban Dhibeen HIV/AIDSii hanga yoonaatti akka qoratameetti karaa adda addaa darba jedhama. Isaanis: gudeeddii to’annaa malee raawwatamu, dhiiga haadha dhukkuba kana qabu irraa dhalatti darbu, dhiiga nama dhukkuba kanaan faalame fudhachuufi sibiila qara qaban adda addaa kan namni dhukkuba kana qabu ittiin fayyadametti fayyadamuudha. Akka ragaan qorannoo ibsutti, namoonni umriin waggaa 15 hanga 49 jiran keessaa baay’een isaanii balaa dhibee kanaaf salphaatti saaxilamu. Sababni isaas namoonni umrii caqafame kana keessa jiran, qunnamtii saalaa gochuu kaka’umsa cimaafi gahumsa waan qabaniifi. Umriin kun yeroo itti baratanii beekumsa horataniifi dandeettii gonfatan akkasumas yeroo hojjetanii oomisha gaarii argataniifi tajaajila quubsaa itti kennan ta’uun isaa beekamaadha. Walumaagalatti, dhibeen HIV/AIDSii kan walgargaaranii of irraa faccisan dhibee balaa du’aa fidu ta’eera. Haalli ittiin of irraa faccisan kun, dura karaa inni ittiin darbu beekanii argamuudha. Karaa isaa beeknaan immoo of eeggannoo gochuudhaan balaa irraa of baraaruudha. Mammaaksis “Lubbuun abbaan hineegne lama hinbultu “. Jedha mitiree? Kanaafuu, balaa kana irraa of eegnee kaawwanis akka of eegan gochuun dirqama yeroo ammaa keessa jiru ta’uu isa hubachuun barbaachisaadha. Deebii Gilgaala 2 1. ammas A. 2. darba 3. baay’een, balaa, salphaatti eeganii, hubachuun 5. 1. B 4. beekanii 4. D Gilgaala 3: Shaakala Dhaggeeffachuun Boodaa Gulantaa kana jalatti barattoonni shaakala dhaggeeffachuun duraafi yeroo dhaggeeffachuutti wanta qayyabatan muuxannoo isaanii guddifachuu akka qaban iddoo itti taasisituudha. Kanaaf, gilgaala qayyabannoof dhiyaate kana akkuma ajaja isaatti hojjachiisi. Gaaffiiwwan gilgaala 3 jala jiran deebii tokkoofi 19 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 tokko qofa hinqabaatu. Iddoon kun iddoo yaanni dhuunfan itti calaqqisu waan ta’eef barattoonni tokko tokkoon gaaffiiwwaniitiif akka yaada mataa isaanii calaqqisisan taasisi. Barannoo 2: Dubbisuufi Dubbachuu Gilgaala 4: Shaakala Dubbisuun Duraa Kaayyoon shaakala dubbisa duraa kanaa wanta barattoonni barachuuf yaalan tokko wanta isaan hanga guyyaa sanaatti beekan wajjin walqabsiisuufi. Fakkeenyaaf gilgaala 4 jalatti gaaffiiwwan dhiyaatan kanatu sirriidha yookiin kanatu sirrii miti osoo hin jedhiin barattoonni wanta isaaniitti fakkaatu yaada isaanii sodaa malee akka ibsan jajjabeessuufi gargaaruu yaaluudha. Jechuuni yeroo dubbisaa hubannoo isaanii gufuchisun danda’an hiika isaanii akka tilmaaman gochuun hiika isaanii barreessufin barbaachisaadha. Fakeenyaaf, gilgaala 4B jalatti. 1. hedduminaan, baay’inaan 2. beekaa 3. qaama hormaataa Gilgaala 5: Shaakala Yeroo Dubbisuu Gilgaala 5A jalatti gaaffileen hojjataman osoo gara dubbisuutti hin seenin dura qajeelfama kennuufin barbaachisaadha. Kunis dubbisa dhiyaate osoo dubbisuu hin dhaqiin gaaffiiwwan yeroo deebisaa akka dubbisanii qalbiitti qabatan itti himi. Kana booda, saffisaafi cal’isaan daqiiqaa 7-8 ta’u keessatti akka xumauraniifi yeroo qabuufin barbaachisaadha. Kana booda gaaffilee dhufan hojjatan akka irratti mari’atanii dareef dhiyeessan gochuutu sirraa eegama. Deebii Gilgaala 5 A. 1. Yaanni ka’uu danda’u: Addunyaa kanarra dhibeen hedduun dhala nama rakkisan jiru. Isaan keessaa ammoo kanneen walqunnamtii saalatiin darban tokko ta’uusaa Dhukkuboonni beekamoon walqunnamtii saalatiin darban: Cobxoo, fanxooo, Abbaa Seeruu yoo ta ‘an HIV/Eedsiinis karuma kanaan 20 Boqonnaa 2: Dhukkuboota wal-qunnamtii saalaatin darban darbuu isaa. 2. Namoota umriin isaanii waggaa 15 hanga 49 ta’an irratti 3. Abbaan seeruu guyyaa 3-5tti naannoo qaama saalaa faalameetti madaan mala’uufi dhukkubu mul’ata. 4. Yaanni ka’uu danda’u: Dhukkuboonni walqunnamtii saalaatin darban eenyufaa akka ta’aniif miidhaa isaan geessisan. Dhukkuboonni walqunnamtii saalaatiin darban akkamaitti akka ofirraa ittisnu. B. 1. Yeroo fincaan finca’an nama gubuu Malaan kokkee, gadamessaafi qunxurroo dhukkubsataa keessa jiraachuu nidanda’a. 2. Cobxoon yeroo baay’ee du’a hinfidu. Namni cobxoon qabe wal’aansa argachuu baannaan dhabduu ta’uu danda’a. 3. Namni fanxoon qabame dhukkuba fanxootiin qabamu ijaa jaamuu, naafachuufi maraachullee nidanda’a. 4. Abbaan seeruu dhukkuba walqunnamtii saalatiin darbu ta’e, dhiitoodhaan jalqabe gara madaa dafee hinfayyineetti jijjirama. 5. Yeroo durii caalaatti kan beekaman: cabxoo, fanxoofi abbaa seeruuti. Amma amma garuu HIV/ Eedsiinis caalaatti beekkamaa dhufee jira. 6. Tokkummaa HIV/Eedsii, Cobxoo, Fanxoofi Abbaa seeruu Hundi isaanituu walqunnamtii saalatiin nidarbu. Hundi isaanituu miidhaa namarraan geesisu. Garaa garummaan isaanii keessumaa HIV/AIDSii wajjin qaban. HIV/AIDSii Cobxoo, Fanxoofi Abbaaseeruu Lubbuu balleessuu - Lubbuu hinballeessan Qorichii isaa salphaatti fayyadamuun hin danda’amu - Qorichii isaanii salphaatti ni argamu 21 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 C. 1. Tokkoofi tokko ta’uu, qulqullina ofii eeguu, dhukkubsannan dafanii mana yaalaa dhaquu. 2. Guyyaa 3-5tti naannoo qaama saalaa faalameetti madaan mala’uufi dhukkubuu mul’ata. 3. Dhabduu /Maseenuu/dandeessi. 4. Yeroo da’umsaa yookiin da’umsa booda dhukkuba kana gara daa’immaniitti dabarsu. 5. Dhukkuba onneetiin qabamuu, ijaa jaamuu naafachuufi maraachullee ni danda’a Gilgaala 6: Shaakala Dubbisuun Boodaa Gaaffileen as jalatti dhiyaatan gaafilee hubannoo barattoota cimsuuf oolaniidha. Kanaaf, barattoonni dandeettii barreessuufi dubbatanii amansiisuu iddoo itti gonfatan waan ta’eef yaada isaanii hin dangeessin. Yaadota ka’uu danda’an jedhamee yaadamu tokkoon tokkoon gaaffii jalatti. Deebii Gilgaalaa 6 A. 1. Barsiisuu Walmarii/ifaan ifatti akka waliin dubbatan gochuu Gaa’ila dura akka walqunnamtiin saalaa gaarii hin taane itti himu Meeshaalee walqunnamtii saalaaf oolan kanneen akka koondamii fayyadamuu akka qaban barsiisuu. 2 Gaaffii kana irratti akka walfalaman taasisi/walmorman taasisi. 3. Dhiibbaa cimaa qabu. Fakkeenyaaf darggaggootaafi shamarran misooma keessatti hirmaachuu danda’anu waan miidhanuuf. 4. Deebii adda addaa gaaffii kanaaf barattoonni dhiyeessu nidanda’u. B. Gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaataniif barattoonni namoota naannoo jaraa jiraatanu haasofsiisuun yaada akka sassaabbatanu haata’u. Yaada sassaabanis akka dareef dhiyeessanu godhi. Deebii Gilgaalaa 6C Gilgaala kana jalatti odeeffannoo ogeessa fayyaa irraa argatan dareef akka gabaasan jajjabeessi. 22 Boqonnaa 2: Dhukkuboota wal-qunnamtii saalaatin darban Barannoo 3: Dubbachuu Deebii Gilgaala 7 Gilgaala kana jalatti gaaffileen dhiyaatan gaaffiilee dandeettii dubbatanii amansiisuu itti gonfatan waan ta’eef seera falmii eeganii akka walmorman taasisi. Barannoo 4: Jechoota Deebii Gilgaala 8: Shaakala Hiika Jechootaa 1. L Barannoo 5: Caasluga Yaadannoo 1. Danooma Yaadannoo waa’ee Danoomaa Fkn 1 (a) Nu’i nibaranna. (b) Isaan sun mana ijaaran. (c) Isaan sun dhufan Himoota kanneen keessatti latiin danoommii Fkn.1a keessatti /-na/, fkn 1b, 1c keessatti /ca) n/ ta’a. Isa fkn 1a keessatti jechi ni + barat- na kana ture firoommii sagaleetiin gara ni barannaatti jijjiirame. Dhamsagni latii danoomaa dura argamu, kan dhamsagni latii danoomaa dura argamu, kan gulantaa /-t-/n, gara /-n-/ itti jijjiirama. Jechoonni latiin danoomaa itti fufaman, kutaan jechaa (word class) isaan jalatti hiriran gocha waan ta’aniif danummaa ( -n/, /-a)/n mul’isu. Haa ta’u malee, maqaa hoggaa ta’an latii danummaa birootini. daandiiwwan 9 . warshaalee 2. qubbeen 10. mukkeen 3. bineensota 11. laggeen 4. gaalawwan 12. raaddeen/raadolee 5. gaaffiiwwan 13. sareelee/saroota 6. mallattoolee 14. beerreen 7. tooftaalee 15. gaarreen 8. hoolota 16. namoota Shaakala Fufii B. Fakkeenya kennameerratti hundaa’uun A fi B hojjechiisi. A . Gilgaala kana jalatti gaaffileen dhiyaatan gaaffilee akka barattoonni muuxannoo isaanii gara mata dureetti fidan taasisuudha, kanaaf akka muuxannoo isaanii waljijjiiran kakaasi. Yaadannoo waa’ee Fufii Afaan Oromoo keessatti fufileen gosa lamatu jiru. Isaanis: fufii duraa, fi boodaati. Fuftoonni jidduu Afaan Oromoo keessatti heddumminaan hinmul’attu. Kanaafuu Afaan Oromoo keessatti fufata latii jecha duraati yookiin maayiitti maxxanuudhaan bifaafi ykn hiika jechichaa jijjiiru (affixes), kan biroo ammoo, fufata jecha calqabatti fufamtu (Preffix). Akkasumas fufata xumura jechaarratti ida’amtu (Suffix) jedhamantu jira. ibsan gargaari. Fakkeenya gilgaalicha dura kennamu wanta itti aanee dhufuu akka tilmaamaniif waan ta’eef akka qalbeeffatanii ilaalan godhi. B. 1. dhugaatiilaafaa 2. sanbataguddaa 3. dafqebulaa 4. xiinqoqa 5. mathima 6. sardiida 7. bu’ebahi 8. sablammii 9. managalmee 10. kubbaasaaphanaa Yaadannoo waa’ee tishoo/diigala/ Compounding Jechoonni lama yookiin lamaa ol qindaa’anii jecha hiika adda ta’e qabu hoggaa tolchan jechi tolfame sun jecha tiishoo / compounding/ jedhama. Jechoonni tishoo maqaafi maqaa maqaafi maq-ibsa, maqaafi gochima, maqaafi dabalagochimaafi kkf irraa ijaaramuu danda’u.Fkn 1. (a) maqaa + maqaa Biftuun ganamaan mana barumsaa deemte Hima fkn 1. Keessatti maqaa lama manaafi barumsa qindeessuun jechi haaraa yaada haaraa dabarsu tokko ijaarameera. Kan biroos kubbaa + miila , mana + galmee (b) maqaa + adeessaa Fkn 2. Sanbata + guddaa bifa + badii (c) gochima + maqaa Fkn. 3 qotee+ bulaa dafqee + bulaa 25 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 (d) maqaa + dabala gochimaa Fkn. baha + fagoo Gilgaala 11: Shaakala Hennaa Raawwimaafi Amsiiqaa Deebii Gilgaala 12 A. Gaaffileen gilgaala 12A jalatti kennaman muuxannoo barattootaa gara mata dureetti fiduufi waan ta’eef, barattoonni akka irratti mari’atanii yaada isaanii ibsan gargaari. Fakkeenya gilgaalicha dura kennamu wanta itti aanee dhufuu akka tilmaamaniif waan ta’eef akka qalbeeffatanii ilaalan godhi. Guddisaan Afaan Oromoo boqonnaan dura nubarsiise. 2. Waaqumaan kaleessa Finfinneedhaa dhufe. 3. Caalaan rafee jira. 4. Feenet Amboodhaa dhufte. (a) Raawwima Ammeennaa 3 fi 4 (b) Darbeennaa 1 fi 2 D: Gilgaala kana jalatti barattoonni fakkeenya gilgaalota 12(A-C)tti jiran irratti hunda’anii himoota isaanii akka ijaaran jajjabeessi. Gilgaala 12: Shaakala Latoo Deebii Gilgaala 13 A: Gaaffileen gilgaala 13A jalatti ka’an muuxannoo barattoonni qaban gara mata dureetti ittiin fiduuf waan ta’eef barattoonni akka yaada isaanii bal’inaan irratti kaasan jajjabeessi. B: Barattoonni fakkeenya kennameefirratti hundaa’anii gosoota latilee irratti hundaa’uun latii walabaafi walabalaa akka fakkeenya adda addaa kennan gargaarii /jajjabeessi/. C: Akkatuma qajeelfamaatiin latii meeqa meeqa akka qaban ammoo akka agarsiisan gochuun mirkaneeffadhu. 26 Boqonnaa 2: Dhukkuboota wal-qunnamtii saalaatin darban Yaadannoo waa’ee Latii Akaakuu Latiilee Latiileen afaan tokko keessatti jiran kamiyyuu caasaa saanitiin wixina, willaa akka jedhaman walitti dhufeenya tamsa’ina isaanitiin amala garagaraa qabu. Kanarratti hundaa’udhaanis latiileen qabiyyee saanitiin iddoo lamatti qoodamu. Isaanis latii walabaa (free morphemes ) fi walabalaa ( bound morpheme / jedhamu. Haata’u malee, akaakuun latiilee biroo, laccii ( discontinuous morphemes), latii duwwaa ( zero morphemes ) akkasumas, birsaga ( super segmental) kan hiika jechaa yookiin himaa jijjiiran jiru. Latii walabaa Latiin tokko hiika mataasaa kan qabu, kophaasaa of danda’ee kan dhaabbatu yoo ta’e latii walabaa jedhama. Latiin walabaas latiilee tokko ol yoo of keessaa qabaate latii walxaxaa, yoo latii tokko kophaa qabaatemmoo latii qeenxee jedhama. (a) (b) Jabbichi hodhe Fayyisaan qotiyyoosaa nyaachise. Hima 1a keessatti jabbichi jedhu latilee jabbii + -ichi kan jedhurraa ijaarame. Latiin inni duraa hiika mataasaa kan qabuufi of danda’ee kophaasaa kan dhaabbatu waan ta’eef latii walabaa jedhama. Hima 1b keessatti jechi nyaachise jedhu latiilee nyaat-+-sis- +-e jedhaman latiilee sadirraa kan ijaarame. Inni duraa / nyaacha -/ wixina yookiin latii leexaa hoggaa ta’u /nyaachis-/ latii tokkoo ol waan qabuuf latii walxaxaa jedhama. Walabalaa Latiileen kan akka /-ichi/ Fkn. 1b keessatti kan argaman, /-ich/, -e/ kan fkn. 2 keessatti argaman fakkaatan latii walabaafi hidhaman malee, kophaa saanii dhaabbachuu hindanda’an. Hiikaas hinqaban. Kanaafuu, latii wabala jedhaman. 27 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 4. Gaaffiwwan Keessa Deebii A. Jechootaafi gaaleewwan armaan gadii hiika kallattii kennaa 1. balbaloomse 2. hiixuu 3. faallaa 4. qancara 5. yabbuu B. Jechoota armaan gadiirraa fuftoota baasuun agarsiisi. 1. firummaa 2. ijoollummaa 3. fardeen 4. hindeemu 5. oljedhe 6. namoota 7. bilisummaa 8. jabboota 9. sangoota 10. gaangota C. Jechoota armaan gadii tisheessi 1. adeemsa + gocha 2. yoom 3. jala 4. mana Tolaan abbaa isaa kaleessa huccuu bichisiise. 2. Tulluun kaleessa na sobsiise. 3. Gurbichi deemaa jira. Daree tokko keessa barattoota gosa gara garaatu jiru. Kanaaf, barattoonni kun mala baruu-barsiisuu adda addaa barbaadu. Kunis, yoo xiqqaate barattoota gosa sadi daree tokko keessaa qabaachuu dandeecha; barattoota kana ammoo, gaaffiiwwan armaan gadii kana barattoota inni nimadaala jettuuf kennuufin barattoonni kee akka walqixa deeman gochuun sirraa eegama. Akkasumas, barattoonni muuxannoofi aadaa adda addaa keessatti guddatan dare keessatti simudachuu danda’u. Kanaaf, barattoota kee tutooriyaalii kennuufiin akka walqixa deeman gochuu hinirranfatiin. Kana malees, meeshaalee deeggarsaa kan mataduree kee wajjin deemu daree fiddee barsiisuu hinirraanfatiin. Sababni isaas, barattoonni haala adda addaati barachuu waan barbaadaniifi! 29 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 5. Madaallii Seensa Madaalliin barnoota kam keessattuu baay’ee barbaachisaadha. Keessumattuu barnoota afaaniif baay’ee murteessaadha. Kanaafuu, barnoota guyyaa guyyaan adeemsiifamu keessatti barattoota madaalli itti fufiinsa qabuun madaaluun murteessadha. Kunis dadhabbinaafi cimina barattootaa adda baasuuf gargaara waan ta’eef. Madaalliin inni dhumaa akkuma maqaa isaa dhumarratti madaallii waliigalaati. Boqonnaa kana keessatti ogummaa afaanii hedduufi caaslugaa adda addaa madaalta. Fakkeenyaaf, jechoota, gosoota fuftuu, akkaataa ijaarsa tishoo, akkaataa ijaarsa raawwimaa ammeennaafi darbeennaa, akkasumas, gosoota latiiti. Kanaaf, hojii guyyaa keessatti dhimmoota kana karaa itti fufiinsa qabuun madaali. 5.1 Dandeettii dhaggeeffachuufi dubbachuu: Dandeettiiwwan kun shaakala dhaggeeffannaa duraa keessatti kan madaalamuudha. Iddoo kanatti barattoonni gareen ta’uun muuxannoo isaanii karaa ittiin gara dhaggeeffannatti fidduudha. 5.2 Barreeffama “HIV/AIDS” jedhu yeroo dubbistuuf barattoonni gilgaala kennameef hojjechuu isaanii mirkaneeffadhu. Barreeffamicha si’a lamaa-sadi irra deebii’i dubbisiif yeroo kana barattoonni hojii kennameef hojjechuu isaanii to’achuuf akka deebii isaanii dareef dhiyeessan godhi. 5.3 Jechoota akkaataa galumsa isaaniitin itti fayyadamuu isaanii mirkaneeffadhu. 5.4 ogummaa barreessuufi dubbachuu. Barreeffamicha erga dhaggeeffatani booda gilgaalota hubannoo wanta dhaggeeffataniifi muuxannoo qabaniin walitti fiduun akka barreessaniifi 30 Boqonnaa 2: Dhukkuboota wal-qunnamtii saalaatin darban dubbatan gochuun ykn akka mari’atan gochuun barbaachisaadha. 5.5 ogummaa dubbisuufi dubbachuu Akkuma yemmuu dhaggeeffachuun duraa, shaakala dubbisuun duraa keessatti barattoonni sodaa tokko malee yaada isaanii akka afaaniin ibsatan jajjabeessi. Dubbisa “Dhukkuboota Walqunnamtii Saalaatin Darban” jedhu. 5.6 5.6.1 Dubbisicha yeroo ati kennituuf keessatti callisaanii dhuunfaan dubbisuu isaanii too’adhu. 5.6.2 Dubbisicha dubbisaatii gaaffiiwwan kennameef hojjechaa deemuu isaanii mirkaneeffadhu. 5.6.3 Dubbisicha erga dubbisanii booda gaaffiwwan ati dubbisichaafi muuxannoo isaanii walqabsiistee gaaffiwwan qayyabannaaf dhiyaatan keessatti akka barreeffamaafi dubbachuudhaan dareef dhiyeessan taasisi. Shaakala dubbachuu 5.7 Barattoonni Gilgaala 7ffaarratti seera falmii eeguudhaan akka walmorman taasisi. Shaakala Caaslugaa 5.8 5.8.1 Danooma Afaan Oromoo keessatti jechoonni akkamiatti akka danoomuu qaban gilgaalota qophaa’an (gilgaala 9) hojjechiisuun dareef akka dhiyeessan taasisi. 5.8.2 Jechoota Jechoonni dubbisa keessaa bahan akkaataa galumsa isaanitiin hiika isaanii kennuufi mirkaneeffadhu. Gilgaala 8ffaa akka shaakalan mirkaneeffadhu. 31 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 5.8.3 Fuftoota Afaan Oromoo keessatti akkaataa maxxantoonni itti uumaman akka adda baafataniif gilgaala 10ffaa A fi B irratti kophaa’an hojjechiisun hubannoo isaanii mirkaneeffadhu. 5.8.4 Akkaataa uumamiinsa jecha tishoo Afaan Oromoo keessatti jechoonni tishoo haala itti uumaman kan mirkaneeffachuu ta’u gilgaalli 11ffaa ( A fi B) n dhiyaatanii jiru, kanarratti hundaa’uun shaakalsiisuun mirkaneeffadhu. 5.8.5 Haala hennaa raawwima ammeennaafi darbeennaa, gochi tokko haalaafi yeroo itti raawwatu qaba. Kana mirkaneeffachuuf gilgaalli 12ffaa ( A, B, C fi D)n dhiyaatan hojjechisuun mirkaneeffadhu. 5.8.6 Latoo Afaan Oromoo keessatti latileen haala itti argaman mul’isuuf gilgaalli 13ffaa (A, B, fi C) n dhiyaatanii jiru. Kanaaf, kana shaakalsiisuun hubachuu barattoota mirkaneeffadhu. 32 Boqonnaa 3: Sirna Fuudhaafi Heeruma Oromiyaa Bahaa BOQONNAA 3: Sirna Fuudhaafi Heeruma Oromiyaa Bahaa (Wayitii 9) Dheerina wayitii tokkoo daqiiqaa 40 Seensa Boqonnichaa Boqonnaa kana keessatti barattoonni sirna fuudhaafi heerumaa Oromiyaa Bahaa maal akka fakkaatu hubatu. Sirna fuudhaafi heerumaa naannooisaaniirattis oddeeffannoo nigabbifatu. Kana malees, jechootaaf hiika galumsaa kennuu danda’u. Barannoo caaslugaa keessatti ammoo gaaleefi ciroo gosoota isaanii waliin adda baasanii hubatu. Dabalataanis sirba fuudhaafi heerumaa naannoo isaanii barreeffamaan dhiyeessu. Dhumarrattis faayidaa hennaa tarsiiqaafi raawwiimaa darbeennaa hubachuun itti fayyadamu. 1. Kaayyoo: Barnoota boqonnaa kanaatiin booda,barattoonni, Sirna fuudhaafi heerumaa Oromiyaa Bahaa irratti hubanno cimsatu. Sirna fuudhaafi heerumaa naannoo isaanii irratti odeeffannoo ballifatu. • Jechootaaf hiika galumsaa kennu. Gaaleefi gosoota isaa hima keessaa addaan baafatta. Ciroofi gosoota isaa hubatu. Sirba aadaa naannoo isaanii irratti hubannoo gabbifatu. Faayidaa hennaa tarsiiqaafi raawwiimaa darbeennaa hima keessatti addaan baafatta. 2. Qabiyyee Sirna fuudhaafi heerumaa Oromiyaa Bahaa Sirna fuudhaafi heerumaa naannoo barattootaa Hiika galuumsaa jechootaa Gaaleefi gosoota isaa Ciroofi gosoota isaa Sirba aadaa naannoo barattootaa Faayidaa hennaa tarsiiqaafi raawwiima darbeennaa 33 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 3. Mala Baruu-Barsiisuu Barannoo 1: Dbbisuufi Dubbachuu Gilgaala 1: Shaakala Dubbisuun Duraa Deebii gilgaala 1 A. Gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan gareen akka irratti mari’atan godhi. Kaayyoon gilgaala kanaas barattoonni osoo dubbisa dhiyaatetti hince’iin dura dhimmoota yaada dubbisa dhiyaate wajjin walqabaturratti mari’achuun hubannoo jaraa akka gabbifataniif. Kanaafuu, gilgaalli kun deebii murtaa’aa ta’e tokko hinqabu. B. Hiika jechoota gilgaala kana jalatti dhiyaatan osoo gara dubbisaatti hinseeniin akka barattoonni tilmaamanu godhi. Fakkeenya: bultii =jireenya Gilgaala 2: Shaakala Yeroo Dubbisuu Deebii gilgaala 2 A: 1. Isaanis:kaadhimachuu, waliin deemuu, butuu, cabsaafi aseennaadha. 2. Gabbarri maallaqaafi loon warra intalaatiif kennamau. Gabbartiin ammoo tajaajila warra intalaatiif godhamu 3. Kunis eeyyamaafi fedhii jara lameenii irratti hundaa’a. 4. Intala fedhii ishii malee boortaan fuudhuudha. 5. Cabsaan osoo intalaafi warri ishii quba hinqabaatiin harruma itti seenanii intala baafachuudha B: Dubbisa dubbiste irratti hundaa’uun yaada sirrii ta’e “Dhugaa” kan sirrii hintaane ammoo “Soba” jechuun deebisi. 34 1. Dhugaa 2. Soba 4. Dhugaa 5. Dhugaa 3. Soba Boqonnaa 3: Sirna Fuudhaafi Heeruma Oromiyaa Bahaa C: Dubbisa irratti hundaa’uun deebii barreeffamaan kenni. 1. Dura, warra gurbaatu intala ulaagaa isaan barbaadan guuttu filata. Dhiheenya kana ammoo jaruma lameeniitu walilaallatee warraan gayata. 2. Inni duraa, osoo jaalalli gurbaafi intalaa jiruu warri intalaa yoo eeyyamuu baatan yookiin eeyyama duraanii diiguuf yoo yaalan, jarri lameen waliiin badan. Inni lammaffaan, fedhii intalaa malee, fakkeenyaaf, bu’aa argachuuf yoo nama niitii biraa qabuuf kaadhimamte, intalli gurbaa jaalattu wajjin deemuuf murteessiti. 3. Aanteefi hiriyoonni isaa loonifi qarsii waliti buusuun kaaloo kennuuf. 4. Tokko, osoo guduunfaa geeffachuuf hinyaaliin haallan butiif gurbaa kakaasan yoo jiraatan. Lammatammoo adeemsa kaadhimmachuuirra osoo jiruuiis butuuf nimala. Sadi, erga sirni kaadhimmachuu raawwatee boodas yoo warri intalaa ayyaana qabuuf rincican yookiin yoo guyyaa keessa yaada isaanii jijjiran gurbaan butuuf murteessa. 5. Tokko, gurbaan intala ilaallate sirnaan kadhimachuufi kurfii cidhaatiif yoo harki gabaabbate cabsaa seena. Karaa biraatiin gurbaan sirnaan kaadhimatee, qophii cidhaa xumuree, intala baafachuuf manaa bahe, yoo sababii kaadhimni isaa butamteef, baddeefi kkf milkaa’uu baate harka qullaa galuu mannaa cabsaa seena. D: Jechoonni gilgaala kana jalatti kennaman dubbisa mataduree “Sirna Fuudhaafi Heeruma Oromiyaa Bahaa” jedhu keessaa kan bahan. Atis jalqaba barattoonni dhuunfaan akka hiika galumsa jechootichaa akka tilmaaman godhi. Itti aansuun gareen ta’uun akka irratti mari’atan taasisi. 35 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 1. hundeessuu, jalqabuu 2. qabeenya 3. dimsha, tajaajila warra intalaaf godhamu 4. waliigaltee, nagaa 5. gargaasa, kennaa, deebii miidhaa tokkoof godhame 6. fira, nama itti dhiyeenya qabu 7. humnaan, dirqamaan, hirreen 8. haasaa, haala 9. gosa 10. haala, aadaa, jireenya Gilgaala 3: Shaakala Dubbisuun Boodaa Deebii gilgaala 3: Gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaataniif deebii murtaa’aa argachuu dhabuu nidandeessa. Xiyyeeffannaa kee ta’uu kan qabu hangam barattoonni yaada dubbisa dhiyaatee haala jireenya isaaniifi naannoo isaanii wajjin walqabsiisaniiru isa jedhu haata’u. Atis barattoonni yaada isaanii dhiyeessu irratti akka xiyyeeffatan gorsi. Barannoo 2: Shaakala Caaslugaa Deebii Gilgaala 4: A 1. Namni hamaan ( gaalee maqaa) ofuma miidha. 2. Jaalalli dhugaa ( gaalee maqaa) gatii hinbarbaadu. ( gaalee gochimaa) 3. Onismoos Nasiib (maqaa) kitaabota heddu Afaan Oromootiin barreesse (gaalee gochimaa) 36 Boqonnaa 3: Sirna Fuudhaafi Heeruma Oromiyaa Bahaa 4. Daadhiin bardheengaddaa eebbifame. (Gaalee gochimsaa) 5. Konkolaatichi saffisaan fiiga ( gaalee gochimsaa) 6. Saafa’een lukkuu diimaa qalte. (Gaalee maqibsaa) Himoonni isaanii gosoota gaalee hunda kan mul’isan ta’uu isaanii B. mirkaneeffadhu. Deebii Gilgaala 5: 1. Yoo gara magaalaa deemte, huccuu naaf biti. 2. Eega isaan rafanii hattuun sangaa isaanii fudhatte . 3. Yemmuu nu’i dhufnu, ishiin deemte . 4. Toltuun eega dhirsi irraa du’ee hinheerumne . 5. Daa’imni dhibee sombaatiin qabamnaan, gara mana yaalaa geessuu qabna . Deebii Gilgaala 6: Himoota armaan gadii keessatti, hennaa tarsiiqaa osoo jala hinsarariin, Raawwiimaa darbeennaa ammoo, jala sararuun adda baasii agarsiisi. 1. Yemmuu inni dhalatu, abbaan isaa du’eera. 2. Yemmuu bokkaan roobu, midhaan hammameera. 3. Erga laaqana nyaannee, buna dhugne. 4. Kaleessa osoo aduun hinbahiin, hojii eegalleerra. 5. Erga haati Toltuu duutee, qorichi dhibee ishii argame. Deebii Gilgaala 7: Gilgaalli kun barattoonni Afoola Oromoo keessa isa tokko kan ta’e sirba gaai’laa funaanuun akka barreessaniifi. Sirbi isaan barreessan kan gaa’ilaa ta’uufi ta’uu baachuu mirkaneessi. Barattoonni dandeettii qaban dareetti sirbaanii akka agarsiisan jajjabeessi. 37 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 4. Gaaffiiwwan keessa deebii A. Gaaffiiwwan armaan gadiif deebii gaggabaabaa kenni. 1. Sirna fuudhaafi heerumaa sabaafi sablammiiwwan Itoophiyaa kan Oromoon alaa keessaa kan tokkoo namoota nibeekan jettee amantu dubbisuun gabaabsii barreessii dareef dhiyeessi. 2. Tokkummaafi garaagartii sirna fuudhaafi heerumaa Oromiyaa Bahaafi kan naannoo keetii afaaniin ibsi. 5. Madaallii Boqonnaa kana keessatti barattoonni dubbisa matadree “Sirna Fuudhaafi Heerumaa Oromiyaa Bahaa” jalatti dhiyaate dubbisanii yaada isaa hubachuu isaanii mirkaneeffadhu. Kana malees, sirni fuudhaafi heerumaa aadaa Oromoo keessaatti bakka inni qabu sirriitti addaan baasanii hubachuu isaanii mirkaneeffadhu. Dabalataanis, sirna fuudhaafi heerumaa naannoo isaanii keessaa tokko filachuun irratti barreeffama qopheessanii dareef dhiyeessuu jaraa qulqulleeffadhu. Kana malees, hiika jechootaa haala galumsa isaaniin addaan baasanii kennuu danda’uu jaraa mirkaneeffadhu. Gaaleefi gosoota gaalee addaan baafachuu isaanii, ciroofii gosoota ciroo addaan baafachuu isaanii, afoola sirba fuudhaafi heerumaa naannoo isaanii barreeffamaan dhiyeessuu isaanii, hima tarsiiqaafi raawwimaa darbennaa qaban hima sirrii ijaaruu isaanii mirkaneeffadhu. 38 Boqonnaa 4: Toltuufi Hiree Ishii Boqonnaa 4: Toltuufi Hiree Ishii (Wayitii 8) Seensa Boqonnichaa Boqonnaa kana keessatti barattoonni, dubbisa “Toltuufi Hiree Ishii” jedhu dubbisuun, walqixxummaan korniyaa dhabamuu isaatiin miidhaa hawaasa keessatti shamarranirra gahaa jiru hubatu. Kuni ammoo miidhaa kana hambisuu keessatti gahee isaanii akka gumaachan isaan danddeessisa. Shaakaloonni boqonnaa kana keessatti laataman ogummaawwan afaanii adda addaa akka cimsatan isaan taasisa. Kutaa caaslugaa boqonnaa kanaa keessatti, bamaqaa, sirna tuqaalee-qub-guddeessaafi qoodduu; akkasumas, hennaa muraannaa hubachuun barreeffama isaanii keessatti akka itti fayyadaman isaan gargaara. 1. Kaayyoo: Barattoonni barnoota boqonnaa kanaatiin booda: asoosama dubbisuun ergaa isaa hubatu. jechootaaf hiika galumsaafi hiika kallattii kennu. bamaqaafi faayidaa isaa hubatu. sirna tuqaalee keessaa qubguddeessaafi qoodduu barreeffama keessatti sirriitti itti fayyadamu. hennaa murannaa hima keessa galchuun itti fayyadamu. 2. Qabiyyee Ogummaa dubbisuufi dubbachuu Dubbisa, “Toltuufi Hiree Ishii” jedhu Hiika jechootaa Bamaqaa, ramaddii, saalaafi faayidaa isaa Qub-guddeessaafi qoodduu Hennaa murannaa Keeyyata barreessuu 39 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 3. Mala Baruu-barsiisuu Barannoo 1: Shaakala Dubbisuufi Dubbachuu Gilgaala 1: Shaakala Dubbisuun Duraa Kaayyoon gilgaala kanaa barattoonni dubbisatti osoo hinseeniin, jechoota/ gaaleewwan dubbisicha keessatti hiika isaanii hubachuuf rakkisuu danda’an dursanii akka beekaniifi beekumsa isaanii waliigalaas gara dubbifamichaatti fiduun akka dhaamsa dubbisichaa hubataniif. Kanaafuu gaaleewwan ‘A’ jala jiran yoo kan hinbeekne ta’e hiika isaanii itti himi. Deebii gilgaala ‘A’ 1. Qaana’uu dhiiste. 2. Du’e. 3. gammachuun utaaluu 4 Okkotee bishaanii xiqqoo shamarran xixiqqoon ittiin bishaan waraaban. B. Shaakala kanaaf deebiin sirrii ta’e kana jechuu osoo hinta’iin barattoonni yaada isaanii bal’inaan akka ibsatan jajjabeessi. Deebii Gilgaala 2: Shaakala Yeroo Dubbisuu Deebii shaakala A Kaayyoon shaakaloota gilgaala kanaa barattoonni barreeffamicha saffisaafi akkaataa addaddaan dubbisuun ogummaalee dubbisaa addaddaa akka shaakalaniifi. Kanaan walitti qabatee shaakaloonni hunduu kaayyoo mataa isaanii qabu. Kanaafuu barattoonni ajajawwan shaakalootaaf kennaman hubannoon dubbisuun gaaffiiwwan akka deebisan taasisi. Gaa’ila ilaalchisuun walqixxummaan koorniyaa kan hinjirre ta’uufi miidhaa sababa gaa’ilaatiin shamarranirra gahaa jiru agarsiisa. 40 2. Torba 3. Soba. Shamarran hindanda’an. 4. Namittuu hinheerumne. Boqonnaa 4: Toltuufi Hiree Ishii 5. Goflaa 6. Wareega intalli isaa akka guddattuuf godheefi. Hireen Toltuu akka maqaa ishii tolaa miti. Kan rakkinaan guuttame. Dhiibbaa kana hundas kan itti fide ilaalcha duubatti hafaa hawaasa ishiin keessatti guddatteeti. 2. Aadaa hawaasichaati. 3. Hawaasa keessatti dhiirri filannoo hiriyaa fuudhuu barbaaduu bal’aa kan qabu ta’uudha. 4. Waarsaa ishii dhaalu ishii dhabsiise. 5. Wanti ibsame hinjiru. Kanaafuu, argachuuf dhabuun hinbeekkamu. 6. Hingeenye. Eebbi isaanii, ibiddi gabbataan akka bahuuf yoo ta’u, ishii garuu gaa’ila gammachuu hinqabne, kan rakkinaaf ishii saaxiletu ishii qunname. Okkotee bishaanii xiqqoo shamarran xixiqqaan ittiin bishaan waraaban 8. kan gargaarsa hinqabne D: Himoonni isaan barreessan hiika jechootichaa hubachuu isaanii akka mirkaneessu hubadhu. Shaakala Dubbisuun Boodaa Kaayyoon gilgaala kanaa barattoonni dhaamsa barreeffama dubbisan keessaa argatan haala qabatamaa naannawa isaaniin wal-maddii qabanii ilaaluun akka hojiitti hiikaniifi. Kanaafuu, deebiiwwan gaaffiiwwan kanneenii, sirriidha ykn sirrii miti jechuu osoo hinta’iin, hubannoo isaanii bal’inaan akka ibsatan jajjabeessi. Barannoo 2: Shaakala Ogbarruu Deebii Gilgaala 4: 1. Mammaaksonni isaan barreessan dhugumaan hawaasa keessatti kan mammaakkamaniifi kan gadi-aantummaa dubartootaa agarsiisan ta’uu hubadhu. 2. Walaloon isaanii seera walaloon ittiin barreeffamu guutuun barreeffamuufi ergaa barbaaddame kan dabarsu ta’uu mirkaneessi. Barattoonni muraasni dareetti akka dubbisan taasisuun barattoonni kaan akka yaada irratti kennan taasisuun, walaloowwan isaanii haala marii sanaan sirreessanii akka barreessan jajjabeessi. 42 Boqonnaa 4: Toltuufi Hiree Ishii Barannoo 3: Shaakala Caaslugaa Deebii Gilgaala 5: Himoota isaanii keessatti bamaqoonni isaan itti fayyadaman akka maqaa bakka bu’an mirkaneessi. Deebii Gilgaala 6: Barattuu Cimtuu Ayyaantuun barattuu cimtuu mul’ata guddaa qabdu. Maatiin ishii yeroo heddu barumsa addaan kuttee akka heerumtu dirqisiisuuf yaalanillee, ejjennoo cimaa qabaachun diddee barumsa ishii itti fufteetti. Tarfaasaan, barsiisaan ishii kan Afaan Oromoo, yeroo hunda ishii gorsa. Kun ammoo hamilee ishii daran jajjabeesseera. Bardheengaddaa barattoota mana barnootaa ishii hunda keessaa tokkoffaa bahuun iddoo keessummoonni kabajaafi maatiileen barattootaa argamanitti badhaafamteetti. Gara fuulduraa piroofeesera taatee guddina Afaan Oromootiif qu’annoo addaddaa gaggeessuu feeti. Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immaniifi Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoota shamarranii ciccimoo akka Ayyaantuu deeggaranii jajjabeessuun mul’ata isaanii akka fiixan baafatan gochuuf hojjetaa jiru. Deebii Gilgaalaa 7: Himoonni isaan barreessan, akkaataa fakkeenyota kutaa barnootaa san keessatti laatameen, hennaa muraannaa kan agarsiisan ta’uu hubadhu. Himoota isaaniif akka ibsa kennan gaafadhu. Barannoo 4: Shaakala Barreessuu Deebii gilgaala 8 Keeyyata isaanii keessatti qub-guddeessaafi qoodduu sirriitti itti fayyadamuu isaanii mirkaneeffadhu. 43 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 4. Gaaffiiwwan keessa Deebii Barattoonni barnoota boqonnaa kana keessatti baratan akka sirriitti hubatan gaaffiiwwan waliigalaa keessa deebii armaan gadii hojjechiisi. Gaaffiiwwan armaan gadiif deebii gaggabaabaa kenni. 1. Ummata naannoo keetti walqixxummaan koorniyaa hagam dhugoome? 2. Dhiibbaan dubartootarra gahu bifa akkam akkamiin ibsama? 3. qoodduutti siirriin itti fayyadamuun 4. mata duree “Barnoota Shamarranii” jedhurratti keeyyata tokko barreessi. 5. Henna murannaatti fayyadamuun himoota shan barreessi. 5. Madaallii Dhuma boqonnaa kanaatti, barattoonni dandeettiiwwan armaan gadii gonfachuu isaanii mirkaneeffadhu. Barreeffama dhiyaateef, saffisaan, sakattaafi suuta dubbisuun dhaamsa addaddaa barreeffamicha keessaa hubachuu isaanii, Jechoota dubbifama keessaa bahaniif hiika galumsaafi hiika kallattii laachuu danda’uu isaanii mirkaneeffadhu. Wantoota hiika jechootichaa tilmaamuu isaan danddessise hubachuu isaanii , Mammaaksota naannawa isaaniitti mammaakaman kan gadi-aantummaa dubartootaa mul’isan funaananii barreessuu isaanii, • Maalummaa, tajaajila, ramaddiifi saala bamaqaa hubachuufi himoota isaanii keessatti itti fayydamuu isaanii, Qub-guddeessaafi qoodduu barreeffama isaanii keessatti itti fayydamuu isaanii, • Maalummaafi tajaajila hennaa murannaa hubatanii himoota isaanii keessatti itti fayydamuu isaanii. 44 Boqonnaa 5: Burqaafi Dureettii Boqonnaa 5: Burqaafi Dureettii Seensa Boqonnichaa Boqonnaa kana keessatti barattoonni mata-duree, “Burqaafi Dureettii” jedhu dubbisuun, faayidaa nama haara’a walbaraniin walqorachuun qabu akka hubatan taasisa. Akkasumas, akkaataa barreeffamni kalaqaa ittiin barreefamu hubatu. Gama biraatiin, ogummaa barreeffama isaanii dhiyaate akkaataa addaddaatiin dubbisuun dhaamsa gaaffiiwwan gosoota addaddaa deebisuu shaakalu. Dabalataanis, dandeettii jechootaaf hiika galumsaa; akkasumas hiika kallaattii laachuu cimsatu. Barannoo Caaslugaa keessatti ammoo, bamaqaafi faayidaa isaa, sirna tuqaalee keessaa qubguddeessaafi qoodduu barreeffama keessatti sirriitti itti fayyadamuu, akkasumas, hennaa murannaa hima keessa galchuun itti fayyadamuu akka isaan danda’an gargaara. 1. Kaayyoo: Barnoota boqonnaa kanaatiin booda, barattoonni: barreeffama dhihaatef dubbisuun, ergaa isaa walii-galaafi ergaalee xixiqqaa hubatu. hiika galumsaa jechootaa himu. Barreeffama keessatti sirna tuqaalee-sarara xiqqaa, sarara guddaafi itti fufaatti fayyadamuun himoota addaddaa barreessu. seenaa hidda dhaloota isaanii barreeffamaan, fakkii fi afaaniin ibsu. hennaa murannaafi muranaalaa himoota keessatti sirriitti itti fayyadamu. 2. Qabiyyee Dubbisuufi dubbachuu Dubbisa,“Burqaafi Dureettii ” jedhu. Hiika jechootaa Caasluga- Bamaqaa, sirna tuqaalee-sarara xiqqaa, sarara guddaafi itti fufaa, henna muraannaafi muraannaalaa Hidda dhalootaa barreessuu. 45 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 3. Mala baruu-barsiisuu Barannoo 1: Dubbisuufi Dubbachuu Deebii Gilgaala 1: Kaayyoon shaakala kanaa barattoonni osoo barreeffama dhiyaateef dubbisuu hineegaliin beekumsa waliigalaa dubbifamicharratti qaban akka yaadataniifi. Kun ammoo barreeffamicha haala gaariin dubbisanii akka hubatan haal-duree mijeessaaf. Kanaafuu gaaffiiwwan kana gareen irratti mari’atanii gama bakka bu’aa isaaniin dareef akka dhiheessan taasisi. Deebii isaanii siirriidha ykn sirrii miti jechuu osoo hintaane, yaada isaanii sababa waliin akka dhiheessan gochuutu barbaachisa. Gilgaala 2: Shaakala Yeroo Dubbisuu Kaayyoon shaakaloota kutaa kana jalaa barattoonni yeroo barreeffamicha dubbisan tarsiimmoowwan dubbisaa addaddaa akka shaakalaniifi. Kanaan walitti qabatee shaakaloonni hundinuu kaayyoo mataa isaanii qabu. Kanaafuu, barattoonni ajaja shaakalootaaf kenname hubannoon dubbisuun gaaffiiwwan akka deebisan taasisi. Shaakala yeroo dubbisuu Deebii shaakala A. 1. Kalaqaan barreeffame. Kaayyoo boqonnichaa keessatti, asoosama dhihaate nidubbisu jedha. 2. Ilma jaarsaa waan ta’eef hasa’a jaarsummaa dhaggeeffachaa guddachuu isaati. 3. Akka tasaa waan walbaraniifi. 4. Nama haara’aan yeroo walbarru osoo faaran walitti dhihaachuun waa heddu keessa hinseenin, siriitti walqorachuun barbaachisaa akka ta’e. Fakkeenyaaf, namoonni firooma dhiheenyaa qaban jaalala keessatti kufuu malu. 46 5. Nama 3ffaan seeneffame. Seenaa kana keessatti , seenessaan waa’ee Boqonnaa 5: Burqaafi Dureettii mataa isaa osoo hinta’iin, waa’ee namoota biraa hima. B. 1. Namni hawaasummaan jiraata jechuun, ilmi namaa gurmuun jiraata; namni qofaa ofii jiraachudhaan jireenya fayya-qabeessa jiraachuu hindanda’u jechuudha. Kun ammoo dhugaa ta’uu isaa haala qabatamaa jireenya keenyaarraa hubachuu dandeenya. 2. Faayidaas miidhaas qabachuu danda’a. Namni namoota kaaniin dafee walii galee jiraachuu danda’uun isaa mallattoo sammuu nagaa qabeessa ta’e qabaachuti. Namootaan dafnee walii galuu danda’uun, hojii keenya haala gaariin akka raawwannu nudanddeessisuun ala, carraa addadaas nuuf banuu mala. Haa ta’u malee, nama agarre hunda waliin battalumatti walbaruun icciitii keenya hunda itti himuun, miidhaa hineeggamne nurra bulchuus mala. Asirratti eenyummaa nama walbarreenii suuta hubachuun barbaachisaadha. 3. Dandeettiin akkanaa kan uumamaanis jiru ta’ee haala guddinaatiin kan gabbatu ta’a. Fakkeenyaaf Burqaa yoo fudhanne, haalli inni itti guddate, danddeettii isaaf gumaacheera. 4. Burqaan danddeettii dafee namaan walbaruufi dandeettii haasa’aas akka qabu ibsa. 5. Intala qaamaan miidhagduu, sammuun bilchaattuu. 6. Magaalaa Galaanitti. 7. Adeemsa uumamaa keessattis ta’ee, jireenya hawaasummaa keessatti, wantoonni haala gaariin akka deeman, wanti dursuun irra jiraatu dursuu qaba jechuudha. 8. Tasa Ummanni Oromoo iddoo baayyeetti hanga abba-torbaatti wanta walhinfuuneef, dogoggora akkasii keessa akka hingalleef ta’uu mala. 9. Fira ta’uu isaanii waan baraniif. 10. Akka walgahan tilmaamuun nidanda’ama. Sababni isaas, Shaashamanneedhaa gara mana Roobaleetti faradoo yaabbatanii adeemuu eegalanii waan tureef, dhiyootti walarguun isaanii hin’oolu. 47 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Dhumarrattis, “namni lubbuun jiru walarga jedhama mitiiree?” jedha. C. Akkaataa odeeffannoo barreeffamichaa keessatti laatameen, himoota armaann gadii yaada sirrii ta’e dhugaa kan sirrii hintaane soba jechuun deebii isaa sababa wajjin kenni 1. Soba. Haalli yaadni kun dubbifamicha keessatti ittiin dhihaate haala gaarii akka ta’etti. 2. Finfinneetti dhalatee guddachuu isaa Dureettiitti himeera. 4. Odeeffannoon yaada kana dhugoomsu barreeffamicha keessatti hinlaatamne. 5. Dureettii umrii osoo hinta’iin, uummamatu ishii barsiise. Yaanni ishii umrii ishiitii oli. D. 1. battalumatti 2. budduufkatu 3. lugna/ dabeessa 4. qorsa 5. bilchaatte 6. eegalan 7. dannoo 8. akaakilee 9. godhate 10. aara galfatan E. a. Haasa’a eegala b. sagaleen isaa daran miira namaa hawwata/nimiidhaga. c. faaran miidhagdi d. baayyee gaariidha/wanti qulqullina hinqabne keessa hinjiru. e. battalumatti tole jedhan. Gilgaala 3: Shaakala Dubbisuun Boodaa Kaayyoon gilgala kanaa barattoonni dhaamsa barreeffama dubbisan keessaa argatan haala qabatamaa naannoo isaaniin wal maddii qabanii ilaaluun akka hubataniifi. Hubannoo argatanis akkamitti jireenya isaanii keessatti akka itti fayyadaman akka yaadaniifi. Kanaafuu, deebiiwwan gaaffiiwwan kanneenii, sirriidha ykn sirrii miti jechuu osoo hinta’iin, hubannoo isaanii bal’inaan akka 48 ibsatan jajjabeessi. Boqonnaa 5: Burqaafi Dureettii Barannoo 2: Shaakala Caaslugaa Deebii Gilgaala 4. Himoonni isaan barreessan faayidaafi garaagarummaa hennaawwan lamaanii kan ibsan ta’uu mirkaneessi. Himoota isaaniirratti ibsa akka laatan gochuun hubannoo isaanii ilaali. Yoo barbaachisaa ta’e, shaakala mataa keetii laattefi akka isaan dabalataan shaakalan taasisuu dandeessa. Barannoo 3: Shaakala Barreessuu Deebii gilgaala 5. 1. Ilmi abbaa Jabal, Hiikaan_ osuma jennu yeroo ammaa kana biyya Ameerikaatti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti hojjeta_ bara dhalatu ani kutaa shanaffaan baradha ture. 2. Haati Daraartuu intalli ishii jalaa dhibamnaan ganda waa-beekaa deemtee furmaata argatte. 3. Yaroo lammaffaaf isa waliin qaaqee hinbeeku_ inni yeroo tokkoo sunuu gahaadhaa ol ture. 4. Osoo Qarshii miiliyoona diigdamii-torba argattee maal ittiin goota? 5. Torbee dhufu keessa giddu-galaafi Lixa Oromiyatti roobni cimaan nirooba jedhamee eeggama. 6. Fufaan yeroo gabaa bahu qarshii dhibba qaba ture; yeroo manatti galu garuu…. Deebii Gilgaala 6. A. Caasaan isaan barreessan sirrii ta’uu hubadhu. Barreeffama isaanii caasicha hordofuun akka siif ibsan gaafadhu. B. Madda amanamaafi sirrii ta’e argachuun barreessuu isaanii mirkaneessi. Madda odeeffannoo isaanii gaafadhu. C. Barreeffama kana irraa funaanii sirreessif. Barreeffama kanaaf, qabxii laachuun madaalliif itti fayyadamuu dandeessa. 49 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 4. Gaaffiiwwan Keessa Deebii Barattoonni barnoota boqonnaa kana keessatti baratan akka sirriitti hubatan gaaffiiwwan waliigalaa keessa deebii armaan gadii hojjechiisi. Gaaffiiwwan armaan gadiif deebii gaggabaabaa kenni. 1. Muudannoo Burqaafi Dureettiirraa maal hubatte? 2. Barreeffama kalaqaafi barreeffama dhugaa maaltu adda taasisa? 3. Dandeettiin asoosama barreessuu uumamaan argama moo barnootaan gabbata? 4. Barreeffama keessatti tajaajila sarara xiqqaafi sarara dheeraa adda baasii barreessi. Fakkeenya himoota lamaan isaanii keessatti tajaajilaman afur barreessi. 5. Garaagarummaa hennaa murannaafi murannaalaa ibsi. Hennaawwan kanneen lamaaniin himoota shan barreessi. 5. Madaallii Dhuma boqannichaarratti, barattoonni danddeettiiwwan armaan gadii gonfachuu isaanii mirkaneeffadhu. Barreeffama dhihaateef, saffisaan, sakattaafi suuta dubbisuun dhaamsa addaddaa barreeffamicha keessaa hubachuu Jechoota dubbisa keessaa bahaniif hiika galumsaa laachuu danda’uu, Tajaajila sarara dheeraa,sarara xiqqaafi, fuftuu hubachuun himoota isaanii keessatti itti fayyadamuu danda’uu Seenaa hidda dhalootaa isaanii caaseffamaafi, barreeffamaan barreessuu danda’uu Hennaawwan murannaafi muraannalaa tajaajila isaanii hubachuun himoota isaanii keessatti itti fayyadamuu danda’uu. 50 Boqonnaa 6: Onesmoos Nasiib Boqonnaa 6: Onesmoos Nasiib (Wayitii 9) Seensa Boqonnichaa Boqonnaa kana keessatti barattoonni mata-duree, “Onesmoos Nasiib” jedhu dubbisuun seenaa jireenya Onesmoos Nasiibfi jaalala guddaa uummata isaaf qaburraa ka’uun gumaacha inni guddina Afaan Oromoof godhe akka hubatanii dinqisiifatan isaan taasisa. Gama biraatiin, ogummaa barreeffama isaanii dhiyaate akkaataa addaddaatiin dubbisuun dhaamsa gaaffiiwwan gosoota addaaddaa deebisuu shaakalu. Dabalataanis, ogummaa jechootaaf hiika galumsaa laachuu cimsatu. Caaslugaan walqabatee ammoo, garaagartii sirna tuqaalee mallattoo waraabbii dachaa ( “ ” )fi mallattoo waraabbii qeenxee ( ‘ ’) hubachuun himoota keessatti sirriitti akka itti fayyadaman; akkasumas, maqaafi gosoota maqaa adda baasuun akka hubatan isaan gargaara. Dhumarrattis geerarsaafi seenaa namootaa barreessuu akka shaakalan isaan jajjabeessa. 1. Kaayyoo: Barnoota boqonnaa kanaatiin booda barattoonni: • • • • namoota guddina Afaan Oromoof gumaacha godhan/bu’aa qabatamaa buusan himu. saffisaan dubbisuun yaadawwan ijoo/gurguddaa adda baasuun himu. sakattaan dubbisanii qabxiiwwan gooree adda baasu. hiika galumsa jechootaa himu. seenaa namoota Afaan Oromoo guddisuuf carraaqanii barreessu. sirna tuqaalee mallattoo waraabbii dachaa ( “ ” )fi mallattoo waraabbii qeenxee ( ‘ ’) himoota keessatti sirriitti itti fayyadamu. maqaafi gosoota maqaa adda baasanii himu. geerarsa barreessuun ergaa inni dabarsu ibsu. 2. Qabiyyee • • Dubbisuufi dubbachuu Dubbisa,“Onesmoos Nasiib” jedhu. Hiika jechootaa Caasluga- waraabbii dachaafi waraabbii qeenxee, maqaafi gosoota maqaa Geerarsaafi seenaa namootaa barreessuu 51 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 3. Mala baruu-barsiisuu Barannoo 1: Dubbisuufi Dubbachuu Gilgaala 1: Shaakala Dubbisuun Duraa Kaayyoon shaakala kanaa barattoonni osoo barreeffama dhiyaateef dubbisuu hineegaliin beekumsa waa’ee Onesmoos Nasiib ilaalchisuun qaban akka yaadataniifi. Kuni ammoo barreeffamicha haala gaariin dubbisanii akka hubatan haal-duree mijeessaaf. Kanaafuu, gaaffiiwwan kanneen gareen irratti mari’atanii gama bakka bu’aa isaaniin dareef akka dhiheessan taasisi. Deebii isaanii siirriidha ykn sirrii miti jechuu osoo hintaane, wanta beekan qofa akka walitti himan gochuutu barbaachisa. Gilgaala 2: Shaakaloota Yeroo Dubbisuu Kaayyoon shaakaloota kutaa kana jalaa barattoonni yeroo barreeffamicha dubbisan tarsiimmoowwan dubbisaa addaddaa akka shaakalaniifi. Kanaan walitti qabatee shaakaloonni hundinuu kaayyoo mataa isaanii qabu. Kanaafuu barattoonni ajaja shaakalootaaf kennaman hubannoon dubbisuun gaaffiiwwan akka deebisan taasisi. Weerartootaan hatameeti. 4. Hinmilkoofne. Sababni isaas, mootummaan Minilik eeyyama wanta dhoorkateef. 5. Karaa Sudaan B. Akkaatuma odeeffannoo barreeffamichaatiin, himoota armaan gadii soba ykn dhugaa jechuun sababa wajjiin deebisi. 52 1. Weerartoota yeroo duraaf isa hate gurguretu baaseef. 2. Itti aanaa itti gaafatamaa Qoontsilaa Faransaayi kan ture, nama Weerner Munziinger jedhamutu bilisa isa baase. Boqonnaa 6: Onesmoos Nasiib 4. Magaalattiin dangaa Itoophiyaafi Sudaanirratti argamti malee Itoophiyaa keessatti argamti kan jedhu 7. Hanqina jechootaafi jechamoota Afaan Oromoo wanta qabuuf gargaarsa Asteer Gannoo barbaadee argate. 10. Dhugaa 2C 1. qarqara 3. makamuu 5. gargar baasuu 2. hanqina 4. haquu Deebii Gilgaala 3: Shaakala Dubbisuun Boodaa Kaayyoon gilgaala kanaa barattoonni, wanta seenaa jireenyaa Onesmoos Nasiibirraa hubatanirraa ka’uun, wanta isaanirraa eeggamu akka yaaduu danda’an taasisuufi. Kanaafuu hubannoo isaanii akka ibsan jajjabeessi. Barannoo 2: Caasluga Maqaafi Gosoota isaa Deebii gilgaala 4. 1. Garbuun Baaleetti bal’inaan oomishama. Boqonnaa 6: Onesmoos Nasiib Geerarsa Gorsaa waan abbaan koo na gorsee Nan dhaggeeffadha obsee Gaangoo hinleenjisiin jedhee Namni gangoo leenjisuu Miidhaa dugdaa hindhabuu Gaggura hinhidhiin jedhee Nasmni gaagura hidhu Seela ilkaanii hindhabuu Barannoo 4: Shaakala Barreessuu Deebii Gilgaala 6: A. 1. “Jireenyi jaalala malee hiikoo hinqabu,” jette Biliseen. 2. “Waadaan” fiilmiiwwan Afaan Oromoo keessaa tokko. 3. “Afaan Ingiliizii Afaanota kaan nicaala,” jechuun warri morman jiru. 4. Ogeeyyiin fayyaa ‘bargarii’ baayyisanii nyaachuun wanta nama furdisuuf of eeggannoo gochuun barbaachisaa akka ta’e gorsu. 5. Kitaaba “ Ogbarruu Afaan Oromoo” jedhamu naaf biti. 6. “Wanti nama, nama taasise hojiidha,” jedhe Kaarl Maarkis. 7. “Kitaaba’ seerluga Afaan Oromoo’ jedhu maxxansiisuufan jira ,”jedhe Addunnaan. B. Himoota isaanii keessatti akkaataa fakkeenyawwan laatamaniin sirna tuqaalee lamaanitti fayyadamuu isaanii mirkaneeffadhu. Deebii Gilgaala 7A: Seenaa kana haala sirriitti qindaa’een barreessuu isaanii, seenichi seenaa dhugaa ta’uu isaafi seera caaslugaa hunda eeganii barreessuu isaanii hubadhu. Barattoonni seenaa kana barreessuun dura, namoonni guddina afaan Oromoof gumaacha guddaa taasisan eenyufaa akka ta’an dareetti irratti mari’achuun adda baasisi. Sanaan booda, namoota sanneen keessaa filatanii barreessuu 55 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 danda’u. Deebii Gilgaala 7B: Haaluma ajaja laatameetiin mana kitaabaa deemuun odeeffannoo kitaabotaa haala sirrii ta’een funaanuun qindeessanii dhiheessuu isaanii mirkaneeffadhu. 4. Gaaffiiwwan keessa Deebii Barattoonni barnoota boqonnaa kana keessatti baratan akka sirriitti hubatan gaaffiiwwan waliigalaa keessa deebii armaan gadii hojjechiisi. Gaaffiiwwan armaan gadiif deebii gaggabaabaa kenni. 1. Seenaa Onesmoos Nasiib gabaabsii dareetti himi. 2. Seenaa Oneesmos Nasiibirraa maal baratte? 3. Garaagarummaa saffisaafi sakattaan dubbisuu ibsi. 4. Mallattoo waraabbii dachaafi qeenxeetti fayyadamuun himoota sadi sadi barreessi. 5. Maqaafi gosoota maqaa adda baasuun fakkeenya waliin ibsi. 5. Madaallii Dhuma boqannichaarratti, barattoonni ogummaawwan armaan gadii goonfachuu isaanii mirkaneeffadhu. Barreeffama dhihaateef, saffisaan, sakattaafi suuta dubbisuun dhaamsa addaddaa barreeffamicha keessaa hubachuu , Jechoota dubbifama keessaa bahaniif hiika galumsaa laachuu danda’uu, Tajaajila sirna tuqaalee warabbii dachaafi waraabbii qeenxee hubachuun himoota isaanii keessatti itti fayyadamuu danda’uu, Maqaafi gosoota isaa adda baasanii hubachuun himoota isaanii keessatti sirriitti itti fayyadamuu, 56 Seenaa namoota Afaan Oromoo guddisuuf gumaacha godhanii barreessuu Afoola keessaa geerarsa barreessanii yeedaloo isaa eeguun geeraruu. Boqonnaa 7: Faayidaa Bosonaafi Bineensotaa Boqonnaa 7: Faayidaa Bosonaafi Bineensotaa (Wayitii 7) Seensa Boqonnichaa Boqonnaa kana keessatti barattoonni, dubbisa “Faayidaa Qabeenya Bosonaafi Bineensotaa” jedhu dubbisuun, bosonniifi bineensonni bosonaa jiruufi jireenya ilma namaaf hagam barbaachisaa akka ta’an hubatu. Kuni ammoo bosonaafi qabeenya bosona keessa jiru kunuunsuu keessatti gahee isaanii akka gumaachan isaan danddeessisa. Shaakaloonni boqonnaa kana keessatti laataman dandeettii afaanii addaaddaa akka cimsatan isaan taasisa. Kutaa caaslugaa boqonnaa kanaa keessatti, maqaan akka maqibsaatti akka tajaajilu hubachuun haaluma sanaan itti fayyadamuu danda’u. Shaakala dandeettii barreessuu keessatti ammoo garaagarummaafi tokkummaa wantootni qaban agarsiisuuf wantoota walbira qabanii barreessuu shaakalu. Dhumarrattis, mata-duree isaaniif laattamerratti, yaada dhiyaateef deeggaruun ykn mormuun afaaninis ta’ee barreeffamaan mormii dhiheessu. 1. Kaayyoo: Barattoonni, barnoota boqonnaa kanaatiin booda: barreeffama isaaniif dhiyaate akkaataa addaddaan dubbisuun ergaa isaa hubatu. faallaa jechootaa kennu. garaagarummaafi tokkummaa wantootaa hubachuun ibsu. maqaan akka ibsa maqaatti akka tajaajilu nihubatu. adeemsaafi akkaataa falmiin itti gaggeeffamu hubachuun falmii gaggeessu. 2. Qabiyyee Dubbisuufi dubbachuu Dubbisa, “Faayidaa Qabeenya Bosonaafi Bineensotaa” jedhu Hiika jechootaa Maqaa akka maqibsaatti Qub-guddeessaafi qoodduu Wantoota walbira qabuun walmadaalsisuu Falmii gaggeessuu 57 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 3. Mala Baruu-barsiisuu Barannoo 1: Shaakala Dubbisuufi Dubbachuu Gilgaala 1: Shaakala Dubbisuun Duraa Kaayyoon gilgaala kanaa barattoonni dubbisatti osoo hinseeniin, beekumsa isaanii waliigalaa gara dubbifamichaatti fiduun akka dhaamsa dubbisichaa hubatan; akkasumas, jechoota/gaaleewwan dubbisicha keessatti hiika isaanii hubachuuf ulfaachuu danda’an dursanii akka beekaniifi. Kanaafuu, gaaffiiwwan ‘A’ jala jiran irratti mari’achuun wanta beekan akka walitti himan, jechoota “B’ jala jiranis,yoo beekan akka walitti himan, yoo kan hinbeekne ta’e ammoo hiika isaanii itti himi. Shaakala Yeroo Dubbisaa Deebii Gilgaala 2: A 1. Bosonniifi bineensonni bosonaa jiruufi jireenya ilma namaaf daran barbaachisaa ta’uu isaanifi qabeenya kanneen kunuunsuu akka qabnu ibsa. 2. Geeddarumsa qilleensaa hambisuu, madda galii ta’uu, madaallii sirnakkoo eeguu, madda qoricha addaddaa ta’uufi kkf. 3. Kaarboondaayi’ooksaayidiin gara qilleensaatti akka lakkifamu taasisuuni. 4. Bosonaafi bineensota bosonaa akka harkistoota tuuristootaatti itti fayyadamuuni. 5. Sababa hoongee deddeebi’ee dhufuun lubbuu ummataafi beeyladootaa dhabaa turteetti. B. 1. 20% 2. tokkoffaa 3. 80% 4. miiliyoona afurii ol C. 1. a. sababa oo’insa qilleensa dacheetiin, dhangala’iinsa cabbii qarqara lafaa fiduun olka’iinsi qaamolee bishaanii akka dabalu taasisa. b. gegeeddarumsa waytii roobaa c. lolaa, hongee…. 2. kaarboondayi’ooksaayidii bosona keessa jiru akka gadi hinlakkifamne hammatee qabuufi kan duraan qilleensa keessa jiru ammo xuuxuun. 3. Daldala kaarboonii jechuun biyyoonni industiriin guddatanii kaarboondaayi’ooksaayidii heddu maddisiisan biyyoota industiriin hinguddatiniifi bosona heddu qabaniif maallaqa akka kanfalan gochuudha. 4. kuruphee, bosonuu, karkarroo,booyyeefi, kkf. 5. Biyyeefi haratni lolaan haxaawwaman gara hidhaatti nam’uun hidicha guutuun hanga bishaan inni qabachuu danda’uu xiqqeessa. 58 Boqonnaa 7: Faayidaa Bosonaafi Bineensotaa 6. 7. qoricha oomishuuf Mammaaksichi ilma namaaf mammaakkame. Ilmi namaa yoo ofii jedhe bosona haakunuunsu ykn ofumaaf miidhama jechuudha. simachuu 2. jibbisiisan/ijaaf qalbiif hintolan Nitufama/gadilakkifama 4. mancaaste Ni’ulfaachisa 6. Seeran ala goggogsuu 8. faayidaa xiqqoo D. 1. 3 5. 7. 9. Shaakala Dubbisuun Boodaa Deebii Gilgaala 3: Kaayyoon gilgaala kanaa barattoonni, hubannoo dubbisarraa argatan haala qabatamaa naannoo isaaniin walmaddii qabuun akka hubatan taasisuufi bosonaafi qabeenya bosonaa eeguu keessatti gaheen isaanii maal akka ta’e akka hubataniifi. Kanaafuu gaaffiiwwan dhihaatanirratti mari’achuun akka dareef gabaasan jajjabeessi. Barannoo 2: Shaakala Caaslugaa Deebii Gilgaala 4: A 1. Bishaan lagaa osoo hindanfisin dhuguun dhibee namatti fiduu danda’a. 2. Aannan re’ee daran nama jabeessa. 3. Seerri biyya keenyaa ilkaan arbaa heeyyama malee bitanii gurguruu nidhoorka. 4. Naanna tokko tokkootti dammi daamuu qoricha jedhameet amanama. 5. Naannawa gammoojjiitti bal’inaan midhaan mukaatu oomishama. 6. Obbo Galgaloon horii gaanfaa 100fi kanniisa gaagura 40 qaba. B. Maqaalee laataman kanneen sirriitti akka maqibsootaatti itti fayyadamuu isaanii mirkaneessi. Fkn. Rooba gannaatti fayyadamuun oomisha gahaa oomishuu qabna. Barannoo 3: Shaakala Barreessuu Deebii Gilgaala 5: A. Qabxiiwwan Qilxuufi Odaa adda baasan tarreessuu isaanii hubadhu. B. Qabxiiwwan ‘A’ jalatti tarreessanirratti hundaa’uun Qilxuufi Odaa walmaddii qabanii haala tokkummaafi garaagartii isaanii agarsiisuun barreessuu isaanii mirkaneessi. 59 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Deebii Gilgaala 6: Kaayyoon gilgaala kanaa barattoonni seera falmii eeganii falmii gaggeessuu akka shaakalaniifi. Kanaafuu, mata-duree filatanirratti ja’a ja’a ta’anii akka falman taasisi. Garee tokko keessatti, barattoonni sadi yaadota lamaan dhiyaatan keessaa tokko deeggaruun sadi ammoo kan biraa deeggaruun akka waliin falman taasisi. Garee hunda keessatti, barataan tokko dura-taa’aa ta’uun mormicha akka gaggeesisiisu taasisi. Erga afaaniinmormanii raawwataniin booda, qabxiiwwan mormii isaanii akka sitti himan taasisuun gabateegurraacharratti qindeessitii qabxiiwwan kanneenirratti hundaa’uun akka mormii isaan barreessan taasisi. 4. Gaaffiiwwan keessa Deebii Barattoonni barnoota boqonnaa kana keessatti baratan akka sirriitti hubatan gaaffiiwwan waliigalaa keessa deebii armaan gadii hojjechiisi. Gaaffiiwwan armaan gadiif deebii gaggabaabaa kenni. 1. Mata-duree “Qabeenya Bosonaafi Bineensotaa” jedhurratti keeyyata gabaabaa tokko barreessi. 2. jechoota maal maalitti fayyadamna? 4. Maqaalee akka maqibsatti tajaajilan shan barreessii himoota ittiin ijaari. 5. Seera falmiin itti gaggeeffamu barreessi. 5. Madaallii 60 Dhuma boqonnichaarratti, barattoonni dandeettiiwwan armaan gadii gonfachuu isaanii mirkaneeffadhu. Barreeffama dhihaateef, saffisaan, sakattaafi suuta dubbisuun dhaamsa addaddaa barreeffamicha keessaa hubachuu Jechoota dubbifama keessaa bahaniif hiika galumsaafi faallaa hiika galumsaa laachuu danda’uu Maqaa akka maqibsaatti tajaajilamuun himoota barreessuu • Garaagarummaafi tokkummaa wantootaa sirriitti barreessuu danda’uu Mata-duree laatameef irratti afaaniniis ta’ee, barreeffamaan falmii gaggeessuu danda’uu isaanii, Boqonnaa 8: Garaa Kaasaa Boqonnaa 8: Garaa Kaasaa (wayitii 7) Seensa Boqonnichaa Boqonnaa kana keessatti barattoonni, dubbisa “Garaa Kaasaa” jedhu dubbisuun, wantoota dhibee garaa kaasaa namatti fidan, miidhaawwan dhibichi namarraan gahu; akkasumas, tooftaalee dhibee kana ittiin ofirraa ittisuun danda’amu akka hubatan isaan danddeessisa. Hubannoon kun ammoo dhibee du’a namoota, keessumattuu du’a daa’imman hedduuf sababa ta’e kana too’achuu keessatti qooda isaanii akka gumaachan isaan taasisa. Shaakaloonni boqonnaa kana keessatti laataman ogummaa afaanii addaddaa akka cimsatan isaan taasisa. Kutaa caaslugaa boqonnaa kanaa keessatti, maqibsaafi gosoota isaa adda baasanii akka hubatan, gochima akaakuu isaatiin adda baasanii akka hubataniifi himoota isaanii keessattis sirriitti akka itti fayyadaman dandessisa. Dabalataanis, amaloota keeyyata haala gaariin barreeffamee beekuun keeyyata gaarii akka barreessan; hima keessatti sababaafi bu’aa adda baasanii akka hubatanifi yaada haqaafi dhuunfaa adda baasanii akka hubatan isaan dandeessisa. 1. Kaayyoo: Barattoonni, barnoota boqonnaa kanaatiin booda: • • • barreeffama isaaniif dhihaate dubbisuun ergaalee guguddoofi xixiqqaa adda baasuun himu. jechootaaf hiika galumsaa kennu. maqibsaafi gosoota isaa adda baasanii hubachuun himoota isaanii keessatti itti fayyadamu. gochimaafi gosoota isaa hubatanii itti fayyadamu. amaloota keeyyata haala gaariin barreeffamee hubatu. himoota keessatti sababaafi bu’aa adda baasanii himu. haqaafi yaadota dhuunfaa adda baasanii hubatu; barreeffama isaanii keessattiis itti fayyadamu. 2. Qabiyyee Dubbisuufi dubbachuu Hiika jechootaa Gochimaafi akaakuu isaa Sababaafi bu’aa • • Dubbisa “Garaa Kaasaa ” jedhu Maqibsaafi gosoota isaa Amaloota keeyyataa Yaada haqaafi dhuunfaa 61 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 3. Mala Baruu-barsiisuu Barannoo 1: Shaakala Dubbisuufi Dubbachuu Gilgaala 1: Shaakala Dubbisuun Duraa Kaayyoon gilgaala kanaa barattoonni dubbisatti osoo hinseeniin, beekumsa isaanii waliigalaa gara dubbifamichaatti fiduun akka dhaamsa dubbisichaa hubatan gargaarufi. Kanaafuu gaaffiiwwan dhihaatefirratti mari’achuun wanta beekan akka walitti himan jajjabeessi; karaa bakka-bu’aa isaaniin akka gabaasanis gaafadhu. Shaakala Yeroo Dubbisuu Deebii Gilgaala 2: A. 1, daa’imman waggaa shanii gadii 2. Namni dhibee kanaan qabame guyyaatti si’a sadi ykn sanaa ol gadteessuma qallaa akka bishaanii gadi taa’uu qaba. Yoo mallattoon kuni nama tokkorratti mul’ate, namichi, dhibee garaa kaasaatiin qabame jechuudha. 3. sadi 4. afur 5. Bishaan qulqulluu, soogidda/ashaboofi shukkaara walitti makanii obaasuudha. B. 1 miiliyoona 1.5 2. sadiifi sanaa ol 3. baakteeriyoota, vaayirasiifi maxxantoota gosa addaddaatiin 4. biiliyoona lamaa ol 5. biiliyoona tokkoo ol 6. bara 2004 sadarkaa sadaffaa qabachuun namoota 6.9% ajjeesera. C. 1. dhibee sombaati. 2. bishaaniifi ashaboo/soogidda jireenyaaf barbaachisaan qaama namaa keessaa fixuun 62 3. ogummaan qaama isaanii dhibee ofirraa ittisuu wanta dadhabuufi. Boqonnaa 8: Garaa Kaasaa 4. namni dhibee kanaan qabame guyyaatti si’a sadi ykn sanaa ol gadteessuma qallaa akka bishaanii gadi taa’uu qaba. Gama biraatiin namni dhibee kanaan qabame saffisa irra deddeebii yeroo fayyaa ture ittiin gadi taa’u caalaa irra deddeebi’ee gadi taa’uu qaba. Mallattoon kun dhibee garaa kaasaa dhibeewwan kaanirraa adda baasnee akka beeknu nudanddeessisa. 5. a. Garaa kaasaa daran cimaa ta’eefi gad-teechuma bishaan fakkaatu gadi nama teechisu ta’ee sa’aatii ykn guyyoota hedduuf namarra turuu danda’a. Fakkeenyaaf, Koleeraan garaa kaasaa akka kanaa keessatti ramadama. b. Gaditeechuma cimaa dhiiga makate. Kuni Afaan Ingiliiziitiin ‘Dysentry’ jedhama. 6. c. Garaa kaasaa walirraa hincinne; kan torbee lamaafi sanaa ol turu. Bishaan gad-teechuma (boolii) namaatiin faallame dhugaatiif, nyaata bilcheessuufi qulqullinaaf fayyadamuu. Dhoqqeefi bobbaan beeyladoota biroos lubbu-qabeeyyii ijaan hinmul’anne kan dhibee kanaaf sababa ta’an qabaachuu mala. Hanqinni nyaataa mataa isaatiin ogummaa uumamaan qamni dhibee ofirraa ittisu dadhabsiisuun dhibichaaf nama saaxiluu danda’a. Nyaanni yoo qulqullinaan qophaa’uu baateefi iddoo qulqulluutti kuufamuu ykn kaa’amuu baate, dhibee kanaaf sababa ta’a. Nyaanni bonee bishaan faallameen oomishame, qurxummiifi nyaatonni biroo bishaan faallamaa/xuraa’aa keessaa funaannamanis sababa dhibee kanaa ta’uu malu. 7. Biyyoota guddinaan duubatti hafan keessatti qulqullinni naannoos ta’ee kan dhuunfaa kan hanqina qabu ta’uu, namoonni hedduun nyaata gahaa kan hinarganne ta’uufi kkf. 63 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 8. Nyaatni bonee bishaan xuraa’en yoo oomishame, wantoota dhibee garaa kaasaa namatti fidan of keessaa wanta qabaatufi. Waa’een qurxummiis, waluma fakkaata. 9. Aannan haadhaa qulqulluufi kan wantoota dhibee kana fidanirraa bilisa ta’e waan ta’eef; akkasumas, dandeettii qaama daa’immanii uumamaan dhibee ofirraa ittisuu wanta cimsaniif. 10. Dhangala’aa sababa gadi-teechumaatiin qaama keessaa bahu bakka buusuni. Balaaf mijaa’odha 2. Daran barbaachisaadha 3. geessiseera 4. iddoo tokkotti walitti qabamuu 5. guuraman/walitti qabaman 6. hiikoowwan 7. guuttamaa/kan waa hunda qabu E. Himoonni isaan jechoota kanneeniin barreessan hiika galumsaa jechootaa agarsiisuu isaanii hubadhu. Shaakala Dubbisuun Boodaa Deebii Gilgaala 3: Kaayyoon gilgaala kanaa barattoonni, hubannoo dubbisarraa argatan haala qabatamaa naannoo isaaniin walmaddii qabuun akka hubatan taasisuufi sababootafi miidhaa dhibee garaa kaasaa hubachuun wantoota dhibee kanaaf sababoota ta’an hambisuun rakkina dhibee kanaa hir’isuu keessatti gahee isaanii akka gumaachan gargaara. Kanaafuu, gaaffiiwwan dhihaateef haala qabatamaa naannawa isaniin walqabsiisanii akka deebisan jajjabeessi. Barannoo 2: Shaakala Caaslugaa Deebii Gilgaala 4: Himoota armaan gadii keessatti maqibsoota fi gochimoota adda baasuun gosa/ akaakuu isaanii himi. 64 1. Barattoonni muraasni qormaata kufan. Muraasni----- maqibsa baay’ina agarsiisu Kufan---- gochima gocha agarsiisu Boqonnaa 8: Garaa Kaasaa 2. Intala abshaala saniin hinmichoomiin. Abshaala---maqibsa maalummaa agarsiisu. Hinmichoomiin--- gochima gocha agarsiisu 3. Fardeen isaanii garbuu keenya nyaatan. Isaanii --- maqibsa abbummaa agarsiisu Nyaatan--- gochima gocha agarsiisu 4. Abbaan Tolaa hoolota torba gurgure. Torba--- maqibsa lakk. Agarsiisu. Gurgure--- gochima gocha agarsiisu 5. Namichi sanyii facaasuu kun Margaadha. Facaasuu--- gochima gocha agarsiisu Margaa---- maqibsa eenyummaa agarsiisu 6. Ganda keenya keessaa eenyu beekta. Keenya---maqibsa abbummaa agarsiisu Eenyu--- maqibsa iyyaafannoo 7. Intalli abbaa Galgaloo sun ‘Moonaaliizaa’ fakkaatti. Moonaaliizaa—maqibsa maalummaa agarsiisu Fakkaatti--- gochima walqabsiiftuu 8. Foon sangoolii Salaalee nimi’aawa. Salaale--- maqibsa maalummaa agarsiisu Nimi’aawa---gochima ta’umsaa 9. Gurbaa magaalli sun nimiidhaga. Magaalli--- maqibsa maalummaa Nimiidhaga--- gochima ta’umsaa 10. Namoonni tokko tokko dhibee garaa kaasaa ilaalchisuun hubannoo dogoggoraati qabu. Tokko tokko----maqibsa baayyinaa Dogoggoraa--- maqibsa ta’umsaa Qabu—gochima walqabsiiftuu 65 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Barannoo 3: Barreessuu Deebii Gilgaala 5: Himoota armaan gadii keessatti sababa si’a tokko, bu’aa ammoo si’a lama jala sarari. Fkn: Dhibeen garaa kaasaa, du’a daa’imman hedduu qaqqabsiise. 1. Hanqinni roobaa bara darbe uummame, beela fide. 2. Roobsan yeroo hunda cimee waan qo’atuuf daree keessaa 1ffaa bahe . Dhibeen garaa kaasaa bishaaniifi nyaata qulqullina hinqabnerraa dhufa. 3. 4. Uummanni Chaayinaa wanta cimee hojjetuuf saffisaan hiyyummaa keessaa bahaa jira . Addunyaarratti du’a daa’immaniif sababni sadarkaa tokkoffaan dhibee 5. Sombaati. 6. Hanqinni nyaataa dhibee garaa kaasaatiif nama saaxila . 7. Ooggantoonni biyyoota tokko tokkoo wanta fedhii uummata isaanii hineegneef humnaan taa’itaa isaaniirraa fonqolchamu. 8. Jaalatamaniifi kabajamni Onesmoos Nasiib ummata Oromoo biratti qabu , hojii qabatamaa inni uummatichaaf hojjeterraa burqa. Gilgaala 6: Himoota armaan gadii keessaa kam kamtu yaada haqaa akka ta’an, kam kamtu ammoo yaada dhuunfaa akka ta’an adda baasuun sababa waliin ibsi. 1. Kilabiin kubbaa miilaa akka Arsenaal cimaan hinjiru. Yaada dhuunfaa-----namoonni biraammoo cimaan Maanchisar Yunaayitid jechuu malu. 2. Magaalli guddoon Xaaliyaanii Room jedhamti. Yaada haqaa---Kuni dhugaa eenyumtuu hinmormine Caccabsaan baayyee mi’aawa. 3. Yaada dhuunfaa--- Namoota biratti ammoo foon dheedhii ykn kan biraa ta’uu mala. 66 Boqonnaa 8: Garaa Kaasaa 4. Obbo Nagawo sooressa badaadha. Yaada dhuunfaa--- Namoonni biraa ammoo obbo Nagawo hangas mara sooressa miti jedhanii yaaduu malu. 5. Tolchaan Siifan baayyee jaalata. Yaada dhuunfaa--- Namoonni biraa ammoo hagas mara hinjaalatu jechuun sababa dhiheessuu malu. 6. Magaalaan Finfinee aanota 116 qabdi. yaada haqaa 7. Addunyaa keessatti waggaa tokkotti ummata biiliyoona lamatu dhibee garaa kaasaatiin qabama. Yaada haqaa--- kuni kan qu’annoon mirkanaa’e. Adaamaan bashannanaaf mijaattuudha. 8. Yaada dhuunfaa--- Nammoonni kaan ammoo yaada addaa qabaachuu malu. 9. Cimanii hojjechuun nama sooromsa. Yaada haqaa--- haqa kana eenyutu morma? 10. Shamarri akka Biqiltuu miidhagdu gonkuma hinjirtu. Yaada dhuunfaa---- namni biraa ammoo miti jedhee amanuu mala. Deebii Gilgaala 7: Keeyyanni isaanii amaloota keeyyata kitaaba barataarratti ibsame guutuun barreeffamu isaa mirkaneeffadhu. 4. Gaaffiiwwan keessa Deebii Barattoonni barnoota boqonnaa kana keessatti baratan akka sirriitti hubatan gaaffiiwwan waliigalaa keessa deebii armaan gadii hojjechiisi. Gaaffiiwwan armaan gadiif deebii gaggabaabaa kenni. 1. Dhibeen garaa kaasaa dhibee akkamiiti? 2. Dhibeen garaa kaasaa akkamiin namatti dhufa? 3. Dhibee garaa kaasaa akkamitti ofirraa ittisuun danda’ama? 4. Maqibsaafi gosoota isaa adda fakkeenya waliin ibsi. 67 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 baasuun ibsi. 5. Gochimaafii gosoota isaa fakkeenya waliin ibsi. 6. Amaloota keeyyata haala gaariin barreeffamee tarreessi. 7. Mata-duree “Akkaataa Dhibee Garaa Kaasaa Ittiin Ofirraa Ittisnu” jedhurratti keeyyata amaloota hunda guuttate barreessi. 8. Himoota sababaafi bu’aa of keessaa qaban shan barreessuun sababaafi bu’aa adda baasuun himi. 9. Himoota yaada dhuunfaa agarsiisan sadi, kan haqa agarsiisanis sadi barreessi. 5. Madaallii Dhuma boqonnichaarratti, barattoonni ogummaawwan armaan gadii goonfachuu isaanii mirkaneeffadhu. Barreeffama dhihaateef, saffisaan, sakattaafi suuta dubbisuun dhaamsa addaddaa barreeffamicha keessaa hubachuu Jechoota dubbifama keessaa bahaniif hiika galumsaa laachuu danda’uu Maqibsaafi gosoota isaa adda baasuun hubachuufi himoota isaanii keessatti sirriitti itti fayyadamuu Gochimaafi akaakuu isaa hubachuun himoota isaanii keessatti itti fayyadamuu Amaloota keeyyata sirriitti hubachuun keeyyata barreessan keessatti agarsiisuu 68 Himoota keessatti sababaafi bu’aa adda baasuu danda’uu Yaada haqaafi yaada dhuunfaa adda baasuun hubachuu. Boqonnaa 9: Sirna Gadaa Boqonnaa 9: Sirna Gada (Wayitii 9) Dheerina wayitii tokkoo daqiiqaa 40 Seensa Boqonnichaa Boqonnaa kana keessatti barattoonni ogummaa dhaggeeffachuufi dubbisuu jaraa cimsuuf kan jara gargaaran gilgaala adda addaa nishaakalu. Kana malees, seerluga Afaan Oromoo keessaa gosoota walqabsiisotaa, caasaa himaafi ibsa gochimaa hima keessatti addaan baasanii hubatu. Shaakalli hiika jechootaa haala galumsa jaraan nigeggeessu. 1. Kaayyoo: Barattoonni, barnoota boqonnaa kanaatiin booda: Dubbisa “Sirna Gadaa” dubbisuun hubanno cimsatu. Jechootaaf hiika galumsaa kennu. Gosoota walqabsiisota addaan baasuun itti fayyadamu. Caasaa himaa addaan baasuun himu. Ibsa gochimaafi gosoota isaa hima keessa galchuun itti fayyadamu. 2. Qabiyyee Dubbisa mataduree “Sirna Gadaa” jalatti dhiyaate Hiika galumsa jechootaa Gosoota walqabsiisotaa Ibsa gochimaafi gosoota isaa Caasaa himaa 3. Mala Baruu-Barsiisuu Barannoo 1: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu Gilgaala 1: Shaakala Dhaggeeffachuun Duraa Deebii gilgaala 1A Gaaffiiwwan gilgaala kana jalattti dhiyaatan barattoonni osoo gara 69 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 dhaggeeffachuutti hince’iin dura gareen akka irratti mari’atanu yaadamee kan qophaa’ani. Atis barattoonni gareen gaaffiiwwan dhiyaatan irratti akka mariyaatanu godhi. Deebii barattoonni kennanu hunda keessumsiisi. Kaayyoon gilgaala kanaas deebii murtaa’e tokko argachuuf kan qophaa’ee miti. Deebii gilgaala 1B Gara dhaggeeffachuutti barattoonni osoo hince’iin dura hiika jechoota dhiyaatanii akka tilmaamanu godhi. Tilmaammii jara hunda keessumsiisi. Fakkeenyaaf jecha ‘maalummaa’ jedhu barattoonni ‘eenyummaa’, ‘sabummaa’ fi kkf jedhanii hiikuu nidanda’u. Gilgaala 2: Shaakala Yeroo Dhaggeeffachuu Barreeffama waa’ee aadaa irratti qophaa’eef ati dubbistuuf dhaggeeffachaa barattoonni gaaffiiwwan gilgaala kana jala jiranu akka deebisan godhi. Barreeffamichas al lama yookaan al sadii dubbisiif. Waan ati xiyyeeffachuun sirraa eegamu tokko yoo jiraate dubbisuu osoo hineegaliin dura barattoonni gaaffiiwwan kana jalqaba akka dubbisanii yaada jaraa argatan godhi. Deebii gilgaala 2A 1. amalaafi yaada baratamaa 2. amantaa, seera amalaa, afaan, aartii teeknooloojii, haala oomishaafi qophii nyaataa, amantaa, sirna siyaasaafi diinagdee 3. aadaa 4. Tokkoffaan, aadaan mallattoolee qabatamaarratti hundaa’a. Kunis mallattooleefi qooqa fayyadamuun waliigaluu ofkeessatti hammata. Lammaffaan, aadaan kan waliiniiti. Ummanni hawaasa tokko amalootaafi karaa itti yaadu waliin hirmaata. Sadaffaan, aadaan nibaratama. Kana jechuun namni tokko aadaa kan baratu namoota hawaasa sana keessa jiran irraatti. 5. walqixa 6. guddinaafi dagaagina 70 Boqonnaa 9: Sirna Gadaa Aadaa Aadaan amalaafi yaada baratamaa ummanni garee hawaasummaa tokko keessa jiru baratu, uumuufi bocu. Aadaan, garee hawaasaa tokko kan biraarraa adda kan goduudha. Aadaan ummata tokkoo amantaa, seera amalaa, afaan, aartii, teeknooloojii, haala uffannaa, haala oomishaafi qophii nyaataa, sirna siyaasaafi diinagdee dabalata. Qorannaan aadaa irratti godhaman hedduun jaraa akka ibsanutti, aadaan jireenya garee hawaasaa tokko keessatti iddoo guddaa akka qabu agarsiisa. Hawaasni tokko maalummaa isaa kan calaqqisiisu aadaa isaatiin. Aadaan hawaasa tokkoof akka mallattoo eenyummaatti gargaara jechuudha. Hawaasni kamiyyuu aadaa uffannaa, aadaa nyaataa, aadaa sirbaa, aadaa cidhaa, aadaa jireenyaafi kan kana fakkaatanu hedduu qabaachuu nidanda’a. Kana malees, aadaan amaloota adda isa godhan baay’ee qaba. Tokkoffaan, aadaan mallattoolee qabatamaarratti hunda’a. Kunis mallattooleefi qooqa fayyadamuun waliigaluu ofkeessatti hammata. Lammaffaan, aadaan kan waliiniiti. Sadaffaan, aadaan nibaratama. Kana jechuun namni tokko aadaa kan baratu namoota hawaasa sana keessa jiran irraati. Aadaan gara gara. Ummanni kamiyyuu aadaa mataa isaa qaba. Ogeessonni aadaa dhimma kana hubachuun, hawaasni adda addaa aadaa walii akka hubatan jajjababeessu. Haaluma kanaan, namoonni hedduun aadaan kamiyyuu kan biraarraa adda ta’uu isaa hubachuun aadaawwan hunda walqixa kabaju. Aadaan tokko guutumaa guutuutti kan beeku nama aadicha keessatti dhalatee, jiraateefi hirmaate qofa ta’ullee, namoonni biraa aadaa sana kabajuufi fedhuun nibaratu. Walumaagalatti, aadaan maalummaafi jireenya hawaasa tokkoo calaqqisiirurra darbee guddinaafi dagaagina hawaasa sanaaf faayidaa hedduu qaba. Barbaachisummaan aadaa ofii beekuufi kabajuuf gonkumaa shakkii hinqabu. Mee nutis, hangam aadaa ummata keessa jiraachaa jirru akka beeknu of haagaafannu. 71 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Deebii gilgaala 2B Gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan keessaa kan yaada sirrii hintaane ‘soba’ kan sirrii ta’e ammoo ‘dhugaa’ jechuun sababa jaraa wajjin akka barreessan godhi. Sababni jarri kennanus barreeffama ati dubbisteef keessaa ta’uu akka qabu akeekkachiisi. 1. Dhugaa 5. soba Gilgaala 3:Shaakala Dhaggeeffachuun Boodaa Deebii Kaayyoon gilgaala kanaa barattoonni hubanno dhaggeeffachuu keessaa argatan hangam haala jireenyaa yookaan naannoo jaraa wajjin walsimsiisuuf akka carraaqan beekuuf. Kanaafuu, atis barattoonni gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan gareen akka irratti mariyatanu godhi. Yaadni barattoonni kaasanu hundi akka deebiitti fudhatama. Barannoo 2: Dubbisuufi Dubbachuu Gilgaala 4: Shaakala Dubbisuun Duraa Deebii gilgaala 4A Gilgaalli kun qaama shaakala dubbisa duraa waan ta’eef deebii sirrii yookaan sirrii miti jettee murteessitu hinqabu. Atis barattoonni gareen gaaffiiwwan dhiyaatan irratti akka mari’atanu godhi. Deebii gilgaala 4B Jechoota gilgaala kana jalatti dhiyaatan osoo barattoonni gara dubbisatti hice’iin dura akka hiika jaraa tilmaamanu godhi. Fkn: laayyoo: salphaa yaa’ii : walga’ii, marii luboota: miseensota, qoodafudhattoota 72 Boqonnaa 9: Sirna Gadaa Deebii gilgaala 5: Shaakala Yeroo Dubbisuu Deebii gilgaala 5A: Osoo gara dubbisaatti hinseeniin dura jalqaba barattoonni gaaffiiwwan dhiyaatan akka dubbisanii qalbeeffatan godhi. 1. Gadaa jechuun sirna ittiin bulmaata ummata Oromoo jechuudha. 2. Kuuchuu, Raaba, Dabballee, Doorii, Lubaafi Gadaa jedhamanii beekamu. 3. Fakkeenyaaf yaa’ii Oromoonni odaa jalatti godhatan keessaatti Abbaan Bokkuu karaa mirgaa yoo taa’u, qondaaltonni kaan karaa bitaa akka hangafummaa lammiifi umrii isaaniitti walitti aanuudhaan taa’u. Mariinis yammuu adeemsisan, kan dubbatan hangafaafi quxisuu umriin waleeganiiti. Namoonni yaa’ii kanarratti argaman hunduu yaada kennuufis ta’e murtii dabarsuuf ilaalcha isaanii ibsuuf mirga guutuu qabu. 4. Ayyaanni kun kan dhangaan itti nyaatamee dhugamu, akkasumas waan mo’ataniif kan itti gammadamu. 5. Adeemsa marii seera haaraa irratti godhamu kun dargaggootaaf bakka itti dubbii dhaggeeffachuuu baratan ta’ee tajaajila. Deebii gilgaala 5B Gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaataniif ‘soba’ yokaan ‘dhugaa’ jechuun sababaa wajjin akka deebisanu godhi. 1. Soba Deebii gilgaala 5C Dubbisa waa’ee Sirna Gadaa irratti dhiyaate suuta jedhanii erga dubbisanii booda gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan barreeffamaan akka deebisan godhi. Deebii gilgaala 5D 1. B 73 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Gilgaala 6: Shaakala Dubbisuun Boodaa Deebii Gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaataniif deebii murtaa’aa argachuu dhabuu nidandeessa. Xiyyeeffannaa kee ta’uu kan qabu, hangam barattoonni yaada dubbisa dhiyaatee haala jireenya jaraafi naannoo jaraa wajjin walqabsiisaniiru isa jedhu haata’u. Atis barattoonni yaada jaraa dhiyeessu irratti akka xiyyeeffatan gorsi. Barannoo 3: Caasluga Deebii gilgaala 7A A. Walqabsiisota ida’ama yaadaa kanneen agarsiisan kana malees akkuma waan akka osoo hoo silaayyuu akkasumas dabalees • ammoo B. Walqabsiisota yaada faallaa kanneen agarsiisanu garuu tahulle haa ta’u malee karaa biraan ta’uyyuu ta’us C. Walqabsiisota filannoo yaadaa agarsiisanu yookaan • kanaa achi haa ta’u yookaan immoo yookaanis malee D. Walqabsiisota bu’aa ibsuuf galan kanaafuu kanarraan kan ka’een haaluma kanaan kanaafiyyuu Deebii gilgaala 7B Gilgaala kanaaf deebii adda addaa argachuu nidandeessa. Xiyyeeffannaan kee barattoonni walqabsiisota dhiyaatan sirriitti hubatanii hima irratti ijaaruu danda’uu jaraa haata’u. 74 Boqonnaa 9: Sirna Gadaa Deebii gilgaala 8A 1. Tolaan Deebii gilgaala 8B 1. nyaate 4. kennite 2. 2. Gammadaan ijaare 3. deemte 5. bitatan Deebii gilgaala 8C 1. kitaaba 3. mooraa mana barumsa jaraa 5. biqiltuu 2. wuccuu 4. qarshii naaf Deebii gilaala 9: Shaakala Gochibsaafi Gosoota Isaa Deebii gilgaala 9A 1. saffisaan ( gochibsa akkaataafi haalaa) 2. fedhiin (gochibsa akkaataafi haalaa) 3. bor (gochibsa yeroo) 4. booda (gochibsa yeroo) 5. bakka kana (gochibsa bakkaa) 6. waggaa waggaan ( gochibsa irra deddeebii) 7. guyya guyyaan (gochibsa irra deddeebii) 8. firaan ( gochibsa akkaataa) 9. baay’inaan ( gochibsa sadarkaa) 10. maaliif ( gochibsa gaaffii) Deebii gilgaala 9B Gochibsa kennaman irratti hima akka ijaaranu godhi. Itti aansuun gosa isaas addaan akka baasanu taasisiin. 1. amma( igochibsa yeroo) 2. har’a( gochibsa yeroo) 3. darbee darbee( gochibsa irra deddeebii) 4. guutumatti ( gochibsa sadarkaa) 75 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 5. bal’inaan( gochibsa sadarkaa) 6. eessatti (gochibsa gaaffii) 7. gaddaan (gochibsa akkaataafi haalaa) 8. sodaan( gochibsa akkaataafi haalaa) 4. Gaaffiiwwan keessa deebii 1. Waa’ee Sirna Gadaa maal yaadatta? Yaada kee bu’uureffachuun keeyyata tokko qopheessi. 2. Walqabsiisota kanaan gadii irratti hima ijaaruun garaagarummaa jaraa agarsiisi. dabalees malee waan akka tahulle kanaafuu ta’us yookaanis karaa biraan silaayyuu ta’uyyuu haaluma kanaan ammoo yookaan immoo akkasumas 3. Himoota gosa ibsa gochimaa adda addaa agarsiisanu barreessi. Hima barreessite fuuldurattis gosa ibsa gochimaa kam akka ta’es barreessi. 5. Madaallii Boqonnaa kana keessatti madaallii adda addaa raawwachuutu sirraa eegama. Barreeffama dhaggeeffachuuf dhiyaate sirriitti barattoonni hubachuu jaraa mirkaneeffadhu. Gaaffiiwwan dhaggeeffachuu duraa sirriitti deebisuu yoo baatan dubbisicha al lama yookaan al sadii irra deddeebi’uun dubbisiif. Dubbisa mataduree “Sirna Gadaa” irratti dhiyaate saffisaan dubbisanii odeeffannoo waliigalaa baasanii barreessuu jaraa mirkaneeffadhu. Kana malees, dubbisa dhiyaate suuta dubbisuun gaaffilee hubannoo barreeffamaan deebisuu isaanii qulqulleeffadhu. Jechoota dubbisa keessaa ba’an hiika jaraa sirriitti hubtanii filachuu jaraa ilaali. Lafa jarri hubachuuf rakkatanirratti haala jechichi dubbisa keessatti dhiyaate agarsiisuun gargaariin. Kana malees seerluga Afaan Oromoo keessaa caasaa himaa addaan baasanii himuu jaraa mirkaneeffadhu. Gosoota walqabsiisota addaan baasuun hima keessatti fayyadamuu danda’uu jaraas hubadhu. Shaakala dabalataa adda addaa kennuun bakka jarri hubachuuf rakkatan irratti gargaarsa addaa godhiif. Ibsa gochimaafi gosoota isaa hima keessaa galchuun hubachuu danda’uu jaraa mirkaneeffadhu. 76 Boqonnaa 10: Guddifachaa Boqonnaa 10: Guddifachaa (Wayitii 7 ) Dheerina wayitii tokkoo daqiiqaa 40 Seensa Boqonnichaa Boqonnaa kana keessatti barattoonni aadaa Oromoo keessaa guddifachaan maal akka ta’e hubatu. Jechootaafis hiika sirrii kennuu danda’u. Dabalatanis, keeyyata keessaa hima ijoo, himoota callaafi hima goolabaa addaan baasuun barreesssu. ogummaa barreeffama barattootaa kan cimsan shakalliin hedduu boqonnaa kana keessattis hammatamanii jiru. Haaluma kanaan, barattoonni gumee qopheessanii keeyyata akka barreessan godhamu. Kana malees, barattoonni hubannoofi dandeettii sirna tuqalee fayyadamuu irratti qaban nicimsatu. 1. Kaayyoo: Barattoonni barnoota boqonnaa kanaatiin booda: • • Aadaa Oromoo keessatti guddifachaan maal akka ta’e dubbisa dubbisuun hubatu. Jechootaaf hiika sirrii kennu. Keeyyata keessatti himoota calla, hima ijoofi hima goolabaa addaan baasuun hubatu. Gumee qopheessuun keeyyata barreessu. Ittifayyadama sirna tuqaalee irratti hubannoo gabbifatu. 2. Qabiyyee • • ogummaa dubbisuufi dubbachuu Jechootaaf hiika sirrii kennuu Keeyyata keessaa himoota calla, hima ijoofi hima goolabaa addaan baasuu Gumee qopheessuun keeyyata barreessu Sirna tuqaalee 3. Mala Baruu-Barsiisuu Barannoo 1: Dubbisuufi Dubbachuu Gilgaala 1: Shaakala Dubbisuun Duraa Deebii gilgaala 1A Gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan gareen akka irratti mari’atanu godhi. Kaayyoon gilgaala kaanas barattoonni osoo dubbisa dhiyaatetti hince’iin dura 77 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 dhimmoota yaada dubbisa dhiyaatee wajjin walqabanu irratti mari’achuun hubannoo jaraa akka gabbifatanuuf. Kanaafuu, gilgaalli kun deebii murtaa’aa ta’e tokko hinqabu. Deebii gilgaala 1B Hiika jechoota gilgaala kana jalatti dhiyaatan osoo gara dubbisaatti hinseeniin akka barattoonni tilmaamanu godhi. Fakkeenya: dungoo =boba’aa yookaan ibsaa Gilgaala 2: Shaakala Yeroo Dubbisuu Deebii gilgaala 2A 1. Oromoon yoo mucaa dhabe kan nama biraa fuudhee akka kan isaatti guddisa. Kun guddifachaa jedhama. 2. Adeemsa mataa isaa qaba( deebiin gaaffii kanaaf keeyyata 2ffaa dubbisichaa dubbisi) 3. Jaarsi bakka guddaa qaba. Fakkeenyaaf yeroo deebii gaarii argatan, warri guddifachuu barbaadan waan mucaan uffatu qopheessu. 4. Sababni isaas mucaa haaraa akka godhataniitti lakkaa’anii maqaa ofii isaanii moggaasuufi. 5. Uffata uwwisuu, maqaa jijjiiruu, nyaataafi dhugaatii dhiyeessuu.... Deebii gilgaala 2B Gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan keessaa kan yaada sirrii hintaane ‘soba’ kan sirrii ta’e ammoo ‘dhugaa’ jechuun sababa jaraa wajjin akka barreessan godhi. Sababni jarri kennanus barreeffama ati dubbisteef keessaa ta’uu akka qabu akeekkachiisi. Sababa jaraas dubbisa dhiyaate keessaa akka argatanu hubachiisiin. 1. Dhugaa Gilgaala 3: Shaakala Dubbisuun Boodaa Deebii gilgaala 3: Kaayyoon gilgaala kanaa dubbisa dhiyaate muuxannoo jaraa wajjin akka walsimsiisan gochuudha. Haaluma kanaan, barattoonni gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan sodaa tokko malee akka deebisan jajjabeessiin. Gaaffiiwwan dhiyaataniif deebii sirrii yookaan sirrii miti jedhamu hinjiru. 78 Boqonnaa 10: Guddifachaa Barannoo 2: Caasluga: Shaakala Jechootaa Deebii gilgaala 4A Jechoonni gilgaala kana jalatti dhiyaatan dubbisa mataduree “Guddifachaa” jedhu keessaa kan ba’an. Baratoonni hiika jechoota kanaa haala galumsa jaraatiin akka kennanu godhi. Dabalataanis, hiika galumsa jaraa kan ifa godhu hima akka ijaaranu taasisi. Deebii gilgaala 4B 1. A Deebii gilgaala 5 1. Kaayyoon Tolaa waan sadii: barnoota, beekamummaafi mana ijaaruu. 2. Haati koo waan afur bittee dhufte: dabtara, qalama, kopheefi uffata. 3. Sirna Gadaa keessatti ilmaan kormaa sadarkaa torba keessa darbu: Dabballummaa, Gaammoma, Dagaggooma, Kuusama, Raaboma, Gadoomafi Yubooma. 4. Mata-duree kanaan gadii irratti mari’adhaa. 5. Naannoo keenyatti lubbu-qabeeyyii hedduutu argamu Barannoo 3: Barreessuu Deebii gilgaala 6A Deebii gilgaala kanaa barattoonni gabatee dhiyaate keessatti akka barreessanu godhi. Keeyyanni tokko hima ijoo tokko qofa irraa ijaarama. Kana malees, keeyyanni tokko himoota callaa tokkoo ol qaba. Keeyyanni gilgaala kana jalatti dhiyaate hima ijoo tokkoofi himoota callaa tokkoo ol qaba. Hima jioo: Sirni Gadaa bu’uura dimookiraasiifi sirna siyaasaa ummata Oromoo ta’ee hojjeta. Hima goolabaa: Walumaagalatti, Sirni Gadaa sirna dimokiraasiiti jechuun nidanda’ama Himoota callaa: Hima ijoofi hima goolabaa ala kan jiranu hundi hima callaa jalatti ramadamu Deebii gilgaala 6B Matadureewwan gilgaala kana jalatti kennaman keessaa tokko filachuun akka keeyyata barreessan godhi. Keeyyata barreessan keessaa hima ijoo, himoota callaafi hima goolabaa addaan baasuun akka barreessanus haata’u. 79 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Gilgaala 7: Shaakala Gumeefi Barreeffama Qopheessuu Gilgaala kana osoo hineegaliin dura fakkeenya kenname siirriitti hubachuu jaraa addaan baafadhu. Fakkeenyi kenname barattoonni gumee akkam godhanii akka qopheessanuuf gumee qophaa’e bu’uureeffachuun akkam godhanii barreeffama akka qopheessan kan mul’isu. Matadureewwan kennaman keessaa tokko filachuun jalqaba gumee akka qopheessanu godhi. Itti aansuun gumee qopheessan irratti barreeffama akka qopheessan taasisiin. Gumeefi barreeffama jaraas gareen irratti akka mari’atanu haata’u. 4. Gaaffiiwwan keessa deebii 1. Mataduree «Guddifachaa » jedhu irratti keeyyata tokko barreessi. Keeyyata barreessite keessaas hima ijoo, himoota callaafi hima goolabaa addaan baasuun agarsiisi. 2. Jechoota kanaan gadiif hiika kallattiifi faallaa kenni. Hiika kallattii Hiika faallaa A. danuu _________ ___________ B. qabeenya _________ ___________ C. ofummaa _________ ___________ 3. Mataduree barbaadde tokko filachuun gumee qopheessi. 5. Madaallii Boqonnaa kana keessatti dubbisa mataduree “Guddifachaa” jalatti dhiyaate dubbisanii barattoonni yaada isaa hubachuu jaraa mirkaneeffadhu. Kana malees, guddifachaan aadaa Oromoo keessaatti bakka inni qabu sirriitti addaan baasanii hubachuu jaraa mirkaneeffadhu. Hiika jechootaa haala galumsa jaraan addaan baasanii kennuu danda’uu jaraa qulqulleeffadhu. Keeyyata dhiyaate keessaa hima ijoo, himoota callaafi hima goolabaa sirriitti addaan baasuu jaraa mirkaneeffadhu. Garaagarumma jaraas sirriitti himuu danda’uu jaraa hubadhu. Matadureewwan dhiyaatan irratti gumee qopheessanii keeyyata ijaaruu jaraa addaan baafadhu. Keeyyata ijaaran keessaa hima ijoo, himoota callaafi hima goolabaa addaan baasanii agarsiisuu jaraa mirkaneeffadhu. Sirna tuqaalee hima keessatti sirriitti fayyadamuu jaraa addaan baafadhu. Keessumaa sarara xiqqaafi 80 tuq-lamee sirriitti hima keessatti gargaaramuu danda’uu jaraa mirkaneeffadhu. Boqonnaa 11: Kunuuna Qabeenya Uumamaa Boqonnaa 11: Kunuunsa Qabeenya Uumamaa (Wayitii 7) Dheerina wayitii tokkoo daqiiqaa 40 Seensa Boqonnichaa Boqonnaa kana keessatti barattoonni dubbisa waa’ee “Kunuunsa Qabeenya Uumamaa” jalatti dhiyaate dubbisuun yaada isaa hubatu. Yaada dubbisichaafi muxannoo jaraa walqabsiisuun kunuunsa qabeenya uumamaa keessatti iddoo jaraa hubatu. Hiika jechootaa himaan walsimsiisuun hima hiika guutuu qabu ijaaru. Kana malees, faayidaa durduubeefi hubannoo mammaaksaa gabbifatu. Dabalataanis, himaafi gosoota himaa addaan baasanii hubatu. 1. Kaayyoo: Barattoonni, barnoota boqonnaa kanaatiin booda: Ergaa dubbisa mataduree “Kunuunsa Qabeenyaa Uumamaa” jalatti dhiyaate hubatu. Hiika jechootaa himaan walsimsiisuu danda’u. • Durduubee hima keessatti itti tajaajilamu. Himaafi gosoota himaa hubatu. Hubannoo mammaaksaa gabbifatu. 2. Qabiyyee Dubbisuufi dubbachuu Hiika jechootaa himaan walsimsiisuu Faayidaa durduubee Himaafi gosoota himaa Mammaaksa 3. Mala Baruu-Barsiisuu Barannoo 1: Dubbisuufi Dubbachuu Gilgaala 1: Shaakala Dubbisuun Duraa Gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan qaama shaakala dhaggeeffachuu duraati. 81 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Kanaafuu, barattoonni gareen ta’uun akka gaaffiiwwan dhiyaatan irratti mariyatan taasisi. Itti aansuun yaada jaraa afaaniin akka dareef dhiyeessan godhi. Kaayyoon gilgaala kanaaa barattoonni dubbisa wa’ee kunuunsa qabeenyaa osoo hin dubbisiin dura kaka’umsa akka uumanuuf yaadameetu. Jechoonni barreeffama keessaa ba’anis gilgaala kana jalatti dhiyaatanii jiru. Hiika jaraas osoo gara dubbisichaatti hinseeniin akka barattoonni tilmaamanu godhi. Fakkeenyaa: Wantoota: dhimmoota Barbaaduu: fedhuu Gilgaala 2: Shaakala Yeroo Dubbisuu Deebii gilgaala 2A Gara dubbisaatti osoo hince’iin dura barattoonni akka gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan dubbisuun qalbeeffatan godhi. Itti aansuun dubbisa dhiyaate saffisaan dubbisuun gaaffiiwwan dhiyaatan akaka deebisanu taasisi. 1. Qabeenya uumamaa jechuun lafa irra jiraannuufi wantoota lafa irra jiran hunda jechuudha. 2. Kana jechuun akka jarri hinbarbadoofne godhanii fayyadamuun dhaloota dhufuuf dabarsuu jechuudha. 3. Jijjiirama qilleensa, gammoojummaa, lolaa, bubbeefi kkf. 4. Jijjiirama hubannoofi beekumsa akka ummanni fidu gochuuf carraaquu barbaachisa. Deebii gilgaala 2B Gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan keessaa kan yaada sirrii hintaane ‘soba’ kan sirrii ta’e ammoo ‘dhugaa’ jechuun sababa jaraa wajjin akka barreessan godhi. Sababni jarri kennanus barreeffama keessaa ta’uu akka qabu hubachiisi. 82 1. Soba Boqonnaa 11: Kunuuna Qabeenya Uumamaa 2. Dhugaa Deebii gilgaala 2C Jechoonni gilgaala kana jalatti dhiyaatan dubbisa waa’ee kunuunsa qabeenyaa uumamaa keessaa kan ba’an. Hiika jechootaa haala galumsa jaraan akka himaa wajjin walsimsiiisanu godhi. 1. qabeenya 2. dhaloota 4. 3. kunuunsa gadadoo 5. barbadeessuun Gilgaala 3: Shaakala Dubbisuun Boodaa Kaayyoon gilgaala kanaa gaaffiiwwan dhiyaataniif deebii murtaa’aa argachuuf miti. Barattoonni dubbisa waa’ee kunuunsa qabeenya uumamaa keessaa hubannoo maalii akka argataniif hubannoo argatan kana hangam muuxannoo jaraa wajjin walsimsiisuu danda’aniiru isa jedhu sakatta’uuf. Deebiiwwan barattoonni kennanu hangam faayidaa kunuunsa qabeenya uumamaa hubachuun hojiirraa oolchuuf akka kaka’an sitti agarsiisuu nidanda’a. Barannoo 2: Caasluga Shaakala Faayidaa Durduubee Deebii gilgaala 4 Yaadannoo waa’ee faayidaa durduubee kitaaba barataa keessatti kenname akka dubbisanii hubatan godhi. Itti aansuun durduubee gilgaala kana jalatti kennaman irratti akka hima ijaaranu taasisi. Hima ijaaranis akka dareef dubbisanu godhi. Gilgaala kanaaf deebii adda addaa argachuu nidandeessa. Atis barattoonni hima ijaaran keessatti durduubee sirriitti fayyadamuu danda’uu jaraa hordofi. 83 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Deebii gilgaala 5A Jechoota gilgaala kana jalatti dhiyaatan irratti akka himoota fudhatama qabanu akka ijaaranu godhi. Deebiin gilgaala kanaa garaa gara ta’uu nidanda’a. Kanaafuu qabxiin madallii deebii barattootaa: 1. Hiika jechoota kennamanii sirriitti hubachuu 2. Himi ijaarame fudhatama qabaachuu isaa Haaluma kanaan, deebii barattootaa sirrummaa isaa ilaaluu nidandeessa. Barattoonnis himoota ijaaran afaaniin dareef akka dhiyeessanu taasisi. Deebii gilgaala 5B Gilgaalli kun barattoonni gosa himaa sirritti hubatanii addaan baasuu danda’uu jaraa kan ittiin hubattu. Yaadannoo kitaaba jaraa keessatti kennameef osoo gara gilgaala kanaatti hince’iin akka dubbisanii hubatanu haata’u. 1. Kana malees, garaagarummaa hima yaada hir’uu, hima fudhatama hinqabneefi hima qindaa’ina hinqabne itti agarsiisi. Barattoonnis akka afaaniin hima yaada hir’uu, hima fudhatama hinqabneefi hima qindaa’ina hinqabne fakkeenya kennan gargaariin. Jalqaba barattoonni gabatee gilgaala kana jalatti dhiyaate akka dabtara jararratti garagalchanu taasisi. Itti aansuun gosoota himaa kennaman jalatti hima shan shan akka barreessan godhi. Deebiin gilgaala kanaa garaa gara ta’uu nidanda’a. 84 Boqonnaa 11: Kunuuna Qabeenya Uumamaa Kaayyoon gilgaala kanaas barattoonni gosoota himaa sirriitti addaan baasanii hubachuu jaraa lafa itti mirkaneeffatu. Barannoo 3: Mammaaksa Kaayyoon barannoo kanaa barattoonni mammaaksa adda addaa akka hubatanu gochuudha. Kana malees, mammaaksa naannoo isaaniitti argamanu fiduun dareef akka dhiyeessanu taasisuudha. Deebii gilgaala 6A 1. Hiika mammaaksa fidaniirrattis akka mari’atan taasisi. 4. Gaaffiiwwan keessa deebii 1. Durduubee jechuun maal jechuudha? Faayidaa maalii qaba ? 2. Durduubee kanaan gadii irratti hima mataa keetii ijaari. A. waan B. waliin C. waa’ee 3. Hima jechuun maal jechuudha ? Himni fudhatama qabu hima akkamiiti ? 4. Gosa himaa kanaa gadii irratti hima lama lama barreessi. A. Hima himaamsa B. Hima gaaffii C. Hima ajajaa D. Hima raajeffannoo 85 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 5. Madaallii Madaallii boqonnaa kanaa barannoo barannoon qooduun raawwadhu. Barattoonni dubbisa waa’ee kunuunsa qabeenya uumamaa dubbisanii ergaa isaa hubachuu jaraa mirkaneeffadhu. Kana malees faayidaa kunuunsa qabeenyaa uumamaa hubachuun hojiirra akka oolchuuf kaka’an hubadhu. Hiika jechootaa hubachuun hima keessatti sirriitti fayyadamuu danda’uu jaraa mirkaneeffadhu. Caasluga Afaan Oromoo keessaa faayidaa durduubee sirriitti hubatanii barreessuu danda’uu jaraa qulqulleeffadhu. Bakka hubachuuf rakkatanitti shaakala adda addaa dabaluun gargaariin. Himaafi gosoota himaas sirriitti addaan baasanii hubachuu jaraa mirkaneeffadhu. Afaan Oromoon caasaa himni ittin ijaaramu addaan baasuun agarsiisuu jaraa ilaali. Gosoota himaa garaa garaa walkeessa makamanii dhiyaatan akka gosa gosa jaraan sirriitti addaan baasanii barreessuu jaraa qulqulleeffadhu. Mammaaksa naannoo jaraatti argamanu keessaa muraasa fiduun dareef dhiyeessuu jaraa hubadhu. Hiika mammaaksa dareef dhiyaatanii sirriitti hubachuu danda’uu jaraa mirkaneeffadhu. 86 Boqonnaa 12: Jireenya Baadiyyaafi Magaalaa Boqonnaa 12: Jireenya Baadiyyaafi Magaalaa (Wayitii 9) Dheerina wayitii tokkoo daqiiqaa 40 Seensa Boqonnichaa Boqonnaa kana keessatti baratttoonni dhimmoota gurguddaa afur baratu. Tokko, dubbisa waa’ee jireenya magaalaafi baadiyaa irratti dhiyaate dubbisuun ergaa isaa hubatu. Lama, hiika kallattiifi hiika faallaa jechootaa gabbifatu. Sadii, dandeettii akkaataa keeyyanni ijaaramu gabbifatu. Afur, seera eeganii falmii geggeessuu danda’u. Kaayyoowwan boqonnaa kanaa galmaan ga’uuf jecha gilgaalli hedduun dhiyaateera. Atis gilgaala dhiyaate kana barattoonni sirriitti hubatanii akka hojjetanu hordofi. 1. Kaayyoo: Barnoota Boqonnaa Kanaatin Booda: Dubbisa mataduree “Jireenya Baadiyaafi Magaalaa” jalatti dhiyaate dubbisuun yaada ijoo isaa hubatu. Jechootaafi hiika kallattiif hiika faallaa barreessu. Akkaataa keeyyanni itti ijaaramu gabbifatu. Seera eeganii falmii gaggeessuu cimsatu. 2. Qabiyyee Dubbisuufi dubbachuu Hiika kallattiif hiika faallaa jechootaa Keeyyata ijaaruu Seera eeganii falmii geggeessuu 3. Mala Baruu-Barsiisuu Barannoo 1: Dubbisuufi Dubbachuu Gilgaala 1: Shaakala Dubbisuun Duraa Deebii gilgaala 1A Gilgaala kana jalatti fakkiiwwan lama dhiyaatanii jiru. Fakkiin inni tokko haala 87 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 jireenya baadiyaa yeroo ibsu, inni biroo ammoo haala jireenya magaalaa agarsiisa. Barattoonni garee gareen ta’uun akka fakkiiwwan kana irratti mari’atanu taasisi. Hubbannoo jaraas akka dareef afaaniin dhiyeessan godhi. Deebii gilgaala 1B Gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan qaama shaakala dubbisa duraati. Kaayyoon gilgaala kanaas hubannoo barattoonni jireenya magaalaafi baadiyaa irratti qabanu waljijjiiruun dubbisa dhiyaatuuf akka ofqopheessan gochuudha. Waan kan ta’eef gilgaalli kun deebii murtaa’aa tokko hinqabu. Gilgaala 2: Shaakala Yeroo Dubbisuu Deebii gilgaala 2A Dubbisa dhiyaatetti osoo hince’iin dura gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan dubbisuun akka qalbeeffatanu godhi. Itti aansuun dubbisa dhiyaate barattoonni tooftaalee adda addaan dubbisanii akka odeeffannoo isaa argatan godhi. Haaluma kanaan, gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaataniif dubbisa dhiyaate ariitiidhaan dubbisuun akka deebisanu godhi. Deebii 1. Baadiyyaan yeroo hedduu bakka namooni hojii qonnaafi hojii horii horsiisuu raawwachaa jireenya jaraa geggeessan jedhamee yaadama. Magaalaan immoo gara biraan lafa namoonni hojii adda addaa kana akka hojii daldalaa, waajjiraafi warshaa harka caalmaan hojjechuun jireenya jaraa gaggeessan jechuudha. 2. Oomisha nyaataa, dhugaatiifi warshaa adda addaaf kan oolu harka caalmaatti kan oomishamanus baadiyaatti. 3. Magaalaa jechuun bakka namoonni qubbannaa qindaa’aa ta’een walga’anii baay’inaan jiraatanu jechuudha. 4. Seenaa addunyaa keessatti magaalonni jalqabaa kan hundeeffaman waggoota kuma shaniin dura akka ture seenaan ni ibsa. 5. Kanneen keessaa dhiphina iddoo, yakka adda addaa, hiyyummaafi faalamuu caqasuun nidanda’ama. 88 Boqonnaa 12: Jireenya Baadiyyaafi Magaalaa Deebii gilgaala 2B Barattoonni gilgaala kana hojjechuuf dubbisa waa’ee jireenya magaalaafi jireenya baadiyyaa irratti dhiyaate suuta jedhanii akka dubbisan haata’u. Jalqaba gaaffiiwwan dhiyaatan dubbisanii haaqalbeeffatan. Itti aansuun, gara dubbisichaatti ce’uun deebii sirrii ta’e haabarbaadan. Deebii jaraas sababa wajjiin barreeffamaan akka dhiyeessanu godhi. 1. soba. Dalagaan akkanaa kan jiru magaalaadha 2. dhugaa 3. soba. Warshaan adda addaa waan jiruuf qilleensi gaariin hinjiru 4. soba . Baadiyyaarraa tajaajila kana argachuuf gara magaalaa deemu. 5. dhugaa Gilgaala 3: Shaakala Dubbisuun Boodaa Kaayyoon gilgaala kanaa barattoonni hubannoo dubbisarraa argatan muuxannoo jaraan walitti fiduun akka gabbistan gochuudha. Kanaafuu, baratoonni gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaataniif sodaa tokko malee yaada jaraa akka dhiyeessan gargaariin. Gilgaala kaanaafis deebii adda addaa barattoonni dhiyeessuu waan danda’anuuf deebii jaraa hunda keessumsiisi. Barannoo 2: Caasluga Deebii gilgaala 4A Jechoota gilgaala kana jalatti dhiyaataniif barattoonni jalqaba hiika kallattii akka barreessanu godhi. Itti aansuun hiika kallattiI barreessan ifa kan godhu hima mataa isaanii akka barreessan itti himi. 1. simboo=miidhagina 2. maalaluu=dinqisiifachuu 3. diina= nyaapha 4. xaqanaa=abshaala 5. shakkii=mamii 6. dhoksuu=iccitiin qabuu 89 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Deebii gilgaala 4B Jechoota gilgaala kana jalatti dhiyaataniif barattoonni jalqaba hiika faallaa akka barreessan godhi. Itti aansuun hiika faallaa barreessan ifa kan godhu hima mataa isaanii akka barreessan itti himi. Fkn. Adii= gurraacha Tolaan kofoo gurraacha kaawwate. 1. raada=sangaa 2. diida=keessa 3. hidhe=hiike 4. alagaa=aantee 5. muguu=dammaquu 6. barii=galgala Barannoo 3: Keeyyata Barreessuu Waa’ee keeyyataa ilaachisee yaadannoo kitaaba barataa keessatti argamu akka barattoonni dubbisanii hubatanu godhi. Yaadannoon dhiyaate keeyyanni maal jechuu akka ta’e, keeyyanni akkamiin akka ijaaramuufi keeyyanni qaama akkamii akka qabu kan ibsuudha. Kana malees, keeyyanni amaloota mataa isaa akka qabu ibsamee jira. Atis dhimmoonni kun maal jechuu akka ta’an fakkeenya kennuun barattootaaf ifa godhi. Deebii gilgaala 5 Gilgaalli kun barattoonni keeyyata lama akka barreessanu kan gaafatu. Gilgaalli tokko baadiyyaa irratti, gilgaalli inni biraa magaalaa irraatti. Barattoonnis odeeffanno gabatee keessatti waa’ee baadiyaafi magaalaa dhiyaate bu’uureeffachuun akka keeyyata lama barreessan taasisi. Keeyyata barreessanis jalqaba gareen akka irratti mari’atanu haata’u. Itti aansuun garee garee keessaa keeyyata gaariidha jedhamee filatame dareef akka dubbisan taasisi. 90 Boqonnaa 12: Jireenya Baadiyyaafi Magaalaa Barannoo 4: Falmii Gaggeessuu Kaayyoon barannoo kanaa barattoonni seera eeganii falmii gaggeessuu akka danda’anu taasisuudha. Haaluma kanaan, adeemsi falmii gaggeessu maal fakkaachuu akka qabu itti himi. Deebii gilgaala 6 Seera falmii eeguun barattoonni mataduree “Jireenya Baadiyaa moo Jireenya Magaalaa Wayya?” jedhu irratti falmii gaggeessu. Adeemsi falmii seera isaa eegee akka deemuu godhi. Kaayyoon gilgaala kanaa ‘garee kamtu moo’e’ isa jedhu yookaan ‘jireenya isa kamtu gaariidha’ isa jedhu deebisuuf miti. Kaayyoon isaa barattoonni seera falmii eeganii falmii gaggeessu akka danda’anu gochuudha. Adeemsa falmii: 1. Jalqaba sadi sadii ta’uun garee uumu. 2. Itti aansuun, mataduree falmiif dhiyaate irratti kallattii falmii isaanii murteessu. Garee ’A’: Jireenyi Baadiyaa Jireenya Magaalaa Caalaa Gaariidha. Garee ’B’: Jireenyi Magaalaa Jireenya Baadiyaa Caalaa Gaariidha. Kallattii falmii isaanii 3. erga murteeffatanii booda, yaada falmiif isaan gargaara jedhan yaadan hunda sassaabbatu. Itti aansuun yaada isaaniis falmiif akka mijaa’u gochuun qindeeffatu. 4. Dhumarratti garee yaada kallattii faallaa isaanii qabatee jiruu wajjin fuuldura daree isaanitti ba’uun falmii isaanii adeemsisu. Hubachiisa: Adeemsi falmii gaggeessuu keessatti tartiiba eeganii dubbachuun, yeroo eeyyamame qofaa fayyadamuuniifi yaada qofatti irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. 4. Gaaffiiwwan keessa deebii 1. Keeyyata jechuun maal jechuudha? Amaloonni keeyyataa maal fa’i? Mataduree barbaadde tokko filachuun keeyyata amaloota keeyyataa guutu tokko qopheessi. 3. Seerri falmii gaggeessuu maal fakkaachuu akka qabu ibsi. 5. Madaallii Kaayyoowwan boqonnaa kanaa galmaan ga’uuf gilgaalota barannoo barannoo jalatti dhiyaatan barattoonni qajeelfama kennaman eeganii hojjechuutu irraa eegama. Kanaafuu atis, barattoonni qajeelfama kenname hordofuun gilgaalota boqonnaa kana keessatti kennaman hunda hojjechuu jaraa mirkaneeffachaa deemutu sirraa eegama. Yaaada dubbisa waa’ee jireenya baadiyaafi magaalaa irratti dhiyaate tooftaalee adda addaa fayyadamuun barattoonni hubachuu jaraa mirkaneeffadhu. Jechoota kennamaniif hiika kallattiifi hiika faallaa kennuu danda’uu jaraa hubadhu. Toofataan kana ittiin hubattu keessaa tokko barattoonni hiika kallattii yookaan faallaa jechootaaf kennan kan ibsu hima ijaaruu yoo dandaa’ani. Atis kana raawwachuu jaraa sirriitti mirkaneeffadhu. Keeyyata waa’ee jireenya baadiyaafi maagaalaa ibsan ijaaruu danda’uu jaraa qulqulleeffadhu. Keeyyanni jarri barreessanis hangam amaloota keeyyataa akka guute hubadhu. Barreessuun shaakallii walirraa hincinne waan barbaaduuf hanga jarri keeyyata haala waliigalaan fudhatama qabu tokko barreessanutti shaakalsiisi. Kana malees, seera eeganii falmii gaggeessuu jaraa mirkaneeffadhu. Adeemsa falmii gaggeessuu keessatti dhimmoota jiranu sirritti hubachuu jaraa mirkaneeffadhu. 92 Boqonnaa 13: Sheekbakri Saphaloo Boqonnaa 13: Sheek Bakrii Saaphaloo (Wayitii 8) Dheerina wayitii tokkoo daqiiqaa 40 Seensa Boqonnichaa Boqonnaa kana keessatti barattoonni bu’aa Sheek Bakrii Saaphaloo guddina Afaan Oromoof buusan nihubatu. Kana malees, seenaa guddina Afaan Oromoo keessatti namoota gumaacha godhan nibaratu. Waa’ee namoota kanaa ilaalchisaniis keeyyata nibarreessu. Dabalataanis, namoota Afaan Oromoon barreessanis kitaaba isaanii wajjin nitarreessu. Hiika jechootaafi faallaa jechootaa nibarreessu. Mammaaksa barnoota cimsan barreeffamaan walitti qabuun dareef nidhiyeessu. 1. Kaayyoo:Barnoota Boqonnaa Kanaatin Booda: Dubbisa dhiyaate dubbisuun seenaa guddina Afaan Oromoo keessatti namoota gumaacha godhan hubatu. Hiika jechootaafi faallaa jechootaa kennu. • Hubannoo mammaaksa barnoota irratti dubbatamanuu cimsatu. Waa’ee namoota Afaan Oromoo guddisuuf carraaqan irratti keeyyata barreessu. 2. Qabiyyee Dubbisuufi dubbachuu Hiika jechootaafi faallaa jechotaa Mammaaksa barnoota cimsan Keeyyata waa’ee namoota Afaan Oromoo guddisuuf carraaqanii barreessuu 3. Mala Baruu-Barsiisuu Barannoo 1: Dubbisuufi Dubbachuu Gilgaala 1: Shaakala Dubbisuun Duraa Kaayyoon gilgaala kanaa barattoonni gara dubbisa dhiyaateetti osoo hince’iin 93 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 dura hubannoo jarri qaban sakatta’uuf. Kana malees, dhimmoota dhiyaatan irratti gareen mari’achuun hubannoo jarraa akka cimsatanuuf. Haaluma kanaan, gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan osoo dubbisatti hince’iin dura akka gareen irratti mari’atan taasisi. Gabatee gilgaala kana jalatti dhiyaatees akka dabtara jaraa irratti garaglachanu haata’u. Gabaticha keessatti namoota Afaan Oromoo irratti barreessan kitaabolee jaraa wajjin akka guutan godhi. Barattoonni osoo gara dubbisaatti hince’iin hiika jechoota gilgaala kana jalatti dhiyaatan akka tilmaaman haata’u. Gilgaala 2: Shaakala Yeroo Dubbisuu Deebii gilgaala 2A Dubbisa waa’ee Sheek Bakrii Saaphaloo osoo hindubbisiin dura gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaatan dubbisuun akka qalbeeffatan haata’u. Itti aansuun dubbisa dhiyaate ariitiidhaan dubbisuun akka gaaffiiwwaniif deebii barreeffamaan kennan godhi 1. Saaphaaloon lafa dhalootaa waan ta’eef. 2. A. Barreeffama walaloo gaggabaaboo Afaan Oromoon barreessuu isaanii. B. Qubee Afaan Oromoo qopheessuu. 3. Sabboonummaa isaaniiti. 4. Kitaaaba xinnoo fuula diigdamaa “Shalda” jedhamtu, kan qubee haarawaan barreessan yeroo kana. Kitaabni kun kan amantii haafakkaatu malee cunqursaa yeroo sana ture balaaleffata. 5. Rakkoo heddutu isaan muudate. Mana hidhaa seenuurraa kaassee hanga biyya gadi lakkisanii baqachuutti gaa’anii turan. Deebii gilgaala 2B Deebii gilgaala kanaaf yaada sirrii ta’e ‘dhugaa’ kan hintaane ammoo ‘soba’ jechuun akka sababa wajjin dhiyeessan taasisi. Dubbisa dhiyaate suuta jechuun al lamaafi isaa ol akka dubbisanu godhi. 1. Soba. Lafa itti dhalateen waaman 2. Gonkumaa akka qubee kamiiniyyuu barraahu hinhayyamne. 4. Boqonnaa 13: Sheekbakri Saphaloo Soba. Seenaa ummata oromoofi waraqisa oromoos of keessaa qaba. Deebii gilgaala 3: Shaakala Dubbisuun Boodaa Kaayyoon gilgaala kanaa barattoonni hubannoo dubbisarraa argatan muuxannoo jaraan walitti fiduun akka gabbistan gochuudha. Kanaafuu barattoonni gaaffiiwwan gilgaala kana jalatti dhiyaataniif sodaa tokko malee yaada jaraa akka dhiyeessan gargaariin. Gilgaala kanaafis deebii adda addaa barattoonni dhiyeessuu waan danda’anuuf deebii jaraa hunda keessummeesi. Dabalatanis yaada dubbisa waa’ee Sheek Bakrii Saaphaloo bu’uureeffachuun, barattoonni namoota Afaan Oromoo guddisuu gumaacha godhan keessaa tokko irratti keeyyata akka barreessan godhi. Keeyyata jaraas dareef dubbisanii irratti haamari’atan. Barannoo 2: Caasluga Shaakala hiika jechootaa Deebii gilgaala 4A 1. Kanaaf, faayidaa, maalummaa, gosoota afaanii adda baasuu isaanii mirkaneeffadhu. Ogwalaloo, ogafaan kanneen biroos barreessanii akka dareef gabaasan gochuun duukaa bu’i. 4.5. Shaakala dubbisuun boodaa Gilgaala 11 maatiifi hiriyoota isaanii gaafatanii dareen alatti akka hojjetanii fidan jajjabeessi. Qabxiis itti kennamuun waldoorgommii keessatti uumi. 102 Boqonnaa 15: Durba Morma Lamaa Boqonnaa 15: Durba Morma Lamaa (Wayitii 9) Dheerina wayitii tokko 40 Seensa Boqonnichaa Barattoonni boqonnaa kana erga xumuranii booda, maalummaa sheekkoo, faayidaa sheekkoofi gosoota sheekkoo ni hubatu. Akkasumas, jechamoota fi haala hiibboon itti hiibbifamu nihubata. Hiika jechootas, hiika kallattiifi haala galumsaatiin qayyabatu. 1. Kaayyoo:Barnoota Boqonnaa Kanaatiin Booda: Maalummaafi faayidaa sheekkoo hubatu Jechamootaaf hiika kalattii kenni Jechamootatti fayyadamaa ciigoo ijaaru Hiibboo fi akkaataa seera tapha hiibboo gabbifatu. Sheekkoofi gosoota sheekkoo gabbifatu. 2. Qabiyyee Dubbisuufi dubbachuu Gilgaalota hubannoo dubbisuufi dubbachuuf oolan. Hiika Jechoota Ogafaan (sheekkoo, Hiibboo, jechamoota) 3. Mala Baruu – barsiisuu Barannoo 1: Dubbisuufi dubbachuu Gilgaalaa 1A: Shaakalaa dubbisuun duraa. Shaakala dubbisaa duraa keessatti wanti raawwatamuu qaban ibsameera. Kanaaf, akkatuma saniin dalagsiisi. Jechoota dubbisuurratti gufuu ta’aniif hiika kenni. B. 1. kolfuu 2. bira darbuu 3. daa’ima 103 Qajeelcha Barsiisaa Kutaa 10 Deebii Gilgaala 2A: Shaakala Yeroo Dubbisuu 1. Keeyyata 3ffaa 2. Namicha mucayyoo morma lamaa barbaadu. Namicha karaa deemu Mucayyoo akka namichi akka bulu goote. 3. amma . Xalayaa: Hogganoota QBOtiif - Tokkummaan qabsaa’ota Oromoo yoomiyyuu caalaa amma . Vaadu . City said February 12, 2010 2:11 PM Doola Includes Pukulo Modda Akka Pukulo, Sunita Malini, Amma , Akka Tammudu, Anushka Puku Lo . nike akka chelli unte vallani gurthu . 27, 2011 amma akka chelli tho dengulata kathalu. Alagea me amma ni dengaleka poyava leanja kodaka ne akka laku nejamganea doola aetea nakatike pampu. html- Cached : - Akka Pooku Kathalu Blogs (Kathalu Telugu, Nenu, Puku, Amma . Forum Search About Wayyaaneen gochoolee hammeenyaa fi dabaa raawwachasa jirtu kana akka galmaan gahaniif ammoo dabballoota hedduu bobbaaftee jirti. Dabballoonni kun baay’een isaanii warra wayyaaneen uummattoota cunqurfamoo keessattuu uummata Oromoo saamtee qallaba safartuuf yoo tahan; garaan isaanii gunnaan Obbooleessa, Obbooleettii Abbaa-Haadha, Lammii waan jedhamu gongumaa hin beekan. Sobaa jedhamnaan ni sobu, ajjeesaa jedhamnaan abbaa argan ajjeesu, hidhaa jedhamnaan abbaa argan hidhu, saamaa fidaa jedhamnaan ofilleen saamanii geessu. Isa saamanis qabatanii balabala wayyaaneerra eejjatanii nurraa fuudhii kadhatu. Garaaf bultoonni maqaa 1 ≥ 5555555555..tin ergama wayyaaneerraa fudhatanii uummatoota biyyattii mankaraarsaa jiran kun gama tokkoon miseensoota paartii jalee wayyaanee eennaa tahan; gama biraatiin nama siyaasaan alaa of fakkeessanii uummata afaan faajjeesuuf yaalu. Maqaa gaggeessitoota waldaa Barsiiftootaa, Hojjettoota sivil sarvisii , Dargaggoota, Dubartootaa, Foramii, Ogeessota misooma baadiyyaa ykn DA fi kanneen biroot himatu. 1 ≥ 55555555..niin ijaaramanii sochoo’uun akka gaarii tahee lallabu. Akka ijaarsii kun kaayyoo siyaasaa of keessaa hin qabnee holoolu. “Erga 1 ≥ 55555555…niin ijaaramanii hojjechuun dhufee as misoomneerra, guddanneera, baranneera, guyyaatti 10 nyaachaa jirra, dimookiraasiin garmalee kabajamuu isaatiin bilisummaan nu macheesseera jechuun guyyaa adiidhan haqa jiru dhoksanii soba watwaatu. Hooloolanii hololchiisuun akka uummattoonni cunqurfamoonni biyyattii keessattuu uummanni Oromoo saamicha, ajjeechaa fi hidhaa murna wayyaanee jedhamtuun irra gahaa jiru dagatu carraaqu. Sabicha gama hedduuttii qoodanii akka wal basaasee wayyaaneetti gabaasuuf 1 ≥ 555555555555…niin walirratti ijaaranii sochii isaa hunda too’achuu fi bara baraan dhiittaa fi saamicha ofii jala turfachuuf halakanii guyyaa fiigaa jiru. Nama maqaa guddinaa fi misoomaatiin 1 ≥ 555555555555555555…….niin walitti qaanjeessanii/walirratti ijaaranii“Abiyootaawii Diimookiraasaawii” wayyaaneedha cubanii akka mirga isaaf hin falamanee fi goongumaa of irraaffatuuf afaan faajjeessuun kun yeroo ammaa kana rakkoo biyya keessaa qofa tahaa hin jiru. Akkuma Finfinneedhaa hanga baadiyaa biyyatiititti Dabbalootaa ishii bobbaastee maqaa misoomaa fi guddinaatiin 1 ≥ 55555 555555…niin walitti qaanjeessitee sochii siyaasaa uummatootaa fi qalbii namootaa too’achuuf carraaqaa jirtu mormitootaa fi balaaleeffattoota ishii too’achuuf yoo tolees akkuma barte butee gara biyyaa deebistee tarkaanfii ajjeechaa fi hidhaa irratti fudhachuuf dabballoota baqataa fakkaatan biyyoota ollaa Ityooophiyaa jiranitti bobbaasaat jirti. Kaan maqaa boondii hidhaa Laga Abbayyaa bitadhaa jedhuun, kan ammoo mana koondoomineemii fi lafa argattu jechuun sossoobdee harkatti galfachuuf yaalii walirraa hin cinne godhaa jirti. Yaa tahu malee namni ishuma wayyaaneedhaan madaayee biyyaa hari’ame tokko gongumaa deebi’ee ishuma wayyaaneef ni sagadaan habjuu dha. Dadhabbiin ergamtoota wayyaaneetis gama kanaan yoomiyyuu hin milkaawu. Wayyaaneen kalees har’as Oromoodhaf diinuma waan taateef! Deemsi shiraa fi yakkaa wayyaanee inni 1 ≥ 555555 555555555… jedhu kun yeroo ammaa Kana kan finfinnee fi biyyoota Afirikaa keessatti qofa murtaawee dhaabbates miti. Yeroo ammaa kana biyyoota Arabaatii-hanga Ardii Eezhiyaa, Awuroopaa dha hanga Ameerikaa karaa dabballoota ishii fulla’ee jira. Hawaasa Impaayeera Itiyoophiyaarraa baqatee gamas jiru keessattuu Oromoorratti fulleeffachuun Afaan faajjeessa adda addaa uumuun qoqqooduu fi qabsoo bilisummaa isaaf godhu laaffiisuuf carraaqat jirti. Kunis dadhabuma itti taha malee Oromoon wayyaanee harka dhiigaa waliin taa’ee maaddii tokkorratti hin nyaatu. Harr’a Dabballoonni wayyaanee biyyoota guddatan kanatti boobaafaman gama siyyaasaatiinis haatahu gama diingadeetiin wayyaanee uutuubuudhaf fardiffa fiigaa jiru. waltajjii irratti argamanirrattis nama sayaasaan alaa, nama bilisa tahee misooma qofa deeggaru of fakkeessu. “Guddina biyya keenyaatif gumaata godhuu fi wayyaanee deeggaruu maaltu walitti fide? Guddina biyya keenyaatiif gumaacha godhuun wayyaanee deeggaruu miti “ jedhanii jechiisiisu. Haala kanaanis uummata gidduuttii afaan faajjeessa uumanii wayyaanee harka lafa jalaatiin hirphaa jiru. Yeroo ammaa kana darbee darbee holoola dabballoota wayyaaneef dhoksaadhan hojjeetan kanaatiin ‘Diyaaspoorooti’ dubbiin hin galiiniif tokko tokko biyya alaattis 1 ≥ 5555555555555….niin wal ijaaranii maqaa Boondii Laga Abbayyaa, Lafaa Finfinnee, akkasuma koondoomineemii fi faayidaa adda addaat argattuutiin wayyaanee jala fiiganii buusii busaat jiru. Mahaallaqa isaanirraa guurame kanaan garuu Qawweetu bitamaa, Qawwichaanis ilmaan cunqurfamtootaa keessattuu dhalattoota Oromootu dhumaa jira. Umrii sirna bittaa fi saamichaa wayyaaneetu dheerachaa jira. Fedhiin ergamtoota kanaatiis kanuma galamaan gahuu dha. Kaayyoon tokko shanee ( 1 ≥55555555…..) wayyaanee walumaa galattii misoomaa fi guddina osoo hin taane saboota cunqurfamoo keessattuu uumata Oromoo saamaa, ajjeesaa fi bitaa jiraachuuf wal basaasiisu dha. Akka tokko tahee mirgaa fi bilisummaa isaatiif irratti hin kaane walirratti ijaaranii/walitti qaanjeessanii sochii siyaas-diinagdee isaa too’achuu dha. Sababni caasaan wayyaanee Finfinnee dhaa hanga Awuroopaa Eezhyaadhaa hanga Ameerikaa, Giddu Gala Bahaatii Hanga Awustraaliyaa diriireefis Alaa manaa saamanii kisii ofii fi kan qabsoofneef jedhan naannoo Tigraayi addatti misoomsuu dha. Faayidaan 1 ≥ 55555555555neen dhalateef, hojiirra oolaa jiruuf kanaa fi kana qofa. Toftaan namoota walitti qaanjassanii soochii siyaasaa fi dingdee to’achuuf yaaluu kun eennaa gadi qabamee ilaalamu toftaa fokkataa fi dubatti hafaa dha. Toftaa qoqqoodanii bituuf jecha kolanneeffattoonni Awuroopaa jaarraa tokkon dura yaalanii boodarra salphisee qullaa isaan dhaabe dha. Toftaa jaaraa 21ffaa kana keessa bakka hin qabne. Uummanni Oromoo wal duukaa hiriiree qabsoo bilisummaa isaa gama hundaanuu jabeessinaan Wayyaaneenis yeroo gabaabduu keessattii toftaa dulloomaa fi fokkataa akkasii; isa qabsoo bilisummaa Oromoo fundura ittiin dhaabbachuuf wixinfattee kaate kana waliin quullaatti hafuun hin oollu. Keessattuu hawaasinii Oromoo biyyoota gara garaa keessa jiru afaan faajjessaa fi sossoobbii faayidaa xixiqqoodhan taasifamu didee tokkummaa fi wal-tumsuu isaa jabeessee qabsoo fi sochii uummata isaa kan biyya keessa jiru gama hundaanuu deeggaraan umriin wayyaanee baay’ee gabaabaduu dha. Oromoon alaa manaa tokkummaan dhaabbatee qabsoo bilisummaa jalqabe jabeessee itti fufunaan saamichi, Ajjeechaa fi hidhaan maqaa guddiinaa fi misoomatiin ilmaan isaarratti wayyaaneen raawwatu ni dhabbata. Basaasnii fi Ordoffiin maqaa 1 ≥ 555555..nin irratti gaggeeffamu wayyaanee waliin halayyaa bu’a! eegamuuf Manni Murtii Waliigala Oromiyaa murtee qarshii 1000 qabsiisuun mirgii wabii isaanii akka eegamuuf murteessee, Mannii hidhaa Kalchallee Amboo qajeelfama Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fudhatama dhabsiisuun, ajaja mootummaa Wayyaanee TPLF irraa itti darbaa jiru sodaachuun ilmaan Oromoo Mana hidhaa Kalchallee Amboo keessa jiran dabarsee Mootummaa Federaalaa wayyaanee TPLF/EPRDF/OPDO'f dabarsee kennaa jira. Ilman Oromoo mana hidhaa Kalchallee Amboo keessa utuu manni murtii Waliigala Oromiyaa ilmaan Oromoo kunneen balleessa hin qaban dhimmi isaanii hanga qulqullaa'utti mirgi wabii eegamuufii qaba jedhee qajeelfama kennaa jiruu ilmaan Oromoo humna tikaa fi humna Poolisii Fedaeraalaan ukkanfamanii gara Mana hidhaa Wayyaanee gidduu galeessa Maa'ikalaawwiitti dabarfamanii kennamaa jiru, ilmaan Oromoo badii tokko malee mana Hidhaa Amboo irra halkan gara barii lafaa konkolaataan ukkaanfamanii loltootaa wayyaaneen fudhataman kanneen armaan gadii kan keessatti argamanidha. 1. Shaamarree Ayyaantuu Margaa daldaltuu huccuu aadaa magaalaa Amboo kan taate, FDG garee qindeesse waliin hariiroo qabda jechuun Amboo irra kan qabamte. 2. Dargaggoo Getachoo Qajeelaa koolleejjii dhunfaa irra diplomaan eebbifamee hojii dhabdee ta'ee nama hojii dhuunfaa isaan of jiraachisuu, Obboleessi kee Diriirsaa Qajeelaa WBO dha, qajeelfama obboleessa kee irra sitti darbuun FDG garee qindeessee keessa qooda qabda jechuun magaalaa Amboo irraa kan qabame. 3. Barataa Walabummaa Dabalee barataa civil Engineeringii Yuunibarsiitii Adaamaa irra qabame, FDG qindeessuu keessatti qooda qabda jechuun kan yakkame qabame, 4. Barataa Sanyii Cimdeessaa Kolleejjii dhunfaa irraa Dipilomaan eebbifamee ,hojii dhabdee ta'ee magaalaa Amboo keessa utuu jiraatu FDG keessatti himaachuun sochii 5. Barataa Tadaalaa Tasfayee sochii FDG keessatti hirmatee jirta jechuun kan yakkame, 6. Barataa Warqinaa Muldhataa, sochii dargaggoota barattoota Oromoo keessatti hirmaattee jirta jechuun yakkamee kan qabame. 7. Barataa Caalaa Baayisaa, qoodni FDG keessatti gaggeessa turte guddadha, jechuun Amboo irraa kan qabame. 8. Taammiree Caalaa hojjetaa wajjira dargaggoo Geedoo irra FDG kakkaasuu keessatti hirmaattee jirta jechuun kan qabame. 9. Alamayyoo Irreessoo , uummaata FDGf kakkasaa turte jechuun yakkamee Magaalaa Amboo irra kan qabame, 10. Mallasaa Kabbadaa FDG gaggeeffamaa ture keessatti ga’ee guddaa ba’uun uummanni akka manaa ba’ee hiriiruu goote haalduree mijeessa turte jechuun Magaalaa Amboo irra kan qabame 11. Alamuu Magarsaa , dardaraa umriin ganna 16 ta’ee kan refeensa sirreessuun of jiraachisuu FDG gaggeeffamaa jiru keessatti hirmaacha jirta jechuun sobaan yakkamee magaalaa Amboo irra qabame kan hidhame fi Ilmaan Oromoo baay’inni isaanii 16 ta’uu kanneen keessatti argaman guyyaa har’aa gana sa’aa 12:30 irratti konkolaataa Mana hidhaa kalchallee Amboon mana hidhaa kachallee Amboo irra butamanii mootummaa federaala fashistii wayyaanee TPLF/EPRDF/OPDOf dabarfamanii kennamuun mana hidhaa Maa’ikalaawwiitti dararama irra gara dararama caaluutti dabarfamuun ibsamee jira. Uummaanni oromoo jiraattootni magaalaa Amboo fi maatiin hidhamtoota ganama irraa eegaluun ijoollee keenyaa fidaa jechuun bulchiinsa mana hidhaa kachallee Amboo dhiphisaa kan oolan ta’uun hubatame jira. Kessattuu uummaanni hundi keenya iyyuu ijoollee keenya waliin hidhamna , uummaanni keenya hikamuu qaba. Ajajni manni murtii Oromiyaa irra darbee tuffatamuun Uummannii Oromoo mootummaa ofii akka hin qabnee fi mana murtii ofii akka hin qabne kan argisiisuu fi Tuffii mana murtii Oromiyaaf qaban ta’uu waliif dhaama jira. Akeekni kun ittumaa FDG fi tarkaanfii caaluutti kan nu seensisuu malee kan duubatti nu deebisuu, kan abbaa irreef nu jilbeeffachiisuu miti jechuun maatiin hidhamtoota Oromoo fi uummaanni Oromoo bulchiinsa mana hidhaa kalchallee Ambootti himan. Itti dabaluunis uummaanni warri uummata keenya ofiin qabdanii utuu manni murtii Waliigala Oromiyaa mirga wabii eegafii isiniin jedhuu dabarsitanii warraa gooftolii keessan wayyaaneetti ijoollee keenya dabarsitanii kennaa waan jirtaniif tarkaanfii isinii fi maatii akkasumas qabeenya keessan irratti fudhatamuuf itti gaafatamaan isin mataa keessan ta’uu beeka jechuun uummaanni dhaamsaa Akeekkachiisaa fi dheekkamasaan guutameen dubbatee jira. Abbaan irree Wayyaanee waan qabee gadhiisa jiru wallaalee humna waraanaa heddummina qabu magaalaa ambootti bobbaasuun Amboon eeggichaa imaa keessa kan jirtuu ta’uu fi sochiin diddaa uummataa daran jabaachaa jiraachuun hubatamera. Amajjii 1, Guyyaa WBO, Sabboontonni Oromoo Marti Bifa Armaan Gadiin Kabajatu! A. Seensa Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuuf wareegama hedduu baase. Waraanni Bilisummaa Oromoos (WBOn) wareegni inni baasee fi injifannoon inni galmeesse salphaa miti. Kanaaf amajjii 1, guyyaa WBO akka guyyaa injifannoo saba Oromootti kabajna! Seenaa qabsoo bilisummaa ummatoota addunyaa hedduu yeroo ilaallu, biyya ijaarrachuuf qabsoon hidhannoo qooda guddaa qaba. Biyyootni qabsoo hidhannoo malee ijaaraman jiru jedhanii himuun nama rakkisa. Qabsoon hidhannoo ummata tokko ijaaree hiriirsuu, akkasumas jaarmaya fi sabboonummaa ummataa cimsuu fi ittichuu keessatti qoodi inni qabu guddaa dha. Waraanni saba tokkoo injifannoo saba isaa raggaasuu, tiksuu, wabii fi gaachana ta’uun isaas hubatamaa dha. Ummatni Oromoo erga biyya fi mirga isaa dhabee kolonummaa Habashaa jalatti kufee eegalee bifa gara garaatiin yeroon inni hidhannoo hin kaasne hin turre; akeeka bilisummaa fi galii siyaasaa ifaa jalatti humna ijaarameen kan qabsaawuu eegale utubamuu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waliin ta’uunis ifaa dha. Qabsoon bifa kanaan haga ammaa deemes ummata keenya galii bilisummaa fi walabummaa biran gahuu hanqatus tarkaanfii hedduu tarkaanfate; mirgoota hin tuffatamne hedduus Oromoo gonfachisee, qabsoo fuula duraafis bu’uura jabaa kaahe. Kanaafis, haala amma deemaa jiru keessatti, mooyxannoo qabsoo hidhanoo haga ammaa gamaaggamanii tarsimoo fi tooftaa fuula duraa qiyaafachuuf bu’urri WBO buuse guddaa dha. Qabsoon hidhatnoo Adda Bilisummaa Oromoo jalatti adeemsifame haala daran rakkisaa fi hacuuccaa jabaa keessatti eegalee, gufuulee keessaa fi alaa hedduun xaxamee ture; haa ta’uuti qabsoo kanatti itti cichee qabsoo hadhooftuu gaggeesseen mirgoota hedduu Oromoo goonfachiisee jira. Haala kanaan: 1. Injifannoon qabsoon Oromoo haga ammaa galmeesse hundi sababa qabsoo hidhannootiin kan argaman ta’u hubachuu qabna. Mirgootni kunis kan galmeeffaman miseensota fi ummata keenya kuma hedduu dhaan lakkaawaman wareegama itti baasanii, maatiin kuma hedduun itti diigamee, qabeenyi hedduun itti dhabame fi qabsaawotni kuma hedduun itti dararamanii ta’uunis ifaa dha. Wareegama kanneeniin alatti bu’aan argamuu fi sadarkaan dammaqiinsi ummata keenyaa har’a irra gahe fiduun hojii salphaa ta’uu hin dandahu ture. Gaaffiin Oromoo gaaffii haqaa ta’uun fi ajandaa siyaasaa gaanfa Afrikaa keessa seensisuun kan danda’e sababa qabsoo hidhannootiin ta’uun beekamaa dha. Dhimma kana madaala isaa hubachuuf, gaafa ABOn ijaaramee qabsoo eegalu; haalli sabbonummaa Oromoo maal keessa ture? jirreenyi ummata keenyaa addunyaa irratti hagam beekamaa ture? jedhanii gaafachuun gahaa dha. Dagaagginni sabbonummaa Oromoo har’a mul’atu fi dhimmi Oromoo beekumsi naannoo fi addunyaa keessatti horates bu’aa qabsoo hidhannoo wareegama ilamaan Oromoo hedduu dhaan argame ta’uun falamisiisaa miti. 2. Mirgi hiree murteeffatnaa ummataa har’a diinni, yoo xinnaate waraqaa irratti (heera biyyaa jedhamu keessatti) kaahe, beekuuf dirqame bu’aa qabsoon Oromoo hidhannoo dhaan argamsiise keessa tokko. 3. Kanuma waliinis Afaan Oromoo, barruu hin qabne, dhabamaa keessa ture; Afaan ittiin baratamu fi hojiin mootummaa ittiin hojjatamu ta’uu danda’uun injifannoo galmeeffame keessaa tokko. Kunis, kan har’a ilmaan Oromoo miliyoonaan lakkaawaman ittiin baratan, hojjatan, barreessan fi ittiin boonan ta’ee jira, Afaan Oromoo kun haala akkaan rakkisaa ta’e keessatti dirree qabsoo hidhatnoo keessatti kan dagaage fi muuxxeffame dha. 4. Addi Bilisummaa Oromoo ifaan ummata Oromo fi addunyaa birattis beekumsa guddaa kan argate bara 1991 as jechuu ni dandeenya. ABOn teessuma Ebla 1991 Londonitti yaadamee turetti afeeramu fi sana boodas mootummaa cehumsaa Itiyoophiyaa kufaatii Dargii booda ijaarame keessatti qooda fudhachuun, utuu hidhannoo harkaa hin qabu ta’ee hin yaadamu ture. 5. Oromiyaan maqaafis ta’u bulchiinsa mataa ishee qabaachuun ishees sodaa diinni WBO irraa qabuun ta’uun beekamaa dha. WBOn injifannoolee armaan olii galmeessee fi bilisummaa saba Oromoof jecha falmaa hadhaahaa gochaa ture ammas itti jira. Har’a illee gootowwaan keenya guyyuu diina kuffisaa kufaa jiru. Kanaaf guyyaa WBO, Amajjii 1, kabaja, ulfinaa fi guyyaa injifannoo ta’uun yaadatnee oolla. Addi Bilisummaa Oromoo Amajjii 1, guyyaa WBO akka tahu kan murteesse sababa malee miti. Innis: Bara 1978 walakkeessa irraa kaasee haga dhuma 1979tti ABOn haala akkan rakkisaa keessa ture. Yeroon kun yeroo lolli Somaliyaa fi Itoophiyaa dhumatee, waraanni Ziyaad Barree arihamee bahee, mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal irraa hin citne itti bobbaase ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola ciccimaa seene. Qunnamtiin isaa addaan citee ni faca’aa yaaddoon jedhu illee guddaa ture. Qabsoon haqaa yoomuu waan injifatuuf jagnootiin WBO duula Dargii of irraa deebisanii Amajjii 1, 1980 walitti dhufanii ayyaana guddaa ayyaaneffatan. Bara 1980 irraa kaaee guyyaan WBO bara baraan guyyaa WBO fi guyyaa injifatnoo ta’ee kabajama. B. Akeeka Amajjiin 1, Itti Kabajamu Wal Hubachiisuuf 1. Injifannoo Qabsoo Hidhannoon Argaman yaadachuuf; 2. WBO Cimsuuf Waadaa keenya haaromsuuf; 3. Hawwii Oromoon humna waraanaa jabaa ijaarratuun injifatnoo karaa waraanaa argamsiisuun bilisummaa isaa bira gahu jabeessuuf; 4. Sabboonummaa Oromummaa ijaaruu, Tokkummaa Oromoo cimsuun Oromoo humna jabaatti jijjiiruuf; 5. WBO bakka jirutti haamlachiisuuf; 6. Ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessa jiran akka of beekanii qawwee isaanii diinatti garagalchuun Oromoo humneessuuf hojjetan jajjabeessuuf; 7. Miseensoti WBO, jagnooti Oromoo fincila diddaa kolonii, diddaa gabrummaa, mirga abbaa biyyummaa fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromoof lubbuu isaanii dabarsanii kennaan wareegamni isaanii gatii malee akka karaatti hin hafne wal barsiisuuf; 8. Kaayyoo ABO kan WBOn itti diina kuffisee kufaa jiru kana bakkaan gahuuf dhaalonni ammaa fi boruu waadaa isaa haaromsuun gootummaan akka qabsoo itti jiru jabeessu fi itti fufu wal hubachiisuuf; 9. Jaallan qabsaawota Oromoo bakka adda addaa jiran, mana hidhaa, daggala, bobaa diinaa jala fi biyya ambaa jiran, akka wal cimsanii WBO cinaa hiriiruun xaba siyaasaa bifa hundaa jabeessan dhaammachuuf; 10. Barri harayaa bara Injifatnoo, Bilisummaa, Badhaadhinaa, Gammachuu, Quufaa fi Milkii uummata keenyaaf akka ta’u hawwii dabarfachuuf ayyaaneffatnee olla; C. Kabajaa Ayyaana Amajjii 1 1. Amajjii 1, Guyyaa WBO ta’uu wal barsiisuu; 2. Wareegama WBO baasaa turee fi itti jiru, haala akkan rakkisaa keessatti WBO qabsoo isaa gaggeessaa qabsoo Oromoo baatee hardhaan gahuu wal hubachiisuun qabsoo hadhooftuu kanatti firii gochuuf Oromoo mara irraa waan eegamu marihachuuf; 3. WBO akkaataa itti gargaaranii waraana cimaa taasisuu dandahamu irratti wal marihatuu, wal gorsuu, waan WBO gumaachame walitti qabanii WBOf erguu, gargaaruuf; 4. Faaruu Alaabaa Oromoo kana bakka bakkatti akka faarfamu walii dabarsuuni fi faarfachuun kabajamuu qaba! Caamsaa 1, 2006 (Oromiyaa) - Zooni Iluu A/Booraa Ona Hurrumuu magaalaa Suunxaatti gaafa guyyaa Ebela 15 guyyaa gootoota kana ummanni magaalaa kanaa fi dardaroonni naannoo kanaa Alaabaa A B O hidhatanii akka gaariitti ayyaana kana ayyaaneffatanii oolaniiru. Akka kanaan guyyaa kana magaalattii diddaa fi jeequmsa hamaa keessa oolte. Akkasumas Ona Hurrumuu magaalaa Suunxaa kana keessaatti namni maqaan isaa Lammaa Waakkannee jedhamu dalgaan isaa damee Milishaa keessa dalagu ummattoota magaalaa kanaa basaasuun baayyee kan gidirsaa jira waan ta’eef akeekkachiifni akka itti nuu kennamu jechuun koreen ona kanaa ciminaan dhaammataniiru. Dabalatas :- Ona Yaayyoo keessatti barsiisaa Iisaaq Ayyaanaa jedhamu mana barumsaa sad.2ffaa keesssatti wayyaanee dhaa basaasuun barattoota kan gidirsaa jiruu fi hiisisaa jiru ta’uu isaa irra gahameera. Barattoonni mana barumsicha kanaa akkas jedhu “namni kun gochaa isaa fokkisaa kanarraa yoo of hin qusanne tarkaanfii keessa deebii hin qabne akka irratti fudhatanu ciminaan hubachiisaniiru “; akeekkachiifnis itti nuuf haa kennamu jedhaniiru. ******* Guyyaa sanbataa fi dilbata (ebla 29 fi 30 ta`e dha) OPDOn sagantaa isheen barattoota Oromoo Yunivarsiitii Baar Daar ittiin sossobuuf baafattee gootota barattoota Oromoon harkatti fashalee jira. Mootummaan wayyaanee mootummaan isaa sabboontota Oromoo fi mormitoota siyaasaan waan raafamaa jiruuf waan qabuuf waan dhiisuu wallaalee asii fi achi kaataa jiru kana keessatti OPDOn akkuma durii barattoota Oromoo maallaqaa fi sossobbiin gowwoomsuun yeroon isaa kan itti darbe, toofta bututaa ta'uu isaa sirriitti itti agarsiifamee jira. OPDOn bakka barattootni Oromoo jiran marattii deemtee summii gabrummaa fi ashkarummaa kan gooftaan isaanii isaan badhaasan facaasuun ijoollee Oromoo irratti shira adda addaa xaxuun barattoota kumaan lakkaa'aman akka mana barumsaa irraa ari'amaniif barbees akka mana hidhaatti guuramanii achi keessatti gidirfaman gochaa turte. Ammas itti jirti Bara 2004 shira kana Yunivarsiitii Finfinnee keessa xaxuun barattoota keenya 350 ol ta'an sababa Oromummaa isaaniif jecha akka ari'amaniif sababa ta'ani. Gootonni baarattooti Oromoo yeroo sanatti sobaan yakkaman mana hidhaa Wayyaanee keessa turanis akka reebamanii ajjeeffaman godhani. Kanneen gaffii kana qabatani ka'an barattoota sadarkaa lammaffaa irratti rasaasa isaan itti roobsuun barattoota keenya heddu ajjeesan. Kaan ammoo qama hir'isan. Yaa ta'u malee qabsoon barattoota Oromoo tasa booda hin deebine. Caalatti iyyuu akka gumaa Obbolotaa isaanii wareegamanii fi kanneen mana hidhaa diinaa keessa tortoraa jiraniif akka dubbataniif isaan kakaase. Haaluma walfakkaatuun guyyaa har'aa kanatti sagantaa walfakkaata kan bara 2004 barattootni keenya itti ari'aman sagantaa affeerraa fi bashannanaa kan Baandii Biiftuu Oromiyaan deggeramu isiniif fidne kanaaf irratti argama jedhanii barattoota Oromoo barumsa isaanii hordofan olola rakasaaf ergama diinummaa qabu itti afuufuu eegalan. Yeroo kanattis ijoolleen Oromoo sagantaa kun kan nu hin ilaallannee fi karaa kamiin iyyuu akka bakka nu hinbuunee itti ibsine osoo jirruu maal nu dhibeen akka qopheessan ijoolleef ibsuun sagantaa isaanii itti fufan. Nut barattootni Oromoos biyya Ormaa keessatti wal loluuf wal reebuun ummata Oromoof karaa kamin iyyuu akka hin fayyadnee fi isaanis balaa karaa kana dhufuu maluuf itti gaafatamummaa akka fudhatan itti ibsine. yeroo kanatti bakka bu`aa gooftolii isaanii kan ta'e gara warra BI'adenitti dhihaachuun barattootni nu ajjeesuuf waan jiraniif wabii nuuf ta'a, akka balaan nu irra hin geenyeef waada nuuf seena jechuun soda qaban ibsaniif. Yeroo kanatti isaniis yeroo isin achi deemtan tajaajila konkolaata fi eegumsa isiniif gochuun alatti waan isiniif goonu hin qabnu ittin jedhani. darbees sagantaan kun akka bareedee barattoota hawwatuuf qarshii 30,000 waan itti baheef jabaachuu qabdu jedhanii dirqama dabalataa itti kennan. jarreen lukkee OPDO kunis osoo barattootni keenya hin fedhin haala sodaan wal makeen waraqaa waamichaa osoo dhoksaan facaasani argamani Tarkaanfiin keessa deebii hin qabne Lukkee OPDO nama Seefuu Gosaa jedhamu irratti fudhatamee jira. Kana qofaa osoo hin taanee barattootni Oromoo gootummaan Doormii isa wal waamee " kanaan booda gowwoomsaan nu gaha. Yeroon barattoota Oromoo irratti shira xaxan darbeera. ammaan booda OPDO waliin wal keessa hin jiraannuu. Of keessa dhabamsiifne tokkummaa keenya cimsuu qabna. Isinis kan isiniif ta'u filachuu qabdu. Yookiin nu waliin akka barata Oromotti jiraadhaa. Yookiin ammoo ammuma du'a filadhaa" jedhanii filanoo lama barattoota sagantaa kana qopheessuun tattaaffachaa turanitti himuun amansiisa bulan. Jarreen lukkeen kunis lubbuu isaanii oolfachuuf jecha akka balleessa dalaganii fi balleessa barattoota Oromoo fi qabsoo Oromoo irratti hojjechaa turaniif dhiifama akka isaaniif godhamu barattoota gaafachun sagantaa kana irratti hirmaachuu dhiisuu qofaa osoo hin taanee waan ijoolleen Oromoo itti hin amannee yoo osoo hojjetanii argaman tarkaanfiin du'a bakka argamanitti akka irratti fudhatamu erga waada seenani booda ijoollee gara halkan keessa sa'a 9 irratti gara doormii isaanitti galan. Yeroodhuma kanatti Poolisoonni situ barattoota qindeessa jedhanii barata Oromoo tokko osoo isaan qaban argaman battalumma Tokkummaa barattoota keenyaan gad lakkifamee jira. Bulee isa Sanbata har'as barattootni keenya marti bariin ka'e akka barataan Oromoo kam iyyuu sagantaa isaanii irratti hin hirmaannee gochuun sagantaa lukkee salphisanii jiran. Booda Barattootni oromoo waan deemuu dhiisaniif konkolaatan barattoota deddeebisuuf ramadamte waan fuutu dhabdee barattoota Amaaraa fi Tigiree walitti qabdee affeerraa isaanii ofii isaaniif sooratan. Haala kanaan Shirri isaani xaxanii barattoota keenya ariisisuuf yaalan harkatti fashalaa'ee OPDOn baandii fi qaanii ishee hammattee lukkee isheef dhaaname sana gara mana yaalatti geeffattee galte. Barattootni keenyas Gootummaa fi Tokkummaan keenya itti fufa jechuun injifannoo argametti gammadanii gara fuulduraattis jarreen kun osoo isaan hojii isaanii kana duraa osoo hojjetuu yoo argame tarkaanfiin wal fakkaatuu akka irratti fudhamuu walii galuun waadaa isaani haaromsatanii jiru. Injifannoo Ummata oromoof! Gadaan gadaa Bilisummaa ti!! Maaliif afaan hojii wal dorgommii Shaampiyoonii waliigala oromiyaa 18 ffaa yeroo ammaa kana magaalaa jimmaatti adeemsifamaa jiru Afaan amaaraa ta’e? Akkuma beekkamu waldorgommii shaampiyoonii Oromiyaa yeroo ammaa kana gaafa Amajjii 15/2012 jalqabee guyyoota sadiif adeemsifamee jira. Yeroo dhufus ittuma fufee adeemsifamuuf jedha. waldorgommii kanaan walqabatee rakkooleen armaan gadii mul’achaa jiru. · Haasaan baaniinsaa waldorgommichaa Afaan birootiin godhame. · Abbootiin Seeraa waldorgommii hogganan FI Dursitootni garee Godinaalee Afaan Amaaraa fayyadamu. · Waldorgomtootni Afaan Amaaraa haasa’u. · Sirbootni waldorgommii sana irratti sirbaman akkasumas hirmaattota bashannansiisuuf waltajjii irraa gallakkifaman sirboota Afaan Amaaraatiin sirbaman qofa. · Waantotni jedhamanii sirbaman seenaa Uummata Oromoo kan hin taane fi faallaa Seenaa uummatichaa kan ta’ani dha. · Haalli Uffannaa fi shubbisaa kan uummata Oromoo miti. Namni Ani Oromoodha ofiin jedhu, borus yoo ta’e faajjiin Afaan saba isaa akka ol ka’ee mul’atu hawwu kamiyyuu qabxiilee armaan gadii haa xinxaalu. Jaarraa itti sabni Oromoo Afaan isaatti fayyadamaa jira jedhamee midiyaa garaagaraatiin hafarfamaa jiru kana keessatti maaliif Afaan Oromoo dubbachuun akkuma durii sanaa har’as saalfatame? Moo Afaan Oromootu ergaa guutuu hin dabarsine? Waldorgommii guutuu Oromiyaa Godinaalee Oromiyaa fi Magaalota Oromiyaa gidduutti dorgomamaa jiru kun wal dorgommii Uummata Oromoo gidduutti fi dachee Oromiyaa irratti dorgomamaa jira. Haa ta’u malee waldorgiommii kana irratti waanti Uummata Oromoo ilaallatu tokko illee hin mul’atu. Uummata Oromootu Aadaa sirbaa hin qabuu? Uummata Oromootu Seenaa waldorgommii kana irratti faarfamu hin qabuu?...................??????? Erga waldorgommichi Kan uummata Oromoo gidduutti akkasumas dachee uummata oromoo irratti adeemsifama ta’ee, Afaan Uummatichaa tuffatamee maaliif Afaan saba biroo filatame………? Gaafin Kun Gaafi Baratoota Qoffa utuu hin tanee Gaafi Ummataa Oromoo hunda Waan ta’eef dhigga Oromoo of keessa kan qabduu huni gaafi keenya kun hanga deemi argatutuu Oromummaa shasharafama jiru kan dhibsisuuf hundi akka nu cina dhjabatan jeechuun baratoon jimmaa Univesity gaafcha jiru. Lammin Oromoo biyya keessa fi biyaa ala jiru Wayyanee TPLF fi dhaabbilee Habasha kamii iyuu waliin hariroo akka hin goonee diina akka hin amanee cimminan gaafatani jiru. Dhaabbilee Oromoo Bilisummaa Oromoof dhaabbatan Haala duree tokko malee wal ta’uudha qabsoo Baratoon Oromoo fii Uumaani Oromoo Ogana malee qoofa isaa gegessa jiru akka gargaran gaafatani jiru. Gabaasa Haala Sochii Dargaggoota Oromoo fi Kubbaa Miillaa 2013 [Gabaasa Jaarmiyaa ABO Africa Kibbaa] - Hiree argamee fi danda’ame hundatti fayyadamuudhaan Qabsoo teenya leellisuun, baaksisuun fi jabeessuun dhala Oromoo hundarra jira. Keessattuu kana ilaalchisee miseensonni, qondaaloota ABO fi jaarmaya Caayaalee ABO waan guddaatu irraa eegama. Kana of irratti hubatuudhaan jaarmayni ABO Afrikaa Kibbaa jiru dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa kan bara kana achitti deemaa jiru irratti qoodaa fi dirqama qabsoo beeksisuu fi leellisu kan isaanirra jiru bifa qindoominaatiin bahataa jiru. Dorgommii Waancaa bara kanaatiif kan dabarte Itophiyaaniis ajaa’iba agarsiisuuf dhaadachuu fi of dhaadhessuudhaan garee kubbaa biyyoolessaa garas bobbaasuu dandeesse. Bobbaa kanarratti qindoomina godhameen mootummaan aadaa fi naamusa Sportiin ala bahuudhaan taphattoonni fi daawwattoonni akka muummicha ministeraa Mallas Zenaawii dhaadhessan ajajaa fi dirqamni itti kennamee akka ture keessa beeytoonni saaxilanii jiru. Kana ilaalchisee daawwattoonni akka T-shirt suuraa M/Zeenawii uffatanii fi dhaadannoolee isa faarsan qabatanii akka qabanitti yaadame. Taphattoonni ammoo kaniteraa(qomee) jalaan uffatan kan suuraan M/Zeenawii irra jirtu akka uffatan. Abbaan goolii galche yeruma sanatti T-shirti isaa kan gubbaa ofirraa saaqee suuraa Zeenaawii sana mul’isuudhaan akka gammachuu isaa agarsiisu kan jedhu ajajni kenname. Yeroo ammaan tanaa kana jaalalaa fi jibbansi ummanni isaaniif qabu kan hin hubanne aangawoonni Wayyaanee dirqama naamusa spoortiin alaa kana kennanillee taphattoonni kun aadaa sportiin ala kun dhimmi siyaasaa sportii keessa galuu isaa daangaan ala kan mul’isu waan taheef hin goonu jedhanii, taphattoonni harkatti didan. “Namuu gara firaa jennaan foon harree daaraa keessatti kufe” jedhu, ajaja kenname kana taphattoonni hundi yemmuu falmanii didan taphattoonni dhala Tigraay namni shank an garee kubbaa biyyoolessa Itophiyaa keessa jiran yaada kana fudhatanii turan. Haa tahu malee mootummittiin haala jiru kana sodaatuu fi ofirratti amantaa dhabuudhaan sagantaan Mallas dhaadhessuu kun akka haftu taasifame. Kun akkas tahee, eega Afsrikaa Kibbaa gehamee fi taphne jalqabees wanneen mudatanii fi tahan hedduutu ture. Alaabaaleen dirree kubbaa sana keessatti yeroo gareen kun taphatu mul’ate danuu akka ture. Magaalaa keessallee namuu alaabaa isa ilaaltu fannisuu, makiinaarratti maxxansuu fi uffatuudhaan deeggarsaa fi mormii qaban mul’ifamaa ture. Alaabaaleen Abysinia/Itophiyaa tan Wayyaanee, tan H/Sillaasee fi tan mormitootaas mul’atanii jiru. Tamtu tan Itophiyaati kan jedhu gaaffiidha. Kan morman keessaa tan garri lameen diimtuu jidduun magariisaa fi booruu ganamaatiin faayamte alaabaan ABO fi Oromoos hiriira galtee turte. Kuniis tattaaffii miseensotaa fi jaarmaya ABO kan achi jiraniin godhame. Naannoo gool biratti dhihaatuudhaan akka balaliitu taasifamee ture. Kun waan guyyaa dorgommii duraa hojjatamee dha. Guyyaa dorgommii lammadaa Embasiin Wayyaanee biyya san jiru kanarraa baaraguu fi rifatuudhaan mootummaa biyyasiitti iyyattee alaabaaleen biraa keessattuu tan ABO akka hin balaliifamne gochuuf tattaafatame. Kanaaniis poolisa naannoo miseensonni jaarmaya keenyaa jiran irratti ramaduudhaan eeguun seennaa irratti akka qabatanii hin seenne tattaafatuu, warra kaameraas waa nyaachisuudhaan akka kaameraan garasitti hin xiyyeeffanne taasisuuf tattaafatamaa ture. Waan ajaa’ibaa poolisnilleen kan dura dhaabbataa ture bakkuma miseensonni jaarmaya keenyaa jiraniin qofa ture. Kan warra Habashaa fuuldura humtuu hin turre. Haa tahu malee qondaalotaa fi miseensoonni kana hundaa bira kutanii alaabaa Oromoo balaliisuu itti fufaa oolan. Dhumarratti jaala alaabaa Oromoo poolisoonni fi namoonni biyyasii horataniin alaabaa kennuufiin, brochure dhaabaas kennuufiin diinummaa osoo hin tahin firummaan akka Oromoo fi isaan jidduu jiraattu gochuun, maalummaa Oromoo fi ABO ummata biyyasiituu hubachiisuun danda’amee jira. Gadnoota Godina Jimmaa Ona Qarsaa Keessatti Barruuleen Warraaqsa Bilisummaa Maxxanuun Wal Qabatee Mootummaan Wayyaanee Uummata Goolaa Jira. Gabaasa Qeerroo Qarsaa,Caamsaa 13,2015 Godina Jimmaa ona Qarsaa gandoota adda addaa keessatti ummata gooluu hojii idilee godhachuun itti fufaa kan jiru mootummaan Wayyaanee Godina Jimmaa ona Qarsaa ganda qonnaan bulaa Kusaayee Beeruu keessatti poolisii oromiyaa tokkoo fi milishaa gandaa tokko mana tokkoon tokkoo sabboontota Oromootti ramaduun ilmaan Oromoo nagaan bahaa fi gala dhorkuun dararaa jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa. Sabboontonnii fi Qeerroon ganda Kusaayee beeruu barruulee warraaqsa fi beek-suuraa(poster) garagaraa gaafa Caamsaa10/2015 guutummaa gandichaa keessa raabsamuun daranuu Wayyaanee baarragsee jira. Guyyaa kana irraa eegaleeti Wayyaanen kan yeroo kaanii caalaa sabboontota hidhuu fi mana isaanitti ramadamtee sakatta’uu fi oolmaa guyyaa isaanii hordofuu jalqabde. Sabboontonni Oromoo guyyaa sana Oromummaa isaanin yakkamanii ganda kanatti guyyaa sana hidhaman sa’atii 24 booda gadi lakkifamanii jiru. Sabboontonnii fi Qeerroon aanaa Qarsaa. ganda Kusaayee beeruu gadi baanee galuu dadhabne jedhu. Yoo iddoo dhaa iddootti sochoones ummata nurratti kakaasaa jirtu jedhanii nu ugguru jedhu. Akkuma beekamu mootummaan Wayyaaneen filannoo fakkeessii ofumaa qopheessitee ittiin hirriiba dhabaa jira. go to link http://qeerroo.org/2015/05/13/gadnoota-godina-jimmaa-ona-qarsaa-keessatti-barruuleen-warraaqsa-bilisummaa-maxxanuun-wal-qabatee-mootummaan-wayyaanee-uummata-goolaa-jira/ Pages Garagarummaa Dhaabota Oromoo gidduu Sabaawota Oromiyaan kan ijaaraman dhaabota hedduutu jira. Garuu akki isaan akeeka qabsoo Oromoo itt ilaalan adda addaa. Oromoo tahu taatotaa malee garagarummaa akeekaa fulduratt fidanii kan irratt mari’achiisan hin jirani. Kanaafii afaaniin haa tahu barruun yeroo namooti mooraan gargar bahanii walitt bu’an, “Diina dhiiftanii maaliif walitt bobbaatu?” gaaffiin qeeqa fakkaatu, kallattii hundaan ka’aa jiraate. Kaasaa walitt bu’aa kanaaf kan dhimme jira hin fakkaatu. Oromoon mooraa walgaarreffatan adda addaa keessa jiran akka firaatt wal ilaaluu ni dandahu yk akka qabsaawota mooraa adda addaa keessa jiraniitt walii obsuu ni dandahuu? Garaa garummaa kana ifa godhanii furmaata barbaachuu irra, nammi gad qotee akka hin barrre gochuu kan yaalan jiru; kaan kana hubachuu kan hin dandeenye. Dhaabota walaba gidduu rakkinni oo’ifamee himamu hin jiru. Addaddummaa dhaabota maqaa saba tokkoon ijaaraman gidduu akka hinjirrett bira darbuun garaagarummaa sabicha keessa jiru fi saboota godinicha gidduu jiran furuun nama dhiba. Duubatt deebineee qabsoo Oromoo dadhabsiisuuf dira’ina tolfamaa ture yoo laalle hamma yoonaa lubbuun jiraachuun saayyuu nu dinqisisuu hin hafu. Alaa manaa qabsoo walabummaa jibisiisuuf tooftaan hololaa dhimmi itt hin bahamne hin jiru. Dhaabi inni kallachaa, ABOn walabummaaf dhaabbate; “fokkummaa” saa raga hin qabneef sababooti himaman hundii jabina kaayyoo inni hordofuu irra tarkaanfatanii jigsuunii hin dandeenye. Surrii dadhabootaa, ayyaanlaallattootaa fi daddaaqotaa hedduutt huursaniiru. ABO akka dhaabaatt, taatota jiraniin addatt yoo ilaalan malee balaatu qabsoo walabummaa Oromoo eeggata. Kan kittillayyoo diinaa hin taane, duula Qabsoo Walabummaatt bobbahe irratt utuu hin yaadin diinaan gar tokko akka hin dhaabbanne eeggachuun egeree saba Oromoof wayyaa fakkaata. Gadaan tokko waraana, tokko rooba, tokko beela kkf beekamuun sirna gadaa sabicha hin lagachiifne. Haalli Qabsoon Oromo hardha keessa jirus akka sanatt ilaalamuu qaba. Gogeessi ni darba sirni gadaa garuu itt fufa dha. Barreettiin kun garaa garummaa saba keessa jiraachuu dandahu akka gosootaa fi dhugeeffannoota gidduu hin kaasu. Akkasumas garagarummaa sabota godinaa keessa jiranii irratt hin akeekkatu. Sabi Oromoo mirga sarbame deeffachuuf qabsoon gaggeessu sababa addaddaatiin takaalamee hobbaatii hamilate bira gahuu hin dandeenye. Ummati Oromoo gaafa jaarmaa cimaan of jabeesse qofa dhageettii argata. Dhageettii yoo argate waan halle halagaan murteessuufii keessaa bahee ofiif murteeffata. Biyya abbaa ofii irratt inni gabbaarii halagaan malkanyaa hin tahu. Ummatichi yeroo jaatamoota keessa qabsoo eegale an ummata of dandahe walaban ture malee hirkattuu saba kamiiyyuu mit jedhee jalqabne. Bobbaatiin kamuu konkaa keessatt hin gaggeeffamu, hawaasa firaa fi nyaapha fedha irraa qabuu keessatt deema. Jaarmaa saa kan qilleensi hin galle gochu waan hin dandeenyeef qawwaa halleen kan fedhe itt seenee butucheenii. Kanaaf dhaabota maqaa saaniin jiran kamtu isaan qofaa hojjetu, kamtu bakka jiru hundatt dantaa saanii hin irraanfanne, kamtu dimshashumatt galtuu tahee kan isaan diina muummicha jedhanii itt bobbahan ofii dubbatu caalaa kan isaaf dubbatu, qorachuu qabu. As irratt amma dubbataa kan jirru waa’ee akeeki sirrii taheef hin taanee malee waa’ee malbulchaa miti. Tooftaa fi tarsimoo irratt waligaltee sabaawaan jiraannaan hojiin malbulchaa toora hedduun gaggeeffamuu dandaha. Rakkoon dhufaa kan jiru akka itt Oromiyaa ilaalanii. Oromiyaan biyya of dandahee tahee jiraachuuf mirga qabumoo lata Itophiyaatii? Kan walabummaaf mirga qaba jedhanii fi kan lata jedhan walitt araarsuun akkamitt dandahama? Gad fageessanii yoo laalan eenyummaa sabicha maaljechisiisuuf irraa ka’a wal fakkaataa hin qabani. Qayabannoo adda addaatiin saba adda adda tahe mullachuuf deema. Kanaaf mooraa lamaan waliigalchuun akka dubbatamu salphaa hin tahu. Yaadi mormituu amanamtuu tahuuf gangalchamaa jiru yoo of eeggannoon qaban malee yaada hamaa Oromiyaa qabaa jalatt hambisu tahuu akka dandahu hubatamuutu irra jira. Namooti sana gangalchan bulanii yaada jijjiiirrachuu dandahu yaadichi garuu bakka kaa’anit hafa. Namooti sana keessatt qooda fudhatan akka abba tokkeett keessi saanii sabboonoo tahu ni dandahu akka murnatt garuu galtuu malee kan biraa tahuu hin dandahani. Dhaabota Heera Habashaa fudhatanii bobba’an hedduu dha jenneerra. Dhaabi ADO ofiin jedhu dhiheenya dhaabbatee isaanitt dabalamuuf yaala jira. Gidduu kana tasisi ADO hankaka aggammii jalqabaaf jedhamee mata duree bu’uratii, as irratt garu waa’een saa addaan hin dhihaanne. Mooraan qabsoo lamaa, tokko kan walabummaa Oromiyaati. Diinni mooraa kanaa finnaa Itophiyaa fi kan isaa tumsanii. Mooraan biraa empayera jalatt Heera Itophiyaa fudhatee akka mormituutt qabsoo nagaan gaggeessa Oromiyaaanis lata Itophiyaati isa jedhan kan fudhate. Mooraa kanaaf diinoti kanneen Heera itoophiyaatt hin bulle. Heerri Republik Itophiyaa Federaalawaa Demokraatawaa lakoofsi 1/1995 akka jedhutti: “Nambiyyaan kamuu, qaamoti mootummaa, dhaaboti malbulchaa, waldooti biraa akkasumas qondaaloti saanii Heericha kabachiisuu fi Heerichaaf bitamaa tahuf dirqama qabu.” Kanaaf abbaan Heericha kakatee fudhate ramaddii mootummaan kennuuf diduu hin dandahu; yoo qawween bobba’uu baate seera tumuu, bulcha adabaa koloneeffataa gaggeessuu, kkf fi galaa dhiheessuun ummata ofii, Oromoo nyaapha godhata jechuu dha. ABOn Oromiyaa walaaboomsuuf qabsoo malbulchaa fi hidhannoo akka gaggeessuu ijaarame. Isa irraa cite qabsoo nagaan gaggeesa kan jedhu yooyyefamuu qaba. Hamma walabummaa saba saa haalee heera Itophiyaa fi amanamaa tahuuf hin kakannett inni sabboona dha. Bilisummaa of ijaaruu, walgahuu, of ifsuu fi abbaa fe’e waliin waldaa dhaabbachuu Heerichanillee kan beekame. Sun gonka dhagaa walitt darbachuutt hin geessuu. Dubbii kana keessatt nageesso, of irratt hirkataa fi humna hidhate kam irraayyuu walaba. Kanaaf inni waan diinni jedhu karaa nagaan diduu malee dhagaa namatt waan hin darbbaneef lammooti saa waan itt darbataniif hin qabanii. Caalaattuu garri lachuu cunqurfamaaf waan hojjetaniif saganta gadjalaa wal qayyabannoo baafachuu dandahu. Kan gola dhaabbate hundi mormituu amanamtuu tahuu qaba jechuu miti. Garuu biyya sanatt gochi hundi gaagaa qaba, mormituu amanamtummaan illee. Akka onnee fi ilaalcha addunyaa ofiitt gara kan filatu abbaa dha. Bilisummaan yaadaa fi of ifsuu tuqaa muummicha qabsoo Oromootii. Oromoon, diina roorroo fi goolii xaxatee itt bobbahe ofirra ittisuuf qabsoo hidhannoo akka filmaattota keessaa tokkoott fudhate. Nagaan waldhabdee jiru furuuf ijibbaati tolfame dhama’uu qofa ta’e. Garuu koloneeffatan yoomiyyuu caalaa Oromoott roorrisaa, tuffataa, ajjeesaa, hidhaa, guraaraa, achi buutee dhabsiisaa, biyyaa baasaa, saama fi buqqisaa jira. Kanaaf kun sirna shororkeessituu hammaa bahaa seeraa ulfeessu hin qabne. Sirna akkasii fi haala duree tokko malee amanamanii irbuu seenuun Oromoo kumaatamoota hidhaatt guramaa jiranii fi kurnan lamaa ol darban keessa daba loltuu Oromoo hidhaa keessatt irra gahaa jiru ooffalchuu dha. Qaccefixa ummata Sidaamaa, Mazangir, Anuakii fi saboota bicuu biraa ofkalchuu jechuu dha. Lafa ababilee saani irraa buqa’uu ummata Oomootik fi Nayilotikii akkasumas ummata Oromoo offalchuu jechuu dha. Qabiyyee kolonotaa saamuu fi ijoollee fi dubartii sabota isaaniin mormanii gudeeduu fi kkf; kan daba mootummaan Habashaa si’ana aangoo irra jiruu tarreessee fixuu dandahu hin jiru. “Taa’aa irraa hin qabduu mataatt aguggati” akka jedhamu da’oo tokko utuu hin qabaatiin tooftaa mootummoota of dandahan dhimmi itt bahan akkeessuu yaaluun ofis ummata ofiis ballaa hin caamneef qulleessuu taha. Kan Oromiyaan barbaaddu dhaaba “sayixaruuti abet, sayilikut wadeeti” (utuu hin waamamin owwaatu, utuu hin ergamin eessa dhaqii jettan) jedhu utuu hin ta’in ofirratt amantee cima kan qabu. Qabsoo ummati ofii walabummaa fi qajeeltuuf godhu dhiisanii murna dutaa nama nyaata kan ummata Oromo likkii saanitt galchuuf murteeffatett galuun “nagaa” eenyuuf argamsiisuufii? Bakka ittisi lolaa barbaachisu dhiisanii madda lolaa bira goruun nagaa eenyuuf yaadameetu? Qabsoon “nagaa” sirnicha keessa taa’anii utuu hin tahin isa ala tahaniitu. Inni sirna koloneeffataatt galanii godhan dorgommee angoo seerawe jedhama. Akka Itophiyaatt waliigaltee murnoota sirna kolonii empayeritt fudhatanii wal gidduutt eeboo utuu hin mirmirsin jaallatee haa tahu dirqisiisanii irba ummati buusuun bakka waljijjiiruutii. Qabsoon adda walabummaa fi kan mormituuu akeekaanis kaayyoonis adda addaa. Mormituu tahuu jechuun dorgommee angoo walirraa hin citne keessa seenuu dha. Golli malbulchaa hundi riqa aangoott gaafa Waaq jedhe ol bahuuf darabee eeggataa jiraatu. Kan aangott ol bahu hundi qawwee fi sirna TPLF biyya ittiin gooluu fi hariiroo inni hamma yoonaa uume hunda dhaalaa. Kanaaf isatt galuun utuu hin turin dutaa tahanii akka miltolee saanii “Likkiin isin galchaa” jeekkaraa as bahuufii. Qabsoon walabummaaf godhamu sirna kolonii diiguuf malee kabeebsuuf miti. Qabsoon walabummaa angoo hacuccaa wal jijjiiruuf utuu hin tahin hacuuccaa jalaa birmadoomuufii. Nagaan jiraachuuf dinnummaan dhabamuu qaba. Dinni Oromoon waliin qabu eenyu? Kan isa qabachuu fi raayyaa bobbaaasee fi itt roorrisaa jiru mitii? Eegaa haala akksii jalatt Oromoon isa waliin dhaabbatanii akka inni Oromiyaa irra diriirfatu tajaajila guutuu kennaniif akkamitt isaan addati ilaalamu? Kanaaf “Wal dhiisaa diina irratt fuulleffadhaa” gorsi jedhu eenyuu fi eenyu fa’iinii? Gorsi kun jara akeeka tokko qabaniif ni hojjeta taha. Kanneen kaayyoo ganama gad hin dhiisin booddana qalbii horatanii kan ilaalchaan wal fakkaatanin walitt dhufuu yaala jirachuun ni mullata. Mooraa tokko keessa taahanii dhagaa walitt darbachuun of ajjeesuu akka tahe hubatan fakkata. Yoo mooraa lamaan qabsoo Oromoo himatan herrega keessa hin galchine xumura dogoggoraatt geessuu dandaha. Qabsaawoti Oromoo kan akeekkatan sirna koloneeffataa kan mormituu amanamtuun qooda keessaa qabanittii. Dhaabi tokko dhaaba Oromoo jedhameef addatt baasanii qubaa itt hin qabanii. Kan Heerichaaf dhabbatee hundi mooraa walabummaa keessa kan jiraniif hamajaajii dha. Haa tahu malee namooti waa hubuuf humna hin qabne fi kan waan jedhan hojiitt furu hin sonoofne dhagaa darbachuu jalqabuu yk afaaniin eenyuunuu tuquun bu’aa saa irra, hamaa inni fidutu caala. “Mooraa addda addaa keessa jiraatanii wal hubachuun hin dandahamuu?” gaaffiin jedhu ka’uun ni mala. Kun dammaqinaa fi leelloo jaalbiyyummaa qaban irratt hundaawaa. Abboolii fi haadholiin yeroo nutt himan, nammoti Oromoo, dur keessa diina quwachuuf biyya halagaatt galanii isaan keessaa fuudhanii fi heerumanii isaan fakkaatanii jiraataa jireenya saanii guutuu saba ofiitii lafjala iyyaatii qaruutee dabarsaa turan jedhu. Yoo ofirrummaa fi buubi ofumaa dhoowu hin jiranne kun suukii sabboonummaan godhamuu dandaha. Haalli hawaasaa kantaraa miti; misa agarsiisaa deema. Kanaaf yeroo yeroon xiinxaluu dha. Malbulchesooti ogeeyyiin haala hamaatt akka dhimma bahuu dandahan beekutu abdatama. Sadarkaa sana gahuun ofbara qixa olhaanaa, of kenna, kaasaa saba ofii fi dudhama fi mataa fi garaa qulqulluu qabaaachuu irratt hundaawa. Qabsaawoti timjii darbuun waan eegalee Oromummaa fi nafii Oromoo akkasumas bu’uurota safuutt hedaman irratt qayyabannoo waloo uumuu dandahuu? Hanga sun tolfamutt qabee mooraa gamaa secca’anii baruu qabsaawaa walabummaa ni rakkisa. Silaa haalli dansi utuu Oromoon finnaa empayera Itophiyaa mallattoon saa faajjii bifsadee, magariisa, keelloo fi diimaa taheef amanamummaa kakachu hin baanne misha ture. Nammi surrii nagaa akka Oromoon walabummaa dhabe deebifachuuf mirga qabu hin haalu. Daayi Oromoo Itophiyessoota, nambiyyaa Itophiyaa jedhamanii gurguddoo Habashaan haammatamuu dha. Akka sana taanaan gara Oromoon yoo laalan isaaniif OPDO gidduu garagarummaa maqaa malee kan biraa hin jiru. OPDOnis lootuu Dargii boojuun TLF ijaaruun seenaa dha. Hardha miseensoti saanii hedduun kanneen sana as dhalatan loltuumitii dha. Mormitooti jiraachu kan hayyamte, “Akka hin komanne waamii akka hin nyaanne irraa dhiibi” isa jedhamu. Ulaagaa golli demokraasii tokko guutuun irra jira jedhamu TPLF akka argatuuf malee wayittt bahu jedhamee miti. Yoo akka tasaa qabsoo keessaan jijjiirrami ni dhufa tahe taatoti amma jiran taa’anii hin argani. Seenaan galtuu kanuma agarsiisa. Injifannoo sochii walabummaa qofatu akka ummata birmaduutt filannoo ballaa kennaafii. Garaa garummaan mooraa walabummaa waliin qaban empayerri diigamu malee waan walitt araaramu miti. Dhaaboti kaayyoo qabsoo Oromoo isa ganama fudhatan gar tokkott luucca’aa jiraachuun ummatichaaf abdii guddaa dha. Kanneen ADO irratt ilaallachuuf kan riphaan jiru taanaan isa qabatan of jalaa bacancarsuurra ejjennoo saanii keessa deebi’anii ilaaluu feesisa, takka isaan eegsisuun hin hafuu. Gabaabaatt Mooraa Walabummaa keessa kan jiranii fi kanneen Mooraa Itophesitoota keessa jiran walfakiin himatan yoo jiraate maqaa Oromoo dhahachuu qofa. Kanaaf malee lachanuu mooraa itt galli saanii adda adda tahe keessa jiru. Tokko mirgoott isa kaanii mirga tahuu dandaha, akka Bakar Waaree fi Mokonnin Guddisaa. Kanneen “Dhagaa walitt hin darbatinaa” jedhan garagarummaa dhaaabota Oromoo akkasitt ilaalaniiruu laataa? Yeroo mirgaa fi qajeeltuutt dhufu, Oromoo tahuu himachuu utuu hin tahin kabaja mirga ilmoo namaa fi Oromoon hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu qabu hojiirra oolchuu dha. Hiree murteefachuun mirga ummata Oromootii. Mirga hiree murteeffannaa murna haa tahu abbaan tokkollee dhoofsisaaf dhiheessuuf seera hin qabu, timjii irra hin darbamne. Gaaffii walbummaa yk ofiin bulummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo addatt kan laalu sammuu kalamsaawe. Sana dhoofsisaaf kan gargar baafatu ummata Oromoo qofa. Itophiyaa na tolchaa jedhee kan maganu, isaanuu gaafa rakkinaa maqaaf Itophiyaa ofiin haa jedhan malee, gaafa dhugaa Amaaraa fi Tigree dha; mooraan saanii lama caalaa hin qabu, akka sirna Ameerikaa faa; taasisa haaraa mirga walqixxee fedhu ofitt dabaluun anjaa hin qabuufii. Maal haa baasuuf dhama raasuree? Dhadhaawoo hin bahuu! Abba fedhe haatahu ilmaan namaa namummaa saaniif ulfoo dha. Yaada irra darbanii kan yaada burqisiisan tuquun addagummaa waan tahuuf safuu dha. Nammi tokko balleessaa yoo qabaate hardha yoo hin taane bor seeraan adabamuu dandaha. Yaada garuu biinxa’anii dogoggora sirrii irraa gargar baasanii mullisuun saaxiluun akka. Qabsaawota gidduutt wal qeequu fi of qeequun fedha irratt hundaawe misuu qaba. Kana malee guungummii fi of qofti miidhamaa akka tahett dhiheessuun barsiifata homishaawumaa hin qabne. Kan baraan wal hin fakkaanne akkasii of irraa gatuun bu’aa qaba. Hogganooti hamma nammi irraa eegu hobbaatii argamsiisuu hanqatu taha. Sun waan ittiin arabsaman yk abaaraman tahuu hin qabu. Hamma irba amanamummaatt fiduu danda’amutt kan jiran jajjabeessaa yabboo banaan yoo jirate irratt qeequu dha, yoo hin jirres tokko uumuu dha. Qabsaawoti sochiin bilisummaa Oromoo hamajaajii hundi balleessuuf irratt xiyyeeffatan dadhabina hoggansaa haa tahu talisummaan akka hin banne itt gaafatama dammaqanii eeguu qabu. Hogganootis burquqa maa qeeqmnee dhiisanii akkaataa dhaaba keessatt walamantee fi keessaanlaalummaa gad ijaaran faluu dha. Yoo xinnate heera dhaabaa kabajanii kabajchiisuu dha. Moora koloneeffataa keessa murnooti jiran hundi aangoo empayerittii qabachuuf dorgomu malee caasaa empayerittii diiguuf miti. Faallaa sanaatt kan amanan yoo jiraatan QBOf isaan waliin hidhata uummachuun ni dandahama. Sana yoo hin tahin qofoo golee afurii boolla martii keessatt qofa’uu yaaluu taha, walitt hin tahanii. Waanti goonu keessaanlaalii, wanti holollu soba golguuf irra diddibamee dhihaachuu hin qabu. “Gamna gowwoomsuun jibba barbaacha” isa jedhamu yaadachuu dhaa. Waan utuu oolee hin bulin ifa bahu huffisuun huffee nama jechisiisa. Kan kanaa olii ilaalcha mooraa walabummaatii. Mooraan kun yero amma faaraa warraaqsa gaggeessuuf barbaachisu agarsiisaa hin jiru. Tattaaffiin godhamu mooraa isa biraa irra cimaa fi shaffisaa yoo hin taane haalli too’achuu hin dandahamne uumamuu dandaha. Warri Abbaa Gadaa utuu bakka keenya tahanii maal godhu laata jedhanii of duuba mildhachuun barbaachisaa dha. Miseensi gogeessa gadaa sirna Gadaa demokrasiin marii irratt qooda fudhatee fala itt barbaada ture. Mee Oromummaan masakamuun mooraa diinaa yaanee, Odaa, moora keenya, da’oo keenya fi dhaalmaa keenya demokratawaa waloo, madda boona keenyaa, mallattoo walabummaa keenyaa jalatt wal haa geenyu. Mee waliin dhiichinee diina qalbii haa horachiifnu, yoos qofa kan nagaan karaa nagaa godinichaaf bu’u. Sun dandahamnaan walabummaan fagoo hin tahu. It gaafatammii fi keessaanlaalummaan haa dagaaguu.; ofirrummaa fi ofittumaan haa dhidhiman! Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu! Bilisummaa Geerarsa Oromoo Sirba - Gorsa Jaarsa Geerarsi gosa wallee Oromoo keessaa tokko yoo ta'u kan wallifamus gootummaa agarsiisufi. Yeroo baayyee geerarsa kan geerraru warra dhiirati, dubartoonni hin geerraran. Geerarsa gosa lamatu jira. Innis. Geerarsa qondaalaa fi geerarsa gurgudduu jedhama. Geerarsa qondaalaa kan jedhamu, nama duulee diina ofii ajjeesee kan mirgaan gale, bineensota gosa adda addaa kanneen bosona keessa jiraatan ( leenca , gafarsa , arba , qeerransaa fi kkf) adamsee kan ajjeese qondaala jedhama. Isaan kun hawaasa keessa jiraatan biratti kabajaa fi ulfina qabu. Yeroo sirna ykn cidha tokkorratti sirbamu ykn geerarsi yeroo gahu isaantu dura geerara. Gosa mirga argataniin dursa argatu. Yeroo geeraranis sirnaa fi tartiiba qaba. Dura waaqa , dachee , midhaan , loon (saawwan) fi booka ykn daadhiitu faarfatama. Faaruu daadhiitti aanee kan dhufu geerarsadha. Yeroo sanatti eenyutu dura geeraruuf akka mirga qabuu fi eenyutu akka itti aanu mirga isaan ajjeesanii qabanii fi hawaasa sana biratti beekamaniin tartiiba gala. Geerarsa gurgudduu kan jedhamu nama duule hin ajjeefne ykn bineensa akka mirgaatti lakkaawu kan hin ajjeefne dha. Isaan kun warra qondaalaa booda geeraru. Yeroo geeraranis hojii qabatanii jirani qonnaa fi waan kana fakkaatu irratti bobba’anirratti cimaa fi jabaa ta’uu isaanii ykn ammoo duulanii mirga dhabuu isaaniif gadda itti dhaga'ame, yaalii fi tattaaffii godhan, kanaafis ragaa qaban himachuun balasiin komachuun geeraru. Akkasumas jireenya isaanii keessatti karaa adda addaa dhiphuu fi roorroo isaan mudate haala adda addaan ibsatu. Yeroo Qondaalli ykn gurgudduun geeraru, kanneen taa’anii dhaggeeffatan "ishoo gurbaa" jechuun jala cooqa ykn soosisa kan jedhamuun harkaa fuudhanii gargaaru. Kunis geeraraan sun akka afuura fudhatuu fi akka onnatuufi. Yookaan ammoo warra geerarsa beeku ykn qondaaltotaa fi gurgudduutu wal harkaa fuudhee dabareedhaan geeraru jechuudha. Gill Gill iin qamaa nafa binensota bishaan-kessa bayee kessatti argamu dha. Kuniis qamaa afurra yoo ta'uu, fayyidaan isaas oxygenaa bishaan irraa gargari basuu fi carbon dioxide bishaaniti gadii lakkisu dha. Qamnii gill microsopic (yoo qamni isaa dhi'atee ilalamu) qamaa ballina (SA) guddaa qabate jiruu yoo ta'uu kuniis waantotaa isaa marsaani argamaniin akka wal-qunnamu isaa gargara. Binensotii bishaan kessa bayee xixiqoon (microscopic) fi kan guggudo ta'anii inactive ta'aan, oxygeen barbachisaa ta'ee qamaa isanii hundaan fudhachu ni danda'an, kanaaf, gill osoo hin fayyadamiin afuraa fudhachuu ni danda'uu. Haa ta'uu malee, binensotii bishaan kessaa xaxama (complex) ta'aan fi kan active ta'aan gill tokko yokaan tokko olii ta'ee ni barbaduu. Gillonni yeroo bayee tishu , damee (branch) yokaan slender tufted geggefama (anatomy) xixxiqo ta'aan ofii kessa qabu. Gilli tittolle bishaa kessaa alaa, gillonni biraa dhigaa yokan jigaa (liquid) coelomic ofii kessa qabu, kuniis karaa gaziin itti dadarbuun. Oxyginiin dhigaan fa'amee garaa qamotaa birratti geggefama. Carbon dioxidiin immo dhigaa kessa gara tishuu gillii qalla kessa darbee gara bishanii harcafama. oroomoliberationfront.org Tajaajilli waldaa warra wangeela Oromo Dalaas sagale Waaqayyo irratti kan hundeeffame dha. Sagalichis kara ergama isaa Phawulos akkas jedha. "Yaa obbolota koo! waa'ee kennaa gara garaa Hafuurri Qulqulluun kennu, akka hubatanni nan barbaada (1Qorontos 12:1). " Ergaa kana keessatti kan hubannu, hundumti keenya kennaa addaa kan uumaa keenyan nuu kennametu jira. Garuu yaroo bay'ee of irraatti hin hubannu. Amanti hir'inan ykn sababii adda addan keennaa keenya of irratti hubachuudhaaf ni daganna. Hundumti keenya immoo kenna gara garaa qabna. Namni enyullee tokko ta'u hindanda'u. Kanuumaaf Waaqayyo kara Phaulos akkas jedhee nutti dubbata. "Keenna hafuuraa gosa gara garaatu jira, hafuurichi garuu tokkichuma...... Hojii gara garaatu jira, Waaqayyo inni hojii hundumaa adduma addaan yaada namaa keessa kaa'u garuu tokkichuma(1 Qorontoos 12:6). Hojiin gara garaa inni nuu kenname kuni adduma addaan akka itti dhimma baanu fi namootaf bu'a buusuu akka dandeenyu feedha Waaqayyo sababa ta'eef, amanataan tokko keennaa attamiin qaba jedhee of gaafachuu qaba. Kennaan kuni isa tokkoof ogummaadhaan dubbachu, isa tokkoof beekumsaan barsiisuu, isa tokkoof immoo kennaa dhukubsataa fayyisu, isa kaanif immoo hafuura hamaa fi gaarii gargar baasee beeku fi kan kana fakkaatani Waaqayyo jaalala isaatiin tokko tokkoon keenyaaf adduma addaan nuu hireera. Barsiisa sagale Waaqayyoo kana irratti hundoofnee hundumti keenya keennaan keenya kam akka ta'e of irratti hubachuudhaan hojii tajaajila waldaa kanaan gaditti jirani hojii irra olchudhaaf yaala jirti. Isaanis; 1. Tajaajila ijoollee 2. " Dubartootaa 3. " Tuuta qu'annaa Wangeelaa 4. " Madda galii guddisuu fi ofiin of danda'u, Yaroodhaaf tajaajilli waldaa keenyaa kana kan fakkaatu yaroo ta'u, gara fuula duraattis akka barbachisumma isaatti babal'ifne kan itti fufnu ni ta'a. Egaa kana bu'uureffachuu dhaan amantoonni hundumtu akka kenna keessaniitti Waaqayyo fuula duratti dhiyyatani ni tajaajiltu jenne ni abdanna. Yaroo ammaa kana sagantaan ijoollee Dilbata sa'a 11:45 am irra jalqabee gaggeeffama ni jira. Qu'annaa wangeelaa Dilbata ganama sa'a 10:30 am irratti argamnaan jalqabuu ni dandeenya. Yaada keessan kana irratti yoo hiruu feetan yoomiyyu tanaan hinqusatiina. Mootummaan Waaqayyoo ha bal'atu! Hiikkaan Harma Mura Aanolee Hawaasa oromoo keessaa U ... mmata gosa Oromoo Arsii kan ta'e Nama kuma DHibbaa fi Kuma Sagalii ( 19000 ) ol kan ta'u Haawota Harma Muruu , Abboota Qaama Saalaa muruu , Kolaasuu , Harka Muruu fi Qalma suukanneessaa Lafa Arsii keessaa Aanole Ummata Muslimaa Arsii Qofarratti Raawwatmuu isaa Seenaan ni yaadata yoon akkana jedhu Diini Oromoo Cufuma miidhaa turee garuu bakkeen ( iddoon ) Aanole jedhamtu tun Lafa umman Oromoo Gosaan Arsii ta'e qofti yeroo santti irra jiraataa ture kanaafu Oromoo Arsii iddoo santti fixaa turani fakkeenyaaf akkuma Calii Calanqoo Calanqo keessatti Oromoo Harar Call godhaa turan !!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!! Aanolee!!! Iyyaafachuuf deemaa seenaa Oromootaa Aanole dhaqi jedhu worri maanguddootaa Iyyaafachaa ka’ee laga Hawaas ce’ee Dheeraa keessa darbee Itayyaan fulla’e. Worrota biyyitti nagenyaa gaafadhee Aanole iyyafadhee karaa gaggaafadhee Karaa naaf iyya’anii mirga koo qabadhee Gara lixaa qajeelee Itayya gad-dhiisee. Ganda Daawwee guutichaa gubbaasaatti bahee Aanole gaafannaan kuunnoti naan jedhan.... Bada dhiiroo eessa? Eenyu na garsiisaa? Jedhee jedhee jedhee...namoota gaafannaan Akkana naan jedhan........................................ “Anole jechuun tana goda kana keessaa Yoo seenaa barbaadan hayyuun achi jiraa” Jedhaa naan ka’anii hayyuutti na geessanii Jaarsi na simannaan seenaa gaggaafannaan Seeraan natti himan waan ofii beekan. Jaarsille seenaa qabu akkanaan na hime: “Oromoo Gadaan bulu Miniliki itti gaabbee Tooftaa itti baafatee qawwee ammayyawaa Awuroppaarraa argatee hidhatee fulla’ee Oromorratti duule Oromolle hin sarminee Sanyii diinaa fixee Miniliki rifachiise.” “Miniliki sodaate dubbatti deebi’ee Gobanaan mari’ate akkana jedhee gaafate: ‘Jarri hin sarmitu maan gochuu nuuf woyyaa Bada goobana kiyya......................................?” “Goobanni dhaga’e ihi-i-i” jedhee yaadate Miniliki dhaggeeffatee akkana jedheenii Deebiisaa deebise: jarri tun sarmaa hin jirtu Harka muraan male harka keessalle’e Isa mirgaa malee dubartii deettulle Harma muran malee harma keesalle’e Isa mirgaa malee....kana qofa mitii Goota fa’a dhalataa worra goota goota Qabaatii kolaasaa jarri yoo san jiilti Yoo san siin jalaatti bulti......................” Jedhee Goobanni malee malee Minilikiitti himee innis dhaga’ee Humnasaa jabeessee laga Hawaas ce’ee Arsiitti qajeelee uummata walitti qabee Qiiqqee dhagaa filee akka horii yaalaa Dallaya itti ijaaree kunoo dirree kanatti Uummata asitti baasee karra dhagaa tana Tokko tokkoon naqee dhiira harka muree Dubartii harma muree asiin gad baasee Dhooqa tana buusee kunoo qilxuu kanarratti, Harka itti fannisee harma itti rarraasee Abbaan carraa hafee worri biraa dhumee Kan muramarratti du’ee boolla tokko duuchee Aanole lafa dur aannanii lafa dhiigaa taasise.” Jaarsi biyya Aanolee akkasiin natti himanii Imimmaan hudhamanii ija keessa na laalanii. Dirree san ilaalee karra san ilaalee Dhooqee san ilaalee awwaalcha san ilaalee Qilxuu san ilaalee akkana jedheenii Isii waa gaafadhe...............................: Dubbadhu qilxuu tana an waa sigaafadha Seenaa si qoradha yookin si komadhaa Na jalaa dhaga’i gurra naaf ergistaa?! Guyyaan gaafa sanii, maaluma fakkaataa? Kan harka murame, kan harma kutame, Kan asitti du’e, kan gaggabee kufe..... Nama meeqa laata beektee naaf iyyaataa? Siin jedhee qilxuu Aanolee na jalaa dubbattuu Na jalaa callistaa.............................................? Harka muran san damee kamiin baattee? Harma muran sana harkuma kamiin qabattee? Yoo si jalatti nama qalanu ijjuma kamiin gartee? Afaanuma kamiin calistee................................... ? Harkaa fi harma sana mee eenyumaaf kennitee? Worabeessa nyaate moo allaattitu fudhatee? Natti himi qilxuu Aanoolee, maaf na laalta cal’istee? Bakkuma kanatti meeqattu awwaalamee? Iddoo tokkotti guuree eenyuttuu awwaalee? Natti himi magannee yaa qilxuu Aanolee!? Mukille hin dubbatuu qilxuulle dubbattee Akkana naan jette,..................................... “Danda’ee hin dubbadhu dubbii gaafa sanii Danda’ee hin yaadadhuu gocha gaafa sanii Waaqillee maal jedha gocha jara sanii! Namuu dhufee laalaa, seenaa na gaafataa Waan gaarii argaa jira firatti fira mararfataa Anile ni dubbadhaa waan tokko hin hambisuu Diinni kaleessa diinaa har’alle diinumaa Akkamiin amanaa.................................!?” Dhugaa jette qilxuu! Ati kana dubbattee Yoomu lama bullee? Harcaatuun Atsootaa Kunoo nutti kaatee duguuggaa sanyiitiifi Ekeraa Oromootiin maaf nutti dhaadattii? Fixiinsa sanyiitiin lola eebbaa jettii...? Godaannisni seenaa ekeraan Oromoo Kan boollaa lallabu kan muraa Aanolee Inni Caalii Calanqoo, garri Haroo Qeerroo Gujiis jira dhokate seenaan Tuulaa Surroo Kam himee kam dhiisaa, jiru kanneen biroo Iddoon irraa cite, nu dhiigaa yaa dhiiroo! Maanguddoowwan kenyarraa haayyoota irraa Intarneetii irraa ... Barruu fi kittaaban adda addaatirraa sabqunnamti adda addaa kanneen walaba ta'an irraa: fkn, SBO, VOA fi kan biroo. seenaa bal'inaan Seenaa saba Oromoo Kitaaba (seenaa saba Oromoo fi Sirna Gadaa/Birraa/Fulbaana/1995) (Toleeraa Tasammaa fi Hundasaa Waaqwayyaa) Seenaan qorannoo ykn barnoota akka ummanni tokko itti jiraataa tureedha. Seenaan saba tokko yeroo jennu qorannoo ykn barnoota waa'ee shanyii saba saba saniiti jechuudha. Seenaan sabni tokko akkamitti jiraataa ture? Haala akkam keessa dabre? Ogummaa akkam qaba ture? Aadaan isaa maal fakkaata? Kan jedhaniifi gara biraas kaasee deebii itti barbaada. Gabaatti, seenaan qorannoo ykn barnoota haala shanyyiin (sanyyiin) ummata biyya tokkoo karaa dina'gdeefi hawaasummaa keessa dabreedha. Ummanni tokko haala jireenya isaa hubachuuf abbootiin abbootii isaa ykn shanyyiin isaa haala keessa dabran qorachuu barbaachisa. Haalli ykn akkaataan jireenyi shanyii ofii keessa dabre jireenya har'aa irratti calaqqiinsa ni qabaata. Isa ha'aa hubachuuf isa dabre qorachuun barbaachisaadha. Kaleessi yoo hin jiraanne har'i hinjiraatu. Waan shanyyiin keenya keessa dabree as gahe qorannee baruun kan har'aa ijaarachuuf baay'ee barbaachisa. Kaleessi har'a, har'i boru maddisiisa. Kan dabre yoo hinhubatin kan har'aa hubachuun, kan har'aa yoo hinhubatin kan boruu qiyaasuun hinkajeelamu. Namni seenaa abbootii isaa, kan shanyii isaa hinbeekne jaamaadha. Bishaan gabatee irra jiru, kan gara barbaadanitti oofamuun wajjiin walfakkaata. Namni seenaa irraa hinbare, badii seenaa deebisee dalaguuf dirqama. Namni seenaa shanyii isaa hinbeekne, maqaa, aadaafi sabummaa isaa gatee kan alagaa fudhachuuf tattaafata. Ummanni Oromoo seenaa boonsaa, biyya badhaatuufi aadaa dagaagaa qaba. Ilmaan Oromoo hedduun garuu, kan waan hinbeeyneef alagatti ofharkisuu kan barbaadan nijiran. Seenaa saba ofii baruun eenyummaa ofii nama barsiisa. Firaaf diina adda baafachuuf nama gargaara. Walumaa galatti, seenaa saba ofii beekuun sab-boonummaa dagaagsa. Seenaa saba keenyaa kan boru itti boonnu duwwaafi miti. Tahuus hin qabu. Mataa ofii dabree beekuufi yaadachuuf barra. Barree ammoo dabarsinee barsiifna. Kanaaf ilmaan Oromoo hundi seenaa Oromoo baranii dabarsanii barsiisuun dirqama taha. Seenaa dabrerraa kan barree yaadachuuf, jireenya keenya har'aa hubachuuf nu gargaara. Madda rakkoo keenya har'aa baruuf, seenaa abbotiin teenya dabarsan beeku qabna. Rakkina har'aa furuuf mala lafa kaayyachuuf seenaa dabre beekuun hedduu barbaachisaadha. Rakkinaafi guddina sabni keenya keessa dabree as gsahe yoo beekne kan boruu yaaduu dandeenya. Daandii qabsoon keenya fudhachuu qabu tolchuufi tolchinees sirritti ta'uu isa kan itti ilaallu calaqqee seena Oromoo keessatti taha. Seenaa dabre kan fagoofi dhihoo, yaadaafi ilaalcha keenya irratti ifaan ykn osoo hin mul'anne dhiibbaa niqabbata. Seenaa keenya ka barruuf, ofii hubannee akka sirritti galmeessinee dhaloota boruutiif dabarsuudhaafi. Waanti nuti har'a hojjannu , boru seenaa taha. Kanaaf Oramoo kan tahe hundi seenaa shanyyii isaa baree dabarsee barsiisuun haalaan barbaachisaadha. Barbaachisummaa seenaa baruu erga hubatamee, gaaffi ka'antu jira. Seenaan Oromoo barreeyfamee jiraa? Eenyufaatu barreeyse? Yoo hin barreeyfamne tahe akkamiti barreeysuun dandayama? Gaaffiileen kan fakkaatan hedduun ka'uu mala. Osoo deebii gaaffiilee kanaa kennuu hinyaalin dura madda seenaa waan athan keessaa lama qofa yoo ka'aan gaarii taha. Maddi seenaa ummata tokkoo inni duraafi guddaan seenaa afaanii(oral history) fi aadaadha. Hamma sadarkaan dagaagina hawaasummaa tokkoo barreeysaan waa galmeessuun hinjalqabaminitti, seenaa dhalootarraa dhalootatti himamsa afaaniitiin dabraa dhufa. Abbaan ijollee isaatti "dur shanyiin keenya akkasiti bulaa ture, bara akkasii rakkina akkasiitu tur, dur jireenyi akkas ture" jedhee yeroo itti odeessu, seenaa dabarsaa jira jechuudha. Sabootni hedduun har'allee afaan isaaniitiin barreeysuu hinjalqabne nijiran. Seenaan saboota akkasii barreeyfamuuf maddi guddaan seenaa afaaniifi aadaa isaaniiti taha. Seenaa tokko qorachuuf ykn barreeysuuf maddi lammaffaan waan galmeeyfameedha. Beektoonnif qorottoonni haala jiruufi jireenya, aadaafi afaan ummata tokkoo yeroo galmeessan seenaa dabarsaa jiru. Waan beektoonni ykn qorottoonni barruudhaan har'a lafa kaayan, boru kaan itti dhufee barata ykn irra dhaabatee xiinxala. Seenaan ummata tokkoo nama isaa keessa dhalateen barreeyfame irra wayyinni hinhafu. Inninuu, yoo namni sun dhiibbaa adda addaarraa qulqulluu tahe malee, mudaa qabaachuu nidandaya. Keessattu yeroo seenaa uummata gara biraa barreeysan jibba, jaalalalfi dhiibbaa adda addaarraa qulqulluu yoo hintaane badii guddaan dalagamuu nimala. Seenaa tokko qorachuufi baruuf madda waan tahan keessaa guddaa lama kaafnee jirra. Eegaa, seenaan ummata Oromoo barreeyfamee jiraayi? Ykn ummanni Oromoo seenaa qabaayi? Gaaffiilee jedhan laaluu ni dandeenya.diinootni ummata Oromoo, 'Oromoon seena hinqabu' jedhu. Ummanni seenaa hinqabne hinjiru. Namni tokko hoo seenaa mataa isaatti,seenaa jireenyaa niqaba. Seenaan ummata sanaa barreeyafamee jiraachuufi dhiisuun waan gara biraati. Diinootni Oromoo seenaa hoggaa jedhan waan galmeeyfame qofa ifdura qabu. Seenaan ummataa hedduun barreeyfamuu kan dandaye erga beekkumsi barreeysuu argame booda ture. Har'allee afaanotni tokko tokko barreeysaa hin qaban, seenaan saboota akkasii karaa lamaan qoratama. seenaa afaanii waan alagaan, waa'ee ummata sanaa barreeyse irraa taha. Ummanni Oromoo afaan isaan kan barreeyssuu jalqabe bara dhihoo keessa. Kanaaf ilma Oromoo tokkoon seenaan isaa galmeeyfamee jira jechuu hindandeenyu. Bara dhihoo as garuu, ilmaan Oromoo tokko tokko seenaa saba isaanii barreeysuuf tattaafataa jiru. Haathu malee seenaan Oromoo himamsa afaaniifi aadaatiin dhalootarraa dhalootatti daddabraa har'a as gahe jira. Seenaa saba keenyaa qorannee galmeessuuf, seenaan afaaniifi aadaa madda guddaadha. Haa tahu malee, himamsi afaanii lakkuma bubbuluun jijjiiiramaa hiikkaafi ilaalcha adda addaa fudhachaa akka deemu irraanfachuun namarra hinjiru. Har'a seenaa keenya qorachuuf himamsa afaaniitti daballee maddi gara biraa kan seenaa afaan keenyaa (oromiffaa) tiifi antiropolojii taha. Antiroppolojiin saayinsii qorannoo waa'ee dhala namaa, aadaa, hoodaafi amantii, akkaataa jireenya isaa irratti godhamuudha. Kanaaf seenaa afaanii kan dhalootarraa dhalootatti daddabraa dhufeefi, qormaata afaniifi antiroppolojii irratti godhamu walqabachiifnaan seenaan dhugaa barreeyfamuu nidandaya. Seenaa Oromoorratti qormaanni godhamuu qaba hoggaa jennu, seenaan Oromoo akka waan tasa hinbarreeyfamneetti fudhachuu hinqabnu. Oromoonni seenaa ummata isaanii barreeysuu kan jalqaban dhihoo kanatti haatahuu malee, namoonni alagaa hedduun seenaa Ummata Oromoo barreeysanii jiran. Har'aas kan qormaata godhaa jiran hedduudha. Anmoota alaagaa kan seenaa Oromoo barreeysan gosa sadihitti, qooduu nidandeenya. Isaaniis: 1)qeessota Habshaa,2) waarra Orooppaa 3) Araboota. Isaan kana tokko tokkoon haalaallu. handhuura godhatanii turan. Arsiin ammoo, naannoo sanarraa gara bahaatti sossohee Ituufi Humbannatti aanee qubate. Ilmaan Bareentoo keessaa gara kaabaatti fagaatee kan qubate Walloodha. Ilmaan Booranaa ammoo, adda bahanii gosti Booranaa xiqqoo gara kibbaatti siqee qubate. Achirraa godaansa haga laga Xaanaa Keeniyaa keessatti deeme. Gujiin naannoo Jamjamirraa hedduu osoo hin fagaatin achumatti lafa bal’ifate. Booranni kaabaa (Maccaafi Tuulama) gara kaabaatti sosshan. Naannoo Shawaa har’aa eega gayanii booda Macc gara dhihaatti godaanee qubachuu jalqabe. Godaansi Oromoo kun yeroo kam akka tahe beekuun nama dhibullee jaarraa 9ffaa ykn 10ffaa dura akka tahe beekamaadha. Naannoo jaarraa kanatti Oromootafi Habashoota jidduu (gidduu) wallolli akka ture barreeyfamee jira. Jaarraa kana keessa hoggaa Islaamummaan Shawaa seenuu jalqabe Oromoon akka achi turees waan hubatameedha. Ormoon yeroo lafa kanatti godaane, ummatni gara biraaa irra jiraachuuf dhiisuu irraa wanti beekamu hinjiru. Habarlaand akka jedhutti naannoo Shawaa har’aatti yeroo Oromoon godaane lafti duwwaa turuun nimala jedha. Namichi Poortugaal Franaaz jedhamubara 161tti yroo naannoo Gojjaamii ka’ee gara qarqara galaanaatti deemu argee akka barreeysetti " Kibba laga Abbayya keessaa Oromoonni nijiru. Isaaniifi Innaariyaa gidduu garuu, lafti duwwaadha" jedhee ture. Kanaaf lafti Oromoon itti godaanerraa guddaan duwwaa lafa daggala qabu akka ture hubatamaadha. Seenaa Barreeysitoota Habashaa Seenaa Oromoo inni jalqabaafi qabatamaan qeesii Amaaraa, abbaa Baahiree jedhmuun bara 1593tti barreeyffame. Barreeyfama Baahireen duratti wanti qabatamaan barreeyffame waan jiru hinfakkaatu. Abbaa Bahireen Amaara waan taheef seenaa Oromoo tan inni barreeyse mudaa gurguddaa qaba. Bara inni barreeysaa ture (jaarraa 16ffaa) keesssa Oromoon duula lafa isaa falmachuurra waan tureef hijaa(haloo) Oromoo bahuuf poolisii (imaammata) hordafamuu qabu lafa kayuuf barreeyse. Mootoota habasha yeroo sana turan gorsuuf barreeyse. Akeekni Baahiree jabinni Oromoo eessaa akka maddufi dadhabiinsi Habashaa maala akka tahee xiinxaluu ture. Seenaa Oromoo ija diinummaatiin laalee barreeyse. Bahireen seenaa kitaaba isaa "ye Gaallaa Taarik" jedhu yeroo barreeyse akkas jedha. "seenaa Gaallaa barreeysuu kaniin jalqabeef, lakkooysa gosa isaanii, nama ajjeesuuf qophii tahuu isaaniifi amala saanii kan gara lafina hinqabne beeksisuufi. Seenaa ummata gadhee kanaa maalif barreeysite, osoo kan ummata gaariidhaa jiruu jedhee yoo namni nagaafate, "kitaaba keessa laali, seenaan Mohammadiifi mootoota Islaamaatu barreeyfamaa jiraamiti?..jedhee jalqabe. Baahireen ilaalcha ummata Oromoof qabu seenaa kitaaba isaa keessatti xumure. Jibbiinsaafi diinummaa Oromoorraa akka ifatti mul'ata. Haala kanaan yeroo barreeyse Baahireen dogoggora gurguddaa keessa seene. Seenaa Oromoo dabsee waan barreeysseef, seena barreeysitoota isa booddee barreeysaniis karaarra dabsee jira. Daba inni hojjate kana booqannaa itti aanu keessatti laalla. Seenaa Oromoo guutumaatti, akka mata dureetti fudhatanii akka baahireetti hin barreeysin malee, qeesoota qabsiisa mootoota habashaa barreeysan, qabsiisa isaanii keessatti waa'ee Oromoo kaasanii jiru. Haa tahu malee, ija diinummaatiin waan qabsiisaniif seenaa Oromoo hedduu dabsan. Qeesiin Atsime gi'orgs jedhamu seenaa Oromoo akka baay'ee nama dinqutti barreeyse. Namummaa oromoo haga haalutti gahee "ilmaan sheeyxaanaa" jedhee barreeyse. Alqaa Taayyee kan jedhamu ammoo, "innas tawuqaallan Gallaa indeet ka baahir indewaxaa" jedhee haala baayyee fokkisaan barreeyse. Yeroo qeessotni kun waa'ee Oromoo barreeysaa turan, yeroo Oromoon itti jabaa ture. Jabinaafi laafina Oromoo baranii akkaataa itti dura dhaabbatan qiyaafachuuf ture. Eega Oromoo cabasanii koloneeffaatan boodaas, seenaa Oromoo barreeysuu nidhaaban. Warri Orooppaas akka hinbarreeysine dhiibbaa irratti godhuu jalqaban. Walumaa galatti waan qeesootni kijibduun Habashaa dabsanii barreeysan sana, seenaa dhugaa kan qormaataan bira gahame barreeysuudhaan kijibdoota Habashaa faalleessuun haalaan barbaachisaadha. Seena barreeysitoota Awrooppaa: Namoonni biyya Orooppaa sababafi yeroo adda addaatti naannoo Kaaba Baha Afrikaa dhufanii seenaa barreeysan nijiru. Isaan kun heeddu waan tahaniif gosa gurguddaa lamatti qoodnee ilaluu dandeenya. waarra amantii babal'isuutiin biyya Orooppaarraa dura biyya Habashaa kan dhufan warra Poortugaal turan. Isaan kun jalqabaa jaarraa 17ffaarraa kaasanii Habashaa seenuudhaan dame amantii kristiyaanaa -Kaatolikii babal'isuuf tattaafachha turan. Habashootaaf jaalalaafi maraarfannoo gudda qabu turan. Habashoonni tuqamuufi miidhamuu hinjaalatan turan. Habashoota gara amantii isaaniitti hawwachuuf tattaafataa waan turannif, waan mootoota Habashaa dallansiisu hin barreeysine. Seenaa Oromoo yeroo barreeysaniis akkuma Habashootaatti barreeysan. Namichi Poortugal-Manu'eel de Almeedaa jedhamu, yeroo seenaa Oromoo baarreeyse, Baahireerraa fudhatee ijaa jibbiinsaan barreeyse. Kanaaf waan isaan barreeysan hoggaa xiinxalmuufi kan warra kaanii wajjiin ennaa walbira qabamu seenaa Oromoo barreeysuun nidandayama. Tahaas jira. Biyya Daawwatootafi Qorottota: Biyya daawwatoonni haala, akeekaafi yeroo adda addaatti dhufan, biyya daawwataa fakkaatanii dhufuudhaan kan mootuummaa isaaniif basaasan nituran. Waarri kaan immoo qormaata ji'ograafii ykn saayinsii gochuuf warri dhufaniis turan. Bifa adda addaan haa dhufan malee isaan kun waan argan, ummata, aadaaa, afaaniifi akkaata jireenyaa biyya sanaa barreeysanii jiru. Namoota alagaa waan tahaniif waan ijaan arkan malee, ofii isaaniitiin ummata haaseessuudhaan kallattiin waa baruu hindadayan. Nama afaan isaanii hiiku barbaadu. Kanaaf hangi isaan seenaa barreeysuuf deeman heedduu xiqqaadha. Aadaafi maalummaa ummata sanaa baruudhaaf, yeroon isaan keessa turaniis waan xiqqaa tahuuf, hubannaan isaaniis akkasuma taha. Dhiibba malee waan hojjetaniif hanga dhaga'aniifi arkan qulqullutti barreeysuu saanii hin oolamu. Namoonni Arooppaa seenaa Oromoo, Orommtarraa qoratanii barreeysaniis nijiru. Oromoonni gabrummatti gurguramanii boodaa namooni Arooppaa tokko tokko baitatanii bilisoomasaniis nijiru. Gabroota bilisooman kanrra seenaa Oromoo waari qoratanii barreeysaniis nituran. Haala kanaan bara 1830fi 1840 namoonni Arooppaa kan seenaa Oromoo barreeysuuf carraaqan nituran. Qorannoo seenaa keenyaa kan har'a godhamaa jiruuf, kun madda tokko tahee argama. Jalqaba jaarraa 20ffaarraa kaasee seenaa qorattootni Arooppaa, seenaa Oromoo barreeysuuf yaalii guddaa godhaa turan. Keessattuu bara Haayle Sillaasee keessa carraaqiin isaan godhaa turan guddaa ture. Mootoonni Habashaa, akka seenaan Oromoo hin barreeyfamne mala adda addaatiin dura dhaabbachaa turan. Waan qeesotni isaanii dur barreeysanillee dhoksuudhaan, gara biraatiniis akka hin barreeyfamne ittisaa turan. Har'aas itti jiru. Akka seenaan Oromoo hin barreeyfamne, dhiibbaan isaan godhan: tokkoffaa namni akkeka kana qabu, akka dhiisuykn akka kun hindandayamne godhanii itti dhiheessuudhaan harkatti busheessuuf yaalu. Lammmaffaa, akka eehama argatee qormaata kana hingoone karaa itti cufu. Haa tahuu malee, qormaata ummatoota naannoo Kaaba Baha Afrikiirratti godhame keessaa kan Oromoorratti godhameefi godhamaa jiru baayyee guddaadha. Waa'ee ummata Oromoo qorachuun mata duree qormaata guddaa tahee jira. Seenaa Barreeysitoota Arabaa Seenaa ummatoota Gaafa Afrikaa warra barreeysan keessaa Arabootiin warra duraati. Keessattu eega amantiin Islaamummaa Gaafa Afrikaatti babl'achuu jalqabe, Araboonni bifa lamaan dhufuu jalqaban. Kuniis bifa amantii babal'isuufi nagadaan ture. Araboonni bifa kanneen keessa tokko ykn lachuutuu, waa'ee Oromoo galmeessanii seenaa barreeysanii jiru. Har'a seenaa Oromoo barreeysuuf qorachuuf maddi tokko barreeysaa Arabootaa taheeti argama. Akkauma haalaafi yeroo isaan barreeysanitti, akkasumas ilaacha isaanirraa kan ka'e, barreeysan isaanii mudaa qabaachuu nidandaya. Seenaa Oromoo qoratanii barreeysuuf, madda adda addaafi mudaa isaan qaban ilaallee jira. Madda jiran kanatti dhimma bahuudhaan seenaa haqaa barreeysuuf, maddi amansiisaan himamsa afaanif aadaa Oromoti taha. Seenaan afaanii akka barri dheeratuun, ilaalchaafi muxannoo haaraya dabalataa akka demu yaadachaa, qormaata godhamuun seenaa keenya barreysuu nidandeenya. Jarsooliin Oromoo kan seenaa dur beekan utuu hin dhabamin waan godhamuun irra jiru. Maddi kun gayuu akka dandayu irraanfachuun nurra hinjiru. Hunda caalaa seenaan Oromoo dgaagsuufi guddisuuf qoodni qabsoon qabu guddaa akka tahe dagachuun namarra hinjiru. Sadarkaa har'a ummanni Oromoo ABO jalatti hiriiree kallachaa isaa waliin qabsoorra waan jiruuf, waa'ee ummata Oromoo baruuf gaaffiin ka'aa jiran guuddaadha. Har'a waa'ee Oromorratti qormaata guddaatu beektoota bijyya baayyeen godhamaa jira. Keessattu waggaa 10rnan dabranii as qormaatni kun dabalaatuma jira. Kun tolatti kan dhufe utuu hin tahin, dhaabni waa'ee ummata kanaaf falmu waan jiruufi. Qabsoo godhuun seenaa dabaa jiru sirreessuudha dandaya. Dur namootni hedduun maqaa Gaallaa jedhu malee, maqaa Oromoo hin beekan. Har'a garuu maqaan Oromoo jedhu hundaan beekamee jira. Kun bu'aa qabsoo keenyaati. Koloneeffattoonni yoomillee taanaan, ummanni isaan koloneeffattan seenaa qabu jedhanii hin yaadan. Seenaa ummata koloneeffatanii dabsanii ykn akka waan hin jirree godhanii dhiheessu. Seena oromoos kan qunnamte kanuma. Qabsoon arra godhaa jirru, seenaa ummata keenyaa gaddhaaba, baduurraa hambisa, alagaan akka qoratuuf karaa bana. Qabsoo keenya finiinsuun sagalee ummata Oromoo baay'atee akka dhagayamu godha, fedhii alagaan waa'ee isaa baruuf godhu guddisee, qormaata irra bal'aatiif karaa bana. Kaanaaf seenaa keenya haga har'aa alagaan barreeyfamee ija qeeqaafi xiinxalaan barata, sabbontonni Oromoo seenaa dhugaa qoratanii bareeysuuf dirqamni akka irra jiru yaadachiifna. Haga har'aatti kan argamees firii qabsoo keenyaati. Seenaa Barreeysitoota Arabaa Seenaa ummatoota Gaafa Afrikaa warra barreeysan keessaa Arabootiin warra duraati. Keessattu eega amantiin Islaamummaa Gaafa Afrikaatti babl'achuu jalqabe, Araboonni bifa lamaan dhufuu jalqaban. Kuniis bifa amantii babal'isuufi nagadaan ture. Araboonni bifa kanneen keessa tokko ykn lachuutuu, waa'ee Oromoo galmeessanii seenaa barreeysanii jiru. Har'a seenaa Oromoo barreeysuuf qorachuuf maddi tokko barreeysaa Arabootaa taheeti argama. Akkauma haalaafi yeroo isaan barreeysanitti, akkasumas ilaacha isaanirraa kan ka'e, barreeysan isaanii mudaa qabaachuu nidandaya. Seenaa Oromoo qoratanii barreeysuuf, madda adda addaafi mudaa isaan qaban ilaallee jira. Madda jiran kanatti dhimma bahuudhaan seenaa haqaa barreeysuuf, maddi amansiisaan himamsa afaanif aadaa Oromoti taha. Seenaan afaanii akka barri dheeratuun, ilaalchaafi muxannoo haaraya dabalataa akka demu yaadachaa, qormaata godhamuun seenaa keenya barreysuu nidandeenya. Jarsooliin Oromoo kan seenaa dur beekan utuu hin dhabamin waan godhamuun irra jiru. Maddi kun gayuu akka dandayu irraanfachuun nurra hinjiru. Hunda caalaa seenaan Oromoo dgaagsuufi guddisuuf qoodni qabsoon qabu guddaa akka tahe dagachuun namarra hinjiru. Sadarkaa har'a ummanni Oromoo ABO jalatti hiriiree kallachaa isaa waliin qabsoorra waan jiruuf, waa'ee ummata Oromoo baruuf gaaffiin ka'aa jiran guuddaadha. Har'a waa'ee Oromorratti qormaata guddaatu beektoota bijyya baayyeen godhamaa jira. Keessattu waggaa 10rnan dabranii as qormaatni kun dabalaatuma jira. Kun tolatti kan dhufe utuu hin tahin, dhaabni waa'ee ummata kanaaf falmu waan jiruufi. Qabsoo godhuun seenaa dabaa jiru sirreessuudha dandaya. Dur namootni hedduun maqaa Gaallaa jedhu malee, maqaa Oromoo hin beekan. Har'a garuu maqaan Oromoo jedhu hundaan beekamee jira. Kun bu'aa qabsoo keenyaati. Koloneeffattoonni yoomillee taanaan, ummanni isaan koloneeffattan seenaa qabu jedhanii hin yaadan. Seenaa ummata koloneeffatanii dabsanii ykn akka waan hin jirree godhanii dhiheessu. Seena oromoos kan qunnamte kanuma. Qabsoon arra godhaa jirru, seenaa ummata keenyaa gaddhaaba, baduurraa hambisa, alagaan akka qoratuuf karaa bana. Qabsoo keenya finiinsuun sagalee ummata Oromoo baay'atee akka dhagayamu godha, fedhii alagaan waa'ee isaa baruuf godhu guddisee, qormaata irra bal'aatiif karaa bana. Kaanaaf seenaa keenya haga har'aa alagaan barreeyfamee ija qeeqaafi xiinxalaan barata, sabbontonni Oromoo seenaa dhugaa qoratanii bareeysuuf dirqamni akka irra jiru yaadachiifna. Haga har'aatti kan argamees firii qabsoo keenyaati Ummata Oromoo Ummanni Oromoo jedhamu Gaafa Aafrikaa keessa kan jiraatudha. Kan inni dubbatu afaan Oromooti. Ummanni Oromoo walitti ejjee osoo addaan hincitin, godina kana keessa qubatee argama. Bakka bal'aa irra haaqubatuu malee, afaan tokkicha kan hundi itti waliigalu qaba. Kaabaa-Kibbatti, Bahaa-Dhihatti ummata aadaa tokkicha qabuudha. Diinagdeedhaaniis walirratti irkannoo cimaa qaba. Bara dheeraaf walabmmaan jiraataa turee, dhuma jaara19ffaa keessa alagaan kan koloneeffatameedha. Har'aas waliin dhaabbatee bilisummaa isaatiif lolachaa jira. Kanaaf akkaataan yaadasaa walfakkaata, hawwiifi fedhi siyaasa tokkicha qaba. Kaanfi ummnni Oromoo kan saba tokko kan jedhamuuf. Damee dhala namaa Afrikaa keessatti argaman keeessa, Orommoon damee kuush jalatti argama. Dameen dhla namaa Afrikaa keessatti argaman: Haam ykn kuush Seem Neegiroo Buushmeen ykn Hotteentoos Negirilloos jedhamu. Dameen kuush bakka gurguddaa lamatti addaa qoodaman. Kuush Kaabaafi Bahaatti warri argaman: Beejjaa , Berberiins (barbara,nuuba), Oromoo, Sumaaleefi saboota Kibba empaayera Tophiyaa jala jirani, garuu isaan dhiiga Neegiroo wajjiin walmakuun hin'oolle. Misroota duriifi haaraya. Ummata kana keessa hammi hammi tokko dhiiga gara biraa makachuu hin'oolle. Kuush (haam) Kaabaa keessaatti warri argaman ammoo, Berbersii, Siraanaayikaa, Trippolitaaniyaa, Tuniisiyaa, Aljeeriyaa, Berbersii Morookkoo, Tureegfi Tiibuu saharaa fuulbe dhiha Suudaaniifi Gu'aanchee warra kanaari Aayland keessaati. Ummanni Oromoo saboota Gaafa Afrikaa keessatti argaman keesssaa isa guddaadha. Lakkooysi ummata Oromoo kan har'a kolnii Toophiyaa jala jiru duwwaan miliyoona 20 ol nitaha. Biyyoota Afrikaa keessaa kan baayyina namaatiin Oromoo caalan afur qofa, akka sabaatti yoo fudhanne, sabni Oromoo, saba tokkicha guddaa Gaafa Afrikaa, tarii kan Afrikaati. Ummata Empaayera Toophiyaa har'aa kessaa walakkaa ol kan tahan Oromoota maqaa "Gaallaa" jedhu. Ormoon maqaa gaallaa jedhu kanaan akka ofi hinyaamne, seenaa barreeysitoonni raagaa nibahu. Fakkeenyaaf namichi Chaarles T. Beke jedhamu bara 1847tti yeroo barreeyse- "isaan maqaa boonaa Ilma Oromoo" jedhuun ofwaamu, garuu warri Habashaa Gaallaa jedhuun waamu" jedhe. Ummanni Oromoo eega maqaa kanaan ofhinwaamne, maddi isaa eessa taha? Hundee maqaa kanaatiifi hiikkaa isaarratti wanti odeeyfameefi barreeyfame hedduudha. 1. Oromoon dur hogguu lola dhaqee, yeroo moo'ee ykn moo'amee jedhu " Kootta ni gallaa" jedhee walwaama. Kootta nigallaa isa inni jedhurraa maqaan "gaallaa" dhufe warri jedhan nituran. 2. Oromoon dur gaala waan tiiysuuf, akkasumaas fe'atee waan demuuf yeroo inni gaala jedhu dhagayanii 2. "gaallaa" ittiin jedhan jedhu: dur ummata gosa "Gool" jedhamuutu Faransaayii keessa ture, maqaan achirraa dhufee jedhanii warri odeessu nijiru. Namichi Yihuudii kan Abbaa Balzezar Tellez jedhamu ammoo, jechi "Gaallaa" jedhuu kun afaan Hibiruufi Giriikirraa dhfeedha jedha. Afaan hibiruufi Girikii kessati "gala2 jechuun "aannan" jechuudha. Kanaaf achirraa dhufuun nimala jedhu. Habashoonni ammoo, maqaa gaalaa jedhu kanaaf hiikkaa kannanii jiru. Namichi kassate Birhaan Tassammaa kan guuboo (kuusa) jechoota afaan Amaaraa barreeyse yeroo hiike: Gaalaa jechuun aramanee, yaal salaxxanee, cakkanyi, ye amaaraa xilaat" jechuudha, jedhee jira. Barreeysaan amaaraa gara biraan ammoo, dhugaa jiru lafa kaayee jira. Maqaa Gaallaa jedhu kan kanneef warra Habashaa,warra qomaaxaafi beela biyya keenyati fideedha. Akka inni jedhetti "isaan Oromoodha ofiin jedhan, garuu Amaarri immoo, "Gaallaa" jedhaan" maqaa kanaan dura Oromoo yaamuu kan jalqabe Amaara tahuun ifa ta'a. Biyyoonni ollaafi warri Arooppaas isaanirraa fudhachuun isaanii dirree ta'a. Amaarri maqaa kanaan Oromoota yaamuun jibbiinsaafi diinummaa, akkasumas garaagarummaa karaa amantii isaanii gidduu jirurratti kan hundaa'eedha. Kuniis battala Oromootaafi Habashootni walqunnamanitti, Oromoon amantiilee guddaa lamaan keessaa hinqabu ture. Habashoonni lafa Oromoo irraafudhachuuf fedhii waan qabaniif, Oromoon ammoo, biyyaa saa irra jabaatee waan ittiseef, jibbiinsaafi diinummaa guddaatu gidduu isaanii jira. Kanaaf maqaan "Gaallaa" jedhu kan diinni Oromootaaf baaseef, maqaa balfachuufi tuffii tahee argama. Har'a Oromoo ta'ee kan maqaa Gaallaa jedhuun ofwaamu hinjiru. Yoo jiraatees nama doofa (sodaataa) isa dhumaa ykn qaamaan duwwaa utuu hintaane, kan sammuu dhaaniis gabroome qofa. Seenaa qorattoonni addunyaa, gaazeexoonni biyya adda addaafi raadiyoon addunyatti lallaban hundi maqaa "Gaallaa" jedhu dhiisanii Oromotti dhimma bahaa jiru. Kun bu'aa qabsoo Oromoo akka tahe ifaadh Madda saba Oromoo Maddi ummata tokko lafa akkasii, goleefi boolla akkasii keessaa jedhanii himuun baay'ee nama rakkisa; hin barbaachisuus ture. Ummanni tokko akka bineessaa boolla keessaa jiraataa turee, gaaf tokko akka waakkoo kan olba'uumiti. Idiletti maddi saba sanaa damee dhala namaa irraa gosa akkasii keessaati jechuun nigaya ture. Madda saba Oromoos hoggaa xiinxalan haala kana hordafuun quubsaa ture. Haa tahuu malee seenaa Oromoo warri barreeysan dabsaa waan turaniif dirqitti waa'ee madda Oromoo kaafnee xiinxaluun barbaachisa taha. Maddi saba Oromoo eessa? Gaaffii jedhu namoonni adda addaa akka adda addaati deebisu. Isaan kaan akka yaada isaan dhiheessanitti yooo adda qoodne: Waan qeesoonni Habasha barreeysan,. Aafrikaa alaa dhufe warra jedhan Aafrikaa keessaa golee tokko lafa kaa'uu warri barbaadaniifi Himamsa afaan Oromootaatti adda baasuu nidandeenya Isaan kana tokko tokkoon haalaalluu. Waan qeesootni Habasha barreeysan Qeesotnii Habashaa Oromoo ija diinummaatiin waan laalaniif kan isaan barreeysan dhugaa irraa fagoodha. Jibbiinsi isaan Oromoodhaaf qaban waan guddaa taheef, haga namummaa Oromoo haalanitti gahu. Alaqaa Taayye kan jedhu "akkata Gaallaan bishaan keessa itti bahan beeksisa. " Jedhee barreeyse. Gaalloonni bishaan keessaa waan bahaniif qurxummii hin nyaatan. Kanaafiis bishaanitti waaqeeyfathu jeddha. Astime Gi'orgs kan jedhu ammoo, Gaallaan ilmaan sheeyxaanaati jechuu kajeela. Kanaan utuu hindhaabbatin oduu afaanii kan balfachuuf odeeffaman fhudhatee hiddi sanyii Oromoo gabra jadhee barreeyse. Namichi Jalqaba laali Maatewoos jedhamu tokko gabra heedduu qaba ture. Gabroota isaa kana waan miidheef jalaa badanii biyya (lafa) gara kibbaa jirutti galan. Namoonni amala gadhee qabaniifi yakkaman badanii itti dabalamuudhaan achitti walhoran. Kana boodde Habahsaa weeraran jedhee barreetsee jira. Qeesootni Habashaa kun madda Oromoo barreeysina jedhanii tuffiifi ija jibbansa Oromoof qaban dirretti himanii jiru. Wanti isaan barreeysan kan dhugaarraa fagaate waan taheef hedduu wajjiin cinqamuu hinqabnu. Aafriika alaatti akeekuu warra barbaadan Hindii:- Oromoon Aafriikaa ala, hindiirraa dhufe warri jedhaniis nijiru. Oromoon dur biyya Hindii keessa jiraataa turer , booda bidiruudhaan garba Hindii cahee gara Maadagaaskar dhufe. Achirraa gara Taanzaaniyaatti cahee booda Keeniyatti babal'ate jedhu. Gaarri Kilmanjaaroo jedhamu afaan Oromootiin tulluu janjaaroo jechuudha jedha. Monbaasaa jechuun bobbaa sa'aa jechu, Naayroobi jechuun naaroobi, keeniyaa jechuun keennya jechuudha jedhu. Maqaalee kana Oromoon keennuufi ykn akka tasaatti walkiphuun nimala. Garuu Oromoon Hindiirraa dhufuu har'a wanti mirkaneessau hinjiru. Ummata har'a Hindii keessa jiraatan keessa kan aadaadhaafi seenaadhaan Oromoo fakkaatan tokkolleen hinjiru. Oromoon beekkumsa bidiruu tolchuus hinqabu. Kanaaf garba Hindii guddaa kana akkamitti cehuu danda'a? Oromoon Hindiirraa dhufe jechuun dhugaa hintahu. Faransayii :- Oromoon dur Faransaayii ture; kan jechuu barbaadaniis nijiru. Biyya Faransaayii keessa gosa Gool jedhamtu ture. Kanaaf Oromoon (Gaallaan) achirraa dhufuun nimala jedhu. Haatahuu malee kana wanti mirkaneessu hinjiru. Faarsii:- Oromoon Faarsiirraa dhufe jechuu warri barbaadan nijiru. Kanaas Islaamoota qarqara Galaanaa jiraatantu jedhu. Namichi M.D Abdi'e jedhamu yeroo galmeessu hundeen ykn shanyiin saba Oromoo ijoollee dubraa obbalaa sadii turan. Isaaniis dubartoota Jarusalaam(Iyyerusalam) ; booda sanyiin isaanii walhoranii baay'anaan mootummaa Kibbaa isaanii (Arabiyaa) jiru weeraran. Sana booddee karaa Baab-el-mandab gara Aafriikaatti cehann jedhu. Konii Israa'eel:- seenaa barreeysaan Yehuudii kan abbaa Belzezar jedhamu ammoo, waan dinqii katabe. Oromoonni kolonii Israa'eel turan jechuu barbaade. Abbaan Belzezar Tellez akka jedhutti dur ummtni kun adii ture. Israa'iiliitu isaan bulchaa ture. Bara Israa'iloonni faca'an ummatni kun Aafrikaatti cehanii naannoo kaaba baha Afrikaa keessa qubatan jedha. Kun eegaa yaada tasa namaaf hinfudhatamneefi waan mirkana tahees kan hinqabneedha. Yaadni Oromoon Afrikaa alaa dhufe jedhu dhugaa waan hinqabneedha. Seenaa mirkanii hinqabne akkasii tana fudhatanii babal'isuuf warri tattaafatan akeeka qabau. Keessattu warri seema Afrikaa alarraa waan dhufaniif kan Oromoos kanatti harkisuu barbaadu. Oromoon osoo Hindii, Fransaayii, ykn giddu galeessa bahaarraa dhufe tahee ummatni aadaan, afaaniin, qaamaafi seenaan Oromoo wajjiin walfakkaatu achitti argamuutu irra jira. Garuu har'a Hindii, Fransaayiifi Faarisii keessatti kana hinarginu. Kanaafu maddi saba Oromoo Afrikaa alaamiti. Ummatni Oromoo, ummata Afrikaa qulqulluu keessaa isa tokko thuun hin mamsiisu. Afrikaa keessa golee tokko warri akkekuu yaalan Ummatni Oromoo ummatoota kuush keessaa tokko akka ta'ee mamiin hinjiru. Kuush ammoo, damee dhala namaa keessaa isa tokko tahee Afrikaa keessatti kan argamuudha. Kanaaf Afrikaa keessaa bakka madda Oromoo akeekuuf yaalame haalaallu. Duuchaa dhumtti Oromoon toora sabbata lafaa (equator) irraa dhufe warri jedhan nijiru. Maddi ummata Oromoo ammoo, Hora Viktooriyaati warri jedhaniis nijiru. Oromoon Suudaan keessaa bakka Sinaar jedhamuu ka'ee karaa Gojjaamiifi Tulluu walaliin seene warri jedhaniis nijiru. Jechoonni kun hundinuu waan qorannoodhaan mirkanwuu qabaniidha.har'a ummatoota Burundiifi Ruwaandaa keessa jiraatan keessaa sanyiin isaanii gara Oromootti warri dhihaatan nijiru. Garuu Oromootu dur achi turee irraa godaneefi, isaantu gara sanatti godaananii wanti beekamu hinjiru. Qormaata gahaa barbaada. Qeesiin Amaaraa Abbaa Baahiree jedhamu bara 1593tti hoggaa waa'ee ummata Oromoo barreeyse. Oromoonni gara dhihaarraa laga biyya saanii kan galaana jedhamu cehanii, bara Atsee waang Saggad gara huduuda Baallii dhufa" jedhee ture. Algni galaana jedhamu har'a adda hinbahu. Oromoon lagaan galaana jedhee ni waama. Tarii inni Abba Baahireen jedhu kun laggeen gannaalee, wabee, saganfi walmal ykn Dawwaa keessaa tokko tahuun nimala. Naannoo Baalli jedhamu kutaa har'a Baale jedhamuun walitti fakkeessuun hintahu. Seena qorqttoonni Baahiree booda garii haala gaafas Oromoon lafa isaa deebifachuuf sosso'aa itti ture hubachuu dhbuu irraa, waan Baahireen barreeyse fudhatanii waan Baahireen barreeyse fudhatanii madda ummata Oromoo himu. Haathuu malee, Baahireen madda Oromoo Afrikaa keessatti akeeka malee ala hinbaafne. Maddi Oromoo Afrikaa kessa tahuu isaa seena barreessitoonni hedduun amananii jiru. Haathuu malee, Afrikaa keessaa naannoo Kaaba-Bahaa tahee achi keessatti golee tokkotti Oromoo murteessuuf warri tattaafatan nijiru. Isaan kana keessaa warra bebeekkamoo duwwaa ilaalla. Namni biyya Xaliyaanii Enrikoo cheruulii jedhamu, maddi saba Oromoo fiinxee Gaafa Afrikaa, Kaaba bahaa Somaaliyaa naannoo mijerteeniyaati jedha. I:M: Luwiis kan jedhamuus waan Cheruuliin jedhe kan fudhachuudhaan seenaa Somaalee barreeyse. Obboo Yilmaa Dheereessaas yaaduma Cheruulii kan hundee fudhachuun maddi OromooKaaba-baha Soomaaliyaati jedha. Cheruulli irraa jalqabanii seenaa qorattoonni yaada kan dhugoomsuuf akkas jedhan: "maddi Oromoo Majarteeniyaa ture. Somaaloonni yeroo sana Oromoorraa gara Kaabaa naannoo Barbaraafi Zayilaa turan. Jaarra 1ffaa ykn 11ffaa keessa Arbitichii Sheek ismaa'il jedhamu biyya Somaalee dhufe. Dubartii Somalee fudhee gosa daroot irraa hore. Qur'aana isaan barsiisee Islaameesse…jaarraa12ffaa keessa bakka turan -Barbaraafi Zayilaarraa warraaqanii Oromoo waraanuu jalqaban. Oromoon dura dhaabachuu waan hindandayiniif jalaa siqaa Ogaadeen seenan. Booddee Somaaloonni waan itti jabaataniif, Oromoonni jalaa sossohanii Waabi Shabeellee cehanii qubatan. Yaadni isaan dhiheessan akka tocho'iinsa (godaansa) Oromookan jaarraa 16ffaa ragaa ni taha kan jedhaniidha. Yyadni kun Oromoofi Somaalee gidduu karaa antrippoloojii hidhata jiru haaluudha. Oromoofi Somaaleen yeroo kamii jalqabanii adda bahanii, kopha kophatti gara sabaatti dagaaguugu jalqaban gaaffii jedhuuf deebii gahaa dura argachuu barbaachisa. Tarii yeroon Oromoofi Somaaleen gosa tokko turanii waliin naannoo jedhame keessa jiraatan jiraachuun nimala. Yaadni Oromoon Kaaba baha Somaaliyaarraa madde jedhu hamma 1963tti beektoota baay’een waan fudhatamee ture. Yaada kana kan faalleessu qorannoon godhomee Habarlaand nama jedhamuun ture. Oromoon Somaaliyaa keessaa dhibamee dhufe osoo hintaane, baddaa Baalee keessa jiraata ture. Habarland hoggaa kana ibsu. Oromoonni kan maddan Kaaba Somaalee keessa osoo hintaane baddaa Baalee irraati. Achitti gosa tokko tahanii horii horsiifachuu qofaan utuu hin thin qotiinsaan bulan. Dongoraadhaan qotuu turan. Garbuus facaafatu. Booda walitti baay’anaan karaa hundaan, gara Somaaletti hamma Bur-haqabaafi Mija-rteenitti, gara Booranaafi Keeniyaatti hamma laga xaanaatti, gara Habashaattis hamma daangaa Tigraayitti, hamma Suudaaniifi hararitti bittinnaa’an" jedhe. Habarlaandaan kan irratti dabalee yaada Oromoonni Somalootan dhibaamanii gara naannoo har’a jiraatanitti faca’an jedhu kun waan hinfakkaanne tahuu isaa ibsa. Yaada Habaralaandi kan kan warrra kaanirraa kan adda isa godhu, Oromoon baddaa Baalee keessa qubatee qonna qotataa kan ture malee, jaarraa beekama tokko keessa akka awwaannisaa ka’ee kan godaane akka hintaane ibsuu isaati. Yaada Habarlandaa kan deeggaru, seenaa qorattoonni adda addaa yaada darbatanii jiru. Charles T.beke barreeyfama isaa kan 1847 barreeyse keessatti Oromoon lafa gammoojjii, lafa naannoo Somaaleeti kan dhfteemiti jedha. Naannoo isaan dura turan, lafa gaara qabu, baddaa tahuu qaba jedha.bifti Oromoo akka inni ummata gammoojjii (negiroo) hin taane ragaa nitaha. Habashaarraa gara kibbaa ummata jiraataa ture, lafti isaa badda, nannoon isaa galaanni ykn bishaan guddaan turuu nimala. Beekeen yaada isaa akkasitti hogga lafa kaayu, kan Habarlaandi wajjiin waliitti dhufa. Tellez kan jedhamuus Oromoon lafa Baalliifi galaana hindii gidduu jiru keessaa jiraataa ture jedha. Kanaaf wanti qorattoonni kun jedhan idileetti Oromoon lafa baddaa kaaba baha Afrikaa keessa jiraataa ture kan jedhuudha. Hunda caalaatti qorannoo irraa bal’aa gochuudhaan, uummatni Oromoo ummata Afrikaa qulqulluu tahuu isaa kan addeesse Harbert S. Luwiis jedhama. Waa’ee madda saba Oromoo qorachuudhaaf S.Luwiis waan lama gurguddaa irratti hundaawe. Qormaata afaanoota kush Bahaafi Himamsa aadaati. Luwis afaanoota ummatoota kuush afurtamii-torba keessaa kan Kuusha bahaa warra baay’ee waliitt dhihaatan 24 qorate. Afaanootni kun, akka walfakkaatanitti bakka afuritti qoode. Afaanootni kaan bara dheeraaf wailirraa adda waan turaniif malee, hundi isaanii dur tokko akka tahan addeesse. Herbert. S.Luwis ummatoota Kuush bahaa keessaa kanneen baay’ee Oromoo wajjiin walfakkaatu qoratee, madda Oromoo hoggaa ibsu: Hunda caalaa afaan isaanii Afaan Oromoo wajjiin kan walfakkaatu kan ummata Koonsoo, Gidoollee, Gatoo, Arboora, Gaawwata, Waraasa, Tsemaayiifi Galab kan isaan argaman Toophiyaarraa gara kibba har’a biyya Gamuugoofa jedhamtu keessa., Hora Abbyyaafi Caamoorraa gara kibbaatti nannooa laga Sagaanifi Duulee keessa. Jaarraa baay’een fuuldura afaan Oromoo afaanoota jara kanaa wajjiin tokkicha tur. Booda eega afaan hunda isaanii adda babahee raaw’atee Oromoon gara dhihaarraa kan hafe gara hundatti yeroo socha’u jarri kaan achuma biyya isaanii kan duritti hafan. Kanaafiis Oromoonni tooruma Haroo Abbaayyaatiifi Caamoo naannoo lageen saganiifi Duulee turan jedhee jira. As keessaatti Harbert S.Luwis warra kaan caalaa bakka beekamaa tokko lafa kaayuuf carraaqe. Qormaanni inni godhe kun, saboota kaani wajjiin walbiraqabee waan taheef irra bal’aadha. Haatahuu malee, Oromoon bara kanarraa kaasee akkamitti saboota kanaa wajjiin adda bahee kophatti saba tahuu jalqabe gaaffiin jedhu ammallee qormaata barbaada. Sabootni ollaa walii jiran waldhibuu nijiraata, yeroo tokko inni tokko jabaatee hoggaa lafa isaa bal’ifatu, lafti isa kaani ammoo nidhiphata. Haalli kun wal jijjiree jiraata. Qormaata Harbertirraa akka hubannutti maddi saba Oromoo naannoo lageen saganiifi Duuleeti. Garuu madda saba Oromoo lafa dhiphaa akkasii keessatti hidhuun qormaata boru godhamuuf nama rakkisa. Qormaata gara biraatiin utubamuu qaba. Jalqaba laali Madda ummata Oromoo bira gahuuf, himamsi aadaa bakka guddaa qaba. Seenaan afaaniin dabru madda seenaa keessaa isa jabaa tahullee waan bara dheeraan duraa himuurraatti mudaa hinqabaatin hin hafu. Hammi afaaniin waltti dabarsaa fidan yeroo wajjiin ni jijjiirama, kaniis irraanfatamuun nimala. Haatahuu malee, seenaa tokko barreeysuu keessaatti qooda guddaa qaba. Xasoo Magiraa qormaata seenaa Oromoo godhe keessatti himamsa aadaaf bakka guddaa kenne jira. Manguddoota Oromoo kutaa adda addaa keessa jiran gaafatee, hundi saanii naannoo walitti dhihoo tahe akka himatan bira gahe. 1. Jaarsooliin Ituufi Humbanna (Harargee) afaan tokkoon mormorii dhufne jedhu. Mormor kutaa Baalee naannoo Dalloofi Mandooyyuu jedhaman keessaa qarqara laga Gannaaleetti argama. 2. Jaarsooliin Arsii naannoo Bareedduu Kurkurruu jedhamu himatu. Kuniis Baalee keessatti lageen walamaliifi Mannaa giddutti argama. Laggeen kun Baddaa Baalee keessaa burqanii Konyaalee Dalloofi Mandooyyuurraa yaa’anii Gannaaleetti galu. Oromoon Wardaayi Keeniyaa keessatti kan argaman Tullu Nam-durii dhufne jedhu. Mangddoonni Booranaas Tulluu Nam-durii kana himatu. Tulluun Nam-dur kan argamu Baalee keessaa Koonyaa Dalloofi laga walmaliifi Gannaalee giddutti. Oromoonni Maccaafii Tuulama oggaa gaafataman afaan tokkoon, Haroo Walaabuu himatu. Walaabuun kan aragamu Baale keessa Konyaa Dalloo laga Gannaalee qarqaratti ganda Bidree jedhamtu cinatti. Ormoonni Gujii bitaafi mirga laga Gannaalee naannoo Girjaarraa dhufne jedhu. Girjaan kutaa Sidaamoo Awraajjaa Jamjam keessatti gara mummee laga Gannaaleetti argama. Eegaa himamsa aadaa kanarraa akka hubatamuu dandayutti Oromoon Afrikaa alaa akka dhufe wanti akeeku hinjiru. Oromoon as Afrikaa keessaa akka ture, keessattuu Kaab baha Afrikaa keessa akka ture argisiisa. Himamsi aadaa kun kan akeeku Ormoon Kutaalee har’a Sidaamoofi Baale jedhaman keessaa Konyaalee Dalloo, Mandooyyuufi Jamjam keessa akka jiraata tureedha. Ormoon yeroo dheeraadhaaf naannoo kan jiraate jechuun ni dandaya. Haa tahuu malee, Ormoon asitti dhalate jechuuf qormaata irra bal’aa kan hariiroo ummatoota kuush wajjiin jiru xiixaluu barbaachisa.ummatni tokko gaafuma tokkotti bakka tokkotti kan dhalatuumiti. Dagaagina dhala nama kan yeroo fudhatu keessa dabree kophatti bahee ummata mataa isaa dandahe taha. Xumuramuudhaaf kan jedhuu dandayu, ummatni Oromoo ummata Gaafa Afrikaa keessaa isa tokko, damee kuush keessatti argama, yeroo dheeraa irraa kaasee kaaba-baha Afrikaa keessa jiraate, har’aas jiraataa jira. Lola Amntiifi Miidhaa Oromoorra gahe jaarraa 10ffaa _15ffaa Amantiin Kiristaanaafi Islaamaa Gaafaa Afrikaa walduraa duubaan seenaan. Amantiin Kiristaanaa jaarraa 4ffaa keessa warra Habashaa keessaa seenee amantii warra mootii tahe. Mootoonni Habashaa Kiritaanummaa fudhatanii saboota kaaniis fudhachiisuu jalqaban. Amaantiin Islaamaa gara Afrikaatti kan cehuu jalqabde Jaarraa 7ffaa keessa ture. Nagadaafi Islaamummaa babal’isuun walqabatanii gara Afrikaa qarqara galaana diimaarraa bakka heddutti faca’e. Jaarraa 10fi12 giduutti lafaa qarqara galaana diimaa bira dabree godina kana keessatti babal’achuu jalqabe. Hawwiin babal’achuu amantii kana lamaanii, waldura dhaabbatee lola lubbuufi qabeenya ummata godina kana balleessuuf deemsifame. Lolli kun keessattuu ummata Oromoorraan miidhaa gudda gahe. Oromootniifi Affaarootni walitti aananii qubatan. Giddu saaniitti lafa irra tiikfatan bal’ifachuuf waldhiibuu irratti lolli sadarkaa adda addaatti ture. Lafa bishaaniifii margaa qaburraa waldhiibanii gumaa gidduu isaaniitti argamu manguddoota gosaan fixachuun niture. Haalli kun garuu eega amantiin Islaamaa Affaaroota seenee jalqabe bifa amantii babal’isuu dabalatee cimaadhufe. Affaarootni lafa Oromoorraa dhiibanii qabatan mootooma Islaamaa tolfachuu jalqaban. Affaarootni amantii Islaamummaa fudhatanii mootooma dhaabbachuu haajalqaban malee, haalli isaan keessa turan gaariimiti. Islaamummaa hundaan hinfudhanne, kanaafuu isaan jidduu waldhabbiin niture. Tokkooma gosa tokkicha jalatti waan hin sassaabamneef haala faffaca’ee keessa turan. Mootoomni Islaamaa dhaabbataniin xixiqqoo faffaca’oo turan. Mootoomni Islaamaa hoggaas uumaman Ifaat, Adaal, Harar, Awwusaa,…turan. Mootoomni hoggaa Ifaat keessatti dhaabbate Walashama jedhamee beekama. Motomni Islaamaa kun hawwii lama-sdii qabu turan. Amantii Islaamaa babal’suu Daandii nagadaa harkatti galfachuufi Daga gabbataa tahe qabachuudha. Kanaaf Oromoota olla isaanii jiran dhiibuu jalqaban. Jaarraa 13ffaa keessa Oromoota naannoo Faxagariifi Dawwaaroo keessaa arihanii dhufatan, achiirraa dhaabbatanii Baalliifi Daraaratti duulanii Oromoota amantii Islaamaa Fudhachiisan. Bakka kanatti mootooma Islaamaa tolafatan. Babal’ifannoon Islaamaa kun Habashoota yaaddeesse. Hawwii isaan Kiristaanumma babal’isuuf qaban dura dhaabbate. Islaamummaan babal’atee, Oromoota daga isaaniirraa dhiibee yeroo daga kiristaanaatti dhihaate kana, Habashoonni rakkina keessa turan. Yeroon kun yeroo mootummaan Aksum caphee harka Agawutti gale, lolli Agawootaafi Habashoota jiddutti tahe, yeroo humni isaanii itti laaffisuudha. Eega Agawuun qabatees lolli Habashoota jiddutti deemaa waan tureef, humni isaanii keessatti nilaaffate. Mootonni Agaw kan Zaaguwee jedhamee beekamu, hamma walkkeessa jaarraa 13ffaatti irra turee booda moo’ame. Habashoonni aangotti deebi’an. Habashoonni eegasii human isaanii jabeeyfatanii dhiibbaa Islaamoota ykn Affaarootaa dura dhaabbachuu jalqaban. Bara 1250rraa kaasee lolli kiristaanafi Islaama jiddutti yeroo dheeraaf godhame jalqabe. Habashoonni Affaaroota ofjalatti gabbarsiisuu, dagaafii mantii isaanii babal’ifachuuf babal’ina amantii Islaamaa dhaabuuf; Affaarootniniis daga bal’ifachuufi, babal’ina amantii kiristaanaa dhaabuuf tattaafataa turan. Lamaanuu daga Oromoo kan hoggaa Affaarootni dhunfatanirratti waan walqunnamaniif lolli hedduun lafa Oromoorratti tahan. Wallolli Kiristaanaafi Islaama giddutti jalqabame itti fufe, bara Imaam Ahmed sadarkaa guddaarraa gahee hamma Oromoon Gadaan ofjaaree ka’etti deeme. Habashoonnifi Islaamoonni daga Oromoo Faxagar, Dawwaaroofi Baalli keessatti wallolanii qabeenya Oromoo saamuudhaan dabree ofcimsaa turan. Lola kana keessatti hedduu kan hubame Oromoodha. Ormoon qabeenya saamamee, lubbu namni heedduu irraa dhumanii, miidhaa guddaan irra gahe. Umanni Oromoo diina isaa lachuu ofirraa lolaa lafa isaa deebifachuuf tattaafachaa ture. Lolli Habashootaafi affaaroot jidduu bara mootii Habashaan Yagiba Tsiyoon (1285-94) jalqabame. Yagibaan Tsiytoon Adaalitti duulee cabsee irra aane. Duula isaa kana booddee Islaamoota wajjiin araara uume, akka nagadoonni Islaamaa biyya seenaan yeroo eehamu, isaafiis karaan kennamee ABUNA alaa fidachuu dandaye. Yagbia Tsiytoon gaafa du’e ijoolleen isaa aangoorratti walqabuu jalqaban. Haala kana keessatti Habashaan deebi’ee laaffate. Affaarootni haala kan hubatanii ifatti weeraruuf human walitti qabachuu jalqaban. Yeroo kan Habashoonni Affaarootaaf daga dhiisanii araaraman. Araarri kun ammallee fedhii babal’ifannoo Islaamaa quubsuu didee ifaan ifatti weeraruuf qophii gochuu jalqaban. Dhiibbaan Islaamootaa Habashoota walitti itichee sabboonummaa keessatti dagaagse. Yagiba Tsiyoon booddee waggaa saddeettamaaf Habashoonni eega waljeeqanii booda Amde Tsyoon (1314-44) aangoo qabate. Amde Tsyoon Habashaa daddaaqamuu kana keessaa baasee walitt itichee jabeesse. Kanaaf bu’ureessaa mootummaa Habashaa jedhamee beekama. Bara isaa keessa Habashoonni weerara gurguddaa Affaarootarratti oofanii milkaawan. Amde Tsyoon lola isaa ifatti rukutuun jalqabe. Sulxaan Ifaat bulchaa ture, haqaddiin nama jedhamu ture. Haqq-ad-diin Habashaa loluudhaaf osoo qopkhirra jiruu, ergamaa Habashaa kan Kaayroodhaa galu Islaamummaa fudhachiisuuf yaalee dinnaan ajjeese. Amde Tsyoon kana sababa godhatee bara 1328tti Ifaatitti duula bobbaase. Ifaatiin rukutee moo’e. Haqqaddiin booji’ame. Amde Tsyoon Faxagaariis rukutee eega ofjala galchee booda oobaleessa Haqqaddiin Sabnaddiin itti shuume. Eega Amde Tsyoon deebi’e booda Sabnaddiin Habasharratti fincila kaasuu yaade. Mootummaan Islaama Adiyyaafi Baaletti ergatee akka issaf tumsan gaafate. Agawuttiis dhaamsa ergee akka isaan keessaan itti ficilanii humna mootichaa tamasaasan gaafate. Akeekni isaa Habashatti, karaa lamaa sadiin duulanii of giddutti rukutuu ture. Amde Tsyoon garuu mala isaani kana dafee bira gahee, diinoota saa tokko tokkoon rukutuu jalqabe. Dura hadiyyaa cabse, achii Faxagar, itti aansee Dawwaaroofi Ifaat rukutee cabse. Affaarootiifi Islaamoonni akkasitti saphatti kan cabuu dandayaniif 1 ) mootummaa xixiqqotti waan adda qoodamanii turaniif 2) ummanni isaanii irra guddaa waan tiikfatteefi godaantuu waan tahaniif ture. Amde Tsyoon Faxagar, Dawwaaroo, Ifaatfi Hadiyyaa dhunfatee nama Jamaal addiin jedhamu irratti shuumee gara daga issaatti deebi’e. Kun lola Habashootaaf Affaaroota jidduu hoggaa tahu Faxagariifi Dawwaaroo keessattiis Oromootaafii Habashoota gidduutti lolli niture. Bara 11329-32tti hoggaa Amde Tsiyoon Faxagariifi Dawwaarotti duulaa ture, lola guddaatu tahee ture. Lola kanan Oromoota hedduutu dhume, qabeenyaan saamamee daangaa hinqabu. Lola balleessi kan lubbuufi qabeenya hinbararre waan taheef, Oromoonni Faxagariifi Dawwaaroo gad dhiisanii jalaa godaanuun dirqii itti tahe. Deebisaanii qabachuuf haa lolan malee, bara Amde Tsiyoon kana keeessatti Oromootni osoo dhiibamnii qarqara laga awaashiin gayan. Ormoon waan qabu fudhatee sababa jalaa godaaneef, keessa qubatanii bulcuu hindandeenye. Duula isaa qideeyfachuuf akka tahuufitti Amde Tsiyoon kaampii waraanaa Manzitti tolfate. Bara isaa kanaa jalqabee Habashoonni qubsuma waraanaa lafa Oromoo keessatti ijaarrachuu jalqaban. Affaarootni eega bara Amde Tsiyoon cabanii moohamanii hamma 1441tti bayyanachuu hindandeenye. Ifaatiifi naannoo sanarraa fagaatanii ofjaaruu jalqaban. Dakar, Harariifi Awusaatti deebi’anii humna isaanii jabeeyfatanii duulaa turan. Garuu habashaa injifachuu hindandeenye. Bara 1441tti Affaarootni Adaal jedhaman Habashatti lola bananii mohaman. Affaarootni naannoo Awusaafi warri amantii hinfudhatiniis bulchiinsa Habashaa didanii walaqabatanii ficila kaasan. Baayidaa Maariyam (1478-94) waraana karaa lama 1473/74tti itti erge.waraanni lachuu nimoohame. Injifatamuun waraana Habashaa kun jabinafi ol’aantummaa isaa dhabamsiise, eegasii humni gad deemuu jalqabe. Lolli Oromootaafi Habashoota jidduu hoo? Oromoon bara Amde Tsiyoon Faxagariifi Dawwaaroo keessaa dhiibamanii qarqara laga hawaash ga’anii lolli hindhaabbanne. Mootoomni Habashaa kan Amde Tsiyoon booda dhufaniis Oromoo dhiibuurraa turan. Bara Zara Yaaqoob (1434-68) mootii Habashaa ture waraanni Habashaa Baallii keessatti dhiibachaa ture. Yeroo tokko waraanni Zara Yaaqoobfi Oromootni naannoo Haroo Laangannootti wallolanii turan. Oromoota Baallii keessaa baasuuf haa dhiibaman malee, daga sana dhufachuu hindandeenye. Kuniis Oromoonni looniifi ilmaan isaanii jalaa godaansisanii gaafa dadhabban waan miliqaniif ture. Waraanni Habashaa daga isaarraa fagaatee dhufe kun, waan nyaatu dhabee yeroo beela’u deebi’ee galuuf dirqame. Waraana laafee jiru kana Oromoon karatti eegee daguun rukutee hedduu irraa fixe. Kanaaf lafa Oromoo keessa qubachuu hindandeenye. Bara 1445tti Oromootni Dawwaroo deebifachuuf lola itti banan. Zara Yaaqoob itti duulee injifate. Waraanni Habashaa duula godhee eega raaw’ate booda gara daga isaatti yeroo debi’u Oromonni ammoo lola jalqabu. Haala duula ba’uufi galu kana xiqqeessuuf, Habashoonni boroo Baallii keessa qubsuma waraana gara biraa tolfatan. Achirraa Dawwaarootti duuluu jalqaban. Lolli kun haaluma kanaan takka ka’ee takka dhaamaa, hamma bara 1468tti itti fufe, dhumarratti Zara Yaaqoob Dawwaaroo keessatti lolarratti moohamee harka Oromootti du’e. Zara Yaaqoob booddee Baa’ida Maariyam (1468-78) aangoo qabatee duula Oromoorratti godhuu ittifufe. Duula inni Baallii qabachuuf godhe keessatti Oromootni humna isaarraa hedduu fixan. Yeroof Oromo cabsuu dadhaban. Habashoonni qubsuma waraana isaanii kan bara Amde Tsiyoonfi Zara Yaaqoob lafa Oromoo keessatti tolfatanirraa ka’anii salphatti Oromoo weeraruu jalqaban. Lolli gurguddaan Dawwaaroo, Baallifi Faxagar keessatti deemuu jalqabe. Oromoon yeroo kanatti ofijaaree waan hinjirreef midhaa guddaan irragahe. Oromoon dhiibamee Awaashirraa gara kibbaatti ittifame. Naannoo kanatti ittifamuun saas akka inni ofjaaruuf isa dhiibe. Lola Guddaa Jaarraa 16ffaarraa jalqabe Ummanni Oromoo jaarraa 13ffaarraa kaasee diinoota lama: Habashootaafii Islaamoota ofrirraa lolaa ture. dinoota kana lameeniis miidhaa guddaatu irra gahaa ture. ofirraa ittisuuf haa faccisu malee, hamma sirna Gadaan ofjaaree jabaateetti akka humnaatti gad ofdhaabuu hindandeenye. Kanaafuu jaarraa 14ffaafi 16ffaa gidduutti Islaamoonnifi Kiristaanoonni Oromoo saamuudhaan dagaagaa turan. Garuu Oromoon walakkeessa jaarraa 15ffaarraa kaasee sirna Gadaa ijaarratee cimaafi jabaataa waan dhufeef roorroo gara lachuun itti dhufu ofirraa ittisuuf lafa isaa deebifachuu jalqabe. Haa tahuu malee, faaraan Oromoo kan cime jaarraa 16ffaa keessa ture. jaarraa 15ffaa keessatti waraana Habashaa wajjiin bara Zara Yaaqoobfi Ba’ida Maariyaam naannoo Hora Laangannoofi Baalli keessatti wal lolanii turan. Lolli jaarraa 16ffaa keessatti deeme ammoo, hundi isaa Gadaan geggeeffamaa ture. lubi tokko akka sadarkaa aangoo qabachuu gahen lolli bifa haarayaan deemaa ture. kanaaf duula Oromoo hubachuuf Luboota ka’anii Gadaa fudhatan waliin laalla. Weerara Islaamaafi Haala Oromoo Bara Baa’ida Maariyam waraanni habashaa maoohamee humni isaanii laafachaa deeme. Islaamoonni sana booddee human isaanii jabeeyfataa deeman. Bara Naa’ood (1494-1508) moohe keessatti haala isaan gidduu qabbaneessuuf gamni lachuu fedhii qabuture. Affaaroonni Adaal haala kana osoo argisiisaa jiranii Amiirri Harar- Mahfuuz kan jedhamu Habashaarratti lola bane. Naa’ood yeroof haa injifatuu malee, humni Islaamootaa walqunnamtii Islaamoota addunyaa wajjiin waan qabaniif daran jabaataa deeme. Habashoonni kan hubatanii isaaniis Kiristaana Arooppaatti, keessaahuu Poortugaalatti hidhachuu carraaqan. Bara 1509tti namicha Maatiwu jedhamu Armaantich gara Poortugaalitti ergatan. Haalli kun eega Naa’ood du’ee ilmi isaa Libana Dingil jedhamu ijoollee waan taheef Haati isaa bulchaa turteedha. Libana Dingil (1508-40) guddatee eega aangoo qabatee haala nagayaan Islaama wajjiin jiraachuu jedhu kan Heleenaa (haadha isaa) geeddaree lola jalqabe. Adaaloonnis ofijaaranii gargaarsa alarraa argatanii waan turaniif Habashaarratti lola labsan. Bara 1516tti Adaaloonni Faxagar qabachuuf weerara jalqaban. Mahaafuuz lola kana keessatti du’e, lolli labsame hamma Imaam Ahmad Ibni Ibrahim al Gahaaztti bakka hin geenye. Imaam Ahmad (1506-43) ykn Giraanyi Ahmad kan jedhamu ijoollumma isaa lafa Hubta jedhamu kan Baddeessaafii Harar gidduutti dabarse. Imaam Ahmad loltuu jabaa tahee guddate. Human waraanaa walitti qabatee Amiira Harar ajjeesee aangoo qabate. Eega sanaa human isaa guddifatee lolaaf ofqopheessutti ka’e, bara 1527tti human Habashaa kan Adaliin weeraru deemu lolee injifannoo guddaa irratti argate. Lola kana booddee Imaam Ahmad waraana isaa qabatee lola jalqabe. Bara 1529tti bakka shuburaa kuraa jedhamutti waraana Habashaa lolee moohe. Waraanni isaa garuu tiikfattootafi godaantootarraa waan ijaarameef, akkasumas gosa isaatiif waan abboomamaniif lola kan booddee ni faca’e. Kanaaf waggaa lama keessatti waraana haaraya ijaarrachuun dirqii itti tahe. Waraana isaa duwwaaaf ajajamu waggaa lama keessatti ijaarrattee lola itti fufe. Bara 1531tti Dawwaaroofi Shawaa qabate. 1533tti ammoo, Amaaraafi Laastaa dhufate. Baallii, Sidaama, Hadiyyaafi Guraagee yeroo tokkotti ofjala galche. Bara 1535tti Tigree weeraree qabatee habashaarraa harka guddaa qabate. Bakka dhaqetti Islaamummaa fudhachiisaa, bataskaana dhabamsisaa deeme. Liban Dingil gargaarsa Poortugaal gaafate osoo hindhaqqabin lolarratti du’e, Ilmi isaa Galaawudoos (1540-59) itti dabree moohe. Poortugaal waraana nama dhibba afur, qawwee wajjiin ergee ture, Liban Dingil bira gahe. Waraanni Kiristaanootaafi Ahmed Giraanyiis ni faca’e. Haa ta’uu malee, humni habashaafi Islaamootas hedduu hubamaee laffate. Haalli kun Oromoon biyya deebifachuurratti hedduu gargaare. Duula Oromoo jarraa 16ffaa Jaarraa 13ffrraa kaasee hamma dhuma jaarraa 15ffaatti Oromoon rakknaafi roorroo guddaa jala ture. Yeroo kana ture yeroo inni daga isaarraa dhiibamee laga Awaash gamatti ittifame. Yeroo kan ture yeroon lolli amantii kan Islaamootaafi Habashootaa gidduutti deeme hedduu isa miidhe. Sababnii saa maalirraa madde? Sabani guddaan jaarmaya isa tokkeessu dhabuusaati. Akkuma Oromoonni adda fagaatanii qubataniin gosa gosaan buluun waan isaan tokkeessu dhabame. Oromootni gosuma gosaan miidhaan isaan mudate malee, sirni walitti isaan itichee waliif tumsiisu hinturre. Kanaf roorroon guddaan irra gayuu dandahe. Jaarraa 15ffaa keessa hawaasa Oromoo keessatti dagaagni argamuu jalqabe. Sirni tokko isaan taasisee roorroo alagaa ittiin ofirraa ittisan dagaagee hawaasa guutummaa dhaqqabuu jalqabe. Sirni haarayni biqilaa ture kun, yeroo dheera keessa kan dhufe tahullee Oromoota irree jabeessee akka lafa isaanii deebifataniifi roorroo alagaa akka ofirraa deebisan gargaare. Oromoos ummata sodaatamafii kabajamaa taasise. Sirni kuniis Gadaa dha. Jaarraa 16ffaa kaasee ummata Oromoo seenaa keessatti kan beeksiseefi harka isaatti kan hambise sirna kana. Ummanni Oromoo gara jaarraa sadii rakkinaafii roorroo isarra gahee ture ofirraa deebisuuf Gadaan ofijaare. Abbaa Bokkuu tokko jalatti walgurmeesse. Haala siyaasafi waraanaa jabaa tolchee ijaarrate. Jaarmaya isaa kanaan ummatoota naannoo isaa jiran caalatti jabaatee humna sodaatamaa tahe. Daga isaarraa qabatame deebifachuuf duula gurguddaa jaarraa 16ffaa jalqabarraa kaasee eegale, humni jajjaboon kan Habashootaafi Islaamootaa lolaan waldadhabsiisanii waan turaniif haala aanjaa argate. Duula biyya isaa deebifachuuf Oromoon jaarra 16ffaa keessatti jalqabe kan seenaa barreeysitoonni haala adda addaatiin dhiheessuu barbaadu. Sababoota duulli kun itti dhalachuu dandayan akka adda addaatti himu. Brus namich jedhamu yeroo burqaa laga Naayil (abbayya)qorachuuf kbiyya Habashaa dhaqe, waa’ee Oromoo qoratee akkas jedhe. "duratti osoo gara daangaa Habashaa hindhufin dura isaan ((Gaalla) walakkeesa Ardii Afriikaa jiraatu turan. Lafti jalaa olka’uu jalqabnaan gost isaanii tokko tokko godaanuu jalqaban. Dura gara bahaa galaana Hindiiti sossohan. Achiti walhoranii gara kaabaatti qaceelanii Dawwaaroofi Baallii qubataan. Gost torba walaqabatnii garaa dhihaatti sossohanii kibba laga Abbaayfi naannoo Gojjaam keessa qubatan. Gartuu sadaffaan ammoo, gosa torba tahee walkeessatii hafanii achirraa gara kibbaatti babal’atan" jedhee ture. Akka Brus jedhu kanatti sossohiinsa Oromoo kan kaase lafti jalaa olka’uudha. Lafti kun yoom olka’e? Akkamitti? Olka’e kan jedhuuf garuu wanti ibsu hinjiru. Charles T. Beke bara 1842/3 yeroo Habashaa keessa ture waa’ee babal’ifannoo Oromoo waan qorate niqaba. Oduu afaaniin daddabru Habashootarraa qoratee kan inni lafa kaa’e: "Bara dur Gaallaan doko (savage) ture. beekumsa waan tokko hinqabu, qonna hinqotu, loon hintiiksu, uffata hinbeeku, ija mukaa funaanee, hidda harkaan qotee nyaata ture, dubartiin Amaaraa ykn Kristaanaa tokko bidiruu(qorii) tokkotti nyaata, uffata, eeboo, gaachanaafi mia garagaraa guuttattee baahar gamatti argite. Gaallaa dokoon mia kana yeroo argan baay’ee diqisiifatan, nyaaticha dhandhamanii itti tole, uffata ofitti kaa’an, mia gara biraas ilaalanii itti gammadan. Bakka burqaa qabeenya kanaa qabaachuu qabna ja’anii bahara sana cehanii, gara Kiristaanaa dhufan. Kana booddee waldhabbiin dhalatee lolli tahee biyya Habashaa qabatan" jedhama jedhe. Bekeen waan akka oduu afaanitti dhiheessu kana keessatti sababa babal’ifannoo Oromoo ibsuuf yaale. Oromoo cabsuuf, tuffachuufii seenaa isaa gara dabarsuuf kan odeeffamuudha malee, dhugaa tokkollee ofkeessaa hinqabu. Charles T. Bekeen ammallee itti fufee oduu afaanii kan Oromoota Walloo biratti odeeffamu jedhee barreeyse jira. Akka oduu isaa kanatti durii:- "Oromoon Hawaash gamaa dhufe. Osoo bahara kana hincehin duratti qarqara isaa loon tiikfatuu turan. Gaaftookko binessi jabbii tokko arihee bahara kana ceesise. Jabbiin kun laga sana ceetee achitti walhorte. Galgala hogga gaallaan loon bishaan obaafachuu dhaqu gaaddidduu loon baay’ee arge. Akka hinliqinfamneef harka walqabatanii laga cehanii loona sana dhaalan. Booda biyyi itti tollaan achuma turan. Walhoranii baay’anaan hamma daangaa habashaatti babal’atan" jedha. Oduu afaanii fakkeessanii duula Oromoo akkanatti ibsuu barbaadu. namich J. Hultin jedhamu ammoo, babal’ifannoon Oromoo haala adda addaarraa tahuun nimala jedha. Akka inni jedhutti haalli qilleensaa waan geeddarameef bishaaniifi marga barbaacha sossohan. Kun sababa tuhuu nidandaya jedha. Garuu eega haalli qilleensaa deebi’ee tolee margaafi bishaaniis argame, maallif babal'i’annoon kun itti fufe jedhee ofgaafata. Kanaaf jedha: J. Hultin, akkaata sababa babal’ifannoo Oromoo ibsuudhaaf haala hawaasa dinagdeefi siyaasaa hawaasa Oromoo qorachuu feesisa jedhee cufe. Namichi Poortugaal kan Amaanu’eel de Almaad jedhamu sababa babal’ifannoo Oromoo akkaataa lamatti hima. Tokkoffaa Habashoonni amantii katolikii fudhachuu waan didaniif waaqni isaa adabuudhaaf dha’ichaa Gaallaa kana itti erge. Osoo amantii kana fudhatanii kun hundi irra hingayu jedhee barreeyse. Lammaffaa bineessa Liqimsaa jedhamtu naannoo Gaara walaabuu bira isaan facaase. Abbaan muuda isaanii naannooo Walaabu kana jiraata. Naannoon Walabuu lafa baay’ee dinqiiti. Loon adaadii aanna baay’ee keennitu waan tureef namni qotuuf hinrakkatu. Aannan dhugee jiraata. Booda bineessi Lliqimsaa jedhamuu kan bifa saa gegeeddaratu namaafi loon nyaachutti ka’e. Kan baqatanii hamma Habashaatti babal’atan. Kun eegaa waan Almaadaan babal’ina Oromoo itti ibsuu yaaleedha. I.M.Lewis ammoo, Oromoon babal’achuu kan jalqabe waan Somaaleedhaan dhiibameef jedha. Yaada isaa kana kan deeggaran barreessitoonni maddi saba Oromoo Somaaliyaa keessa warra jedhaniidha. Asmaaroom Laggasee ammoo, sababni babal’ifannoo Oromoo tahu baay’achuu lakkooysa namaati jedha. Lakkooysi ummata Oromoo jaarraa 16ffaa keessa waan dabaleef lafti itti dhiphannaan irraa godaanuu jalqaban jedha. J.Hultin ammoo, akka sababaatti hin dhiheessin malee babal’ifannoo Oromoo kan gargaare Gadaan ijaaramuu isaati jedha. Lubi aangoo irra jiru osoo gad hindhiisin, lafa haaraya dabalee qabachuu qaba. Kanaaf akkuma Lubni haarayni dhufee aangoo fudhateen lafti itti dabalameen Oromoon babal’atee lafa guddaa qabachuu dandaye jedha. Maddii isaa marsaa "alaabaa" Zobrazit více Oblíbené knihy Dubbiftoota mandhee tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, durseen nagaa fi nageenya isiniif hawwa! Barreeffama kana kutaa isa afr ... affaa keessatti kunoo akkana jedhamee ture: “Ammammoo daddhabbii karaa ijaarsa sabaa kanaatiin, ABO-tiin muldhatantu kanaa gaditti tarreeffamanii xiinxalamu. Kutaan inni kun dheeratee akka yeroo keessan hin dhuunfanneef, achumaanillee akka isin hin nuffisiifneef jecha: “haa bultu dubbiin” jedhamaatii nagaa fi nageenyaan mee naaf bubbulaa!” Erga nagaa fi nageenyaan naaf bubbultanii, ilaa amma akkuma jedhame sanitti itti-fufama. Garuu, otoon daddhabbiiwwan jedhaman san hin dhiyeessinan waan barreeffama kana kutaa lammaffaa keessatti jedhamen isin yaadachiisuu fedha. Ilaamee innis kunooti: “Daddhabbiiwwan oggaa san turanii fi gariin kan hamma harraattillee jiran xiinxaluun, namoota keenya tokko tokko mufachiisuu dandaya. Garuu, erga qabsoo irra jiraannee, wanneen akkanaa dhiyeessuun abaluu faa gammachiisuuf yookaan mufachiisuuf otoo hin taane, waan qobsaawotaa fi sabboontota Oromoo irraa eegamu.” Kunoo, amma armaan gaditti daddhabbiiwwan jedhaman sun tokko tokkoon tarreeffamanii xiinxalamu. 1) Dogoggorri karaa ABO-tiin dursee muldhate, waayee waraana warra Wayyaanee akka waraana Toopphiyaatti fudhachuu dha ture. Dubbiin tun dubbii akka laayyootti ilaalamtuu miti. Akkamitti waraana adda bilisummaa tokko yookaan garee (paartii) tokko akka waraana biyya tokkootti, saba tokkootti fudhatamuu dandaya? Kana ABO akkuma isaaf dhiyaatetti battalumatti “tole” jedheetoo fudhate jechuu kiyyaa miti. Inni mormii wayii gochuun isaa hin oolle. Haatahu malee, kana irratti mormii sonaan cimaa agarsiisuun dura goruutu irra ture. Inni kun booda, ee gara baatiiwwan 11 turee ABO mataa isaa, dabrees uummataa fi saba Oromoo irratti akka hojjate, waayee mooraatti naqamuu WBO keessaa garii yaadachuun ni gaya. 2) ABO caasaa ijaarsa ofii biyya guutuu keessatti sirriitti diriirfachuu hojii isaa keessaa isa duraasaa (hangafaa) godhachuutu irra ture. Dhugaa, kun caasaa wayiituu hin qabu jechaa miti. Mootummaa Cewumsaa san duras, yeroo Mootummaa Cewumsaa sanis, Mootummaa Cewumsa san boodas, kunoo harrallee namoota Oromoo akka ABO irra caala cimeetoo sochowu fedhantu daddhabbii ijaarsi kun karaa kanaan qabu kaasu. “Waa malee, manni hin aaru” jedha mammaaksi Oromoo tokko. Oromoonni waayee kanaa kaasan falfaltuu wayii tahaniitii miti. Yookaan ABO hamachuuf dharraa qabataniitii miti. ABO keenya akka sibiilaatti cimee bawuun, diina akka ollachiisu warra fedhii guddaa qabani. Mee kana irratti wanneen lama kanan achuma biyya Gadaatti deeggartoota ABO irraa dhagayeen as irratti tuqeetoo dabra. Namni kun waajjira mootummaa Toopphiyaa tokko keessa kan bara dheeraa hojjate. Jireenyi isaas, hojiin isaas Shaggar keessa. Inni dhalootaan nama godina Arsii irraa dhufee, barumsa isaa itti-fuufuun booda hojii qabate ture. Naannoo Arsiittis nama beekamaa waan taheef, erga ABO Mootummaa Cewumsaa keessatti qooda-fudhachuu eegalee (jalqabee), uummanni Oromoo inni godina Arsii manguddoota filachuun akka inni warra ABO wajjin wal-qunnamsiisuuf ergatani. Inni dureewwan ABO keessa kan waayee kanaatti itti-gaafatamaa turee fi kan bakka hundaattuu akka hogganaa cimaa kan ABO, dabrees kan Oromootti laalamuuyyu wajjin wal-qunnamsiise. Manguddoonni Oromoo Arsii kan jedhaniiyyu: “nuti godina Arsii mara keessatti gandeen irraa kaafnee hanga godinaatti caasaa buusuun of-ijaarree jirra. Isinimmoo caasaa akka barbaadameetti hin qabdani. Maaloo caasaa nuti diriirfanne kanatti dhimma-bayaatii nu hogganaa! Kana caala akka jabaannuuf, gorsaa fi qajeelfama nuu keennaa!” Namnin ani amma maqaa isaa asi irratti kaasuu hin barbaanne, jechuun hoggantoota ABO hedduu beekamoo keessaa tokko kan ture, erga dhaamsa biyyaa kana dhagayee booda: “eenyutu nuti caasaa hin qabnu isiniin jedhe? Caasaa buusuun hojii keessani moo hojii keenya? “, faa jechuun manguddoota kabajamoo san rifachiise. San booda nama ABO wajjin isaan wal-qunnamsiise sanitti gaddaan himatani. Dubbiin inni lammaffaan immoo namni magaalaa guguddoo naannoo Shaggaritti argaman keessaa takka keessa kan jiraatu tokko, kan natti hime. Inni barateessa (“educated“) yoo tahu, nama bara bineensummaa Dargii Oromoota hedduu ibidda jalaa baasuu dandeeye. Kanaaf magaalaa sanii fi naannoo ishiitti daran jaalatamaa dha. Inni Oromoota lama kanuma akka isaa baratan wajjinii fi manguddoota Oromoo magaalaa sanii fi naannoo ishiitti, sonaan beekaman sadii wajjin karaa lafa jalaatiin hojjachuun: hidhaa, waxalama, garafamaa fi ajjeechaa mootummaa Habashaa, isa maqaa Dargii ofii-baase san jalaa oolchuu nama dandaye. Silaa Dargiin nama-nyaataan sun baqatee, kaan qabamee, ABO Shaggar guddichatti galee, namni kun silaa karaa manguddoota sanii “biyya harkatti galfate” jechuutu dandayamaa, jaalleewwan isaa waliin walgayii sonaan guddaa magaalaa sanitti kurfeessuun, akka san irratti ABO nama ofii ergatuuf Shaggar bayee dureewwan ABO-tti hime. Isaanis gammachuun yaada isaa simachuun dureewwan ABO keessaa nama hedduu cimaa, kan haasaan isaa fira gammachiisu, diina immoo mataa gadi-qabachiisu ergani. Ergamaan ABO sun haasaa daran bareeda gochuun uummata achitti argame mara mirqaanse. Innis qofaa isaa hin turre, dureewwan ABO lama isa waliin turaniiyyu. San booda isaan Shaggaritti deebiyani. “Nuti mee caasaa buufne sanitti dhimma-bayanii, nutis akka isaaniif hojjannu nu taasisu jennee eeggachaa turree! Karaa kanaan daddhabbii jabaa nutti agarsiisani“, naan jedhe namni jaalatamaan sun, inni ammallee mararfannoo fi kabaja guddaa ABO-f qabu! Kanaaf, dubbiin caasaa diddiriirfachuu tun waan akka laafaatti ilaalamtuu miti. Inni dabre silaawoo dabree, warri ABO isa harraatti yaaduu qabun jedha. 3) ABO maal akka yaadeyyu Waaqni haa beekuu, warra Shaabiyaa fi warra Ameerikaa faa amanuun warra Wayyaanee wajjin loltuuwwan ofii mooraatti galchuuf waliif mallatteesse. Dhugaa dha; warri Wayyaanees loltuuwwan isaanii mooraatti galchuuf mallatteessanii turani. Garuu, isaan collummaa fi haxxummaan, gantummaa fi sobaan waan guutamaniif, otoo loltuuwwan ofii dallaatti hin naqin, isaan kan keenyaa marsaniitoo waraana itti-banani. ABO warra USA fi Shaabiyaatti iyyatullee, kan isa dhagaye hin turre. Kan nama dhibu, oggaa san Oromoota naannoon ani jiru keessaa “akkamitti loltuun keenya mooraatti naqama?” warra jidhaniif deebiin kennamuuyyu: “nuti biyya keenya keessa jirraa waanti dhalatu hin jiru. Isaan kan isaanii yoo mooraatti naqan nuuf gaarii dha,” faa jedhamaayyu. Harra loltuuwwan keenya kutatoon meeqaa meeqa sababa kanaan Wayyaanotaan akka nu jalaa galaafataman ni beekna. Kana immoo kan godhe dureewwan ABO keessaa nama tokko jechuunis ni jira. Amma biyyatttis, alattis maqaa nama kanaa kaasuun kanneen nuuf ibsaan danuu dha. Garuu, ee garuu akkamitti inni otoo dureewwan ABO warra kaaniin hin mariyatin kana gochuu dandaya? Waan akkanaa kana mee dureewwan lama, sadii yookaan afur otoo hin taane, Koree Shanee Gumii yoo mijaawuu baate immoo Koree Hojii Gaggeessituutu dandaya. Moo abbaa irrummaatu ABO keenya keessatti yommuu san dhalate? 4) Dogoggorri inni tokko immoo isa kanaa olitti tarree sadaffaa irratti ka’een yoo walgituu baatellee, xiqqaa fakkatullee dogoggoruma. Paarlamaa Toopphiyaa oggaa sanii keessatti waayeen Oromoota Walloo ka’eeti ture. Warri ABO: “Wallo biyya Oromoo fi uummata Oromoo keessaa tokko waan taheef, Oromiyaa jalatti ramadamuu qabu jedhuuyyu.” Kun hedduu sirrii dha. Maayii marii fi atakaroo warra Habashaa beekamaa san booda, sagalee irratti kennuun jalqabame. Dogoggorri warra ABO sagalee kennuu kana irratti. Mirkana isaanii fi Oromoonni miseensota mana sanii tahan: “Walla Oromoo dha” jechuun harka baasanii jiru. Kana irratti, dubbii akkanaa irratti sagaleen muruutu dogoggora. Jaalleewwan ABO: “kana irratti sagaleen kennamee waan muteeffamuu miti. Uummata Oromoo isa Wallootu muteeffachuu qaba“, jechuutu isaan irraa eegamaayyu. Akkamitti yaa’iin kamiyyuu, caffeen kamiyyuu eenyummaa uummata tokkoo irratti sagalee kennuun murteessaafi? Kana paarlamaa impaayera Toopphiyaa dhiisitii Caffeen Oromiyaayyuu, uummanni Oromoo inni naannoo biraayyuu sagalee ofii kennuun eenyummaa isaa, Oromoota Wallootiif murteessuu gonkumaa hin dandayu. Harras, borus kana irratti kan murteeffachuu dandayu uummata Oromoo Wallooti. Ani bara 1998 keessa aadaa, seenaa fi Afaan Oromoo irratti qorannoo gochuufan karaa unibarsitiin Jarmanii, isan Afaan Oromoo keessatti barsiisaa tureetiin ergamee, Wallo keenya seene. Turban afurin achi ture. Kunis gara irra caalu naannoo OROMIYAA jedhamee, akka godina tokkootti Biyya Amaaraa jalatti ramadamuun Baardaar (“Baahir Daar“) jala jiru kan aanolee sadiitti qoodamu: a) Dawwaa fi Caffaa (magaalmataan isaa Kamisee b) Arxummaa fi Jillee (magaalmataan isaa Sambatee) c) Baatii (magaalmataan isaa Baatii) ture. Kana malee, naannoolee Dasee, Warra Qaalluu (magaalmataan isaa Kombolcha) fi Boorana Walloon tureeyyu.* Waayee kanaa olitti ka’e irratti Oromoonni Walloo kanneen ani waayee kanaa gaggaafaddhe yaadumaan ani kanaa olitti kaase deegaru. “Dhugaa dha“; jedha gamni naannoo Kamisee tokko: “Warri keenya (“warra ABO jechuu isaati”) yoo nuti haa murteeffannu jedhame isaan Oromiyaa hin fedhan jechuun sodaa qabu taha. Ammoo, nuti Oromoodha malee, yoom Amaara yookaa Tirgee taane? “, jechuun Oromummaan warra Walloo bara Teediroos irraa kaasuun hamma harraatti akka jiru naaf addeesse. Warri naannoo “Oromiyaa” jedhamuun Gondor jala galan kun, Afaan Oromoo callaa dubbatu. Magaalaawwan irraa baanan naannoo kanatti namni Afaan Amaaraa beeku hin jiru. Dammaqiinsi sabaa inni warri naannoo “Oromiyaa Walloo” qabu, naannolee: Leeqaa fi Buunoo Baddallee, Limmuu fi Geeraa, Amboo fi Bacho, Walisoo fi Salaale, Gadabii fi Roobe Baalee, Hara Maayaa fi Carcar, Yaballoo fi Dirree Liiban faatii gadii miti. Ani uummata Oromoo sirna nafxanyaa akka maleetti jibbus akkanatti argee hin beeku jechuun dandaya. “Tigreen obbolaa keenya irraa addaan nu baafte“, jechuun gubatanii imimmaan dhoowwachaa natti himani. Afaan Oromoo naannoo Warra Qaalluu fi naannoo Boorana Walloottis akkuma jirutti hin bannee, hammi tokko numa dubbatama. Oromoonni Wallo keenyaa isaan afaan ofii irraanfachuun harra Afaan Amaaratiin dhimma bayanis matumaa “nuti Amaara” ofiin hin jedhani. Ati isaanin: “isin Amaara” jechuun akka waan isaan ajjeeftetti ilaalu. Akkuma naannoo Barentuutti (“Harargee“-tti) Wallotti “Amaara” jechuun “Kiristaana” jechuu dha. Isaan Muslimoota waan tahaniif isa sabaa, jechuun Oromummaa irratti dabalamuun “Amaara” jechuunin sonaan isaan rifachiisa. “Nuti afaan keenya, Afaan Oromoo irraanfannee Afaan Amaaraa dubbachuun gonkumaa Amaara nu hin taasisu“, naan jedhe barateessaan dhalootaan nama naannoo Boorana Walloo tahe tokko. Akkan naannoo Daseetti dhagayetti naannoo Yajjuu keessaa warri naannoo magaalaa Urgeessaa faas akkanuma. “Uummatoonni Irlaandaa, Iskootlandaa fi Weelsii faa harra afaan ofii irraanfachuun waan Afaan Ingilizii dubbataniif namoota Ingilizii hin taane. Waan hunda caala kan nu feesisu bilisummaa Oromiyaati; san booda ijoolleen teenya daftee Afaan sanyii ishii, Afaan Oromoo baratti“, naan jedhe, barateessi fi beekaan Oromoo Walloo kan naannoo Warra Iluu, kan waan tokkollee afaan keenya hin beekne tokko. Kanaaf, eenyummaa ofii kan muratu uummata keenya, Oromoo Wallooti. Uummanni kamiyyuu birmada (“sovereign“). Kan Oromoo keenyaa isa Walloos akkanuma. Waaqaa gaditti lafaa olitti eenyumtuu, eenyummaa isaanii kan bakka isaanii bu’uun isaaniif murteessu abdan hin jiru! 5) Dogoggorri ABO inni tokko immoo waayee siidaa Minilk isa Handhurra Finfinnee-Shaggar, Birbirsa (Goorgisii Araadaa) fuuldura dhaabatuu sanii irratti. Warri OPDO paarlamaa Toopphiyaa keessatti akka kaafamuuf, yaada dhiyeessan tokko miseensonni ABO hin deegarre. Yaa Oromoo maaliif? Yaanni gaariin haa dhiyaatu malee, OPDO dhiisitii sheexana irraallee yoo tahe ni deegarama. Otoo kun tahee Minilik: harma-muraa fi harka-muraan, ija-buqqisaa fi funyaan-kutaan, qaama hormaata dhiiraa cirsiisaa fi Walaayitaatti ajjeechisee dhiiga namaa xuuxxachisaan — nurraa ka’ee, hamma tokko qalbiin uummata Oromoo, uummata Walaayitaa fi uummata Kafichoo faa haara baafatti jechaa dha. Minilik mataan isaatuu akka gaaf tokko qeyee Tufaa Munaa irraa ka’uun Manjee isaa, ganda irraa nutti dhufe san, Ankoobaritti deebiyuu ni beeka. Kanaaf, fardi isaa inni Oromoo Jiddaa fi Oromoo Abbichuu faa irraa korrojuun, maxaabirii-dhaan feesifatee irra taa’e sun, kan gara biyya Manjeetti garagalee dhaabatu. Otoo kun taheeyyuu borumtaa isaa siidaan abbaa Hayila-Sillaasee, Raas Mokonnin inni abbootii duulaa Minilik keessaa tokko tahuun Calanqootti duulee duulchise sunis, wiirtuu magaalaa Harar keessaa buqqifamuun nurraa kaa’ayyu! 6) Dogoggori ABO kan biraa waayee tokkummaa Oromoo irratti. Akkuma beeknu ABO jaarmaa guddicha. ABO waan hedduu, hedduu mishaa tahe kan Oromoo fi Oromiyaaf bu’aa-buuse keessaa inni hangafni, sagantaa isaa kan kallachumatti biyya Gadaa kottee koloneeffattota Habashaa jalaa baasee, Republika Oromiyaa hundeessuuf lafa nuuf kaaye sani. Sagantaan seena-qabeessichi kun akka harra jaarmoleen Oromoo tokko tokko, sagantaa kana olii fi gadi bacancaruun duubatti deebisuu barbaadanii otoo hin taane, kan Oromiyaa teenyaaf muldhantaa (“vision“) akka bakkalcha ganamaatti muldhatu of-keessaa qabu. San booda ijaarsonni bilisummaa Oromoo hundeeffaman marti sagantaa ifaa fi nama-baasaa kana irratti bu’ureeffamuun, Oromiyaa walaboomtee fi uummata Oromoo bilisoomeef saganteeffachuun ka’ani. ABO isaan akkanaa kanneen tumsaa fi obbolaa godachuun sochowuutu irraa eegamaayyu. Kun harrallee cimseetoo isa irraa eegama. ABO garuu, ennaa isaan kun jala-deemanii “tokkummaa Oromoo haa ijaarrannu” jedhan, akka masaanuutti isaan ilaaluu hojii isaa isa karaa kanaanii godhate. Haatahu malee, bara 2000 keessa jaarmooleen bilisummaa Oromiyaa jaha Asmaraatti walgawuun, ijaarsa ijaarsotaa ULFO hundeeffatani. ABO isaan kanneen keessaa tokko tahee miseensa ULFO tahuun kan seena isaa keessatti isas, Oromoota bilisummaa saba ofii hawwanis boonsisu. Uummanni Oromoo manaa-alaa erga bara 1991-1992 asii akkanatti gammadee, akkanatti mirqaane hin beeku. Maal godhuree, otoo waggaa sadiillee hin gayin ABO ULFO keessaa of-baase. Ergasiiyyis ijaarsonni miseensota ULFO tahan keessaa gariin numa isa kadhatu. Innimmoo numa didaa kunoo, amma innuu bakka sadii-afurtii nu jalaa qoqqoodamee jira. Kan kanatti gammadu diina Oromoo fi sheexana callaa dha! Ana kan na dhibe, ijaarsa xiqqaatu ijaarsi inni guddaan “na liqimsa” jedheetoo irraa qollifata malee, akkamitti ijaarsi guddaan isa irraa qollifata? Ammas uummannii fi sabni Oromoo ABO maqaa addaddaatiin of-waamu, isa sagantaa ABO achi darbachuun sagantaa Impaayerittii fannifate irraa kan hafe, dabalees isa bilisummaa fi walabummaa biyyaa achi ha’uun Toopphiyaa dimokiraatessuuf abjootu irraa kan hafe, minjaala (xarabbeeshaa) tokko irra taa’uun walitti haasawuu qabani. Tokkummaa Oromoo fi Oromiyaa malee, bilisummaan abjuu akka taate, ganamumaan beekuun sirrii dha! Haatahu malee, warra Toopphiyaa “nuu“ dimokiraatessuuf abjootu, kanas gara diinaatti achi dheebuu hin barbaachisu. Dandayamnaan gara ofiitti isaan harkisuutu, dadhabamnaan immoo akka baabasa-maleeyyii (“neutral“) tahan gochuutu gumnummaa fi hojii malbultii (polotikaa) qabsooti! 7) Dogoggorri ABO inni kaleessaas, inni harraas ijaarsi sabaa kun dabbaleewwan ofii sirriitti qaree qarsiisuu daddhabuu dha. Dabballeewwan lubbuu adda bilisummaa tokkooti. ABO dabballeewwan isaatii barumsa taliigaa (siyaasaa) sirriitti kennuutu irraa eegama. Barumsa taliigaa oggaan jedhu, inni dabballeewwan ofii gara unibarsitii wayiitti erguun Damee Saayinsii Taliigaa (“Faculty of Political Science“) keessatti haa barsiifatu jechuu kootii miti. Inni dabballeewwan ofiitii barumsa walbarsiisuu, seminaara fi martii barnootaa irratti: akkamitti dabballeen tokko uummata keessa seenee akka itti-hojjatu, akkamitti uummata irraa barateetoo deebisee akka barsiisu, akkamitti bakka diinni jiruu fi kan biraa keessatti caayaa akkatti diriirsuu dandyu, akkamitti olola diinaa fi kan firaa dura akkatti dhaabatu, akkamitti mararfannoo fi kabaja uummataa akkatti ijaarsa isaatiif horachuu dandayu faa walbarsiisaan qaruun, hojii adda bilisummaa tokkoo keessaa isa duraasaati. Dabaleesoo, dabballeewwan ABOs haa tahanii jaarmolee Oromoo isaan bilisummaaf sochowanii kanneen biroo: aadaa, afaan, seenaa, safuu fi safeeffata Oromoo sirriitti beekuu qabu. Sirriitti dhimma-ittiin bayus qabu. Dabballeen yoo baalli shokokse “jaarmaa kiyyatu tuqame” jedhee namatti dutu, bu’aa wayiituu jaarmaa saniif hin fiddu. Silaa kan kalleessaa kaleessumaa, isa harraa fi isa boruutii ABOs tahee, jaarmolee bilisummaa Oromiyaa kanneen biroo cisanii bulanii, buna dhuganii haara-baafachuun guyyuu itti-yuuduu qabu! Dubbiftoota barreeffama kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, innin kanaa olitti daddhabbiiwwan ijaarsa Oromoo, ee bakkalcha Oromiyaa kan tahe, ABO irratti dhiyeesse kun: hawwii, fedhii fi kabajan ijaarsa kana irraa qabu irratti bu’ureeffameeti. Innin ABO irratti dhiyeesse kun jaarmolee bilisummaa Oromiyaa maraaf, tahuu kan dandayu. ABO nuuf cimuun uummanni Oromoo guddichi kun nuuf cimuu dha. Kanaaf, ee kanaaf dureewwan ABO kanneen walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa uummata Oromootiif dhaabatan, harraa-boru otoo hin jedhin waliin haasawuu qabu. Haasawanii ofii tokkoomuu, daddhabnaan akka diinaatti wal-ilaaluu dhiisuu; dabranis jaarmolee bilisummaa Oromiyaa kanneen akka ULFO faa waliin tokkummaa ijaarrachuun waan beellamni kennamuu fi miti! Yoo akkana tahe qofa, kan harfixoo fi obomboleettii, jaanjessoo fi tamsaasa amma diina fi “firaan” nutti aggaamamaa jiru jalaa of-baasuun, abdii jagnicha keenyaa kan Roobaa Bultum fiixaan-baasuu kan dandeenyu! Haatahuutii, amma kutaan kun nutti dheeratee jira. Kanaaf, isa hafeef kutaa jahaffaa irratti walitti dachaana. Isa keessatti haalli ammaan tana biyyii fi uummanni keenya keessatti argamu, maal maal faa fakkaata? Haala kana keessaa daran of-cimsineetoo bawuuf, maal maal faa gochuu qabna. Maal maal faatu ergama dhalawwan Oromooti. Maal maal faatummoo ergama isaanii miti. Eenyu eenyu faa waliin uummanni fi sabni Oromoo tumsa qabsoo ijaarrachuu qaba, kanneen jedhaman tokko tokkoon tarreeffamanii xiinxalamu. Egaa, WAAQNI fi Ayyaanni Oromoo mee achiin nu haa gawu! Qabsoo, Tumsaa fi karaa Bilisummaa ABOn dhaaba malbulchaa warraaqaa fi amantalaa waggaa 37ti. Akeeki saa sirna kolonummaa h ... undee buqqisee Oromiyaa ofiinbultu gad dhaabuu dha. Sana bakkaan ammyyuu hin gahin malee, namoota waggoota digdamii torban kana dura of beekaniif jijii qabsoon ummata Oromoo ABOn hoogganamu argamsiise kan eenyuu hin abjonne. Sun tola hin argamne, lubbuu hedduutu itt kaffalame, qabeenya meeqatu barbadaawee, warra meeqatu faca’aee, caba hawaasomaa fi ayyaamii meeqatu uumame. Oromon ummata godinaa keessati baaqeen wayyaba thahe. Kanaaf bilisummaan saa nagaa, walqixummaa, gamtaa, fi tasgabiif naannaaf raggaasaa ta’a jedhamee abdatama. Sirni mootummaa ni jiga, dhalooti ni darba. Ummatii fi lafti irra jiraatan garuu barabaran walbiraa fi walitt ejjanii jiratu. Adeemsa seenaa keessa, darbee darbee nagaan waliin jiraachuu kan booressan murnooti fi abba tokkeen ni dhalatu. Akkasitti murni empayera Itiyoophiyaa ijaaree fi dhaale Oromiyaa irra diriirfatee bara dhibbaa fi digdamaa ol kan barbadeessaanii jiru. Ummati walii diina miti. Haa tahu malee dibbee kolonii amma illee rukutamaa jiru callisanii ilaaluun isaan hin gaafachiisu jechuu miti. Gocha murnoota sanaan warra dhiigaa ta’anii jiru. Akka aadaa Afrikaati faloo bahanii, gumaa baasanii, ifati kan yakke aagii tufsiifatee araara buusuun jireenya hardhaaf haa tahu egeree ijoollee saaniif ni tola. Utuu empayerri hin uumamin bulchi Itiyoophiyaa Tigraayii fi Amaraa gidduuti harka wal jijjiiraa ture. Biyyichi laga lagatt hiramee “nugusa nagastiin” olhantummaan darbaa dabarsaan mo’a. Uumama empayer duuba caasaa walfakkaatan diriirfame nugusichi Oromiyaa sududan karaa qondaalota muuduun bulcha ture. Sanaafis Oromiyaan kutaa adda addaati kukkutamte. Yeros sanaaf booqaan “zaranyaa” (sanyeessaa?) itt hin baane ture. Tigrooti amma jijjirama xinnoo fi to’annoo caalaan falcha/formulawalfakaataatt dhimma bahaniiru. Oromiyaan deebitee walitt caasamte. Bulchaaf Tigirooti qajeelaa fi bilisa hin tahin malee kennata naannaan qondaalota ramadan. Ammaa saboota bira addaan beekuu abbaluun gurguddoo Habashaa hedduu, caalaan Tigreemiti dhaan “zaranyummaatt” fudhatame. Wayyaaneen fedha nama yeros jiru ilaaluun akka laaqama kan isaan duraatt hin deebine eenyummaa ummata kolonootaa baree jedhe. Jarri kaan utuu dhuguma ummata bira akka Itiyoophiyoo fi walqixxeett fudhatu tahe Qubee keenya malee kan ofii qabaachuun cubbu maaf jedhu? Biyyaa ofii qabaachuu Oromo, Somaalee, Afar, Anyuwak, Wala’ittaa, Kafichoo, Sidamaa kkf maaliif raajeffatu? Kan mataa naannessaa jiru karoorfata Wayyaanee caalaa “zaranymmaa” garaa saanii keessa jiru mitii? Jarri kun oori’i saanii kun maalitt akka geessu beekuu? Jechi federeshina “zaranyaa fi gosaa” jedhu afaan Oromo tabu fi galtuu keessaa yoo bahus ni dhagahama. Wacabbarri federeshina “zaranyaa fi gosaa” jedhu kan dhufe erga sirni tokkeen Itiyophiyaa diigamee kolonootaaf angoon tokkoo tokkoo hiramee jedhamee kaaseetu. Sun xaxaa olhantummaa Habashaa hoodummaa baase. Sammuu saanii keessatt Habashaa fi jarri kaan seenyiin adda addati jechuu dha; akii Afriikaanotaa fi Afriikaamitoota? Sana malee yeroo ummata adda addaa kibbaa walirra goranii itt duudanii fi garboofatan qooqi akkasii afanii hin baane. Sammuu akkasiitiin kan gurguddoon saanii roorroo abbooliin sanii Oromoo irratt raawwatan akka waan ta’uun irra ture fi kan hin gaabbamne godhanii kan fudhatan. Ammayyuu gaaddisa odaa utuu qabnu gaaddisa alaabaa keenya jalatt gumooftu jedhu. Harma muraa harka muraa, arrab muraa kaaba hanga kibbaati gahef hardhallee akka jannummaatt yoo ittiin dhaadatan Oromoon “Ishooyee!” jedhan hin dhibani. Sana ilaaluun kanneen tuffiin ummata keenya ilaalan akkasii haala duree malee waa waliin gona jechuun dabalanii of tuffachuu dha. Safuu dhas. Kan cunqurfamootaa tumsuu dandahan saboota seenaa kufaatii fi hacuuccaa walfakaataa jala jirani, demokratota addunyaa mirga ilmoo namaaf dhaabbatanii fi yoo jiraatan tarkaanfatoota Itiyoophiyaa ta’uu danda’u. Tarkaanfatota maqaa malee hanga yoonaa sirna empayeraa kan abboolii saanii addatt ilaalan as hin baane. Xiyyeeffannoon saanii qabeenya saa malee guraarama sirnichi namarraan gahu miti. Sanaaf malee gara laafina kan qabani fi kanneen bor hedan waliin Oromiyaa haa tahu biyya Habashaa bilisa baasanii demokratessuun nama hin dhibu ture. Ummatoonni bulcha Habashaa jala jiraatan hundii bilisa tahanii hin beekan. Mootoli hundi quca namummaa bahaati dhimma bahuun goolaa moo’ani. Hariiroo isaanii fi mootota gidduu jiru akka hiree waaqaa murteeffameeti fudhatanii lubbuu dheeraa kadhataafii bahanii. Bilisummaan Itiyoophiyaa hedduu faarsamu sana. Kana mirkaneeffachuuf hedduu keessaa seenaa Amde Tsion, Teedros, Yohannis IV fi Minilik II ilaalaa. Joonjessaa irra marfameen gad haantummaa saatiin dhaadataa jiraate. Moototi saa yero saboota ollaa qabatan hamaa isa irratt shakalaa turan caalaatt qara baasanii itt bobba’ani. Hamma hardhaatt amala addaa kan agarsiise hin jiru. Oromoon hiree ofii ofiin murteeffachuu gaafachuu akka raajiitt kan fudhatan qofa. Isaaaniif Oromoon saba of dandahe, seenaa fi jireenya ofiin boonu miti. Isaanitt hirkatee akka barbaadanitt luugamanii oofuuf umamee. Rimsammi isaan sabootaa fi sabaawotaaf qaban haromsa cimaa barbaada. Seenaa godinichaa fi Addunyaa keessa debi’anii barachuu isaan barbaachisa. Oromoon, “Akka durii fi harka xuriitt hin hafan” jedha. Sana irra waa baratu laataa? Kanaaf ummati Habashaa of baree bilsa of baasu malee hirree hacuucca fi duubatt harkiftuu tahee hafa. Ummatota bilisa, mirga walqixxummaa fi obbolummaa ilmoo nama, akkasumas olhantummaa seeraa fudhatan nagaan waliin yk wal cinaa jiraachuun hin dhibu. Ilmoon namaa wal irratt hirkatee jiraataa. Kan tokkoo hin qabne kan biraa qaba. Sirni dhalootaa kan jeeqamu yoo tokkoo gulummaa saa irra darbee hunda dhuunfachuu barbaadu. Sana ummati tole jedhee fudhatu hin jiru. Kanneen walii tumsuun dandahamu olitt kaafnee jirra. Osoo demokratota dhugaa tahuu saanii hin mirkaneeffatin kan abbaa hirrummaan garaatt hafe waliin fiiguun dhadhaqii nama buusuu dandaha. Oromoon “Eenyutu si dhungannaan hidhii muxxeessita?” jedha. Hanga yoona hedduun ashkarummaaf malee nakkarumaaf Oromoo barbaadaa hin jiranii. Dogoggori abboolii keenyaa Goobana Daaccee kaasee jiru barumsa nuu ta’uu qaba. Isaan yeroo saaniitt jannaa fi gamnas turani. Waliinjiroos birmatuuf of duubaa qabu. Garuu haala yeroon gowwoomanii dagamanii diinaa tumsani. Kanaafi galtuu haafa fi hurraa isaan duuba dhufan hundaaf akka fakkeenyaati kan fudhataman. Jarri ammaa utuu hin dagamin of dagaa jiru. Waldhaaluma, birdhuu, sodaa, luynummaa fi raatessa booji’aatt riqachiisutu itt hammaata. Dogoggori Goobanaafaa sirriitt yoo quwatame akka irra hin deebi’amne gargaara. Gurmuu guddifachuu waan ilaalutt hunda dura kanneen seenaa kufaatii fi kaasaaa wal fakii qabaniin walii galuun waan eegamu. Yoo waan itt nu shakkan qabaatan hojiin it agarsiisu yaaluu dha. Sanaan milkoofnaan kan cunqurfamoota dura dhaabbatu hin jiru. Sana boodaa demokratota yaada tarkaanfataa qaban mooraa cunqursaa keessa yoo jiraatan hawwachuun kan dandahamu. Kun namoota jireenya nagaa fi gammachuu hundaaf hawwan wayyaba tolcha. Waliin tahanii empayera cabsuun sirna yk sirnoota haaraa fi qajeelaa hundaaf akka fedha saati tolu ijaaruun ni salphataa. Sun hundu naannaa nageenya qabu uumuu carraa kennuuf malee Oromoon bilisoomuuf hirkoo barbaada jechuu miti. Sun qawwisa furtuu hamma yoonaa jalaa miliqaa turte tuquun irra haanama. Akeeki ABO Repubilika Oromiyaa demokraatoftuu fi ofiin bultun gadi dhaabuu dha jenneerra. Kana bakkaan gahuuf qabsoo hidhannoo fi malbulchaa cunqursaa irratt kan gaggeessu ta’uun himameera. Akeekaa fi malli ABOn dhimma itt bahu yoo sana tahu murtoo inni dhumaa kan saba Oromootii. Sabichaa carraa mirga “hiree sabumaa ofii ofiin murteeffachuu”tt dhimma bahuun kan murteeffate ooffalchi ummataan (referendum) mirkaneessa. ABOn murtii ummataa gaaffii malee fudhata. Mirgi hiree murteeffanaa sabootaa yoomiyyuu kan hin sarbamne. Sagantaa ABO hanga 1998, kutaa hariiroo sabgidduu jalatt, bakka dandahamutt saboota biraa waliin tokkummaa uumuuf akka hojjetu agarsiifameee ture. Sun akeeka malbulchaa keessatt osoo hin tahin yoo ofiin bulummaan argame kan tahu. “Ofiin bulummaa” fi “hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu”n addaa fi gargar kan bahan miti. Ofiin bulummaa kan filatu waan mirga hiree murteeffachuu qabuufi. Koloneeffataan dirqiin yk maalifaan mirga ummati bilisummaaf qaban fudhachiifama. Ummatich waan filatu irba oofalcha ummataa irratt godhuun mirkaneessa. Hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu, ofiin bulummaa, ummata biraan tokkoomun sirna tokkoo keessa jiru. Qabsichi qabsoo hiree murteeffanaati. Murteen Republika ofiin bultu dhaabbachu yk Itiyoophiyaan walitt hafuun hobbaatii sanaati. Kanaaf gargar feca’amee hiree murteeffanaa abaluu, tokkeessoo abaluu, ofinbulummaa abaluu kan jedhamu hin jiru. Akkasiti dhiheessuun beekaa afanfajjii uumuu taha. Midhaan tokkoo ni nyaatama, garri tokkoo dhiiga taha, garri biraa kosii taha. Sanaaf sirni sifaa sadii hin jedhamu. Kan sabicha ooffalcha ummataan geenyaan dirqama keenya raawwane jedhan yoo jiratan kaayyoo ABO hin calaqqisu. Ammumaa tokkott of dudhuun Oromoo fi halagaa biratt yaada lamaaniin taphachuu nu dadhabsiisa jedhanii ta’aa. Oromoon waan barbaadu hin beeku kan jedhamaa bahef kanuma fa’iifi. ABOn ummatichi irba saatiin waan murteeffate hanga hojiirra oolchutt biraa deebi’uu hin dandahu. Egaa karaan seeraan ofiin bulummaa haa tahu Itiyoophiyaa akka jiruti tursuuti geessu dura murtee sabichaa jala darbuu qaba. Kaayyoo ABOn ganamaa ka’ee hordofu Republikii Oromiyaa demkratoftuu dhaabee iggiti itt gochuu dha. Sun ooffalcha ummataa gahee akka hin dhaabbanne agarsiisufii. Ummatichi kan filachuun irra jiru gorsuu fi isa duubas gara filatett masakuun qooda dhaabota malbulchaati. ABOn dhaaba isa ofiin bulummaaf nama kakaasuuf ganama murteeffate. Ooffalcha ummataa dura firrisanii saboota biraa waliin tokkummaa uumna jechuun “salaamaawii oneg” fashale nama yaadachiisaa. Inni ammaa kun sana irra adda yoo tahe sirriitt nama qaabachiisuu gaafata. Empayera waliin hariiroo heera ABO adda tahe uummachaa, tarsiimoo ABO geeddaraa, dhaabota bilisummaa Oromoo hin fudhanneen walii tumsaa, ani ABO ofiin jechuun fakkeessa gowwomsaa karoorfame. ABO bule irraa adda bahuun mirgaa; isaan of himuun garuu madaa ummatichaatt qubaa kaa’uu akka hin taane itt yaaduu dha. Qabsaawoti hedduun amma ABO tahu himatan hundi heera fi sagantaa ABO 1974 kaasee hanga 1998 fooyyeffamaa dhufe jala kaayyoo tokkichan waliin hiriiraa kan turani. Kaayyoon ABOn hordofu kan gootowwan meeqa itt wareegamanis sanuma. Mooraa bilisummaa keessa kan jiran kaayyoo ganamatt amanan hunda tokkoo kan gochuu dandahus sana. Sana duuba geeddarammi dhufe kan waloon himatan miti. Itt gala adda addaa qabatanii mirga Oromoof qabsoofna kan jedhan jiru. Daayi qabsaawaa hundaa tokkoo tahu hin qabu. Garuu maqaa ABOtt dhimma bahuuf bu’urri irra ka’amu heera hanga 1998 jiru ala hin ta’u. Murnooti jalqaba gargar bahaan, tokkoo mallato waan amma deemaa jiruu dursee arguuni. Murna sadan maqaa ABO dhahatan keessaa lamaan waliin yoo turan aangota heeraa keessaa kan geeddaranii fi foyyessan qabu. Fooyyeffati kun kan sadan waliin qabaataa turaniin walfallessa. Murni sadaffaan kan 1998 waliin foyyessaniin akka masakamu hima. Akeeki malbulchaa mamii malee Repbilik Oromiyaa ofiin bultu gaddhaabuu jedhu isaan biratt hafe jechuu dha. Maqichis isaaniin tola jechuu dha. ABOn sababa hedduun tokkummaa saa qabatee deemu hin dandeenye. Kanaaf kan achi keessatt walitt qabaman murnaa fi abba tokkeen akka aarii saaniitt wal gumeessanii bahuun maqa fedhan moggaafatu turan. Kaayyoo ganama garuu hin gaddhiifne. Amma kan waliin deemuu dadhaban garuu tarsimicha jijjiiranii maqichas fudhatanii of baasuu yalaa jiru. Maqaan ganama waan baheef qaba. Ulaagaa sana guutu malee homtuu isa hin ta’u. Kanaaf akka jirutt dhiisuun kaayyoo seena qabeessa sanaa fi kanneen sanaaf wareegaman ulfeessuu taha. Maqaa wal harkatt qabuun ammas itt fufa taanaan deebi’anii xaxaa hamaa sanatt galuun hin oolu. Sanaaf gaaddisa halagaa wal dhaabuun akka hin deebine haa abdannuu. Garagarummaan ilaalchaa amma amaname kun qabsoo walxaxaa baheef furmaata guddaa dha. Akka raajiitt ilaalamuun hafee qabsaawoti osoo hin daddaaqin bakka fedhi saanii jirutt ifatti gumaawuu qabu. Garee lamaan garagarummaa saanii baranii Oromummaan akka hariiroon tasa hin hincinnoofne qayyabannoo uumuu ni dandahu. Sagantaa gadjallaa waan tokkoo tokkoo itt qindeeffatan baafachuu kan isaan dhowwu hin jiru. Duratt kan rakkise garaagarummaa yaadaa ifatt himachuu dadhabuu dha. Yaada adda addaa qabaachuu fudhachuun gara demokrasii qabatamaatt tarkaanfii tokkoo. Dhaaboti Oromoo tokkeessoo hedduu keessaa kan ammaa tokkoo waan taheef ta’ina haaraa miti. Maqaa ABO dhahachuu saa qofatu adda isa godha. Kaayyoo ganama kan itt cichamu adda tahuuf, saba biraa jibbuuf yk gaara sun dhiibutt nama geessuu fi wareegama inni gaafatu wallalamee mit. Garuu wareegama hamma yoonaa godhame bu’a qabeessa gochuuf malli sana qoofa waan taheefi. Kanneen qaawwaa adda addaatt dhimma bahuun tattaafannaa sabi kun gara eenyummaa saa badde argachuutt godhu hankaaksuuf yaalan jiru. Adeemsa saa keessa daddaaqinaa fi bitintruun jiraannan bakka hamilate hanqachuu irra tuffatamis jira. Uumamuun ABO didhaa sana hunda jala dhaabbatee sochii bilisummaa saba danboobaa fi naga jaallataa kanaa gara xumura boonsaa fi ulfina qabeessatt akka geessuufi. ABOn kan herragamu humna qabaatee dhabeef, yaratee fi baayyateef miti; kaayyoo ummata saa ulfina gonfachiisutt cichuun hanga injjifannoott qabsoo itt fufaa gochuu dandahuuni. Dhaabota Oromo hedduutu mormituu seeraa tahanii Itiyoophiyaa demokratessuu dhama’aa jiru. Mootummaan akka isaan ol hin laalle qossa’aa bahe. Karaa biraammoo innis hamajaajii biroonis ABOn akka nagaaf tokkummaa hin arganne wanti hin goone hin jiru. Yoo barbaade heera Itiyoophiyaa fudhatee akka mormituutt haa hiriiru jedhu. Sun jechuun akkuma jara kaanii kottuu kolaafami jechuu dha. Maqchiis Itiyoopiyaa ofitt diru malee hin jiratu. Sanaan baduuf deema jechuu dha. Abdiin ummatichi bar tokkoo bilisomeen tarree saboota bilisaa dhaabbadha jedhus bishaan dhugaa. Hardha hanqina jaarmmaa cimaa fi hoogganoota caccisoo fi haala tolaa dhabuun sanaaf kaadhimachiiseenii taha. Gufuu yeroo xiqqoo kanaa jedhe qabsoon Oromoo dhugaa kun darabaa hin galuu. Hanqina dhalooti fi yeroon tokkoo qabu kan biraa itt guutee kaayyoo saba saa fiixaan baasuutu abdatama. Sun qabsoo hardha kutannoo fi dudhamaan jannooti Oromoo gaaraa fi sulula Oromiyaa keessatt Oofaa jiran irraa ni muldhata. ABOn oonee bu’uursota saa tahuun hafee ujuu sabichaa ta’eera. Gidduu kana ifsooti bahaa jiru. Inni tokkoo Itiyoophiyaa demokratessuuf tarsimoo karoorfate labse. Inni lammaffaan tarsmoo addaaf maqaa ABOtt dhimma bahuu isa tokkoffaa kan balaaleffatu. Sadaffaan waan keessa hin jirreef balaaleffamati dabalamne jedhe kan komatu. Tuqaa haaraan inni jalqabaa dhiheeffate keessaa qabso harka hin dabarre gageessuu, dhaabota mormituu koloneeffataa walii haala duree malee tumsuu, empayera Itiyoophiyaa demokratessuuf hojjechuu kan jedhantu argama. Hooggansi saa eessa taahe akka gaggeesu hin himne. Iyya dabarsii Asmaraa lallabameen ni ka’a jedhamee yoo tahe wanti mamsiisu hedduu dha. Birraan Arabaa akka ibidda saafaa Mallasaattis ni utala jedhamee yaadamee yoo tahe “guyyaan burquqaa” ballamame ni darbe. Mallas sanaan uttu hin ta’in badiisa biyyatt hojjetuun dira’inumaa ofiin of xaxee kufuun saa waan hin oolle. Dhaabi lammafaan kaayyoo ABO ganamaatti cichee akka jiru himuun, maqaan ABO dabaan dhimma itt bahamuu, manefestoo fi ifsa qabsoo harka hin dabarre baasuu isa tokkoffaa balaaleffate. Kanneen yaada bilisummaa hin jijjiirranne walitt dhufanii akka itt ABO jabeessuuf mari’atan haala hin mijjeessine; Inni sadaffaan ammayyuu gartokkoti dudhama agarsiisaa hin jiru. Waa’ee manefestoo, tumsaa fi qabsoo harka hin dabarree irratt ejjennoo saa himuu dhiisee maqaan koo maa dhahame qofaan ifsa dheekkamsaan as bahe. Garuu warraaqxota Oromoo fi “QC”fis waamicha waliin hojjechuu godheera. Hunda irra kan eegamu ummata Oromoott dhugaa fi keessaan laalii ta’uudha. Tarsmoon duraa fi kan jijjirame waliin gitamee fi wal bira qabamee agarsiifamuu qaba. Inni haaraan isa durii irra anjaa qaba? Qabsoo bilisummaa irratt dhiibbaa malii qabata? Miseensotaa fi deggertoota ABO ija keessa ilaalanii waan geedarammi kun barbaachiseef it himuu dandahu? Kan deggeranis kan qabsaawanis ilalchi lama jiraachuu beekanii amananii sararaa isaanitt tolu filachuu qabu. Haa tahu malee ammas naannon irratt walii gamtoomuu dandahan jiru. Mallas sochii bilisummaa fi mormitoota Itiyoophiaa irratt cinqaarrii saa jabeessaa jiraa. Oromoon gooltuu jedhamee haleellaa jala waggaa digdamaa ol jiraate. Labsi saa dhiheenyaa gurra biyyoota alafi malee ofii seeraan bulee waan hin beekneef biyya keessaaf tumaan isa hin barbaachisu. Yaadisaa biyyoota alaa dogoggorsee akka isaan kanneen bulcha hamaa jala baqataniif jireenya tolaa hin kennine gochuufi. Bubbisa Wayyaaneeti garaglchuuf malbulchalafqu’o yeroo qayyabachuu yaaluutu malaa. Dhimma Oromoo qofa ilaalu afaan halagaanis dabarsuun akka miti jedhanii kan barreessaa kana qeeqan jiru. Yeroo kaanimmoo baquleessaa jajanii kan dhiheessan isaanumaa. Akka amma jiruti barreessaan kun waan dhossu hin qabu hundi wajjiroota alaa keessa jira. Yaaliin godhamaa jiru akka sarettii “osoo beeknuu huuba wajjin nyachuu” keenya barsiifachuu dha. Daaya saba keenyaaf qabu eenyuunuu hin dhossu. Wanti maqaa ummataan goonuu fi jedhnu keessaan laalii yk ifaa tahuu qaba. Kan dhaggeeffatu, kan ilaalu fi kan hojjetu maaltu deemaa akka jiru beekee qeequu, yaadaan gabbisuu mormuu dandeessisuun demokratummaa dha. Garlamee fi dhokataa taanaan amanamummaa nama dhabsiisaa. Dubbisooti osoo yaada dhihaate sirriiti hin xiinxalin namicha barreessee fi mata duree qofa ilaaluun waa jechuutt fiigan jiru. Sunimmoo qeeqa jibbaan guutame cufa gadi baasuu dandaha. Nammi lama waabarii yaadaa adda addaa keessa ta’aniif qunnamtiin saanii hamajaajawaa ta’uu hin qabu. Waanti biraa yeroon keenyaa manguddoon maalumaaf afaan banatu kan jedhu. Jara sanaan bakkaa fi yeroo tokkoo keessa jiraatu. Hamaa fi tolaa uumaa fi namaan dhufu walumaan dhandhamatu. Kanaaf manguddoonis jireenya kana keessa akka mirga fi dirqama qaban irraanfatamuu hin qabu. Sirna Gadaatt hundi akka hiriyaatt qooda qaba ture. Biyya kan bulchan, diina kan irraa ittisan kanneen sanaaf giidoo qabani. Gaheen manguddoo yaada fi gorsa kennuu dha. Brreessan kun hamma qaamaa fi sammuun saa sirriiti hojjetuti yero danuun qabsoo bilisummaa irra gahu callisee ilaaluu hin dandahu. Gab jedhii taa’i jefhamuu hin barsiifanne. Karaa namaa irra waan hin dhaabbanneefis gaddhiis hin jedhamu. Yaada saaf yoo tahe, dargaggoon, yada gidiraa keessa dabarre hedu fi wayyaa tahe, jaarraa walakaa duubati nu hin deebsine hin tahin malee hawaasi gammachuun simata. Ummati manguddoo irraa dhufeen utuu hin tahin wayyaa argadhe jedhee kan barreesicha galmee seenaatt darbata. Xumuruuf ABOn erga dhaabbatee kan gumaachee fi wareegammi baase salphatt hin laalamu. Bilisummaan Oromoo naannaa sanaf neegeenya akka uumu mamiin hin jiru. Yoo booressituun hin jiraanne ummati ollaa nagaan jiraachuu akka anjaa qabu beeka. Murnooti isaan keessaa biqilan garuu miidhama olloota irraaan abbooliin saanii gaha gaabbisiisummaa saa hin fudhatani. Tuffii sabichaaf qabaniin kan kahe olhantummaan itt fufu abjootu. Nagaan jiraachuuf garuu akka dudhaatt gaabbanii aagii tufsiifachuun isaan irraa eegama. Yoo sana godhanii araara hin buufne garuu warra gumaa tahanii hafu. Kanaaf hammasitt isaaniin firoomun safuu taha. Isaan keessaa sanaaf abbaawummaa kan fudhatan yoo jiraatan hidhata uumuun ni dandahama. Kan walii tumsuun gaaffii hin qabne saboota koloneeffatamanii fi demokraatota addunyaati. Qabsoon bilisummaa mirga hiree ofii ofiin murteeffannaa sabicha beekamee, sagalee kennatuun waan murteeffatuun xumurama. Walaba tahee of haa bulchu yk saboota biraan tokkummaa haa filatuu irba ooffalcha ummataa irrati kennuun mirkaneesa. Kan hanga sanaatt amanan adda ummachuu ni dandahu. Maqaan ABOs kan sagantaa saa hin geeddare birati hafutu akka. Barri of dhossuu hafee hundi ifa bahee jira. Qabsoon hunda irra akka humna saati gumaacha eega malee sanyii, saalaa fi bara dhalootaan nama hin faanfanu. Bu’aa ummataaf kan hojjetamu golgamuu hin qabu. Marii ummataa fi yaada qeeqaa jajjabeesuun keessaan laalummaa gaafata. Dhaaba malbulchaa warraaqaa irra sanatu eegama. Qayyabannoo akkaa keessaa fi alaan uumuun qabsoon Oromoo Oromummaan hidhate fi kutannoo fi dudhamaan kaayyoott ciche yeroo gabaabduu keessa Bilisummaa harkatt galfachuu ni danda’a. Jaalbiyyooti kutatanii fi kaayyoo sabaaf dudhama qaban biyyaa saaniif utubaadha. Qabsoon bilisummaa itt fufa ofiin buluun ni dhufa! Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu! Seenaa saba Oromoo Seenaan qorannoo ykn barnoota akka ummanni tokko itti jiraataa tureedha. Seenaan saba tokko yeroo jennu ... qorannoo ykn barnoota waa'ee shanyii saba saba saniiti jechuudha. Seenaan sabni tokko akkamitti jiraataa ture? Haala akkam keessa dabre? Ogummaa akkam qaba ture? Aadaan isaa maal fakkaata? Kan jedhaniifi gara biraas kaasee deebii itti barbaada. Gabaatti, seenaan qorannoo ykn barnoota haala shanyyiin (sanyyiin) ummata biyya tokkoo karaa dina'gdeefi hawaasummaa keessa dabreedha. Ummanni tokko haala jireenya isaa hubachuuf abbootiin abbootii isaa ykn shanyyiin isaa haala keessa dabran qorachuu barbaachisa. Haalli ykn akkaataan jireenyi shanyii ofii keessa dabre jireenya har'aa irratti calaqqiinsa ni qabaata. Isa ha'aa hubachuuf isa dabre qorachuun barbaachisaadha. Kaleessi yoo hin jiraanne har'i hinjiraatu. Waan shanyyiin keenya keessa dabree as gahe qorannee baruun kan har'aa ijaarachuuf baay'ee barbaachisa. Kaleessi har'a, har'i boru maddisiisa. Kan dabre yoo hinhubatin kan har'aa hubachuun, kan har'aa yoo hinhubatin kan boruu qiyaasuun hinkajeelamu. Namni seenaa abbootii isaa, kan shanyii isaa hinbeekne jaamaadha. Bishaan gabatee irra jiru, kan gara barbaadanitti oofamuun wajjiin walfakkaata. Namni seenaa irraa hinbare, badii seenaa deebisee dalaguuf dirqama. Namni seenaa shanyii isaa hinbeekne, maqaa, aadaafi sabummaa isaa gatee kan alagaa fudhachuuf tattaafata. Ummanni Oromoo seenaa boonsaa, biyya badhaatuufi aadaa dagaagaa qaba. Ilmaan Oromoo hedduun garuu, kan waan hinbeeyneef alagatti ofharkisuu kan barbaadan nijiran. Seenaa saba ofii baruun eenyummaa ofii nama barsiisa. Firaaf diina adda baafachuuf nama gargaara. Walumaa galatti, seenaa saba ofii beekuun sab-boonummaa dagaagsa. Seenaa saba keenyaa kan boru itti boonnu duwwaafi miti. Tahuus hin qabu. Mataa ofii dabree beekuufi yaadachuuf barra. Barree ammoo dabarsinee barsiifna. Kanaaf ilmaan Oromoo hundi seenaa Oromoo baranii dabarsanii barsiisuun dirqama taha. Seenaa dabrerraa kan barree yaadachuuf, jireenya keenya har'aa hubachuuf nu gargaara. Madda rakkoo keenya har'aa baruuf, seenaa abbotiin teenya dabarsan beeku qabna. Rakkina har'aa furuuf mala lafa kaayyachuuf seenaa dabre beekuun hedduu barbaachisaadha. Rakkinaafi guddina sabni keenya keessa dabree as gsahe yoo beekne kan boruu yaaduu dandeenya. Daandii qabsoon keenya fudhachuu qabu tolchuufi tolchinees sirritti ta'uu isa kan itti ilaallu calaqqee seena Oromoo keessatti taha. Seenaa dabre kan fagoofi dhihoo, yaadaafi ilaalcha keenya irratti ifaan ykn osoo hin mul'anne dhiibbaa niqabbata. Seenaa keenya ka barruuf, ofii hubannee akka sirritti galmeessinee dhaloota boruutiif dabarsuudhaafi. Waanti nuti har'a hojjannu , boru seenaa taha. Kanaaf Oramoo kan tahe hundi seenaa shanyyii isaa baree dabarsee barsiisuun haalaan barbaachisaadha. Barbaachisummaa seenaa baruu erga hubatamee, gaaffi ka'antu jira. Seenaan Oromoo barreeyfamee jiraa? Eenyufaatu barreeyse? Yoo hin barreeyfamne tahe akkamiti barreeysuun dandayama? Gaaffiileen kan fakkaatan hedduun ka'uu mala. Osoo deebii gaaffiilee kanaa kennuu hinyaalin dura madda seenaa waan athan keessaa lama qofa yoo ka'aan gaarii taha. Maddi seenaa ummata tokkoo inni duraafi guddaan seenaa afaanii(oral history) fi aadaadha. Hamma sadarkaan dagaagina hawaasummaa tokkoo barreeysaan waa galmeessuun hinjalqabaminitti, seenaa dhalootarraa dhalootatti himamsa afaaniitiin dabraa dhufa. Abbaan ijollee isaatti "dur shanyiin keenya akkasiti bulaa ture, bara akkasii rakkina akkasiitu tur, dur jireenyi akkas ture" jedhee yeroo itti odeessu, seenaa dabarsaa jira jechuudha. Sabootni hedduun har'allee afaan isaaniitiin barreeysuu hinjalqabne nijiran. Seenaan saboota akkasii barreeyfamuuf maddi guddaan seenaa afaaniifi aadaa isaaniiti taha. Seenaa tokko qorachuuf ykn barreeysuuf maddi lammaffaan waan galmeeyfameedha. Beektoonnif qorottoonni haala jiruufi jireenya, aadaafi afaan ummata tokkoo yeroo galmeessan seenaa dabarsaa jiru. Waan beektoonni ykn qorottoonni barruudhaan har'a lafa kaayan, boru kaan itti dhufee barata ykn irra dhaabatee xiinxala. Seenaan ummata tokkoo nama isaa keessa dhalateen barreeyfame irra wayyinni hinhafu. Inninuu, yoo namni sun dhiibbaa adda addaarraa qulqulluu tahe malee, mudaa qabaachuu nidandaya. Keessattu yeroo seenaa uummata gara biraa barreeysan jibba, jaalalalfi dhiibbaa adda addaarraa qulqulluu yoo hintaane badii guddaan dalagamuu nimala. Seenaa tokko qorachuufi baruuf madda waan tahan keessaa guddaa lama kaafnee jirra. Eegaa, seenaan ummata Oromoo barreeyfamee jiraayi? Ykn ummanni Oromoo seenaa qabaayi? Gaaffiilee jedhan laaluu ni dandeenya.diinootni ummata Oromoo, 'Oromoon seena hinqabu' jedhu. Ummanni seenaa hinqabne hinjiru. Namni tokko hoo seenaa mataa isaatti,seenaa jireenyaa niqaba. Seenaan ummata sanaa barreeyafamee jiraachuufi dhiisuun waan gara biraati. Diinootni Oromoo seenaa hoggaa jedhan waan galmeeyfame qofa ifdura qabu. Seenaan ummataa hedduun barreeyfamuu kan dandaye erga beekkumsi barreeysuu argame booda ture. Har'allee afaanotni tokko tokko barreeysaa hin qaban, seenaan saboota akkasii karaa lamaan qoratama. seenaa afaanii waan alagaan, waa'ee ummata sanaa barreeyse irraa taha. Ummanni Oromoo afaan isaan kan barreeyssuu jalqabe bara dhihoo keessa. Kanaaf ilma Oromoo tokkoon seenaan isaa galmeeyfamee jira jechuu hindandeenyu. Bara dhihoo as garuu, ilmaan Oromoo tokko tokko seenaa saba isaanii barreeysuuf tattaafataa jiru. Haathu malee seenaan Oromoo himamsa afaaniifi aadaatiin dhalootarraa dhalootatti daddabraa har'a as gahe jira. Seenaa saba keenyaa qorannee galmeessuuf, seenaan afaaniifi aadaa madda guddaadha. Haa tahu malee, himamsi afaanii lakkuma bubbuluun jijjiiiramaa hiikkaafi ilaalcha adda addaa fudhachaa akka deemu irraanfachuun namarra hinjiru. Har'a seenaa keenya qorachuuf himamsa afaaniitti daballee maddi gara biraa kan seenaa afaan keenyaa (oromiffaa) tiifi antiropolojii taha. Antiroppolojiin saayinsii qorannoo waa'ee dhala namaa, aadaa, hoodaafi amantii, akkaataa jireenya isaa irratti godhamuudha. Kanaaf seenaa afaanii kan dhalootarraa dhalootatti daddabraa dhufeefi, qormaata afaniifi antiroppolojii irratti godhamu walqabachiifnaan seenaan dhugaa barreeyfamuu nidandaya. Seenaa Oromoorratti qormaanni godhamuu qaba hoggaa jennu, seenaan Oromoo akka waan tasa hinbarreeyfamneetti fudhachuu hinqabnu. Oromoonni seenaa ummata isaanii barreeysuu kan jalqaban dhihoo kanatti haatahuu malee, namoonni alagaa hedduun seenaa Ummata Oromoo barreeysanii jiran. Har'aas kan qormaata godhaa jiran hedduudha. Anmoota alaagaa kan seenaa Oromoo barreeysan gosa sadihitti, qooduu nidandeenya. Isaaniis: 1)qeessota Habshaa,2) waarra Orooppaa 3) Araboota. Isaan kana tokko tokkoon haalaallu. handhuura godhatanii turan. Arsiin ammoo, naannoo sanarraa gara bahaatti sossohee Ituufi Humbannatti aanee qubate. Ilmaan Bareentoo keessaa gara kaabaatti fagaatee kan qubate Walloodha. Ilmaan Booranaa ammoo, adda bahanii gosti Booranaa xiqqoo gara kibbaatti siqee qubate. Achirraa godaansa haga laga Xaanaa Keeniyaa keessatti deeme. Gujiin naannoo Jamjamirraa hedduu osoo hin fagaatin achumatti lafa bal’ifate. Booranni kaabaa (Maccaafi Tuulama) gara kaabaatti sosshan. Naannoo Shawaa har’aa eega gayanii booda Macc gara dhihaatti godaanee qubachuu jalqabe. Godaansi Oromoo kun yeroo kam akka tahe beekuun nama dhibullee jaarraa 9ffaa ykn 10ffaa dura akka tahe beekamaadha. Naannoo jaarraa kanatti Oromootafi Habashoota jidduu (gidduu) wallolli akka ture barreeyfamee jira. Jaarraa kana keessa hoggaa Islaamummaan Shawaa seenuu jalqabe Oromoon akka achi turees waan hubatameedha. Ormoon yeroo lafa kanatti godaane, ummatni gara biraaa irra jiraachuuf dhiisuu irraa wanti beekamu hinjiru. Habarlaand akka jedhutti naannoo Shawaa har’aatti yeroo Oromoon godaane lafti duwwaa turuun nimala jedha. Namichi Poortugaal Franaaz jedhamubara 161tti yroo naannoo Gojjaamii ka’ee gara qarqara galaanaatti deemu argee akka barreeysetti " Kibba laga Abbayya keessaa Oromoonni nijiru. Isaaniifi Innaariyaa gidduu garuu, lafti duwwaadha" jedhee ture. Kanaaf lafti Oromoon itti godaanerraa guddaan duwwaa lafa daggala qabu akka ture hubatamaadha. Seenaa Barreeysitoota Habashaa Seenaa Oromoo inni jalqabaafi qabatamaan qeesii Amaaraa, abbaa Baahiree jedhmuun bara 1593tti barreeyffame. Barreeyfama Baahireen duratti wanti qabatamaan barreeyffame waan jiru hinfakkaatu. Abbaa Bahireen Amaara waan taheef seenaa Oromoo tan inni barreeyse mudaa gurguddaa qaba. Bara inni barreeysaa ture (jaarraa 16ffaa) keesssa Oromoon duula lafa isaa falmachuurra waan tureef hijaa(haloo) Oromoo bahuuf poolisii (imaammata) hordafamuu qabu lafa kayuuf barreeyse. Mootoota habasha yeroo sana turan gorsuuf barreeyse. Akeekni Baahiree jabinni Oromoo eessaa akka maddufi dadhabiinsi Habashaa maala akka tahee xiinxaluu ture. Seenaa Oromoo ija diinummaatiin laalee barreeyse. Bahireen seenaa kitaaba isaa "ye Gaallaa Taarik" jedhu yeroo barreeyse akkas jedha. "seenaa Gaallaa barreeysuu kaniin jalqabeef, lakkooysa gosa isaanii, nama ajjeesuuf qophii tahuu isaaniifi amala saanii kan gara lafina hinqabne beeksisuufi. Seenaa ummata gadhee kanaa maalif barreeysite, osoo kan ummata gaariidhaa jiruu jedhee yoo namni nagaafate, "kitaaba keessa laali, seenaan Mohammadiifi mootoota Islaamaatu barreeyfamaa jiraamiti?..jedhee jalqabe. Baahireen ilaalcha ummata Oromoof qabu seenaa kitaaba isaa keessatti xumure. Jibbiinsaafi diinummaa Oromoorraa akka ifatti mul'ata. Haala kanaan yeroo barreeyse Baahireen dogoggora gurguddaa keessa seene. Seenaa Oromoo dabsee waan barreeysseef, seena barreeysitoota isa booddee barreeysaniis karaarra dabsee jira. Daba inni hojjate kana booqannaa itti aanu keessatti laalla. Seenaa Oromoo guutumaatti, akka mata dureetti fudhatanii akka baahireetti hin barreeysin malee, qeesoota qabsiisa mootoota habashaa barreeysan, qabsiisa isaanii keessatti waa'ee Oromoo kaasanii jiru. Haa tahu malee, ija diinummaatiin waan qabsiisaniif seenaa Oromoo hedduu dabsan. Qeesiin Atsime gi'orgs jedhamu seenaa Oromoo akka baay'ee nama dinqutti barreeyse. Namummaa oromoo haga haalutti gahee "ilmaan sheeyxaanaa" jedhee barreeyse. Alqaa Taayyee kan jedhamu ammoo, "innas tawuqaallan Gallaa indeet ka baahir indewaxaa" jedhee haala baayyee fokkisaan barreeyse. Yeroo qeessotni kun waa'ee Oromoo barreeysaa turan, yeroo Oromoon itti jabaa ture. Jabinaafi laafina Oromoo baranii akkaataa itti dura dhaabbatan qiyaafachuuf ture. Eega Oromoo cabasanii koloneeffaatan boodaas, seenaa Oromoo barreeysuu nidhaaban. Warri Orooppaas akka hinbarreeysine dhiibbaa irratti godhuu jalqaban. Walumaa galatti waan qeesootni kijibduun Habashaa dabsanii barreeysan sana, seenaa dhugaa kan qormaataan bira gahame barreeysuudhaan kijibdoota Habashaa faalleessuun haalaan barbaachisaadha. Seena barreeysitoota Awrooppaa: Namoonni biyya Orooppaa sababafi yeroo adda addaatti naannoo Kaaba Baha Afrikaa dhufanii seenaa barreeysan nijiru. Isaan kun heeddu waan tahaniif gosa gurguddaa lamatti qoodnee ilaluu dandeenya. waarra amantii babal'isuutiin biyya Orooppaarraa dura biyya Habashaa kan dhufan warra Poortugaal turan. Isaan kun jalqabaa jaarraa 17ffaarraa kaasanii Habashaa seenuudhaan dame amantii kristiyaanaa -Kaatolikii babal'isuuf tattaafachha turan. Habashootaaf jaalalaafi maraarfannoo gudda qabu turan. Habashoonni tuqamuufi miidhamuu hinjaalatan turan. Habashoota gara amantii isaaniitti hawwachuuf tattaafataa waan turannif, waan mootoota Habashaa dallansiisu hin barreeysine. Seenaa Oromoo yeroo barreeysaniis akkuma Habashootaatti barreeysan. Namichi Poortugal-Manu'eel de Almeedaa jedhamu, yeroo seenaa Oromoo baarreeyse, Baahireerraa fudhatee ijaa jibbiinsaan barreeyse. Kanaaf waan isaan barreeysan hoggaa xiinxalmuufi kan warra kaanii wajjiin ennaa walbira qabamu seenaa Oromoo barreeysuun nidandayama. Tahaas jira. Biyya Daawwatootafi Qorottota: Biyya daawwatoonni haala, akeekaafi yeroo adda addaatti dhufan, biyya daawwataa fakkaatanii dhufuudhaan kan mootuummaa isaaniif basaasan nituran. Waarri kaan immoo qormaata ji'ograafii ykn saayinsii gochuuf warri dhufaniis turan. Bifa adda addaan haa dhufan malee isaan kun waan argan, ummata, aadaaa, afaaniifi akkaata jireenyaa biyya sanaa barreeysanii jiru. Namoota alagaa waan tahaniif waan ijaan arkan malee, ofii isaaniitiin ummata haaseessuudhaan kallattiin waa baruu hindadayan. Nama afaan isaanii hiiku barbaadu. Kanaaf hangi isaan seenaa barreeysuuf deeman heedduu xiqqaadha. Aadaafi maalummaa ummata sanaa baruudhaaf, yeroon isaan keessa turaniis waan xiqqaa tahuuf, hubannaan isaaniis akkasuma taha. Dhiibba malee waan hojjetaniif hanga dhaga'aniifi arkan qulqullutti barreeysuu saanii hin oolamu. Namoonni Arooppaa seenaa Oromoo, Orommtarraa qoratanii barreeysaniis nijiru. Oromoonni gabrummatti gurguramanii boodaa namooni Arooppaa tokko tokko baitatanii bilisoomasaniis nijiru. Gabroota bilisooman kanrra seenaa Oromoo waari qoratanii barreeysaniis nituran. Haala kanaan bara 1830fi 1840 namoonni Arooppaa kan seenaa Oromoo barreeysuuf carraaqan nituran. Qorannoo seenaa keenyaa kan har'a godhamaa jiruuf, kun madda tokko tahee argama. Jalqaba jaarraa 20ffaarraa kaasee seenaa qorattootni Arooppaa, seenaa Oromoo barreeysuuf yaalii guddaa godhaa turan. Keessattuu bara Haayle Sillaasee keessa carraaqiin isaan godhaa turan guddaa ture. Mootoonni Habashaa, akka seenaan Oromoo hin barreeyfamne mala adda addaatiin dura dhaabbachaa turan. Waan qeesotni isaanii dur barreeysanillee dhoksuudhaan, gara biraatiniis akka hin barreeyfamne ittisaa turan. Har'aas itti jiru. Akka seenaan Oromoo hin barreeyfamne, dhiibbaan isaan godhan: tokkoffaa namni akkeka kana qabu, akka dhiisuykn akka kun hindandayamne godhanii itti dhiheessuudhaan harkatti busheessuuf yaalu. Lammmaffaa, akka eehama argatee qormaata kana hingoone karaa itti cufu. Haa tahuu malee, qormaata ummatoota naannoo Kaaba Baha Afrikiirratti godhame keessaa kan Oromoorratti godhameefi godhamaa jiru baayyee guddaadha. Waa'ee ummata Oromoo qorachuun mata duree qormaata guddaa tahee jira. Seenaa Barreeysitoota Arabaa Seenaa ummatoota Gaafa Afrikaa warra barreeysan keessaa Arabootiin warra duraati. Keessattu eega amantiin Islaamummaa Gaafa Afrikaatti babl'achuu jalqabe, Araboonni bifa lamaan dhufuu jalqaban. Kuniis bifa amantii babal'isuufi nagadaan ture. Araboonni bifa kanneen keessa tokko ykn lachuutuu, waa'ee Oromoo galmeessanii seenaa barreeysanii jiru. Har'a seenaa Oromoo barreeysuuf qorachuuf maddi tokko barreeysaa Arabootaa taheeti argama. Akkauma haalaafi yeroo isaan barreeysanitti, akkasumas ilaacha isaanirraa kan ka'e, barreeysan isaanii mudaa qabaachuu nidandaya. Seenaa Oromoo qoratanii barreeysuuf, madda adda addaafi mudaa isaan qaban ilaallee jira. Madda jiran kanatti dhimma bahuudhaan seenaa haqaa barreeysuuf, maddi amansiisaan himamsa afaanif aadaa Oromoti taha. Seenaan afaanii akka barri dheeratuun, ilaalchaafi muxannoo haaraya dabalataa akka demu yaadachaa, qormaata godhamuun seenaa keenya barreysuu nidandeenya. Jarsooliin Oromoo kan seenaa dur beekan utuu hin dhabamin waan godhamuun irra jiru. Maddi kun gayuu akka dandayu irraanfachuun nurra hinjiru. Hunda caalaa seenaan Oromoo dgaagsuufi guddisuuf qoodni qabsoon qabu guddaa akka tahe dagachuun namarra hinjiru. Sadarkaa har'a ummanni Oromoo ABO jalatti hiriiree kallachaa isaa waliin qabsoorra waan jiruuf, waa'ee ummata Oromoo baruuf gaaffiin ka'aa jiran guuddaadha. Har'a waa'ee Oromorratti qormaata guddaatu beektoota bijyya baayyeen godhamaa jira. Keessattu waggaa 10rnan dabranii as qormaatni kun dabalaatuma jira. Kun tolatti kan dhufe utuu hin tahin, dhaabni waa'ee ummata kanaaf falmu waan jiruufi. Qabsoo godhuun seenaa dabaa jiru sirreessuudha dandaya. Dur namootni hedduun maqaa Gaallaa jedhu malee, maqaa Oromoo hin beekan. Har'a garuu maqaan Oromoo jedhu hundaan beekamee jira. Kun bu'aa qabsoo keenyaati. Koloneeffattoonni yoomillee taanaan, ummanni isaan koloneeffattan seenaa qabu jedhanii hin yaadan. Seenaa ummata koloneeffatanii dabsanii ykn akka waan hin jirree godhanii dhiheessu. Seena oromoos kan qunnamte kanuma. Qabsoon arra godhaa jirru, seenaa ummata keenyaa gaddhaaba, baduurraa hambisa, alagaan akka qoratuuf karaa bana. Qabsoo keenya finiinsuun sagalee ummata Oromoo baay'atee akka dhagayamu godha, fedhii alagaan waa'ee isaa baruuf godhu guddisee, qormaata irra bal'aatiif karaa bana. Kaanaaf seenaa keenya haga har'aa alagaan barreeyfamee ija qeeqaafi xiinxalaan barata, sabbontonni Oromoo seenaa dhugaa qoratanii bareeysuuf dirqamni akka irra jiru yaadachiifna. Haga har'aatti kan argamees firii qabsoo keenyaati. Seenaa Barreeysitoota Arabaa Seenaa ummatoota Gaafa Afrikaa warra barreeysan keessaa Arabootiin warra duraati. Keessattu eega amantiin Islaamummaa Gaafa Afrikaatti babl'achuu jalqabe, Araboonni bifa lamaan dhufuu jalqaban. Kuniis bifa amantii babal'isuufi nagadaan ture. Araboonni bifa kanneen keessa tokko ykn lachuutuu, waa'ee Oromoo galmeessanii seenaa barreeysanii jiru. Har'a seenaa Oromoo barreeysuuf qorachuuf maddi tokko barreeysaa Arabootaa taheeti argama. Akkauma haalaafi yeroo isaan barreeysanitti, akkasumas ilaacha isaanirraa kan ka'e, barreeysan isaanii mudaa qabaachuu nidandaya. Seenaa Oromoo qoratanii barreeysuuf, madda adda addaafi mudaa isaan qaban ilaallee jira. Madda jiran kanatti dhimma bahuudhaan seenaa haqaa barreeysuuf, maddi amansiisaan himamsa afaanif aadaa Oromoti taha. Seenaan afaanii akka barri dheeratuun, ilaalchaafi muxannoo haaraya dabalataa akka demu yaadachaa, qormaata godhamuun seenaa keenya barreysuu nidandeenya. Jarsooliin Oromoo kan seenaa dur beekan utuu hin dhabamin waan godhamuun irra jiru. Maddi kun gayuu akka dandayu irraanfachuun nurra hinjiru. Hunda caalaa seenaan Oromoo dgaagsuufi guddisuuf qoodni qabsoon qabu guddaa akka tahe dagachuun namarra hinjiru. Sadarkaa har'a ummanni Oromoo ABO jalatti hiriiree kallachaa isaa waliin qabsoorra waan jiruuf, waa'ee ummata Oromoo baruuf gaaffiin ka'aa jiran guuddaadha. Har'a waa'ee Oromorratti qormaata guddaatu beektoota bijyya baayyeen godhamaa jira. Keessattu waggaa 10rnan dabranii as qormaatni kun dabalaatuma jira. Kun tolatti kan dhufe utuu hin tahin, dhaabni waa'ee ummata kanaaf falmu waan jiruufi. Qabsoo godhuun seenaa dabaa jiru sirreessuudha dandaya. Dur namootni hedduun maqaa Gaallaa jedhu malee, maqaa Oromoo hin beekan. Har'a garuu maqaan Oromoo jedhu hundaan beekamee jira. Kun bu'aa qabsoo keenyaati. Koloneeffattoonni yoomillee taanaan, ummanni isaan koloneeffattan seenaa qabu jedhanii hin yaadan. Seenaa ummata koloneeffatanii dabsanii ykn akka waan hin jirree godhanii dhiheessu. Seena oromoos kan qunnamte kanuma. Qabsoon arra godhaa jirru, seenaa ummata keenyaa gaddhaaba, baduurraa hambisa, alagaan akka qoratuuf karaa bana. Qabsoo keenya finiinsuun sagalee ummata Oromoo baay'atee akka dhagayamu godha, fedhii alagaan waa'ee isaa baruuf godhu guddisee, qormaata irra bal'aatiif karaa bana. Kaanaaf seenaa keenya haga har'aa alagaan barreeyfamee ija qeeqaafi xiinxalaan barata, sabbontonni Oromoo seenaa dhugaa qoratanii bareeysuuf dirqamni akka irra jiru yaadachiifna. Haga har'aatti kan argamees firii qabsoo keenyaati Ummata Oromoo Ummanni Oromoo jedhamu Gaafa Aafrikaa keessa kan jiraatudha. Kan inni dubbatu afaan Oromooti. Ummanni Oromoo walitti ejjee osoo addaan hincitin, godina kana keessa qubatee argama. Bakka bal'aa irra haaqubatuu malee, afaan tokkicha kan hundi itti waliigalu qaba. Kaabaa-Kibbatti, Bahaa-Dhihatti ummata aadaa tokkicha qabuudha. Diinagdeedhaaniis walirratti irkannoo cimaa qaba. Bara dheeraaf walabmmaan jiraataa turee, dhuma jaara19ffaa keessa alagaan kan koloneeffatameedha. Har'aas waliin dhaabbatee bilisummaa isaatiif lolachaa jira. Kanaaf akkaataan yaadasaa walfakkaata, hawwiifi fedhi siyaasa tokkicha qaba. Kaanfi ummnni Oromoo kan saba tokko kan jedhamuuf. Damee dhala namaa Afrikaa keessatti argaman keeessa, Orommoon damee kuush jalatti argama. Dameen dhla namaa Afrikaa keessatti argaman: Haam ykn kuush Seem Neegiroo Buushmeen ykn Hotteentoos Negirilloos jedhamu. Dameen kuush bakka gurguddaa lamatti addaa qoodaman. Kuush Kaabaafi Bahaatti warri argaman: Beejjaa , Berberiins (barbara,nuuba), Oromoo, Sumaaleefi saboota Kibba empaayera Tophiyaa jala jirani, garuu isaan dhiiga Neegiroo wajjiin walmakuun hin'oolle. Misroota duriifi haaraya. Ummata kana keessa hammi hammi tokko dhiiga gara biraa makachuu hin'oolle. Kuush (haam) Kaabaa keessaatti warri argaman ammoo, Berbersii, Siraanaayikaa, Trippolitaaniyaa, Tuniisiyaa, Aljeeriyaa, Berbersii Morookkoo, Tureegfi Tiibuu saharaa fuulbe dhiha Suudaaniifi Gu'aanchee warra kanaari Aayland keessaati. Ummanni Oromoo saboota Gaafa Afrikaa keessatti argaman keesssaa isa guddaadha. Lakkooysi ummata Oromoo kan har'a kolnii Toophiyaa jala jiru duwwaan miliyoona 20 ol nitaha. Biyyoota Afrikaa keessaa kan baayyina namaatiin Oromoo caalan afur qofa, akka sabaatti yoo fudhanne, sabni Oromoo, saba tokkicha guddaa Gaafa Afrikaa, tarii kan Afrikaati. Ummata Empaayera Toophiyaa har'aa kessaa walakkaa ol kan tahan Oromoota maqaa "Gaallaa" jedhu. Ormoon maqaa gaallaa jedhu kanaan akka ofi hinyaamne, seenaa barreeysitoonni raagaa nibahu. Fakkeenyaaf namichi Chaarles T. Beke jedhamu bara 1847tti yeroo barreeyse- "isaan maqaa boonaa Ilma Oromoo" jedhuun ofwaamu, garuu warri Habashaa Gaallaa jedhuun waamu" jedhe. Ummanni Oromoo eega maqaa kanaan ofhinwaamne, maddi isaa eessa taha? Hundee maqaa kanaatiifi hiikkaa isaarratti wanti odeeyfameefi barreeyfame hedduudha. Oromoon dur hogguu lola dhaqee, yeroo moo'ee ykn moo'amee jedhu " Kootta ni gallaa" jedhee walwaama. Kootta nigallaa isa inni jedhurraa maqaan "gaallaa" dhufe warri jedhan nituran. Oromoon dur gaala waan tiiysuuf, akkasumaas fe'atee waan demuuf yeroo inni gaala jedhu dhagayanii 2. "gaallaa" ittiin jedhan jedhu: dur ummata gosa "Gool" jedhamuutu Faransaayii keessa ture, maqaan achirraa dhufee jedhanii warri odeessu nijiru. Namichi Yihuudii kan Abbaa Balzezar Tellez jedhamu ammoo, jechi "Gaallaa" jedhuu kun afaan Hibiruufi Giriikirraa dhfeedha jedha. Afaan hibiruufi Girikii kessati "gala2 jechuun "aannan" jechuudha. Kanaaf achirraa dhufuun nimala jedhu. Habashoonni ammoo, maqaa gaalaa jedhu kanaaf hiikkaa kannanii jiru. Namichi kassate Birhaan Tassammaa kan guuboo (kuusa) jechoota afaan Amaaraa barreeyse yeroo hiike: Gaalaa jechuun aramanee, yaal salaxxanee, cakkanyi, ye amaaraa xilaat" jechuudha, jedhee jira. Barreeysaan amaaraa gara biraan ammoo, dhugaa jiru lafa kaayee jira. Maqaa Gaallaa jedhu kan kanneef warra Habashaa,warra qomaaxaafi beela biyya keenyati fideedha. Akka inni jedhetti "isaan Oromoodha ofiin jedhan, garuu Amaarri immoo, "Gaallaa" jedhaan" maqaa kanaan dura Oromoo yaamuu kan jalqabe Amaara tahuun ifa ta'a. Biyyoonni ollaafi warri Arooppaas isaanirraa fudhachuun isaanii dirree ta'a. Amaarri maqaa kanaan Oromoota yaamuun jibbiinsaafi diinummaa, akkasumas garaagarummaa karaa amantii isaanii gidduu jirurratti kan hundaa'eedha. Kuniis battala Oromootaafi Habashootni walqunnamanitti, Oromoon amantiilee guddaa lamaan keessaa hinqabu ture. Habashoonni lafa Oromoo irraafudhachuuf fedhii waan qabaniif, Oromoon ammoo, biyyaa saa irra jabaatee waan ittiseef, jibbiinsaafi diinummaa guddaatu gidduu isaanii jira. Kanaaf maqaan "Gaallaa" jedhu kan diinni Oromootaaf baaseef, maqaa balfachuufi tuffii tahee argama. Har'a Oromoo ta'ee kan maqaa Gaallaa jedhuun ofwaamu hinjiru. Yoo jiraatees nama doofa (sodaataa) isa dhumaa ykn qaamaan duwwaa utuu hintaane, kan sammuu dhaaniis gabroome qofa. Seenaa qorattoonni addunyaa, gaazeexoonni biyya adda addaafi raadiyoon addunyatti lallaban hundi maqaa "Gaallaa" jedhu dhiisanii Oromotti dhimma bahaa jiru. Kun bu'aa qabsoo Oromoo akka tahe ifaadh Madda saba Oromoo Maddi ummata tokko lafa akkasii, goleefi boolla akkasii keessaa jedhanii himuun baay'ee nama rakkisa; hin barbaachisuus ture. Ummanni tokko akka bineessaa boolla keessaa jiraataa turee, gaaf tokko akka waakkoo kan olba'uumiti. Idiletti maddi saba sanaa damee dhala namaa irraa gosa akkasii keessaati jechuun nigaya ture. Madda saba Oromoos hoggaa xiinxalan haala kana hordafuun quubsaa ture. Haa tahuu malee seenaa Oromoo warri barreeysan dabsaa waan turaniif dirqitti waa'ee madda Oromoo kaafnee xiinxaluun barbaachisa taha. Maddi saba Oromoo eessa? Gaaffii jedhu namoonni adda addaa akka adda addaati deebisu. Isaan kaan akka yaada isaan dhiheessanitti yooo adda qoodne: Waan qeesoonni Habasha barreeysan,. Aafrikaa alaa dhufe warra jedhan Aafrikaa keessaa golee tokko lafa kaa'uu warri barbaadaniifi Himamsa afaan Oromootaatti adda baasuu nidandeenya Isaan kana tokko tokkoon haalaalluu. Waan qeesootni Habasha barreeysan Qeesotnii Habashaa Oromoo ija diinummaatiin waan laalaniif kan isaan barreeysan dhugaa irraa fagoodha. Jibbiinsi isaan Oromoodhaaf qaban waan guddaa taheef, haga namummaa Oromoo haalanitti gahu. Alaqaa Taayye kan jedhu "akkata Gaallaan bishaan keessa itti bahan beeksisa. " Jedhee barreeyse. Gaalloonni bishaan keessaa waan bahaniif qurxummii hin nyaatan. Kanaafiis bishaanitti waaqeeyfathu jeddha. Astime Gi'orgs kan jedhu ammoo, Gaallaan ilmaan sheeyxaanaati jechuu kajeela. Kanaan utuu hindhaabbatin oduu afaanii kan balfachuuf odeeffaman fhudhatee hiddi sanyii Oromoo gabra jadhee barreeyse. Namichi Jalqaba laali Maatewoos jedhamu tokko gabra heedduu qaba ture. Gabroota isaa kana waan miidheef jalaa badanii biyya (lafa) gara kibbaa jirutti galan. Namoonni amala gadhee qabaniifi yakkaman badanii itti dabalamuudhaan achitti walhoran. Kana boodde Habahsaa weeraran jedhee barreetsee jira. Qeesootni Habashaa kun madda Oromoo barreeysina jedhanii tuffiifi ija jibbansa Oromoof qaban dirretti himanii jiru. Wanti isaan barreeysan kan dhugaarraa fagaate waan taheef hedduu wajjiin cinqamuu hinqabnu. Aafriika alaatti akeekuu warra barbaadan Hindii:- Oromoon Aafriikaa ala, hindiirraa dhufe warri jedhaniis nijiru. Oromoon dur biyya Hindii keessa jiraataa turer , booda bidiruudhaan garba Hindii cahee gara Maadagaaskar dhufe. Achirraa gara Taanzaaniyaatti cahee booda Keeniyatti babal'ate jedhu. Gaarri Kilmanjaaroo jedhamu afaan Oromootiin tulluu janjaaroo jechuudha jedha. Monbaasaa jechuun bobbaa sa'aa jechu, Naayroobi jechuun naaroobi, keeniyaa jechuun keennya jechuudha jedhu. Maqaalee kana Oromoon keennuufi ykn akka tasaatti walkiphuun nimala. Garuu Oromoon Hindiirraa dhufuu har'a wanti mirkaneessau hinjiru. Ummata har'a Hindii keessa jiraatan keessa kan aadaadhaafi seenaadhaan Oromoo fakkaatan tokkolleen hinjiru. Oromoon beekkumsa bidiruu tolchuus hinqabu. Kanaaf garba Hindii guddaa kana akkamitti cehuu danda'a? Oromoon Hindiirraa dhufe jechuun dhugaa hintahu. Faransayii :- Oromoon dur Faransaayii ture; kan jechuu barbaadaniis nijiru. Biyya Faransaayii keessa gosa Gool jedhamtu ture. Kanaaf Oromoon (Gaallaan) achirraa dhufuun nimala jedhu. Haatahuu malee kana wanti mirkaneessu hinjiru. Faarsii:- Oromoon Faarsiirraa dhufe jechuu warri barbaadan nijiru. Kanaas Islaamoota qarqara Galaanaa jiraatantu jedhu. Namichi M.D Abdi'e jedhamu yeroo galmeessu hundeen ykn shanyiin saba Oromoo ijoollee dubraa obbalaa sadii turan. Isaaniis dubartoota Jarusalaam(Iyyerusalam) ; booda sanyiin isaanii walhoranii baay'anaan mootummaa Kibbaa isaanii (Arabiyaa) jiru weeraran. Sana booddee karaa Baab-el-mandab gara Aafriikaatti cehann jedhu. Konii Israa'eel:- seenaa barreeysaan Yehuudii kan abbaa Belzezar jedhamu ammoo, waan dinqii katabe. Oromoonni kolonii Israa'eel turan jechuu barbaade. Abbaan Belzezar Tellez akka jedhutti dur ummtni kun adii ture. Israa'iiliitu isaan bulchaa ture. Bara Israa'iloonni faca'an ummatni kun Aafrikaatti cehanii naannoo kaaba baha Afrikaa keessa qubatan jedha. Kun eegaa yaada tasa namaaf hinfudhatamneefi waan mirkana tahees kan hinqabneedha. Yaadni Oromoon Afrikaa alaa dhufe jedhu dhugaa waan hinqabneedha. Seenaa mirkanii hinqabne akkasii tana fudhatanii babal'isuuf warri tattaafatan akeeka qabau. Keessattu warri seema Afrikaa alarraa waan dhufaniif kan Oromoos kanatti harkisuu barbaadu. Oromoon osoo Hindii, Fransaayii, ykn giddu galeessa bahaarraa dhufe tahee ummatni aadaan, afaaniin, qaamaafi seenaan Oromoo wajjiin walfakkaatu achitti argamuutu irra jira. Garuu har'a Hindii, Fransaayiifi Faarisii keessatti kana hinarginu. Kanaafu maddi saba Oromoo Afrikaa alaamiti. Ummatni Oromoo, ummata Afrikaa qulqulluu keessaa isa tokko thuun hin mamsiisu. Afrikaa keessa golee tokko warri akkekuu yaalan Ummatni Oromoo ummatoota kuush keessaa tokko akka ta'ee mamiin hinjiru. Kuush ammoo, damee dhala namaa keessaa isa tokko tahee Afrikaa keessatti kan argamuudha. Kanaaf Afrikaa keessaa bakka madda Oromoo akeekuuf yaalame haalaallu. Duuchaa dhumtti Oromoon toora sabbata lafaa (equator) irraa dhufe warri jedhan nijiru. Maddi ummata Oromoo ammoo, Hora Viktooriyaati warri jedhaniis nijiru. Oromoon Suudaan keessaa bakka Sinaar jedhamuu ka'ee karaa Gojjaamiifi Tulluu walaliin seene warri jedhaniis nijiru. Jechoonni kun hundinuu waan qorannoodhaan mirkanwuu qabaniidha.har'a ummatoota Burundiifi Ruwaandaa keessa jiraatan keessaa sanyiin isaanii gara Oromootti warri dhihaatan nijiru. Garuu Oromootu dur achi turee irraa godaneefi, isaantu gara sanatti godaananii wanti beekamu hinjiru. Qormaata gahaa barbaada. Qeesiin Amaaraa Abbaa Baahiree jedhamu bara 1593tti hoggaa waa'ee ummata Oromoo barreeyse. Oromoonni gara dhihaarraa laga biyya saanii kan galaana jedhamu cehanii, bara Atsee waang Saggad gara huduuda Baallii dhufa" jedhee ture. Algni galaana jedhamu har'a adda hinbahu. Oromoon lagaan galaana jedhee ni waama. Tarii inni Abba Baahireen jedhu kun laggeen gannaalee, wabee, saganfi walmal ykn Dawwaa keessaa tokko tahuun nimala. Naannoo Baalli jedhamu kutaa har'a Baale jedhamuun walitti fakkeessuun hintahu. Seena qorqttoonni Baahiree booda garii haala gaafas Oromoon lafa isaa deebifachuuf sosso'aa itti ture hubachuu dhbuu irraa, waan Baahireen barreeyse fudhatanii waan Baahireen barreeyse fudhatanii madda ummata Oromoo himu. Haathuu malee, Baahireen madda Oromoo Afrikaa keessatti akeeka malee ala hinbaafne. Maddi Oromoo Afrikaa kessa tahuu isaa seena barreessitoonni hedduun amananii jiru. Haathuu malee, Afrikaa keessaa naannoo Kaaba-Bahaa tahee achi keessatti golee tokkotti Oromoo murteessuuf warri tattaafatan nijiru. Isaan kana keessaa warra bebeekkamoo duwwaa ilaalla. Namni biyya Xaliyaanii Enrikoo cheruulii jedhamu, maddi saba Oromoo fiinxee Gaafa Afrikaa, Kaaba bahaa Somaaliyaa naannoo mijerteeniyaati jedha. I:M: Luwiis kan jedhamuus waan Cheruuliin jedhe kan fudhachuudhaan seenaa Somaalee barreeyse. Obboo Yilmaa Dheereessaas yaaduma Cheruulii kan hundee fudhachuun maddi OromooKaaba-baha Soomaaliyaati jedha. Cheruulli irraa jalqabanii seenaa qorattoonni yaada kan dhugoomsuuf akkas jedhan: "maddi Oromoo Majarteeniyaa ture. Somaaloonni yeroo sana Oromoorraa gara Kaabaa naannoo Barbaraafi Zayilaa turan. Jaarra 1ffaa ykn 11ffaa keessa Arbitichii Sheek ismaa'il jedhamu biyya Somaalee dhufe. Dubartii Somalee fudhee gosa daroot irraa hore. Qur'aana isaan barsiisee Islaameesse…jaarraa12ffaa keessa bakka turan -Barbaraafi Zayilaarraa warraaqanii Oromoo waraanuu jalqaban. Oromoon dura dhaabachuu waan hindandayiniif jalaa siqaa Ogaadeen seenan. Booddee Somaaloonni waan itti jabaataniif, Oromoonni jalaa sossohanii Waabi Shabeellee cehanii qubatan. Yaadni isaan dhiheessan akka tocho'iinsa (godaansa) Oromookan jaarraa 16ffaa ragaa ni taha kan jedhaniidha. Yyadni kun Oromoofi Somaalee gidduu karaa antrippoloojii hidhata jiru haaluudha. Oromoofi Somaaleen yeroo kamii jalqabanii adda bahanii, kopha kophatti gara sabaatti dagaaguugu jalqaban gaaffii jedhuuf deebii gahaa dura argachuu barbaachisa. Tarii yeroon Oromoofi Somaaleen gosa tokko turanii waliin naannoo jedhame keessa jiraatan jiraachuun nimala. Yaadni Oromoon Kaaba baha Somaaliyaarraa madde jedhu hamma 1963tti beektoota baay’een waan fudhatamee ture. Yaada kana kan faalleessu qorannoon godhomee Habarlaand nama jedhamuun ture. Oromoon Somaaliyaa keessaa dhibamee dhufe osoo hintaane, baddaa Baalee keessa jiraata ture. Habarland hoggaa kana ibsu. Oromoonni kan maddan Kaaba Somaalee keessa osoo hintaane baddaa Baalee irraati. Achitti gosa tokko tahanii horii horsiifachuu qofaan utuu hin thin qotiinsaan bulan. Dongoraadhaan qotuu turan. Garbuus facaafatu. Booda walitti baay’anaan karaa hundaan, gara Somaaletti hamma Bur-haqabaafi Mija-rteenitti, gara Booranaafi Keeniyaatti hamma laga xaanaatti, gara Habashaattis hamma daangaa Tigraayitti, hamma Suudaaniifi hararitti bittinnaa’an" jedhe. Habarlaandaan kan irratti dabalee yaada Oromoonni Somalootan dhibaamanii gara naannoo har’a jiraatanitti faca’an jedhu kun waan hinfakkaanne tahuu isaa ibsa. Yaada Habaralaandi kan kan warrra kaanirraa kan adda isa godhu, Oromoon baddaa Baalee keessa qubatee qonna qotataa kan ture malee, jaarraa beekama tokko keessa akka awwaannisaa ka’ee kan godaane akka hintaane ibsuu isaati. Yaada Habarlandaa kan deeggaru, seenaa qorattoonni adda addaa yaada darbatanii jiru. Charles T.beke barreeyfama isaa kan 1847 barreeyse keessatti Oromoon lafa gammoojjii, lafa naannoo Somaaleeti kan dhfteemiti jedha. Naannoo isaan dura turan, lafa gaara qabu, baddaa tahuu qaba jedha.bifti Oromoo akka inni ummata gammoojjii (negiroo) hin taane ragaa nitaha. Habashaarraa gara kibbaa ummata jiraataa ture